By | October 28, 2019


Qabsoo keenya taakkuun tokko hafe galmaan geenya, Kutaa 3ffa

Ayyaanaa Gobaanaa fi Caalaa Hayiluu.

Afran Qalloo was formed in 1962 and fell apart in 1965. The name Afran Qallo derives from the collective reference to four of Qallo’s sons – Alaa, Babile, Daga and Oborra. In 1963 the Macha Tulama self-help association was formed and banned in 1966. In their short periods, these two organizations laid down a profound cornerstone for the struggle the Oromo people.

Akkuma yaadannuuf jecha:  Barruu keenya kutaa 2ffaa keessatti rakkoolee gufuu qabsoo ilmaan saba keenya itti wareegamaa lubbuu kumaataamaan itti baasan galma isaa gahuu hanqisan sababoota hedduu ka’e keessaa, qabxi tokko tokkoon irraa debiinee wal yaadachiisna. Seenaa keenya keessa deebi’uun yeroo ilaallu rakkoon qabsoo Oromoo inni ciimaan rakkoo diinaa keessoo keenyaa irraa qulqula’uu dhadhabuu akka ta’e  argaa jirra.  Kunis rakkoo tikaa(security)*1 diina keessa irraa ofi tiiksuu dhadhabu tahu dhan. Diinaa keessa yeroo jetnu Goobaanota haaraa kan shiraa diinaan utubaman, saba keenya harqoota gabrummaa jala akka itti fufee jiraatu taasisaa jiran, dhaaba akka OPDO(ODP) jedhamtu xannacha qabsoo ammatti fayyuufillee dawwaa  hin arganne, ayyaana-laallattoota warra maqaa qabsoon daldalaa turani fi jiran( gantoota qabsoo) fi warra osoo beekanii immiyyee Itoophiyaa jedhan malee abjuun itti hin tolle, warra sammuun gabroomee afaan keenya dubbachuun yeroo hunda qabsoo Oromoo diina waliin akka galma hin geenye taasisanii dha.

Fakkeenyaaf bara Haylasillaasee namoonni loltootaa turan silxaana laatameef malee sammuyyaa isaanii akkamiin akka miidhaman kan hin hubanne  kan akka Jeneraalota hedduu keessaa Abaaba Gammada faa,’ #yeexaqiilaskaar’ jecha turani fi jiran). Isaan kuni diinaa qabsoo keessa keenya jetnee waamna. Qabsoo tokko keessa diina yookan firatu jiraataa. Hubadhaa!! Habashaan seenaa keessatti Oromoo (kessumaa Qomoo Tuullamaa Galaan jedhamutti) deddeebiin  itti duultee yeroo injifaachuu dhadhabdu, karuma isaatiin isa cabsuuf garee tokko waliin walii galtee uummachuun (gosa Abbichuu kan Goobanaan irraa dhalatee) fi  fuudhaa fi heerumaa(gaa’laan), shamarran keenya Walloo fi Raayyaa fuudhun,irraa warra dhalchan immoo masaraa mootota Habashaa keessatti guddisuun, akka isaan Habashummaatti of beekan taasisuun), fakkeenyaf bara #ZamanaMasaafint jedhamu keessaa Mooticha Suusiniyoosii irraa jalqabee hanga Iyyoo’aasitti hunduu shamarran Walloo fuudhan. Inni kunimmoo hardhatti eenyummaa fi ofitti amantummaa Oromoo irratti balaa fi shakkii guddaa uume.

Yeroo seenaa keessatti ilaalamus, amma ammaatti kan deebii argaachu dhadhabe keessaa, hunda caalaa kan nama gaddisiisu gareen Oromoo sammun gabrommee kun, mana ofii tuffachuun diina waliin hiriiranii diina tokkoffaa kan isaan godhatanii irratti qabsaawan ilmaan Oromoo kaayyoo saba keenyafi dhaabbatan irratti (jaarmayaa feeki 70taa – 80taa keessa ijaarun warri Habashoota kan raawwacha turan kanuuma. Ammallee jaarraa 21ffaa keessa ABO dadhabsiisuf jecha gantoota qabsoo fi kanneen OPDOn soorama laataafi jirtu akaksumas kanneen karaa biraammoo tika mootummaa EPRDF ta’an walitti qabuun ABO- Sodaretti  ijaarun amalootuma baratamee fi waan turee dha.

Bara qabsoon teenya lafa osoo hin qabatin namoonni hubatoo muraasni qabsoo lafa qabsiisuuf hojjachaa turan sana ajjeechan Jaallan akka Muhee Abdoo, Luba Guddinaa Tumsaa,Dr. Hayilee Fidaa fi Abulaziiz Yesuuf irratti raawwatame kaayyoo adda addaa haa qabatan malee, Oromoo tahu isaanitiin akka yaadanitti kaayyoo isaanii osoo fiixan hin baasin ajjeefaman.  Diinni akka sareetti Oromoo tahu isaanif bifaa tokkon ajjeese. Har’as kana irraa osoo waa hin baratin Oromoo Oromoon ajjesissa jiru. Oromoon kaan of baqateet diina jalatti hudduu gatatee obbolaa isaa dhumaa jiru taahee laala, hireen hundaayyuu garuu boru tokkuma. Oromoo tahuudhaan gaaffii Oromoo sagalee guddaan ol kaasanii dubbannaan Xoophiyaan nama sanaaf diina taateet nyaatti haala mijeeffattee.

Rakkoo keessa qabsoo yeroo taajjabnu,yeroo hunda Oromoon dhugaan hin liqimfamneef amma har’aatti ejjenno dogogoraa tahe irratti hundaa’uun qabsoo Oromoo dura dhaabbaachaa jiru. Akkuma 1970th -1980th keessa jechaa turanitti gaaffiin Oromoo koloonii osoo hin taane babal’ifannaa sirna abba laafa( feudal expansion) jechuun haalu.

Dhugaa beekamu yakka sanyii duguuggaa ( genocide) Meniilk , Hitleriin Afrikaa, humnaa waraanaatiin  uummata Oromoo miliyoona 5 fixee fi ummattoota kibbaa tokko tokko, akkuma jirutti dhabamsiise, kaani immoo amma 75% fiixe feudal expanstion jedhanii salphisuun waamun, sammuun gabroomuu yookan gochaa diinaa dhoksuuf tataaffii gochuu taha. Har’as MM. Itoophiya Kolonel Abiy Ahmad,qabsoo ilmaan keenya ogummaa fi beekumsa hunde qabu irratti hunda’uun gaaffi abbaa biyyummaa kaayyoo isaan itti wareegamanii dhaloota haaraf dabarsan,  Oromoon bifa jaarmayaa  ABO’n, waggoota 45 ol itti wareegame siyaasa yeroon itti darbe  jeechun, waan innii fi warri Nafxanyaa( isatti marsanii jiranii fi gantooti qabsoo) kannee fedhii ofii guuttachuf haqa dabsuun jechaa jiran salfii tokkoo malee nu fudhachiisu yaaluun tuffii duwwaa osoo hin taane safuu dhabuun gotoota fi qeerroo ofii wareegamanii isaan angootti ol baasan eekkera isaanii irraa ejjechuun qoosuu taha.

Keessattuu har’a gareen diinaa qabsoo tahun gorsitootaa,abbaa qeerroo fi beektoota jechuun akkuma jaarraa 19ffaa keessa saba keenya qoodun gabrummaa jalatti akka kufnu tahe irra deebin hojjacha jiran Oromoon irraa of eeggachuu qaba. Muuxannoo qabsoo kan agarsiisuu fi dhugaa jiru yeroo ilaallu garuu, gareen kun waan saba kana gabrummaa keessa baasuf gargaaru hojiin waan isaan hojjetan argaa hin jirru. Oromoo kaayyoo tokkoo jallatti ijaaruu irra qoqqoodu, saba sirna gabrummaa jala jiru akka tokkumaan diina isaa irratti hin qabsoofnef dhaaba siyaasaa jechuun saba oromoo afaan faajjessaa jiru. Kunis saba Oromoo akka inni hire ofii ofiin murteeffatuf dammaqsuu, ijaaruu fi hidhachiisuun, humna tahee, akka inni abba biyyummaa isaa,mirkaneeffatu, irratti hojjachuun, waan irraa ture irrati hin hojjetne. Yoo waa hojjatanis tahe har’a diinaa waliin qabsoo bilisummaa fi walabummaa Oromoo dura dhaabbachuun as bahuun isaanii maal akka tahan isaan saaxilee jira. Baayyen isaanii Oromoo keessatti summii amantaa, gandummaa fi  hojii diinaa hojjeechafii turan yoo jenne dhugaa irraa faagoo hin tahu.

Qabsoon bilisummaa kan akka saba Oromoo diinaa keessaa irraa of tiiksuun murteessa  akka tahe eerre jira. Ammas akkuma yeroo sanaa tikaa keessaa fi alaa gahaa dhabuu irraan waan kaheef gantooti fi ayyaan- laallattooni, qabsoo Bilisummaa Oromoo keessan diiguun meesha diinaa tahuun hojjacha waan turanif, badhaasa dhunfaa adda addaa argachuun uummata afaan faajjessaa jiru. Adabbiin hafee isaan akkanaa, qabsoo Oromoof diinaa tahan waltaajjii adda addaatti mul’achuun, saba Oromoo afaan faajjeessaa jiru. Isaan qabsaawota keenya jedhamani miidiyaa adda addaatti bahuun afaan dammaan haqatanii summii sabicha ajjeesu faacaasaa/ diigaa jiru. Qabsoo ilmaan sabn kun qabu itti wareegaman galmaan gahuuf mooraan qabsoo qulqullaa’ee diina keessaa kana, kan diinaa beekamaa alaga biyya kee qabatee jiru caalaa balaa akka tahe beekun qabsoo itti fufuun dirqii tahuu qaba.

Garee gaaffii saba Oromoo kaasun qabsaawanii fi Itiyoophiyummaa filataan.

  • Bara Hayile Sillaase ilmaan Oromoo fincila barattootaa hoogganuun wareegama cimaa baasun galma qabsoo osoo hin argin wareegaman.
  • Gareen moora qabsoo Oromoo filatan osoo saba ofiif qabsaahanii gootummaan saba ofiif wareegama qaalii kaffalan seenaan isaan yaadata. Oromoon dammaqee guyyaa goototaa isaan ni yaadata, gadaa dhaa gadaattii akka faarfamanii dhalootatti seenan darbu ni godhama.
  • Gareen tokko yeroo mooraa qabsoo Oromoo filatan isaan biroo immoo mooraa Itoophiyummaa filatan.
  • Gareen mooraa diinaa filatan osoo diinaaf lolan wareega Oromoon isaan kana keessaa tokko tokko akka gantuutti isaan yaadata. Isaan akkanaa bara Dergii dhaabolee siyaasaa adda addaa Itoophiyaa leellisan kan akka EPRP, Mei’son keessatti warra of wareeganii dha.
  • Oromoon hedduun waraanaa kolooneffattoota Habashaa waliin daangaa Eriteriya, Somaliya fi biyyaa Ollaa biroo keessatti lubbuu isaanii kan wareege manaa fi dirree itti du’antu yaadata.

Qabsoon Imaanaa jaallani yaadacha.

MagarsaaYeroo Hayile Sillaasee kaasuun amma EPDRF tti ilmaan qaqqaaliin saba kana kan akka jaal Elemoo Qilxuu kan rasaasaa jalqabaa akka WBO itti diinatti dhukaasee fi kanneen akka Ahmad Bunaa,  Badhoo Dachaasaa, Lagaasaa Wagii, Nagaasaa Kumsaa  fi ilmaan keenya kumaatamaan lakkaa’aman, murtee lubbuu isaanii irratti fudhachuun sabni isaan akka bilisoomuf, sirna gabrummaa jalaa baasuufi wareegaman. Kayyoon jaallan lubbu ofi wareeganii kanaa  uummati keenya akka bilisaan jiraatu dha. Har’as hawwiin isaanii waan bakka hin geenyef Oromoon waraanaa mootummaan, yeroo kam caalaa ajjeechaa, manni irratti gubachaa, hidhamaa fi shamarran keenya dirqiin yommuu gudeedaman argaa jirra.

Gadadoo fi roorroo kana keessaa of baasuf Oromoon akka sabaatti waan gabrommeef ” saba tokko, hiree tokoo fi biyya tokko” waan waliin qabnuuf Oromummaa irratti hundaa’uun waliin ijaaramuun dhaaba bilisa baasaa tokko jalatti of ijaarun sochii qabsoo bilisummaa itti fufuun dirqama tahee jira.  Kaayyoo qabsoo jaallan keenya irratti wareegaaman kan mormu hunduu diinaa qabsoo Oromoo ta’a. Kanaafis waan darbe irraa barannee ammas akka qabsoon keenya deebi’ee hin butamnee fi Jaarmiyaa keenya cimsuun karaa siyaasaa,diinagdee, hawaasummaa,waraanaa, tiikaa, Midiyaa fi diplomacy ciiminaan hojjachuu qabna. Kanas yeroo jennu dhaaba qabsootti jiru isa harkaa qabnuu cimsuun barbaachisaa dha.

Ilmaan Oromoo har’a gaaffin jaallan keenya waggaa 45 dura  dirree waaraanaa hunda keesatti itti wareegaman maaltu deebi’ee maaltummoo deebii hin argaanne? jeechun  gilgaallee kaayyoo jaallan qabatanii qabsoo gochaa turanii fi  jiran moggaattii dhiisun murna aangoo dhuunfatee impaahera xoophiyaa tiksuuf kakateen mootummaa Oromoo jechuun waamun dogongora. Mootummaan kuni yoollee tahe kan aantummaa habashaa( mootummaa Nafxanyaa) waan taheef jaallan irbuu hangafootaa qabatanii qabsootti jiran keessumaa jaallan dirreetti hafanirratti karaa hedduun dullchisanii  kaayyoo fi  maqaa isaani xureessun, shiiftaa jeechun, WBO dhabamsiisuf  ummata keenya godinootaa akka Booranaa, Gujii lixaa fi bahaa  Wallagga Lixaa , baha, Qallam Wallaggaa, giddu galeessa Oromiyaa, Karrayyuu fi  Wolloo irratti sanyi duguuggaan adeemsisa jira. Maqaa shiftaa dhabamsiifna jedhuun mootummaan  koloneel Abiy  Ahmadiin gaggeefamu uummata keenya Wallaggaa rasaasan baatii 10 dura rukkutuu hunda keenyatu beeka. Haa tahu malee WBOn daranuu jabaachaa fi injifannoo gonfachaa dhufe malee hin banne.  WBO dhabamsiisuu, jechuun saba Oromoo dhabamsiisu akka tahetti ilaaluu  waan hanqataniif abjuu hin taane abjootan. Oromoonis kana jala harraqee beekuu qaba;WBOn dantaa Oromootin ala faayidaa biraa hin qabu. Gaachana uummata Oromoo waan taheef akka ija keenyatti tikfachuun injifannoo waloo gonfachuu qabna.

Qabsoo keenya galmaan gahuuf  seeraan of ijaaruu qabna.

ABOn Jaarmayaa qabsoo bilisummaa Oromoo waggaa 45 guutuu kaayyoo jaallan hedduun itti wareegaman qabachuun qabsoo karaa siyaasaa, waraanaa, diinagdee, diplomacy, fi hawaasummaa haala cimaa keessatti geggeessaa tureen, hedduu itti milka’uun, jijjirama amma dhufe jedhamee faarfaamu kanatti wareegam gam-baayyeen kan itti baase ifa waan taheef ABOn qoodaa leencaa qaba yoo jenne dhugaa irraa fagoo hin tahu. ABOn haala hammaataa sana keessaatti FDG’n akka karaa nagaa gaggeeffamuuf Qeerroo Bilisummaa ijaaruun sochileen hedduun godhamaa dhufuun booddee Oromoota mooraa qabsoo Habashaa keessa turanillee ofitti hawwachuun qaama sochii guddaa sanaa akka tahan godheera.  ABOn qabsoo kara nagaa qeerroon bilisumma Oromoo, qabeenya isaa akka meeshaa lolaa godhatee, uummati Oromoo qabeenya isaan akka falmatu barsiisee dha. Ummati Oromoo karaa qeerroo Bilisummaa Oromoo qabeenya isaan falmachuun bu’aa qabsoo akka qabu baree, tarkanfii gabaa lagachuu, diina waliin daldaluu diduun diinagdee biyyattii akka laamsha’u taasisuun Wayyaanee waggaa 200 nu  bituufi saganteeffatte aangoo irraa akka dudda duubatti deebi’an Tigrai tii akka galan godhee jira. ABOn walii galatti abbaa ‘jijjirrama’  ammaa dhufe jedhamee garuummoo sabboontonni keessatti dhiibbamaa, hidhamaa fi ajjeefamaa jiran kanaa tahuu sabi Oromoos tahee firrii fi diinnis liqimsuu qaba.   Hata’u malee akkuma yeroo hunda, qabsoon wareegaamni cimaan itti bahe har’as butamuun akkuma jaal Marroon nu yaadachise imaanaa qabsoo,kaayyoo qabsoo fi qabsoofnee qabsoofnee yeroo taakkuun tokko nu hafu dhiifnee sirna gabrummaa jala akka jirru gabaabatti beekuu qabna. Yeroo afaan faajjii akkanaa keessatti, ‘’…sabi Oromoo bilisa bahe jira…’’warra jedhanii fi warra, ‘’…kaayyoon qabsoo Oromoo ammayyuu galma hin geenye,kanaafuu qabsoon itti fufuu qaba.’’ jennu gidduutti falmiin tahaa jirus hanga uummanni keenya dammaqee dhugaa jirtu hubatutti itti fufa.Yookan garuu yeroo dhiyootti akka namuu hunatee gamtaan dhaabbannee gabrummaatti xummura goonu abdii qabna..

Waan darbe irraa barannee akkamitti kaayyoo keenya fiixan baasuun abba biyyummaa keenya  mirkaneffannee, daangaa keenya tikfaanna kan jedhu iratti xiyyeeffanna. Kunis kan galma gahu yoo seeran kaayyoo qulqulluu qabsaahonni keenya durii hanga yoonaa irratti wareegaman sana irratti sirnaan of ijaarree sochoone duwwaa dha.

Jaarmiayaa, jaarmiaya ammas Jaarmaya!

Hayyuu fi hundeessaan paan Afrikaan kan turee fi pirisidantiin Gaanaa kan jalqabaa,  Kwame Nkrumah Afrikaanotaaf dhaamsa,‘’The organization determines everything, So get organized yourself and determine your will. ‘’ kan jedhu dhaamefii ture.

Jaarmaya maatii keessaa kaanee yoo ilaalle, namni 2 jaalalaan wal fuudhuun  yommuu bultii ijaaru maatii taha. Mana isaa, qe’ee isaa , daangaa isaa waliin tikfachuun abba qe’ee jedhamee waammama. Ijoolle horee, kunuunsee guddifata. Kabajaa ollaa, maatii isaa fi saba irraas argaata.  Kanaaf jaarmayaan maati irraa jalqabnee yoo ilaalle, sabi Oromoo, oromummaa waltajjii taasifachun of ijaaruun akka sabaatti of jiraachisuf tahuu qaba. Osoo of hin ijaarin waan barbaannu argachuu hin dandeenyu.  Kanaaf jecha hunda dura Oromoon akka sabaatti of ijaaruun Oromummaa fi seenaa qabsoo  isaa seeran barachuu qaba. Erga Oromuuma isaa baratee, akka saba gabrummaan bulu tahuu isaa hubatee, gabrummaa jala of baasuf  adda bilisa baastuu tokko jalatti gurmaa’uun bilisa of baasuu qaba. Itti aansuun dammaqiinsa gahaa argachuun hiree ofii ofiin murteeffachuu qaba. Sabi sirna gabrummaa jala jiraatu tokko of ijaaruun gamtaan sochii gochuu hanqachuudhaan jaarraa 21ffaa keessa gabrummaan jirachun salphina guddaadha. Osoo sirnaan kaayyoo tokko jala hiriiree jiraatee, gantoonni maqaa isaatin daldalaan qabsoo isaa gatachiisee, isumaan isa qoodee uummati Oromoo, Gujji, Boranaa, Wallaggaa qofaan  itti duullamee hin ajjeefamu ture. Silaa gamtaa fi tokkummaan waliif dirmata ture. Waan hin ijaaramneef diinni kaleessaa fi har’aa isa mooksee tokko gowwoomsee isa tokkotti duulee ajjeesaa jira. Oromoon akka sabaatti of ijaare jechun bilisoome jechuu dha.

Barruu keenya itti aanu keessatti  gadi fageessineet mata duree barbaachisummaa jaarmayaa jedhu kan journaala Bilisummaa keenyaaf jedhu keessatti afaan Ingliffaan waggaa 30 dura maxxanfame irraa debinee maxxansuun wal yaadachiifna.

Oromoon akka sabaatti jaarmayaa cimaa ofii isaa ijaarrachuu dhadhabuun erga gaafa sirna gabroomfataa keessatti kufee kaasee ergamaa diinaa tahee diina tajaajilaa argamuun akka aadaa keenya tahaa dhufetti alagaanis ittiin nu arrabsaa fi nus kanuma argaa jirruu dha. Kuni eessatti fi akkamiin akka dhaabatu ammaaf beekuun nu rakkisullee dhaloonni kufaatii keenyaa kaleessaa xinxaalee irraa barachuun dhaloota miiila isaa lamaanin of dandahee dhaabbatuu fi ofitti amantummaa guutuu qabu, Dhaloota qubee horachaa jiraachuun keenya ifa gala. Kana keessattis Oromoo Oromoon cabsuun tooftaa diinaa tahee osoo jiruu, waggaa 150 keessatti irraa barachuun furmaata itti gochuu dhadhabuun madda rakkoo qabsoo Oromoo keessaa isa tokkoo tahe argina. Kun ammas gaaffii yeroo tahee waan argaa jiruuf qabsoon bilisummaa fi walabummaa akka milkaa’uuf rakkoon kun xiyyeeffannaa barbaada.

Xummura

  • Sabni hedduun addunyaa kana keessa jiru seenaa keessatti yeroo tahe sirna gabrummaa jalatti kan kufan akka turan ni   Gaaffi ofii sirnaan ibsachuun uummata gabroomne jedhu hunda ijaarun bilisummaa ofii gonfachuun ijoo guddaa saba gabrummaa jalatti kufee tahuu qaba. Sabni akka keenyaa Haala akkana keessati  gabroome jiru gamtaan walfaana qabsaa’ee  bilisummaa isaa argata malee akka ammaa argaa jirrutti dhaabolii siyaasaa Oromoo jechuun saba Oromoo afaan faajjessun achumatti lafa dhiitaa ofis gowwwoomsaa fi wal sobaatii abbaltii fi dirqama diinaa rawwachuu duwwaa taha dhumni isaa.
  • Rakkoo qabsoo keessati nu muudataniif qabsoofne qabsoofnee sababiin yeroo galma qabsoo keenyaa gahuuf taakkuun tokko hafu  aangoo abashaalota arrba-qareeyyii kanneen xawalwaallummaan jiraatanitti laannee manatti galuun rakkoo furmaata hin qabne nutti  tahee jiru hubachuun waan fardii ti.
  • Qabsoo keenya diinooti keessaa fi alaa irraa eeguu hanqachuun, yeroo hunda buutamee sirni kolonii alaagaa jalaa bahuu hin dandeenye.  Ummati keenya jaarra 21ffaa harka diinaa jala jiraachun isaa salphina keenya walii galaa waan taheef dammaquun of ijaarree, gaaffi tokko waliin qabnu bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa akka waloon qabsoofnee iggitii itti goonu  of qopheessuun barbaachisaadha.
  • Kan uuman uume jijjiiruun hin danda’a Kan namnii namarratti fe’e kan akka sirna gabrummaa garuo uummati gabroome waliin qabsoo hadhooftuu godhee ofirraa kaasuu ni danda’a.Kanaafuu falli nuti akka sabaatti qabnu yookan bilisoomnee nagaa fi bilisummaan jiraachuu, yookanis  gabrummaa keenya baattannee harka laachuun  gabroomnee jiraachun filannoo keenyaa fi waan harka keenya keessa jiruudha.
  • Gabrummaan hagam akka hadhooftu argineerra waan taheef kana baannee jiraachuu akka namuu hin barbaanne beekamaadha, Bilisummaa mi’ooftuu Waaqayyoon nuuf laate,namni nurraa mulqe sana deeffachuuf rafuu osoo hin taane wal ijaarree gamtaan ofirraa kaasuun dirqama namummaati!

IUOF

Itti fufa….

Yaada qabdan nuu gumaachaa, yoo qeeqa qabaattanis: dibillii58@gmail.com

2 thoughts on “Qabsoo keenya taakkuun tokko hafe galmaan geenya, Kutaa 3ffa

  1. Dabbaal~mootii~gaaraa

    Ummanni,ofiif,qabsoofne.Injifannoos,arganne.Lammaa,fi.Dr.Abiyyiin,ala,dhaabni,siyaasaa,kan,nuqindeesse,hin,jiru.Maaf,sobdu?,qubee,qaama,siyaasaatu,uumee?Injifannoon,kuniis,sanuma.Ana,ana,inni,jedhu,soba.Kana,dhiisaa,dhiiga,keenyatti,bakka,godhaa.

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.