By | January 14, 2019


Oromoo Dammaqi! ABOti Waraanni Duula Jechuun Uummata Oromooti Duulame Jechuu dha

Via Caalaa Hayiluu Abaataa, Amajjii 13, 2019
#OromooDammaqi!
Rakkooleen muudatan Rakkoo ilaalchaa fi dhugeeffannoo kamiin egeree Oromoo qajeelchuufi sabbonummaa Oromoo tiksuufi akkamiin sabboonummaa Oromoo laaffisnee Oromoo daran Xoophiyaanessuu yaada jedhutu walitti bu’aa jira.
Kuni erga gaafa Oromoon gita bittiu Habashaa jalatti kufee qabsoon Oromoo eegalee jalqabee walitti araaramee hin beeku.
Inni tokko eenyumaa oliyyuu ani Xoophiyaadhaa jechuun yommuu gogaa habashummaa uffatee habashootan yaabbatamee isaanumaan marfamu, inni tokkommoo lakkii ani Oromoo dha ;biyyi koos Oromiyaadha, hunda dura bilisummaafi nagaa akkasumas walabummaa saba Oromootu dursuu qaba Sana booddee Oromoon nu caalaa waan fedhasaa filachuuf carraa argata kan jedhuu dha.

Yaadni lamaan kuni hundeeffama ABO duraafi ergasiillee itti fufeera. Yaada garaagartee kanatu wareegama gootota Oromoo, beektotaafi hayyoota waldaa Maccaa Tuullamaa fi beektota akka humna takkaan dandeettii fi toftaa tokkoon bara 1974 caraa sanatti hin fayyadamne isaan dhorke.
Barasis Oromoon inni tokko xoophiyaa qulqulluun ana jechuun golgaa Habashaa jalatti kufeen tajaajiltuu sirnichaa tahuuf hedduun of kaadhimanis walakkaan osoo hin turin raammoo abidda buute ta’an, kaansaaniimmoo tajaajiltuu fi baattuu yaada namaa ta’anii dantaa Oromoo moggaatti dhiisanii jiraatanii as gahaniiru,kaanis umriin fuudhee deemera. Innimmoo kaayyoo fi adeemsi sirnichaa Oromoof akka hin taane dursanii hubatan Oromoo ta’anii dantaa Oromoof wareegamuu filataan. Fakkeenyaf akka Gaazexeessaan Daraara Daadhii, abbaan #FinfinneeRaadiyoo jedhamu ijoollee Jeneraal Taaddasaa Birruu waliin turtii dheeraa godheen ijoolleen gooticha kanaa akkasiin ragaa bahan, ” abbaan keenya, jijjiirama yeroo san (1974) dhufetti hin amanne ;Oromoofis akka hin taane dursee waan hubateef qabsoo itti fufuu qabna yommuu jedhee Oromootuma duraan isatti dhihoo dubbisu, hunduu fuula irraa naannefatan.
kan isaan waliin dhaabbate irra kan isaan saaxilutu itti baayyate. Abbaa keenya Oromotuma yeroo san dammaqanii garuu jijjiiramichaan sobamantu nyaachise.” jedhan. Warri akkuma Jeneraal Taadasaa Birruu dubbiin garam akka deemtu galteef dafaniit ABO jabeessuu dhaan qabsoo hidhannoo finiinsan. kanneen bakka adda addaatii qabsootti jiranis itti fufan.
Atakaroo fi yaad-lameen ilmaan Oromoo kuni gangalataa dhufeet bara 1991 illee wanti wal fakkaataan dhalate. Haalli bara 1991 kan 1974 irra adda tahullee, haalli bara 1974 fi 2018 waan hedduun walfakakachuu mala.
Ammoo bara 1991, humni riphe lolaa karaa adda addaatiin sirnicha daaraa dhahee erga handhuura Oromiyaa-Xoophiyaa Finfinnee qabatee, Oromoo keessummeessuu hin barbaanne. Oromoonni Xoophiyummaa waan hundarra caalchifataniif Oromummaa dantaaf qofa haguuggatan garuu ergamummaa waan baraniif ergama warra isaanii olii fudhatanii warra dantaa Oromoofi Oromiyaaf dhaabbtan itti duulan, buqqisanii gaafa baasan, Oromoota qajeeloo, oromummaafi dantaa Oromiyaaf yaadanii fi dhimmaman hunda burkuteessan, ni ajjeesaniirra ni nyaatan jechuu wayya. Hanga guyyaa hardhaatti sirni suni waan jijjiirame hin qabu. Daraniyyuu shiraafi dabaan ijoollee sirnichi guddisetu afaan jijjiirratanii,fedha Oromoo waan fedhan fakkeessanii Oromoo hamma tokko booji’an malee.

Haa tahu malee Xoophiyummaa sanaan waan dhangi’amaniif, Oromummaan hardhas golgaa ittiin ilmaan Oromoo sobanii of jala galchaniin malee kan ittiin Oromummaa fi fedha Oromoo eegsisaniin horachuu hin dandeenye. Isa duriirraa wanti xiqqoo adda godhu, kan bara 2018 Oromoonni waggoota 27 dura eenyuma caalaa dantaa Oromoof dursina, Oromoo fi Oromiyaaf dhaabbanna jedhanii sabboonummaan akka jabaatu raacita kaahan muraasni digirii 360 garagalanii faallaa sabboontotaa fi warra dantaa Oromoo fi Oromiyaaf falmanii dhaabbachuun xoophiyaanota qulqulluu sichi habashaan itti fe’attu tahuu isaaniti.

Haalli akkasii kuni maal uumaa jiraa?

1.Hardha Oromoonni sabboonoon kanneen qabsoo kana keessatti karaa addaa ddaa gumaachaa turan fedha Oromoo akak eegamuufillee fedhii qaban mataansanii ilaalchaa fi hubannaa wal fakakataa dhaban.
2. Murni tokko Mootummaan kuni mootummaa Oromooti, qabsoo Oromootin bakak san gahan waan taheef isaan qusachuu wayya jedha.
3. Murni biraammoo lakki jarana, Oromoon ammayyuu mootummaa hin qabu, mootummaa mataasaa dhaabe hijn jiru, mootummaan kuni keessoo isaatti of haaromsee, sirna isaa itti fufsissuf wal muudanii kanaaf akkamiin amanna jedha.
4. Inni kaanimmoo amanuus baannu mee yeroo haa kenninuuf, irratti haa laallu, Filannoon haga gahutti obsaan eegna jedhu.

#Kuni maal fide?

1.Dhibboonni hedduun yommuu ajjeefaman, miliyoonan uummanni lakkaahamu yommuu buqqa’u itti gaafatamaan mootummaa tahee osoo jiru mootummaa ittigaafatummaa akka hin qabne gochuun qaamota biraatti akka harka qabnuufi mootummaichi mataansaa yakka homaatuu akka hin qabneetti innis qaamota biraa himaachaatii akka taahu godhe.
2. Daangaan Oromiyaa yommuu abbaan barbaade akka jaartii jaarsa hin qabneetit dallaa itti cabsee waan barbaade godhu qaamni mootummaa xis-ximbaas hin jenne, kanaana daladalaa siyaasaa fi diinagadee hojjachuun maallaqa biliyoona ittiin guurrachuun Oromoon yeroo hamtuu kanatti waan waliif dirmaateef isaan garuu carraa tokkoomuu nuuf bane jechun birnama gochuurraa tasgabaahaa, wal dhaggeeffannaan ajanadaa yeroo tahe. Silaa eenyutu kana gochuu qabaayyu.
3. Dhaaba sabboonummaa Oromoo fi eenyummaa Oromoodhaa deebise, kanimmoo dhibbaa hamtuu fi shira siyaasaafi humnaan dhiitamee bahe ABO, hooggansi biyyatti deebi’ee karaa nagaaan sochii isaa jaalalii ummataa jabaa tahuu barraan akkuma bara 1991 dhiibbii jalqaban.
3. Hardha Oromoon godinoota muraasaa waraanatu keessa bobba’ee bulchiinsi siviilii jigee waraanatu hooggana.
Abbaa barbaade ajjeesa, humnoonni hidhatanii jiran guutuu biyyattii keessa osoo jiruu kan garuu mootummaa fi qaamonni biraa barbaadessuuf hojjatan kan Oromoo tahe. Kuni lola#OromooVSXoophiyaa ykn #OromummaaVSXoophiyummaati.
Yaad-lameen siyaasa keenya keessatti gangalaataa dhufe dhiibban isaa saba keenya inni WBO waliin dhaabbatu birmannaa obbolaa isaayyuu dhabuutti yommuu cehu ,Akkuma bara 1974 jijjiiramni kuni keenya jechuun kan dhiichisu baayyachuu isaati.
Jiijjiramni saba keetiif nagaa hin laanne, jijjiiramni feetee saba keetii ilaalcha keessa hin galchinee fi hin keessummeessine, yeroof sitti toluyyuu akkuma Jeeraal #Taddasaa dura galaafatanii booddee Generaal #TafariiBantiinyaatan sani; akkuma dura Koloneel #HayiluuRaggaasaa nyaatanii booddee #HayileeFidaa fi #SannaayLikkeefaa nyaatan sana.
Oromoon golgaa habashaa uffatee garaasaaf jiraachuu mala, akka namaatti yaadee waayee mirgaa fi eenyummaa sabaaf jiraachuu garuu hin dandahu. Gaafa sana yaadde atis ni nyaatamta.
Dhumarratti haala amma Oromiyaa keessa jiru gaafa teenya madaallu#Yaad-lameen siyaasa Oromoo keessatti dheengaddaa hanga yoonatti gangalachaa as gahetu hardhaa tana ORomoo kaan miidhamaa taasisaa jira. Yeroo dukkana roobaa sana waliin keessa lufee quuqqeen biiftuu yeroo bahaa jirtu tanatti, kaan dhumaatii inni kaan immoo taa’ee akka taajjabu hiree banaa dhufe. Kuni milkoomina warra ‘hiriitii biti’ jedhuu sanaati. Oromoo Dammaqi, sabni kee tokko,wal malee hin qabdu, murnoonni si golgatanii, habashumaman jiraachuu fedhan wal sin nyaachisuun diinaf si jilbiiffachiisuf jira. Dammaqi!

Eebla 15-2018 barreeffame


 





Via Odaa Gurree
Wal gahii Koree Giddu Galeessaa (KGG) ODP(OPDO) fi Karoora ABO Dadhabsiisuu Irratti:
-—————————————————————-
Walgahiin KGG OPDO (ODP) Amajjii 4/2019 taasifamee ture akka yeroo kaanii miseensota KGG hunda kan hirmaachise hin turre. Namoota muraasa waliif amanaman qofatu dhimma ABO irratti mari’atee gamaggama taasisuun kallattii hojii itti aanu waliif kenne.Kunis gabaabaatti :

👉Filannoon bara dhufuu akka darbu, hin darbu taanaan ammoo haala kamiinuu ABOn hirmaachuu akka hin dandeenye kan murtaa’e ta’uu

👉Sochii haga ammaatiin WBO fi Shanee irratti rifaatuun akka uumame

👉Tahus tarkaanfii haga ammaatiin humni Shanee keessaahuu WBO akka hin rukutamiin jiru

👉RIB amma boqonnaa qubannaa xumuree gara operation akka galuuf deemu

👉Isa dura garuu caasaa dabballee fi WBO adda kutuuf duulli hidhaan eegalame akka jabaatu

👉Galaasaa Dilboo akka hoggana ABO tahetti faarsuu fi jala deemuu, miseensonnni WBO duraanii hogganni ABO Galaasaa Dilboo akka tahe miidiyaan haasofsiisuu fi olola fakkaataa bal’inaan facaasuu

👉Garuu ammoo hojiin keessoo hoggansa olaanaa ABO keessatti eegalame jabaatee akka itti fufuu fi murnoota biroo waliin walitti dabaluun tumsa OPDOf carraan hojjetuu isaanii akka jiruu fi kkf dubbatan.

Akka walii galaatti kallattiin gamaggama sobaa isaanii ABOn baatii 4-6 keessatti caasaa mootummaa diigee mootummaa ce’umsaa akka hundaa’u warra TPLF waliin walii galee hojjetaa ture/jira kan jedhu dha.

Nagaan



Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.