By | July 8, 2018


Abbaa Gadaa-Moonenus Hundarraa | Adooless 08, 2018

1.  Seensa.

Duraan dursa akka ani miseensaa fi deeggaraa Adda Bilisummaa Oromoo hin taane hin dagatiinaa. Garuu kabajaa fi jaalala guddaan keessa kootti ABO’f qaba. Bara 1997-2002 A.L.A tti loltooni ABO bakkan itti dhaladhee guddadhe keessa bal’inaan socho’aa turan. Keessumaa bara Hooggansa Abbaa Biyaa [Bayyanaa Obsii] ABO’n abdii bilisummaa fi fiingee qabsoo Oromoo Horroo Guduruu keessatti ta’ee ture. Manni keenya qarqara Bosona Qarsaa Allaattii waan ta’eef, loltoonni WBO bosona sana keessa buufatanii turan. Addatti immoo Gootni Balaay Gannatii Fufaa [Onaalaa] wasiila koo waan ta’eef maatii keenyaa wajjin hariiroo addaa qaba ture. Naannoon dhaladhee guddatti, ABO otoo hin taane ‘Warra Oromoo’ jedhamee waamama. Bara Warri Oromoo jedhaman kun turan, hanni bade ture; qotiyyoon diida bula. Qaamaota gurguddoo sadiitu bal’inaan socho’aa ture waan ta’eef gargar baasuuf ‘Warra Oromoo’, ‘Warra Wayyaanee’ fi ‘Warra Shiftaa’ jechuudhaan yeroo warri keenya haasa’an dhaga’aa guddanne. Gaaf tokko Gootni Geetaachoo Lammeessaa [Cirrii]  jedhamu, ilma adaadaa koo wajjin mana keenya dhufuu isaanii nan yaadadha. Harmee kootu akka Warra Oromoo ta’an natti hime. Ilmi adaadaa koo sunis haala-mijeessaa isaanii ture. Beekumsi ani waa’ee ABO ijoollummaa koorraa kaasee qabu kanarra waan darbu miti. Bara 2002 A.L.A booda haalli ture gaarii waan hin turreef haasaanis ta’e qaamaan hangas waa’ee ABO dhaga’ee, argee hin beeku. Kanaafuu, Hiriyyootaa fi firoota koo hedduutu ABO dha. Akkasumas Saba bal’aa Oromootu ABO’f jedhee aarsaa kaffale. Qabsoon galma dhugaa qabu karaa ABO akka ta’eetti dhaga’aa, argaa guddanne. Egaa, ‘Lafee fi Dhiiga’ isaaniitu calaancala ifa dimokiraasii fi kabaja namoomaa har’aan na gahe.

Walumaagala ABO’n Akaakayyuu fi Abbaa Qabsoo Bilisummaa Oromooti yoon jedhe kijiba yookaan ukukkubsee miti. Qabsoo waggaa 40 keessatti dantaa dhuunfaa fi murna irraa bilisa ta’uun; beekamtii rakasaa tuffachuun beekmsaa fi muuxannoo akkasumas carraa qaban dhiisanii gammoojjii fi bosona Oromiyaa keessatti aarsaa kaffaluu jaallatan, filatan. Ammas toora sana keessaa hin bane, hin ba’anis. Waa’ee ABO kana caalaa waanan jedhu hin qabu. Har’a ABO’n ilmaan baayyee qaba: kan ofii dhalches, kan ormi dhalcheefiis, hunduu itti waamamnii fi abbaan buddeenaa isaanii ABO dha. Bara darbe ONN irratti Beekan Gulummaa Irranaa yeroo sanaa, Beekan isa har’aa kana miti, na affeeree waan Oromoo kana dubbadheen ture. Yeroo tokko otoon biyya Xaaliyaanii jiruu, yeroo lammataa ammoo otoon biyya Switzerland jiruu ture kanan ONN irratti haasaa ogummaa wajjin wal-qabatuu kanan taasise. Gaafa sana waan namoonni tokko tokko naan jedhan argaan ture. Ji’oota muraasaa as, otooman Finfinnee Oromiyaa, jiruus namoonni tokko tokko Shanee naan jedhan. Calluma jedheen dhiise. Hunduu yeroo qaba waan ta’eef. Toora FB kanarraas arrabsoo Shanee, Ijoollee Shanee, fi kkf nan arga. Walumaagala haguuggiin Shanee jedhamu kun dhaaba Oromoo ganamaa kan ABO jedhamuu fi deeggartootaa fi miseensota ABO hundumaaf kenname. Namni gariin immoo Shanee ijoollee Lixa Oromiyaa kanaaf kennaniiru.  Waa’ee Shanee kanaa qorachuu kanan jalqabe Enji, Girmaa Xurunaa wajjin wal-qabateeti. Hunda caalaa kan haala naaf mijeesse immoo bara 2016 keessa biyya Switzerland deemuu kooti. Switzerland tti miseensotaa fi hooggantoota ABO durii qaamaan argee wajjin dubbadheera. Keessumaa namoota Mootummaa Wayyaanee keessatti itti-gaafatama adda addaa qabaataa turan garuu booda keessa mootummaa ganuun Europe deeman wajjin bal’inaan dubbadheera. Silaa Oromoo Oromiyaarraa gara biyya Hambaa deemu mara kan simatan Oromootumadha. Garuu Oromoo fuula adda addaa qabu akka ta’e ani ofii koo argeera. Affeerraan adda addaas naaf taasifamee ture, ofii koos kajeeleen ture garuu mul’ataa fi kaayyoo koo ganamaa yaadadheen dhiise malee.

Dhimma Shanee kana qaamnii fi namni adda addaa karaa adda addaa kaasanis garuu ibsii fi hiikkaan Shanee jechuun maal jechuudha? Shaneen Eenyu? Shaneen Kabaja ture maaliif har’a arrabsoo fakkaatee/ta’ee? Eenyutu Shanee jedhee moggaase? Shaneen qaama badiinsaatimoo qaama qabsooti? Shaneen dhuguma ijaarsa gandummaati moo ilaalcha dha? Shaneen bu’uura amantaa qabamoo ergama diiginsa Oromooti? Shaneen Lixa Oromiyaa bakka bu’amoo guutummaa Oromiyaa of keessatti qabata? Walumaagala eenyutu Shanee dha? Eenyutu eenyuun Shanee jedha? Maaliif? jedhee toora Fb kanarratti kan nuuf ibse hin jiru. Baayyeen namaa waa’ee Shanee hin beeku. Shaneen qaama jiruu fi akkasumaan qilleensarratti kan odeeffamu ta’uu fi dhiisuu wanti beekamu hin jiru. Namoonni waa’ee Shanee kanaa beeku jedhamanii yaadaman akkasumas miseensa turan illee Shanee abaaruudhaan muudama argatanillee akka waan Shaneen diina Oromoo ta’eetti nuuf ibsan malee Shaneen eenyu, akkamitti Shaneen arrabsoo akka fakkaatee fi eenyutu eenyuun Shanee jedhe kanneen jedhan irratti odeeffannoo namni nuuf hin kennine. Keessumaa dhimma Shanee kana icciitii taasifachuun daladala siyaasaa guddaa ittiin taasisaa jiru. Eenyuyyuu daldala siyaasaaf mirga qabaatus maaliif Shanee dhaan daldaluun barbaachise jedhee yeroo baayyeen of gaafadha ture.

Egaa, waan namni itti bu’uu sodaatu ykn beekaa icciitii taasisuu barbaadu irratti ani jira. Jalqabni Bilisummaa Haqummaadha. Oromoon haqa; jireenyii fi ilaalchi isaas haqa. Oromoon shira hin beeku; dhalloonni ammaa shira siyaasaa shaakalaa jiraatus. Namni ykn qaamni haqa hin qabaanne Oromoo ni bilisoomsaan kijibadha. Dabalatas qalbiin burjaaja’e immoo haqa hubachuu hin danda’u. Kanaaf, kaayyoon murna fedha addaa qabanii ykn akeekni diina Oromoo, Oromoo burjaajessuudha, keessumaa dhaloota guddataa jiran burjaajessuudhaan dhaloota bo’oo jallinaa keessa oofuudha. Gama kootiin, akka qalbiin namaa odeeffannoo dhugaa fi haqa ta’e argatuuf nan hojjedha. Kanaaf dhimmoota Shanee wajjin wal-qabatan jajjaboo tokko lama sadii… jedheen kaasa waan ta’eef dhawataan hordofaa! Maddi odeeffannoo koo qaama sadii: keessa beektota gama lachuu fi qaama sadaffaa kanneen qalbii garee hin qabatiin qaban.

2. Caasaa ABO Keessatti Shanee jechuun Maal Jechuudha?

Caasaan ABO dhaaba kamiyyuu caalaa ijaarsaa fi gulantaa yaa’insa aangoo fi murtoo dabarsuu akka qabu eenyu biratti beekamaadha.  Caasaa fi ijaarsa ifa ta’e qaba. Akkaataan murtoo dabarsuu fi hojiirra oolchuu isaa daran cimaa fi iftoomina kan qabudha. Caasaa fi ijaarsa ABO keessa qaamota gurguddoo sadiitu jiru. Isaanis: Kora Sabaa (General Assembly); Gumii Sabaa (People’s Representatives) fi Gumii Shanee (Equal to Council of Ministers-Executive Committee) dha. Korri Sabaa miseensotaa fi deeggartoota Dhaabichaa hunda of keessatti qabata. Korri kun murteewwan waliigalaa dabarsuu fi Gumii Sabaa filachuudha. Gumiin Sabaa kallattiiwwaan Korri Sabaa kaa’e heeressuu, seeressuu, qajeelfamaa fi dambiiwwan barbaachisoo baasuudha. Haaluma kanaan Gumiin Sabaa Gumii Shanee filata. Gumiin Shanee qaama hoji-raawwachiiftuu ABO isa olaanaa dha. Shaneen miseensa nama toorbaa kan qabu yoo ta’u namni shan dhaabbataa, namni lama immoo jijjiiramaadha. Hayyu Duree fi I/A Hayyu Durees Gumii Shaneetu miseensota Shanee keessaa filata.

Haaluma kanaan Shaneen qaama siyaasaa ABO isa olaanaadha (Polit bureau). Murtiiwwan jajjaboonii fi murteessoo ta’an kanneen akka Waraanaa, Tikaa, Siyaasaa, Dantaa Alaa fi Qaruxummaa Shanee dhaan darbu; hojiirras oolu. Shanee keessa dameewwan hoji-raawwachiiftuu murteessoo ta’antu jiru. Caasaan Gumii Shanee akka qaama biyya bulchuuf danda’uutti qophaa’ee waan jiru dha. Fakkeenyaaf, Damee Tikaa fi Qaruxummaa, Damee Aadaa fi Beeksisaa, Damee Dantaa Alaa, Damee Aadaa fi Hawaasummaa, Damee Waraanaa, Damee Siyaasaa fi kkf. Walumaagala, Shaneen caasaa ABO keessatti qaama olaanaa fi kabajamaa akka ta’e darbees ABO keessatti caasaa murteessaa akka ta’e ni beekama; hubachuunis ni danda’ama.

3. ABO Gargar Caccabsuuf Yaaluu fi Ergama Ture

Har’a ABO gaafa jennuu fi yaadnu tarii ABO’n garee adda addaa qaba jennee amannas, fudhannas. Haqni jiru garuu ABO’n ammayyuu dhaaba tokko dha. Namni ykn qaamni tokko dhaaba duraan jiru keessaa ba’ee yoo maqaa adda addaatiin ani ABO dha jedhe, akka ABO’n garee adda addaa qabuutti fudhachuun sirrii miti. Yoo dhibe ABO’n garee adda addaa qaba kan jedhamu yoo dhaaba ABO jedhamu jalatti garee adda addaan wal-qoqqooddaan jiraatedha: kunis ana ABO sirriin, sunis ana ABO sirriin jedhee of dhiyeessa ta’edha. Fakkeenya salphaan isinii fudhadha. OPDO har’aa keessa garee adda addaatu jira. Garee OPDO Jijjiiramaa TeamLammaa jedhamuu fi garee OPDO dulloomtuu fi ergamtuu namoota biraan durfamu. Gareen sadaffaa kan haala ilaallatee deemudha. Hanga, Caffeen Oromiyaa fi Central Comittee’n OPDO garee tokko of keessaa baasuutti sadanuu ana OPDO sirriin jechuun itti fufa. Kan ABO garuu akkas miti. Caasaan ABO hundi murtoo dabarseen namoonni arii’aman jiru. Kana jechuun warri nuti ABO dha ofiin jedhan kijiba malee ABO miti jechuudha. Dubbii keenya irratti duubeen gargar caccabuu ABO maal ture? Bara kam jalqabe?

Akeekni ABO gargar caccabsuu kan eegale bara 1993/2001 keessa ture. Akkuma beekamu, bara Waraana Etiyoo-Eertiraa keessa sodaa guddaan Mootummaa Wayyaanee ABO ture. Akkasumas ABUT sababoota hoji-manee ofii isaaniif gargar cabuu isaaniin hunduma keenyatu seenaarraa hubata. Akkaataa itti Hayyu-Dureen ABO yeroo sanaa, Kabajamoo Jaal Galaasaa Dilboo, Hayyu-Durummaa irraa kaafamanii fi booda keessas dhaaba keessaa arii’ataman mufannaa waan uumeef, gartuun Jaal Galasaa Dilboo wajjin turan ABO keessaa fottoquudhaan ABO Qaama Ceehumsaa-OLF Transitional Authority jedhamu hundeessan. Gama biraatiin ammo ABO haadhoo/hundee hafe sana Shanee jechuu jalqaban. Ka’umsi moggaasa Shanee “Namoota shan kanneen ejjennoo fi kutannoodhaan ABO ganamaa fi haadhoo sana itti fufsiisna; karaa fi sangataan siyaasaa ABO sirriidha” jechuudhan hafanidha.

Bara 1996/2004 keessa immoo bifa qindaawaa fi tooftaalessa ta’een hojiin ABO caccabsuu kun deebi’ee mumul’achuu jalqabe. Namoonni Caasaa fi ijaarsa ABO olaanoo keessa jiran wal-qindeessuudhaan yaada lama qabatanii dhufan. Yaadonni sunis: Tokko ABO keessa sochiin gandaa akka jiruu fi kunimmoo sirrachuu akka qabu. Lammaffaa, ilaalcha Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti “Karaan gara Oromiyaa Geessu Xoophiyaa keessani” jedhu cimsuu jalqaban. Seenaa qabsoo ABO keessatti ilaalcha kana kan qabaachaa ture, I/A/H/D duraanii kan ta’an Jaal Leencoo Lataati. Haaluma kanaan, ABO’n jiru kun hundeedhaan jijjiiramuu qaba jechuudhaan piropogaandaa bal’aa fi guddaa ta’e hafarsuutu jalqabame. Kanumarraa ka’uun, qaamni ABO Jijjiiramaa jedhu qilleensuma keessatti, jechuunis otoo beekamtii hin argatiin, sochii qindaawaa fi jabaa ta’e taasisuu jalqabe. Ergamni ABO Jijjiiramaa yeroo sanaa waan baayyee ta’us akeekni guddaan tokko ABO keessatti “Jijjiirama Hooggansaa Fiduu” kan jedhu isa ifaa fi mul’ataa ture.

Egeree fi haala qabatamaa yeroo sanaa irrattillee namoonni miseensa ABO hin taanee fi jabina akkasumas dadhabina ABO quba hin qabaanne dhimma ABO irratti qorannoowwan haamilee fi fudhatama ABO gaaffii keessa galchuu danda’an jedhamanii yaadaman hojjechuudhaan marsariitii hawaasummaa keessa facaasaa turan. Akkaataa sochii yeroo sanaatti, hojiin hojjetame maal ture jedhee miseensotaa fi deeggartoota ABO gaafadheen ture. Folqolcha Gaggeessuu akka ta’eetti miseensotaa fi hooggantoota ABO biratti fudhatame, ittis amaname. Qaamni folqolcha kana gaggeessan jedhamanis olii hanga gadiitti wal qindeessuudhaan sagalee fi tooftaa wal-fakkaataa dhageessisaa, fudhachaa turan. Sochii Jijjiiramaa kana kan jalqaban miseensota Gumii Shanee yommuu ta’an miseensonni Gumii Sabaas akkuma sana wal-ijaaraniitu itti deeman.

Miseensota Gumii Shanee ABO yeroo sanaa fi kanneen ABO Jijjiiramaa jedhamanii turan yommuun maqaa fi gahee hojii isaanii ibsu: 1) Obbo Leencoo Baatii-Itti Gaafatamaa Damee Aadaa fi Beeksisaa (2) Prof Hasan Huseen-Itti Gaafatamaa Damee Dantaa Alaa (3) Obbo Luchoo Bukuraa-Itti Gaafatamaa Damee Aadaa fi Hawaasummaa (4) Obbo Abbiyyuu Samuu dha. Akkasumas miseensota Gumii Sabaa keessaa namoonni 17 ta’anis Hooggantoota ABO Jijjiiramaa wajjin akka turan seenaan ni dubbata. Sosochii ture kanaaf haala mijataa kan uumee Kab. B/Generaala Kamaal Galchuu Mootummaa Wayyaanee Xoophiyaa ganee/miliqee gara ABO tti dabalamuusaatu akka carraa guddaatti ilaalame. Kanaa wajjin wanti gaaffii ta’ee ture garuu B/G/Kamaal Galchuu yaada miseensota Gumii Shanee jijjiirama hooggansaa barbaadu kanaa wajjin wal-unachuu fi wal-fudhachuu isaati.

Yaada gartuu miseensonni Gumii Shanee ABO dhiyeessan sadarkaa Gumii Shanee ABO tti dudubbatamaa ture. Akkaataadhuma qajeelfama ABO tti, Hayyu Dureen ABO Kab. Jaal Daawud Ibsaa yaada jijjiiramaa kana akka adeemsa isaa eeggachuudhaan Kora Sabaa fi Gumii Sabaatti dhiyaatee irratti marii’atamuu fi murtoon darbu kaa’ee ture. Yaadota jijjiiramaa ka’anii fi turaniif qajeelummaa kan qabuu fi dimokiraatawaa akka turetu dubbatama. Jarri yaada jijjiiramaa kana qabatanii dhufan garuu obsa hin qabaanne, kanaaf adeemsa dhaabaan ala itti deemuudhaaf yaalani. Adeemsaa fi kallattii qabsoo ABO kabachiisuu kan qabu Hayyu-Duree waan ta’eef, Jaal Daawud Ibsaa, bifuma adeemsa isaa eeggateen wanti jijjiiramu yoo jiraate akka jijjiiramuuf ejjennoo fi murtoo guddaan akka itti deemametu ibsama.

Ceephoon ture Hooggansi ABO gandummaadhaan ijaarameera kan jedhu yommuu ta’u furmaanii kaa’ames Jijjiirama Hooggansaati. Hooggansi immoo adeemsaa fi namuusa dhaabaa hordofeeti malee yeroo barbaadametti kan taasifamu akka hin taane beekamaa ture. Keessumaa dhaabni riphee lolaa ykn qabsoo hidhannoo gaggeessu qajeelfama ifaa fi hamaa ta’e qabaachuun dirqamadha. Kana jechuun miseensotaa fi hooggantoota duubatti deebi’an ykn qabsootti gufuu ta’uu yaalan irratti tarkaanfii hamaatu fudhatama. Egaa yeroo sana Hooggansi ABO, yeroo lammaffaaf Shanee jedhamee moggaafame, odeeffames. Maqaan ABO Shanee jedhamus jalqaba warra ABO Qaama Ceehumsaa fi ABO Jijjiiramaa jedhamuun kennameef. Warri Jijjiirama Hooggansaa barbaanna jedhan ofiin ABO Jijjiiramaa yommuu jedhan gareen adeemsaa fi namuusa dhaabaa eeggannee deemna jedhan immoo silas ABO waan ta’aniif maqaa ykn ibsa dabalataa malee ABO dhaan itti fufan.

Kan na dhibe, jarri ABO Jijjiiramaa jedhaman warra hafeen ABO Shanee jedhu; Hooggansi ABO yeroo sanaa fi miseensonnis ta’e deeggartoonni garri caalu warra ABO Jijjiiramaa jedhamaniin Gantoota Sabaa kan amantaa fi gandaan wal ijaare jedhu. As keessatti Hooggansi ABO waan ture Saba Oromoof ifa taasisuu dhiisuu isaatu akka dhaloonni burjaaja’u taasise. Akka isaan jedhaniitti garuu kun waan xiqqoo waan ta’eef waan xiqqoo kanaaf jennee waan guddaa dhabuun hin barbaachisu jechuudhaan waan ture icciitiidhaan qabachuu filatan. Isaa booda garuu kan gadi ba’amee odeeffamaa turee fi gurra Oromoo hedduu keessa seene piropogaandaa ABO’n Jijjiiramaa taasisaa turedha. Innis (1) Shaneen qaama ABO miti (2) ABO Shaneen diina Qabsoo Oromoo kan gandummaadhaan ijaaramedha (3) ABO Shaneen kan qaama TPLF wajjin hojjetudha (4) ABO Shaneen Oromiyaa fi Oromoota iddoo adda addaatti qoqqooduudhaaf kan hojjetu akka ta’eetti fi kkf dha. Dhuguma wantoonni kun gurra namaatti hin tolan, eenyuyyuu akka jibbuu fi balaaleffatu taasisu.

Amma garee kamtu gandummaadhaan ijaarame jedheen namoota adda addaa gaafachuuttu deebi’e. Isa kanaaf immoo ragaan irra keessaa eenyutu eessatti dhalate kan jedhu ilaaluun gahaa waan ta’eef isa kanaaf odeeffannoon argadhe. Haaluma kanaan garee ABO Shanee jedhaman gaafan ilaalu: Hayyu Dureen Kab. Daawud Ibsaa: Lixa Oromiyaa; I/A Hayyu Duree Kab. Bultum Guyyoo: Baha Oromiyaa; I/G Damee Tikaa fi Qaruxummaa ABO: Kab. Abdii Raggaasaa: Giddu-Gala Oromiyaa; I/G/Damee Dantaa Siyaasaa: Kab. Abbaa Caalaa Lataa: Lixa Oromiyaa fi Kab. Bayyan Soobaa: Baha Oromiyaa ta’uun arge. Gama biraan kan garee ABO Jijjiiramaa yommuun ilaalu: miseensota Gumii Shanee 4 keessaa 3 akksumas Kab. General Kamaal Galchuu dabalatee namoota naannoo tokkooti: Kibba Baha Oromiyaa yommuu ta’an namni tokko immoo Kibba Lixa Oromiyaadha. Akkasumas miseensota Gumii Sabaa 17 garee ABO Jijjiiramaa keessaa namni 14 namoota naannoo tokkooti: Kibba Baha Oromiyaati jechuudha. As keessatti bakki dhalootaa ejjennoo siyaasaa nama tokkoo agarsiisa jechuuf miti garuu olola ture sanarraa ka’uun wanti jiru dhugaamoo soba jechuun barbaachisaa waan ta’eefi.

Egaa dhiibbaan sosochii kanaa kanumaan hin dhaabbanne. Direee Qabsoo keessatti qabsaa’otaa fi loltoota ABO dhaaf amanamoo ta’an irratti tarkaanfiin suukaneessaa bifa adda ta’een akka fudhatamuuf yaalameera: hanga arii’anii akkasumas dhoksaatti ajjeesaniitti. Akkasumas Hooggansi ABO yeroo sanaa namoota Dhaabaa fi Saba ganan irratti tarkaanfii fudhachaa ture: miseensummaa isaanii rarraasuu fi booda keessa arii’uu; akkasumas deemsa of ittisuus fudhachaa ture. Isaa booda namoonnis ta’e Murni ABO Jijjiiramaa jedhamee akeeka biraa fudhatee socho’aa ture miseensummaa fi hooggansa ABO keessaa arii’aman. Adeemsa keessa murni ABO Jijjiiramaa jedhaman kun wal-qabachuu fi jiraachuu hin dandeenye. Shirri tures ni saaxilame. Adeemsa gargar caccabuu ABO yeroo sanaa keessatti gaheen Kab. Obbo Leenchoo Lataa guddaa ture (he was a master mind jedhu warri keessa beekan). Bifaa fi akkaataa barbaadaniin ABO diiguu waan dadhabaniif akkasumas abdii gaafa kutatan, Kab. Obbo Leenchoo Lataa namoota harca’an kana walitti qabee ODF-Adda Dimokiraatawaa Oromoo hundeesse jedhama.

Dabalataanis tooftaan ABO caccabsuu bifa biraan itti fufe. Innis wareegamuu Kab. Jaal Milkeessaa Gadaa booda akka Jaal Amaan Kadir bakka bu’u taasifamus Jaal Amaan Kadir hojii badii fi farrummaa dhaabaa irratti waan bobba’eef ABO keessaa arii’ame. Arii’atamuu isaa wajjin wal-qabatee Jaal Amaan Kadir akka dhuunfaatti qorannoo qabsoo fi dhimmoota Oromoo irratti taasisuudhaan tooftaa ittiin ABO caccabuu dandamatee of ijaaraa jiru balleessuutti darbe jedhama. Pirojektiin ABO caccabuu dandamatee daran cimaa jiru balleessuuf hojjetame keessatti shoora olaanaa kan qabaataa turan: Abbaa Duulaa Gammadaa; Obbo Juneddiin Saaddoo fi Ambaasaadar Diinaa Muftii dha. Pirojektiin kun gama lamaan hoogganamaa ture. Gama Keeniyaan, Amb. Diinaa Muftii Obbo Siyyum Masfiniin yommuu ta’u, hojii kana keessatti fiixaan bahumsa waan argateef muudama dubbii himaa Ministeera Dhimma Alaa Xoophiyaa ta’ee muudame. Gama biyya keessaan Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa fi Obbo Juuneddii Saaddoo kallatiidhaan MM Obbo Mallas Zeenaawwii wajjin hojjechaa turan. Egaa, ABO’n Jijjiiramaa jedhee of waamu akka fottoqu taasifame, kunis fiixaan ba’umsa guddaa ta’ee galmaa’eef. Yeroo sana Obbo Abbaa Duulaan ji’oota torbaaf gara Booranaatti deddeebi’uudhaan miseensota ABO Jijjiiramaa qunnamaa ture. Keessumaa Jaal Luchoo Bukuraa wajjin deddeebi’anii wal-qunnamaa turan, adeemsa keessas waraana hanga ta’e qabatanii karaa Mooyyaalee kana galan.

Argannoowwan Qorannoo Garee Jaal Amaan Kadiriin durfamuus baayyee ta’us isaan ijoo ta’an lamaan isinii kaasa:

(1) Oromo is not the Father Nation rather the construction of Wollega and Shoa Elites. So the name Oromoo has to be replaced by Arsi-Bale. Yaadni isaa: Oromoon hundee Abbummaa Oromummaa miti, Hooggantoota Siyaasaa Wallaggaa fi Shawwaatu wanta kana ijaare malee jedhu. Kanas hundeeffama Maccaa-Tuulamaa wajjin wal-qabsiisu. Kanaaf maqaan hundee Oromoo Arsii-Baaleedha jechuudha. Oromoo kan jedhu “Orma” kan jedhu irraa dhufe jedhanii ibsa adda addaa itti kennan. (2) Qabsoo Hidhannoo biyya keessaa bifa qindaawaa ta’een jalqabuu kan jedhudha.

Isa kanaaf Obbo Amaan Kadir “Adda Walabummaa Oromoo” kan jedhu hundeessan. Akka tooftaa qabsootti Sagantaa Raadiyoo “Sagalee Walabummaa Oromoo” kan Joorjiyaa, Atilaantaadhaa darbutti fayyadaman. Haaluma kanaan baroota 2000 booda dargaggoota gurmeessuudhaan qabsoo hidhannoo jalqabsiisan. Seenaa kana qabsaa’onni mana hidhaa turan beeku, isaantus naaf mirkaneesse.

4. Shaneen Eenyu?

Har’a moggaasni Shanee jedhamu nama lamaaf kennama. Tokko, namoota akka koo Qabsoo Oromoo keessatti ilaalcha adda addaa qabanii fi ABO dhaaf kabaja qabaniif kennama. Lammata, miseensota, deeggartootaa fi hooggantoota ABO ejjennoo cimaa qaban hundaaf kennama. Namoonni Shanee jedhamanii sanduuqa keessa buufaman kun guutummaa Oromiyaa keessaati. Lagan, gandaan, amantaan miti; ilaalchaa fi ejjennoo siyaasaa jabaa qabaachuutu Shanee nama jechisiisa. Faayidaa fi fudhatama rakasaaf jecha cichuu dhiisuutu Shanee nama jechisiisa.

  1. Shanee bara Caccabuu ABO: Shaneen kun namootaa fi hooggantoota Qabsoo Bilisummaa Oromoof amanamanii shira fedha murna tokkoo didan yeroo sanaati. Isaan ABO jedhamu malee Shanee hin jedhaman. Kan Shanee jedhee moggaase warra ABO keessaa fedha dhuunfaaf ykn fedha murnaaf foxxoqanii ba’anidha.
  2. Shanee Wayyaaneen dhalfattedha. Shaneen kun biyya keessatti bifa gandummaadhaan kan gurmaa’anii fi Hayyu Duree ABO wajjin hidhata addaa qabu jedhamanii socho’anidha. Ani isa kana yeroon AAU turen bare. Namoonni Hayyu Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa naaf bilbilan; qarshiin ergame; meeshaan ergame jedhanii dhaloota qaroo ta’an of jalatti ijaaruudhaan mootummaa kanaaf gumaata galchanidha. As keessatti humni tikaa fi qaruxummaa Wayyaanee/OPDO hooggansa kallattii kennaa ture. Dhimmi Girmaa Xurunaa as keessa jira.

5. Caasaa ABO Ammaa Keessa Shaaneen Jiraa?

Deebiin isaa Eeyyee kan jedhu yommuu ta’u sirreeffamni tooftaa fi lakkoofsaa akka jirudha. Haaluma kanaan Kora Sabaa ABO 4ffaa booda miseensa nama kudha-shanii [15] qabaachuudhaan daran qabsoo hadhaawaa gaggeessaa akka jirun odeeffadhe. ABO nis yeroo kamiyyuu caalaa tokkoomee, hooggansaa fi miseensota isaa qulqulleessee qabsoorra akka jirudha. ABO’n akkuma durii heera, seera, Sagantaa Siyaasaa fi madda galii ganama qabatee ka’e itti cichee gama hundaan dhiibbaa gochaa jira. Kanaafuu, jechi Shanee jedhu jecha nama qaanessuu (derogative term) akka hin taanee fi caasaa ABO duriis ta’e ABO ammaa keessatti qaama hojii olaanaa ta’ee hojjetudha. Gandummaanis ta’e amantaan achi keessa hin jiru. Miseensonni Gumii Shanee ABO ammaa [baay’inaan 15 ta’an kun] guutummaa Oromiyaa keessaa kan bakka bu’anii fi herrega gandummaas ta’e amantaa kan hin qabnedha.

6. Shaneen Har’a Maaliif Arrabsoo Fakkaatee/Ta’ee?

Akkaataan ittiin ABO irrattii fi qabsoo Oromoo irratti hojjetame bifa qoqqoodanii fi burjaajessanii kolaasuu waan ta’eef namoota ilaalcha tarkaanfataa fi Oromummaa giddu galeessa taasifatan sanduuqa Shanee gandummaatiin ijaarametti fakkeessuudhaan arrabsuudha; haamilee buusuudha. Ana dabalatee namoonnii fi hayyoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoof gumaacha taasisan “Shanee” jechuudhaan haamilee buusuu fi arrabsuudhaan Dhaloota Ammaa Jibbisiisuutu mootummaa kanaaf galtee guddaa ta’a. Ani akka nama dhuunfaatti Shanee miti ta’uus hin danda’u. Shanee Wayyaaneen hundeeffattee qabdus ta’e Shanee Caasaa fi Ijaarsa ABO keessatti iddoo olaanaa qabu ta’uu hin danda’u: gahumsa isaas, fedhasaas hin qabu. Ijoollee Shanee wanti jedhamus kijibaa fi jibbiinsa ergama Oromummaa guutuu ijaaruu keessatti diigumsaa fi wal-shakkii facaasuuti. Haqni jiru, Shaneen Wayyaaneen hundeeffatte gandummaa of keessaa kan qabu fakkaatee habashootaa fi namoota kuftuu ta’anitti fayyadamee ijaarameera. Isaan immoo dhaloota ciccimtuu fi quuqama qabdu waan of jalatti ijaaran fakkaachuudhaan dabarsanii mootummaa kanaaf gibira kaffalaa turan. Caasaan ABO ammaa immoo yaad-rimee Shanee jedhamutti fayyadamuu hir’isee akkasumas qabbaneessee jira.

Ijoollee Oromiyaa hundaa keessa jiranii fi kabaja, jaalalaa fi amanamummaa ABO’f qabaniin Shanee jechuun dogoggora seenaa biraati. As keessatti waan lamatu jira: Ijoollee Lixa Oromiyaa Shanee yommuu jedhan; Ijoollee Oromiyaa kutaa biroo kan yaada tarkaanfataa fi Oromummaa sirriin oofaniin ammoo Bitamtoota Shanee jedhu.

Horaa Bulaa!

Abbaa Gadaa-Moonenus Hundarraa

Waxabajjii, 2018, Finfinnee, Oromiyaa!