By | April 24, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Ebla 24, 2018 


Kutaa Kudhalammaffaa

Haasa’a adda addaa Muummichi Ministeerotaa (MM) Dr Abiyi godhaa ture laalchisee tibba kana waa baay’eetu dubbatamaa fi barreeffamaas jiru. Waan tokko tokkorratti yaada kiyya kennuuf ofqusadheen ture. Haa ta’u malee, dhimmi tokko kan dhiifamuu hin dandeenye fi akka laayyoottis laalamuu hin qabne, waayeen Sabboonummaa Oromoo qalbii kiyya waan hawwateef, asirratti yaada gabaabaa dhiyeessuun fedha. Dhimma kanarratti waa baay’eetu dubbatame, waa hedduutu jedhames. Ta’us garuu dhimma baay’ee murteessaa ta’e kana laalchisee anis yaadan qabu ibsuun barbaada.

Sabboonummaan Oromoo mallattoo guddina Oromummaa waan ta’eef, gadi xiqqeeffamee laalamuu hin qabu

Akka yaada fi laalcha kiyyaatitti, Sabboonummaan Oromoo guddina Oromummaarraa madda. Gabaabumatti nama Oromummaan bilchaatetu, nama Oromummaa hubatetu, nama beekumsa Oromummaa qabutu, nama Oromummaa jaalatutu, nama saba ykn uummata ofiitiif quuqamutu Sabboonaa ykn Sabboontuu ta’uu danda’a. Asirratti wanti hubatamuu qabu, beekumsa Oromummaa qabaachuu, Oromummaan bilchaachuu fi Oromo ta’anii dhalachuu jidduu garaagarummaa guddaatu jira. Isa kana ibsuuf dura hiika Oromummaa kaasuun barbaachisaa dha. Oromuummaan utubaalee gurguddoo sadirratti hundaa’a (the three pillars of Oromummaa). Isaanis:

  • Aadaa Oromoo
  • Seenaa Oromoo fi
  • Afaan Oromoo ti.

Beekumsa, hubannoo fi jaalala waan sadeen kanaa qabaachuutu bilchina Oromummaa agarsiisa. Oromummaan bilchaachuun immoo Sabboonummaatti nama geessa jechuu dha.

Egaa haala kanaan yoo laalame, guddina fi dagaagina Oromummaatu Sabboonummaa Oromoo guddisa, dagaagsa. Oromummaan guddachuu fi dagaaguun eenyummaa Oromoo caalatti Addunyaatti beeksisa. Eenyummaa Oromoo Addunyaatti beeksisuu jechuun immoo, Oromoo guddisa malee gadi xiqqeessee gandatti hin galchu. Dhugaan kun karaa kanaan yoo hubatame, Sabboonummaan Oromummarratti hundaayes saba Oromoo ni guddisa malee hin xinneesu. Maarree, guddachuu saba keenyaatu akka dhimma gandaatti laalamaa? Dhimma baay’ee murteessaa ta’e kanatu akka laayyootitti laalamee gadi xiqqeeffamaa?

Mee ofduuba gargallee waan keessa dabarree, as geenye haa laallu. Galanni guddaan qabsaa’ota Oromoo kan wareegamaniif haa ta’uu; Oromummaa dur dagatamuu bira dabree awwaalamuuf bool’a qarqara gahee ture sanatu badii sanarraa dandamatee, guddachaa dhufee, Sabboonummaa Oromoos jabeesse. Sabboontota kumaatama horuu danda’e. Sabboontota sanatu utubaalee sadeen armaan olitti ibsaman sana jabeessaa dhufanii; bara 1991 injifannoolee gurguddoo galmeessan. Oromiyaan ijaaramtee Afaan Oromootiin akka hojjettu taasifamte. Qubeen Afaan Oromoos dhalatee, hojiirra oolee, guddatee kunoo sadrkaa kanarra gahe. Dhaloota Qubeetu uumame; dhaloota kanatu gabrummaa baachuu didee kunoo diina raasaa jira. Isa kanatu MM kanallee taayitaa guddaa kanaan isa gahe.

Kana jechuun dubbii walqabsiifnee yoo laalle, kan har’a OPDO dammaqsee hirriibarraa kaase; kan Team Lammaa jedhamu dhalche; isa kana keessaa immoo akka Dr Abiyi bahu kan taasise, Sabboonummaa guddachaa fi dagaagaa as gahe kana dha. Isa kanatu OPDOllee ganda keessaa baase malee gandatti gadi hin deebisnee bar!! MM Dr Abiyi galata Sabboonummaa Oromoo dagatee, kan isa guddisee sadrakaa kanaan isa gahe sana gadi xiqqeessuu yaaluun sammuu akkamiitiin yoo yaaduu dha? Maaltu kanaan isa gahe? Alagaan gammachiisaatti mana ofiitti ibidda qabsiisaa jiraa? Manni kun akka diigamu barbaadaa? Eenyummaan Oromoo kan Oromummaarratti hundaa’e fi kan guddina Sabboonummaatiif bu’ura ta’e kun akka badu fedhaa? Akkuma jedhamu dhugumatti Itoophiyummaan araada (suusii) itti ta’ee, mirqaansa kanaan Sabboonummaa Oromoo gandatti galchaa jiraa??

Namni ani Oromoo dha ofiin jedhu; namni quuqama saba ykn uummata Oromootiif qabu; namni eenyummaa Oromoo jaalatu; namni Oromummaan boonu waan Oromummaarraa maddu gadi xiqqeessuun salphina abbaa sanaa ti. Akkuma armaan olitti ibsame, Sabboonummaan Oromummaarraa madde kun gadi xiqqeeffamee yoo laalmu, Oromummaatu gadi xiqqeeffamee laalame jechuu dha. Oromummaan gadi xiqqeeffamuun immoo Itoophiyummaaf karaa baasa, balbala bana; waan hanga har’atitti dhiiga fi lafee ilmaan Oromootiin ijaarame hundaa diiguu ta’a. Oromoo fi Oromiyaa gaga’ama keessa galcha. Egereen keenya akka dukkanaa’u godha. Kanaafuu, waan akkanaa kanatti qoosuun innumtuu mataan isaa diinummaa dha. Kuni firaafis ta’ee diinaaf ifa ta’uu qaba. Sabboonummaan furtuu dha malee qoosaa miti.

Sabboonummaarratti duuluun, Oromummaarratti duuluu dha. Saba guddaa kana xiqqeessuu dha malee; karaa faallaa ta’een akka waan Sabboonummaan Oromoo, saba ykn uummata Oromoo xiqqeessuutti laaluun dogonggora guddaa dha. Kan dhiifamni hin godhamneefii dha. Sabboonummaarratti duuluu jechuun Oromoo fi Oromiyaarratt duuluu akka ta’e hubachuun barbaachisaa dha. Kun dubbii oo’isuu miti. Balaa dhufuuf deemu hubachuu dha. Sabboonummaa Oromoo malee Qabsoon Bilisummaa Oromoos (QBO) galii hawwamu hin geessu. Qabsoon galii isaarraa hafuun immoo gabrummaa bifa biraa keessa seenuu dha. Sabboonummaa gadi xiqqeessuun QBO tuffachuu dha.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

11. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhatokkoffaa
10. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kurnaffaa
9. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saglaffaa
8. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saddeettaffaa
7. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Torbaffaa
6. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Jahaffaa
5. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Shanaffaa
4. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa
3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Sadaffaa
2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.