By | March 7, 2019


OPDOn waadaa uummata Oromoo nyaattee jirti







Taakkalaa Uumaa dhimma kondimineemii lafa Oromoo irratti ijaarrame dabarsanii naafxanyootaf qooduu kan murteesse kophaa isaa osoon taane #MMDrAbiyyiiAhmadii fi hooggantoonni OPDO keessa akka jiran beekkameera.
Murtii lafa Oromoo halagaaf dabarsitee kennuun halagaa gammachiisuu kana kan murteesse bulchiinsa Finfinnee qofa osoon taane OPDO tahuu uummanni Oromoo hundi baruu qaba.

OPDOn waadaa uummata Oromoo nyaattee jirti. Imaanaa qeerron Oromoo lafee fu dhiiga dhangalaasee itti kennite habashoota gammachiisudhaaf gurgurattee jirti.
Kanaan booda OPDOn Oromoo bakka hin buutu. Carraa takkittii uummanni Oromoo isiif kenne dabarsitee naafxanyootatti laattee jirti. Kaayyon OPDOn deemtuf maqaa #ITOOPHIYAA jedhuun Oromoo fi Oromiyaa balleessuudha.
Kana qeerro fi uummanni Oromoo hin eyyamnu.

Taakkalaa uumaa lafa oromoo irratti murteessudhaaf aangoo tokkollee hin qabu.
Dr. Abiyyii Ahmad lafa Oromoo irratti murteessudhaaf aangoo tokkollee hin qabu.
Qeerron Abiyyii fi Taakkalaan aangotti baatee lafa teenya akka gurgurattuuf osoon taane bilisummaaf qabsoofne.

TOKKUMMAAN FALMANNEE FINFINNEE OROMIYAA JALATTI DEEFFANNA.
HANGA FINFINNEEN OROMIYAA JALATTI DEEBITUTTI QABSOON ITTI FUFA.



Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.