By | May 18, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?
Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 Berhanu Hundee, Caamsaa 18, 2018                        

Kutaa Kudhajahaffaa

Akkuma beekamu Afaan Oromoo utubaalee (pillars) sadeen Oromummaa (Afaan, Aadaa fi Seenaa Oromoo) keessa isa tokko fi hangafa dha. Injifannoolee Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) hanga har’aatti galmeesse keessaa inni guddaan tokko immoo Qubee Afaan Oromoo ti. Qubeen mallattoo eenyummaa keenyaa ti jechuu ni danda’ama. Dhalootni Oromoo kan har’a diina jilbiifachiisaa jiru kunillee Qubee kanaan yaamama. Qubeen mallattoo bilisummaa ti yoo jedhamellee dhara hin ta’u. Sababa kanaaf Qubeen diinota keenyatti dhukkuba mataa isaanitti taatee; ishii balleessanii qubee Saaba atiin bakke buusuuf hawwu. Qubeen Saabaa ykn Gi’izii Afaan Oromoo barreessuuf akka hin tolle itti himamus, dhugaa kana amananii hin fudhatan. Haa ta’u malee, isaan fudhatanis dhiisanis, waan nuuf ta’u nutu murteeffata malee namni biraa kana nuuf godhuuf mirga hin qabu. Kanaafuu, mallattoo keenya kana tikfachuun, kunuunsuu fi guddisuun dirqama Oromummaa ti.

Afaan Oromoo waggoota 27 dabran kana keessatti akka guddachuu qabutti guddatee jiraa?

Gaafii akka mata dureetti ka’e kanaaf, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, deebii kennuu osoo hin yaalin dura, barreeffama kutaa kanaa keessatti waayee Afaan Oromoo waanan kaaseef sababaalee adda addaan qaba. Akkan dhimma kanatti xiyyeeffadhu kan na taasise immoo “YUNIVARSITII SALAALEE” kan jedhu mallattoo (logo) tokko akka tasaa Face Book irratti argeen ture. Mallattoon kun wixinee (draft) ta’uu ykn isa xumuraa (final) ta’uu isaa waanan quba qabu hin jiru. Rakkoolee gurduddoo osoo qabnuu dhimma kana akka waan guddaatti laalee dubbii oo’isuufis miti. Haa ta’u malee, dubbiin tokko waan salphaa dha ykn xiqqaa dha jennee yoo bira dabarre, booda rakkoo guddaa ta’ee as bahuu mala. Kanaafan dhimma kana waayee Afaan Oromoo wajjin walqabsiisee kaasuu barbaade. Dhimmoota isa kana wajjin walfakkaatan gara boodaan ittideebi’a.

Amma gara gaafii mata dureetitti deebi’uuf, sadarkaan Afaan Oromoo har’a irra jiru gammachiisaa fi boonsaa ta’ulle; Afaan kun waggoota 27 keessatti akka guddachuu qabutti waan guddate natti hin fakkaatu. Dhugaa dha, Oromiyaa keessatti Afaan barumsaa fi Afaan hojii ta’ee jira. Garuu karaa adda addaatiin yoo laalame, dhiibaan akka irra jiru hubachuun waan nama rakkisuu miti. Tokkoffaa, dhiibbaa alagaatu jira. Akkuma jedhame, Afaan Oromoo eenymmaa Oromoo fi Qubeen immoo mallattoo bilisummaa waan ta’aniif, isaan kun diina fi alagaa hin gammachiisan. Kanaaf, kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan; dhoksaanis ta’ee ifatti Afaan keenya akka hin guddannee fi dagaagne shirri irratti hojjetama. Lammaffaa, dhugaa haa dubbannu yoo jenne, Afaan Oromoo har’a abbaa hin qabu. Yoon akkana jedhu Mootummaan Naannoo Oromiyaallee dhugumatti Afaan kana guddisuuf waan ciminaan irratti hojjete ykn hojjetu natti hin fakkaatu.

Qubee mallattoo keenyaa kanallee mudaa itti uumuuf, wanti hojjetamaa ture yaadannoo yeroo dhihoo ti. Tartiiba qubee ni jijjiirra jedhanii akka yaalii godhaa turan; garuu mormii fi sochii cimaadhaan dirqifamanii akka waan kana dhaaban ni yaadatama. Kuni kan agarsiisu Afaan Oromootiif dantaa akka hin qabne dha. Afaan kun akka sirriitti guddatu silaa bajata guddaatu kennameefii, irratti hojjetamuu qaba ture. Kana godhuun hafee, Afaanuma kana qulqulleessuuf tattaaffiin waan godhame hin fakkaatu. Bakke tokko tokkotti Afaan kun biyyuma isaa Oromiyaa keessatti akka dhukatullee taasifamaa jira. Isa kanaaf fakkeenyota tokko tokko boodarra kaasuun yaala. Walumaagalatti yoo laalame, Afaan Oromoo akka guddachuu qabutti hin guddanne. Waggootni 27 dheeraa dha umrii dargaggeessa tokkoo ti. Afaan kenya garuu ammallee daa’ima jechuu ni danda’ama.

Afaan Oromoo biyya isaa Oromiyaa keessatti dursa argachuun dirqama

Akka hawwamuu fi dubbatamaa jirutti, Afaan Oromoo Afaan Federaalaa akka ta’uu qabuu dha. Kuni immoo hawwii Oromoo hundaa ti yoo jedhame dhara hin ta’u. Haa ta’u malee, hawwiin kun akkuma jirutti ta’ee; wanti dagatamuu hin qabne tokko, Afaan Oromoo Oromiyaa biyya isaa keessattuu Afaan biyyaa ta’ee guutumaa guutuutti mula’chuu hin dandeenye. Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessattuu idleedhaan (formally) Afaan hojii haa ta’u malee, waajjiraalee hundaa keessattuu Afaan kun olaantummaa qabaa? Waajjiraalee fi dhaabbattootni (institutions) adda addaa Afaan kanaan sirriitti hojjetuu? Afaan kana calaqqisuu, mul’isuu? Maqaaleen daldalaa (business), dhaabbilee barnootaa, hoteelaa, mana nyaataa fi dhugaatii, mana bashannanaa fi kkf hunduu Afaan kanaan barreeffamanii jiruu? Yoo barreeffamanii ta’e immoo sirnaan barreeffamanii jiruu?

Fakkeenyaaf maqaaleen dhaabbilee barnootaa (educational institutions) kan akka Yunivarsitilee Oromiyaa Afaan kanaan mul’atuu? Gaafii bay’ee asitti tarreessuurra mee fakkenyota muraasa ta’an tokko tokkon tuttuquu yaala. Yunivarsitiilee Oromiyaa yoo laalle, Yunivarsitii Amboorraa kan hafan hunduu Afaan Alagaa malee kan keenyaa hin mul’isan; yoo mul’isanillee baay’ee xiqqaatee fi dhokatee mul’ata. Kuni maaliif ta’e? Yunivarsitiilee kanatu Oromiyaa ala jiru moo isaan kun qabeenya Oromiyaatii miti? Afaan kanatti fayyadamuun qaanii ta’e moo tuffii Afaan kanaa qabanii dha? Afaan kana dhoksuun eenyummaa Oromoo dhoksuu dhaa bar!! Eenyummaan keenya biyyuma Abbaa keenyaa keessatti dhokataa? Dhimmi kun salphaa ykn laayyoo fakkaata malee dhimma guddaa dha. Kanaaf hubatamuu qaba.

Dhumarratti, guddinni Afaan Oromoo guddina hawaasa keenyaa ti; guddina biyyaa fi saba keenyaa ti. Afaan kana guddisuun qaama Qabsoo Bilisummaa Oromoo waan ta’eef, guddina Afaanichaa kanarrattis ciminaan hojjechuun dirqama Oromummaa ti. Afaan keenya Afaan Federaalaa akka ta’u hawwuu dura, mee biyyuma isaa keessattuu xiyyeeffannaa haa argatu. Wanti sirraa’uu qaban haa sirraa’an. Afaan keenya Oromiyaa keessatti dursa argachuu fi guddatee ifaa ifatti barreeffamuu qaba. Yeroon Afaan keenya keessatti dhokatu dabree jira. Mqaaleen daldalaas ta’ee kamiiyyuu dursanii Afaan kanaan barreeffamuu qabu. Waajjiraaleee Oromiyaa keessattis Afaan keenya qulqullinaan ittfayyadamuu qaba. Yeroon Afaan keenya xureessinuu fi dhoksinu dabruu qaba.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

15. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhashanaffaa
14. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudha-afraffaa
13. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudha-afraffaa
12. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhalammaffaa
11. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhatokkoffaa
10. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kurnaffaa
9. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saglaffaa
8. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saddeettaffaa
7. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Torbaffaa
6. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Jahaffaa
5. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Shanaffaa
4. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa
3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Sadaffaa
2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.