By | June 30, 2018


Oromiyaa irraa: Oduu gara garaa, Waxabajjii 30, 2018





ONN: Waxabajji 30,2018-Harar
===========================
Hiriira deggarsaa jechuun kan OPDO’n magaalaa Harar keessatti qopheessite sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo taasiseen fashalaa’e

Guyyaa har’aa waxabajji 30,2018 Baha Oromiyaa magaalaa Harar keessatti, sochii tumsa OPDOf uummanni akka ba’uuf afaan damma dibatanii uummata gowwomsuuf waaman Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo taasiseen fashaleesse. Leenconni ABO’n horate deggarsa sirna garboomsaa akka hinbaane arcaatuu OPDO’f himanii, akeeka ABO tiin gaggeeffamaa turuufgaggeeffama jiraachuu ibsuutiin leyyaasisanii lakkisani. Hiriirri deggarsaa waamames hafee kisaaraa OPDO tiin goolabame. Gootummaan akkasi!


ONN: Qeerroon Booranaa Kaampanii Hindii To’annoo Jala Oolchan, Waxabajjii 30, 2018
=================
Guyyaa kaleessaa jechuun 29/06/2018 Qeerroon Bilisummaa Oromoo, Godina Booranaa kaampanii Hindii aanaa Waacille ganda Weebii bakka Dogoogoo irraa albuuda baasaa jiru, Qeerroon bakka adda addaa walitti birmatuudhan “saamichi durii dabree jira; isin gaha; haga Oromoon hin bilisoomiinitti albuuda dachii Oromiyaa hin baastan” jechuun hojjettoota kaampanichaa ari’anii yeroo ammaa kana too’annaa Qeerroo jala galee jira.

Kana malee aanuma Waacille ganda Qaqallootti Qeerroon, lukeelee umurii gabroomfattootaa dheeresuuf olii gad ca’an( fiigan) gochaa kanarraa akka dhaabbataniif akeekachiisa cimaa dabarsaniifii jiru.
Hordoftoota keenyaa dabalata Oduu kanaa akkuma nu qaqqabeen kan isiniif dhiheessinu ta’a.





Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.