By | February 5, 2019


Muddee 18, 2018

Falmataa Haqaa,

Uummati Oromoo Fincila Diddaa Gabrummaa fi Fincila Xumura Gabrummaa wal-irraa hin citnee waggoota dheeraaf geggeessen harsaa qaalii kaffaluun mootummaa nama-nyaataa EPRDF dadhabsiisee sadarkaa kufaatiin ga’uun isaa kan beekamudha.

Haa ta’u malee, akkaataa itti Fincilli Oromoo sun geggeeffamaa turee fi haala qabatamaa Oromiyaa fi impaayera Itoophiyaa keessa ture irraa kan kahe firiin injifannoo qabsoo fi fincila Oromoo akka ka’umsaa fi adeemsa qabsoo/fincila adeemaa tureetti bakka utuu hin gahiin yeroof qaamuma mootummaa fi sirna Oromoon irratti qabsoo hadhooftuu geggeessaa tureen gidduutti butameera.

Qabsoo fi injifannoon kun gidduuti butamuun akka gidiraan fi yakki Oromoo irratti hojjetamaa ture furmaataa waaraa fi bu’uuraa hin argannee gochaa jira.

Sirni cunqursaa fi hacuuccaa fincila Oromootiif ka’umsa tahe ammayyuu bakkaa hin sossoone. Sirni sun waan jijjiirame fakkeessuuf qaamoti injifannoo Oromoo butan jijjiirama irra-keessaa ykn suphaa gochuun sirnuma sana deebisanii lafatti gadi dhaabuuf yakka hammeenyi isaa kan duraanii irra jabaate Oroomoo irratti raawwachaa jiru.

Yoo akka fakkenyaatti fudhanne adeeemsa fincila waggoota darban keessa ummati Oromoo geggeessaa tureen caasaaleen bulchiisnsaa, kan tikaa fi dhaaba siyaasaa OPDO/EPRDF Oromiyaa keessa cicciramee hojiin ala kan taasifame yoo ta’u sadarkaa naannoo fi biyyoolessaatti garuu kaabinootii fi bakka buutoti mana maree (caffee) Oromiyaa waan Finfinnee jiraniif hojiidhuma kaleessa yeroo fincilli diddaa gabrummaa guutummaa Oromiyaatti geggeeffamaa ture danquu fi dhaabuuf hojjechaa turan ammas hojjechaa jiru. Kaleessa ajaja TPLF/EPRDF tiin mana maree (Caffee) Oromiyaa keessa ta’anii fincila Oromoo, du’aa fi reebicha akkasumas hidhaa Oromoo raggaasisaa turan. Labsii yeroo muddamaa mootummaan gabroomfataa TPLF/EPRDF tumaa ture gaaffii fi mormii tokko malee harka walitti rukutanii raggaasisaa turan. Kana hunda utuma Oromoon lubbuu isaa gar-malee itti kaffalaa jiruu fi dhiiga isaa lolaasaa jiruu jireenya dhuunfaa isaaniif jecha afaan isaanii qabatanii maqaa Oromootiin caffee keessa tahanii ajaja murna bicuutiin itti kennamu garaa guutuun hojiirra hoolchaa turani.

Har’as kan argaa jirru itti fufa shiraa fi yakka daangaa hin qabne Oromoo irratti hojjetamaa turee malee waan fooyya’e hin jiru. Jijjiirami jiru kaleessa caffee Oromiyaa keessa tahanii Oromoo irratti murtoo du’aa dabarsaa turani, har’a garuu injifannoo dhiigaa fi lubbuu ilmaan Oromootiin argameen masaraa Minilikiin qabatanii bakka eegumsa ‘amansiisaa’ qabu keessatti warrumti kaleessa caffee keessatti Labsii Yeroo Muddamaa (State of Emergency) fi labsii badii Oromoof baasaa fi kan bahee itti ergames raggaasisaa turan, har’a sadarkaa teessuma isaanii ol guddisuudhaan marii fi labsii lolaa Oromoo fi WBO irratti geggeessaa jiru.

Fincilli haarsaa guddaa Oromoo baasisee sadarkaa kanaan Impaayera sana gahe qaawwa murni maqaa Oromootiin EPRDF keessa tureen yeroof galmaaf kaayyoo isaarraa yoo maqellee qabsoo marroo biraa geggeeffamuuf adeemuun galma isaa gahuun hin oolu. Qaamoti, akka dhuunfaattis tahe akka murnaatti injifannoo ummati Oromoo mirga waggaa 150 oliif mulqamee ture haarsaa gudaa itti baasuudhaan gara dhumaatti fidataa jiru yeroofis ta’u danquuf ijjibaata isaan taaisan seenaa fi seeraan keessatti kan isaan gaafachiisu ta’uu hubachuun barbaachisaadha!

Qabsoon keenya akka qabsoo ummattoota cunqurfamoo addunyaa kanaa irraa kan akka ANC (Afriikaa Kibbaa), Sudaan Kibbaa fi kan biroo fakkaataniitti xumura argachuu dhabuuf danqaa kan ta’aa jiru qabsoon ummattoota cunqorfamoo kan akka ANC geggeeffamaa ture firiin injifannoo qabsoo hadhoftuu ummata Afriikaa Kibbaa illee harka ANCtti waan galeef, fakkeessitootii fi ayyaan laallattoota kanneen akka dhaaba gosaa Zulu-Inkataa jedhamuu gidduutti butatee injifannoo sana gara dabarsuuf carraa hun arganne. Kanaafis, haala adeemsa injifannoo boodaa kan geggeesaa fi hoogganaa ture ANC ture. Kanaafis, sirna Aparthied ture bu’uuraan jijjiiruudhaan haala seeraa fi sirna qabuun yakkoota sirna duraa keessatti raawwatamaniif accountabilityn akka jiraatuu fi namooti yakka hojjetanis sadarkaan yakka dalaganii qaama walaba taheen Commission haqaa humna injifateen (ANC) tiin hundeeffamee kan itti ngaafatamuu qabu mana murtiitti dhiyaatee kan dhiifamaa fi araaraan dhumuu qabus akkasuma qoratamee murtiin kennamuu dhaan rakkoon waggoota dheeraaf kuufamee ture furmaat hanga tahee argachuu danda’eera. Yoo kan Oromoo fudhanne garuu, sirnumti suniyyuu jijjiiramuun hafnaan namooti aangoo adda addaarra turanuu bakkatu jijjiirameef malee bakka hin kaane, yakkoota hojjetamaniif haala sirnaa fi tooora qabuun kan itti gaafatame hin jiru. Sababi isaas hundi isaanii waggaa 27 darban keessatti haala adda addaatiin waan hojjetan waan qabaniif jijjiiramni bu’uuraa sirna walaba tahe akka ijaaramuuf dandeessisu akka dhufu hin barbaadan waan taheef.

Ammatti haala amma Oromiyaa keessa jiruun dhimmi itti gafatamummaa kun caasaa mootummaa Oromiyaa keessaa g=fincila geggeeffamaa tureen hojiin ala waan taheef qaamumti ani mootummaa dha ofiin jdhuu fi kan injifannoo dhigii fi lubbuun heedduun itti kaffalame butate kun caasaa fi aangoo isaa laamsha’e haaloo-ba’uuf ykn bakkatti deeffachuuf yakka lubbuu fi qabeenya Oromoo irratti golee Oromiyaa hundatti dalagamaa jiru keessatti akka harka keessa qabu ragaaleen tokko tokko mul’isaa jiru. Keessattuu, kan Kibba Oromiyaa (Moyalee) Baha Oromiyaa (Haragee) akkasumas Lixa Oromiyaa (Wallaggatti) raawwataa jiruuf kallatii dhaan raayyaa Ittis Biyyaa bobbaasuudhaan yakka ilmaan Oromoo irratti raawwachaa akka jiran ragaaleen bahaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.