By | May 10, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?
Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Caamsaa 9, 2018

Bilisummaa

Caamsa 9, 2018: Waajiira Komaand postii Qaxanaa afur isa magaalaa Naqamtee jiru biraa qajeelafama kennameen baatii lama caalaaf to’annaa qajeelcha polisii godina Iluu Abba Boor jala kan turan hogganaan polisii magaalaa Mattuu Komaandar Nagaraa Dhufeeraa har’a waaree booda gadhiifamuu isaanii beekame.

Kutaa Kudha-afraffaa

Dhimma har’a yaada koo irratti barreessuu fedhu keessa osoo hin seenin dura, waayee MIDROC laalchisee waa jechuun barbaada. Dhimmi Laga Dambii dhimma Maastar Plaanii Finfinneerraa adda hin ta’u yoo jedhame dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Karoorri lamaaniituu Oromoorratti duula labsanii, karaalee adda addaatiin sanyii isaa dhabamsiisuu dha. Karaa injifannootiinis yoo fudhatame, uummatni keenya diina harka micciiree lamaanuu dhaabsisuu danda’ee jira. Kana hundaafuu galanni uummata keenyaaf keessumaayuu warra dhimma kanaaf jedhanii wareegama ulfaataa kaffalaniif haa ta’u. Asirraa wanti hubatamuu danda’u immoo Oromoon waan barbaadu argachuuf humnas, dandeettiis, beekumsas, qabeenya fi tokkummaas akka qabuu dha.

Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) hanga Abbaabiyyummaan Oromoo mirkanaa’utti cimee ittifufuu qaba

Haasa’a ykn makmaaksa Oromoo keessatti waan jedhamu tokkotu jira. Innis “Lafti bari’uuf yoo jettu dukkanni ni hammaata” jedhama. QBOnis isa kana wajjin walfakkaata. Akkamitti yoo jedhame, qabsoon kun bifuma kamiinuu haa ta’u injifannoodhaan xumuramuuf galii isaatittii dhiyaatee jira. Haa ta’u malee, akkuma makmaaksi jedhu, qabsoon kunis hanguma galiitti dhihaachaa deemutti, wareegamni kaffalamus kan dur caalaa hammaachaa deema jechuu dha. Kanaaf, diinnis nutti cimee, Oromiyaa guutuu keessatti karaalee adda addaatiin uummata keenya miidhaa jira. Injifannoon xumuraa garuu kan qabsoo haqaa waan ta’eef, QBOn diina injifatee, gabrummaa xumuree galii hawwamu akka gahu shakkiin tokko hin jiru.

Abbaabiyyummaa Oromoo mirkaneessuu jechuun maal jechuu dha?

Yeroo baay’ee waayeen kun yoo dubbatamu akka waan Oromoon biyya isaa kana fottoqsee deemuutitti laalama ykn hubatama. Kuni garuu dogonggora. Oromoon bakka irraa fottoqus ta’ee irraa deemu hin jiru. Duris achuma lafa isaarra ture, ammas borus achuma jiraata. Haa ta’u malee, diinni ittidhufee bilisummaa uummatni Oromoo qabaachaa ture fi biyya isaa irraa fudhatee; abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa irratti ta’ee; gama tokkoon qabeenya Oromoo saamaa gama biraatiin immoo biyyaa fi lafa Oromoorratti Oromoo hidhaa, dararaa, ajjeesaa; sabni Oromoo dhukkubaaf, beelaa fi gadadoodhaaf akka saaxilamu godhee; jireenya namaa agdii akka jiraatu taasisee waan as gaheef, diina kana ofirraa kaasee, hundeedhaan buqqisee, hiree ofii akka murteeffatu godhuu dha.

Gaafa diina isaa ofirraa buqqisee, bilisummaa isaa argate immoo, waa dhabee sana hundaa deebisee waan argatuuf, abbaa biyyaa fi abbaa qabeenya isaa ta’ee, abbaabiyyummaan Oromoos mirkanaa’e jechuu dha. Haala kana keessatti garuu akkamitti fi eenyu wajjin jiraachuu akka barbaadu; biyya akkamii ijaarrachuus akka fedhu kan murteeffatu uummatuma Oromoo ti. Biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti walfaanummaadhaan akka Federeeshiniitti jiraachuu yookaanis immoo mootummaa birmadummaa isaa dhaabbatee biyya walaba taate ijaarrachuuf murtii booddee kan qabaatu uummatuma Oromoo ti. Murtiin kun bakkee hin beekamnetti dursanii akka fottoquutitti hubachuun ykn hiika kana kennuun sirrii miti.

Abbaabiyyummaan Oromoo jijjiirama DhDUO/AWDUI keessatti godhamuun argamuu ni danda’aa?

Gaafii kanaaf deebii kennuuf qorannoos ta’ee xiinxala gadifagaate godhuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Haaluma deemaa jiru fi seenaa jaarmayoota kanaa yoo laalle, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, deebii gabaabaan gaafii kanaa “hin danda’amu” kan jedhu ta’a. Asirratti, gaafiin “Maaliif hin danda’amne?” jedhu ka’uu mala. Sababa kanaa gaggabaabsee ibsuun yaala.

  • ADWUIn walumaagalatti diina malee fira Oromoo tii miti. Mootummoota Habashootaa dhufaa dabran hundaa caalaa uummata Oromoorra miidhaan kan gahe mootummaa AWDUI jalatti waan ta’eef, diinarraa wanti eegamu hin jiru
  • DhDUOn kan har’a motora jijjiiramaa of fakkeessu kun hirribarraayuu kan dammaqe sochii uummata Oromootiini. Haa ta’u malee, uummata Oromoo galateeffachuu dhiisanii, har’allee sobuu fi uummata gowwoomsuu yaalan. Yoo uummatni callisee yeroo kenneef, akka waan uummatni tasgabbaayeetti laalanii amala isaanii kan dur sana agarsiisuu barbaadu. Yeroo kana immoo warra isaan ijaare sana tajaajiluu fedhu. Yoo uummatni itti ka’e, watwaatuu calqabu. Ammallee ofdanda’anii miila lmaan hin dhaabbanne.
  • Waan uummata Oromootiif dhaabbatan fakkaatanii garuu uummata kana diinaaf saaxilaa jiru. Kanaafuu, jijjiirama fidanii gaafii Oromoo deebisuun hafee, nagaa uummatichaatuu eegsisuu hin dandeenye, hin danda’anis. Sabboontotni quuqama uummata kanaa qaban as bahaa jiraatanillee, DhDUOn akka jaarmayaatti ammallee kaayyoodhuma ijaarameef sanaaf hojjechaa jira.
  • Maqaa jijjiiramaa fi maqaa Araat Kiiloo galuutiin daldalaa, garuu al-kallattiidhaan diina (Wayyaanee) isaan duuba riphee callisee daba hojjechaa jiru kanatti lubbuu horaa jiru; akka diinni afuura galafatu godhaa jiru malee jijjiirama barbaadamu fiduuf fedhiis ta’ee humna hin qaban. Namootni fedhii dhuunfaatiif jedhanii diina wajjin hojjechaa jiranis jaarmayaa kana keessa baay’eetu jiru.
  • Jijjiiramallee fiduuf kan tattaafatan yoo ta’an, jijjiiramni isaan fiduu malan sirna tortoree baduuf deemu kana suphanii, lubbuu itti deebisanii uummatrra tursiisuuf yoo ta’e malee, abbaabiyyummaan Oromoo jaarmayoota kana jalatti gonkumaa mirkanaa’uu hin danda’u. Akkuma kanaan dura irra deddeebi’ee barreessaa ture, DhDUOn QBO gargaaruu caalaa gufuu ittita’uuf akka jiru dhugaan kun hubatamuu qaba.

Egaa, abbaabiyyummaa Oromoo mirkaneessuun hafee, jaarmayoota kana keessatti, sirna kana suphuudhaan jijjiiramni xixiqqoon hawwamullee argamuu akka hin dandeenye fakkeenyota tokko tokko kaasuu yaalee jira. Kanaafuu, gabrummaa xumuree, abbaabiyyummaa Oromoo mirkaneessuu kan danda’u qabsoo cimsanii ittifufuudhaan Oromoon hiree isaa ofiif/ofiin mirkaneeffachuu akka danda’u taasisuu qofaa dha. Karaan, malas ta’ee falli biraa hin jiru. Jaarmayaa ofiifuu bilsa ta’ee hojjechuu hin dandeenye fi humnas hin qabnerraa waa eeguu dhiisanii qabsoo cimsanii hanga galii booddeetitti ittifufuu dha malee filannoon biraa hin jiru.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

13. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudha-afraffaa
12. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhalammaffaa
11. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhatokkoffaa
10. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kurnaffaa
9. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saglaffaa
8. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saddeettaffaa
7. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Torbaffaa
6. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Jahaffaa
5. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Shanaffaa
4. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa
3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Sadaffaa
2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.