By | January 14, 2019


Qaanii Dr. Lammaa Magarsaa

Damee Boruutin 01/14/2019

OPDO

Photo File: Lemma Megersa

Dr. Abiyi Ahmed waan Afaan Oromoo dubbatuuf malee an Oromoo jedhee guyyaa tokko himatee hin beeku. Gaafa aangooti muudamu illee haadha isaa fi haadha manaa isaa yaroo faarsu abbaan isaa eenyu akka tahe himachuu waan lagateef qaba. Akka fakkaatu yoo tahe haatii isaa akka “Mootii tahu duwwaa” utuu hin taane abbaan isaa dhugaan eenyu akka tahe waan himteef fakkaata. Namni ilma Islaamaa tahe dhalate tokko sababni Kiristinaa ka’uu qabuuf illee hin jiru. Yoo Afaan Oromoo dubbachuun Oromoo nama godha tahe, Dr. Abiyi  Afaan Tigrayi, Afaan Amhaaraa akka warra itti dhalaatee waan dubbatuuf abbaan isaa dhugaan warra Habashaa kana  tahuun waan hin dandeenyeef hin jiru.

Dr. Abiyi warra Habashaa caalaa Uummata Oromoo tufii qaba. Waan uummatni keenya dhagaa ooluuf ragaa kanaa tareessuun barbaachisaa hin tahu. Kana malee yoo milkaa’eef Uummata Oromoo naannoo fi amantii gargar baasee cabsuu akkeeka guddaa qaba. Keessattuu sab boonummaa Oromoo Wallagaa cabsuuf irra dedeebi’ee itti qoosaa jira. Waraana kumaata dhibaan itti bobbaasee uummata nagaa jeeqaa, saamaa, hidhaa fi ajjeessuu bira darbee helikoopteraan uummata keenya kaleessaa fi har’a barbadeessaa olee jira.

Ammaan kana kan baayyee itti qaanaa’aa jiru Dr. Lammaa Magarsaa prezedanttii Oromiyyaa ti.  Dhugaa dubbachuuf yoo tahe Dr. Lammaa Magarsaa guyyaa tokko waa’ee Oromummaa isaa waakkatu dhaga’ee hin beeku. Mootummaa isaa jalatti Oromoo miliyoonaan buqaa’e kumaataan du’ee jira. Har’a garuu yaroo Uummatni Oromoo Wallaagaa xiyyaaran waraanni Habashaa fixaa jiru fuula seenaa duratti maal jechuuf deema. Yoo nageenya Uummata Oromoo eeguu hin dandeenye aangoo isaa gadhiisuun karaa dha. Oromoonni hundi badiin har’a naannoo tokko itti raawwatamaa jiru  boru isaa akka dhufu baree walii dirmatee akka kaleessaa of irraa faccisuu qaba. Kaleessaa haraka qullaa Qerroo fi qareen Oromoo Waraana Agaazii of irraa buqqise WBO cinaa dhaabatee harcaatuu Wayyaanee of irraa kaasu ni dhadhaba jedhee yaadahaa hin jiru.

Ayyaan ilaalatoonni mootummaan kun mootuummaa Oromooti jedhanii nu himu.  Uummatni Oromoon illee bilisa bahee jira jedhu. Warri kun of yoo gowwoomsan malee Uummata Oromoo gowwoomsaa hin jiran. Mootumman kun Mootummaa EPRDF (kan TPLF ADP, ODP fi Warri Kibbaa) gahaa guutuu keessaa qabani. Warraanni har’as dhiiga ilmaan Oromomoo dhangalaasaa jiru, waraana Wayyaanee wagga digdam torbaaf dhiiga uummata keenyaa dhugaa turee fi wagga shanan darbee uummata keenya lafaa irraa duguugaa turetu nu irratti boba’ee jira. Har’a garuu  uummatni keenyaa kan dhumaa jiru maqaa Mootummaa Oromoo isa jedhuun tahuun baayyee kana nama qaanessuu fi nama yaadeessu tahaa jira. Ajajan waraana kanaa inni guddaan namicha TPLF yoo tahu waan Oromoo fakkeessu kan as bahee Ummata Oromoo irratti dhaadatu nama Afaan Oromoo dubbatu  tahuu aggara. Namin kun waan dubbatu illee hin beeku. Daa’imni gulantaa shanii maal naan jedhuu isa caalaa beeka. Maqaa Julaa jedhu Oromoo keessatti dhaga’ee hin beeku. Nama gadadoo akkasii eessaa akka fidhan hin beeku. Yoo waraanuma isaanitu akka isaa kana tahe Oromoof duwwaa utuu hin taane  biyyitti Itophiyaa jedhamtu iyyuu nagaatti jechuu qabana.

OPDOn waan guddaa waan hojjechaa jirtu itti fakkaatee harcaawotaa ABO walitti funaantee ABO cabsuuf dhamaa jirti. Qabsoon bilisummaa Uummata Oromoo akka qulqulaa’uu gochuuf gargaarsa guddaa akka tahaa jirtu garuu waan quba qabdu hin se’u. Habashaa dablatanii ABO fi WBO Haaya duree Daawud Ibsaan hooggannamu irratti bobbaasaa jirti. Daawud Ibsaa Goota ilma Oromoo itti cichee Kaayyoo Bilisummaa ganamaa qaqalliin ilmaan Oromoo kumaatamaan itti wareegaman asiin gahee guyyaa Fulbaana 15, 2018 bakka uummatni Oromoo milliyoonni jahaa ol tahu argametti guca qabsoo bilisummaa uummata isaaf dabrsee jira. Ammaan kana ABO fi WBOn qabeenya uummata Oromoo milliyoona shantamaati malee kan Daawud Ibsaa miti. Uummata Oromoo dogongorsuuf maqaa namaa fi ijaarsaa xurreessuuf shirri xaxxaa jirtan isinumaan deebisee hubaa jira. Akka Uummatni Oromoo xuxee isin tufaa jiru waan argaa jirtan natti hin fakkaatu.

Waan argaa jirru OPDOn waanuma kaleessa TPLF irraa agartee fi baratee irrra dedeebitee  hojjechuu dha.  Kan TPLFf hoojjechuu dide maaliif OPDOf ykn maqaa haaraa ODP hojjechuu qaba? Akka biyyaa saamuuf itti toluu fi badii raawwataniif itti hin gaafatamneef biyya sana keessatti jeequmsaa guddaa kan uummaa jiru warra OPDO akka tahe raggaa qabatamaatu jiru. Keessattu qabeenya uummataa fi mootummaa saamuudhaan akka WBO itti qabachaa jiraan jiraataan naannoo hundi raga bahaa jiru.

Har’a naannoon Oromoo tokko yaroo miidhamu iyyinee iyya labsuudhaan walii dirmachuu qabna malee amma hinkoon keenya gahuutti teenyee eeguu hin qabnu. Oromoo Kaabaa amma Kibbaa , Bahaa amma Dhihaa harka wal qabannee akka kaleessaa ka’uu qabna.  Oromoonni Qeella Wallagaa Mootota habashaa hundaaf tole jedhee harka laatee hin beeku. Garuu yaroo duraaf Mootummaa maqaa Oromoon dhaadatuun xiyyaaran mana wajjin gubachuun isaa baayyee wal nama gaafachiisa. Maaliif hammeenyi kana fakkaatu uummata kana irratii xiyyeefatme? Sababni duraa akka uummatni keenya rifatee harka kennu gochuuf. Uummatni dammaqee diinatti harka keennee jilbeefatee du’uu irraa of irratti lole gootummaan wareegamuu filata. Akka murannoo guutuun diina kana dura dhaabbannu nu godha malee mogolee nu hin buusu.

Qareen fi qeerroon , jaarsaa fi jaartiin , guddaa fi xiqqaan harka wal qabannee akka kaleessaa irree tokkoon seenaa diina dura dhaabbachuu haa lameessinu. Gaafa tokko taane dhaabbannu diina keenya bubbeetu nu jalaa haxxa’ee baleessa. Ka’I Qeerroo! Qabsoon Xumura Garbummaa yaroon isaa amma!

Injifannaa Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.