By | April 15, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Bitootessa 18, 2018

Kutaa Afraffaa

Barreeffama kutaa sadaffaa keessatti jaarmayootni siyaasaa Oromoo biyya keessas ta’ee biyya alaa yeroo ammaa jiran, kan diinarraa walaba ta’an, akka kaayyoo fi galii isaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti qabanitti iddoo ykn bakkee gurguddoo lamatti baasamanii ibsamanii jiru. Akkasumas mata duree kaayyoon jaarmayoota kanaa wal faallessa moo wal tumsa? jedhu jalatti walfakkeenyi kaayyoo fi garaagarummaan galii isaani barreeffama kutaa sanaa keessatti ibsamee jira. Haa ta’u malee, rakkooleen mooraa keenyaa gama biraatiin yoo laalaman, rakkoolee kaayyoo fi galii qofaa akka hin taanes ni hubatama. Waayee kana barreeffama kutaa afraffaa kana keessatti laalla.

Jaarmayootni Oromoo kan kaayyoo fi galii tokko qaban maaliif waliigaltee dhabu?

Garaagarummaan kaayyoo fi galii QBO jaarmayoota keenya waliigaltee dhoowwanillee, kan waliigaltee isaan dhabsiise garaagrummaa kaayyoo fi galii qofaa akka hin taanes beekamaa dha. Akkamitti yoo jedhame, jaarmayootni galii tokko ykn walfakkaata qabanuu waliigalanii tokkummaa ykn tumsa ijaaruu hin dandeenye. Fakkeenyaaf, jaarmayoota Oromoo kan garee “Humnoota Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa” keessa jiran kan akka:

  • Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kan Obboo Daawud Ibsaatiin hogganamu;
  • ABO kan Obboo Galaasaa Dilbootiin hogganamu;
  • ABO kan maqaa “ABO Tokkoome”n of waamu;
  • Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) kan Generaal Kamaal Galchuutiin hogganamu;
  • Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa, kan maqaa ULFOtiin beekamu, fi k.k.f

hundi isaaniituu kaayyoos ta’ee galii qabsichaa isa xumuraa tokko waan qaban natti fakkaatu. Wanti beekamu kana ta’ee osoo jiruu garuu wanti jaarmayoota ykn gareelee kana tokko isaan godhuu dhoowwe maal akka ta’u namaaf hin galu. Caalaatti kan nama gaddisiisu immoo, jaarmayootni kun galii tokko osoo hawwanuu; isa kanas bakkaan gahuuf waliin hojjechuun osoo isaanirraa eegamuu, faallaa kanaatiin diina dhiisanii walirratti duulaa yoo jiran mul’ata. Anatu caala jechuu, tokko kan biraa dhabamsiisuuf yaalii godhuu isaaniitu mul’ata malee, mee koottaa teenyee waliin mar’iannee rakkoolee keenya furannee; qabsicha kana gara fuulduraatti haa oofnu jechuun isaanii hin argamus, hin dhagahamus. Kunis qabsicha kanatti qormaata biraa akka ta’u waan hubatan natti hin fakkaatu.

Jaarmayoota Oromoo kan garee “Humnoota Bilisummaa Oromoo fi Diimookraasii” keessa jiranis, fakkeenyaaf:

  • Adda Diimookraatawa Oromoo (ADO);
  • Kongresii Federaalistii Oromoo (KFO) fi kan biroos

yoo laalle, kaayyoos ta’ee galiin isaan hawwan yoo tokko ta’uullee baate, walfakkaataa dha jechuu ni danda’ama. Haa ta’u malee, isaan kunis walitti siqanii tokkoomuuf ykn tumsa uumuuf waan carraaqan natti hin fakkaatu. KFOn (Oromo Federalist Congress-OFC) gama isaaniitiin jaarmayoota lama kan duraan turan WFDO fi Kongresi Uummata Oromoo (Oromo National Congress) walittibaqsanii jaarmayaa tokko godhanii jiru. Isaan kun fakkeenya gaarii ta’uu qaban turan. ADOn garuu akkan hubachaa jirutti, mooraa QBO keessatti jaarmayoota keenya waliin tumsa uumuurra mooraa alagaa keessa tumsa biraa barbaaduu filatanii; isa kanarrattis hojjechaa waan jiran fakkaata.

Akkuman tanaan duras barreeffama tokko tokko keessatti ibsuu yaale, akka yaada kiyyaatitti, jaarmayootni Oromoo tokkummaa ykn tumsa keessaa (internal unity or alliance) osoo hin uumin dura, tumsa alaa (external alliance) barbaaduun gaaga’ama qabaachuu mala jedheen amana. Tokkummaa fi tumsa Oromootiin humni Oromoo yoo hin jabaanne fi abdachiisaa hin taane, waliigaltee alagaa wajjin godhamuuf deemu keessatti tuffatamuu fi kana wajjin walqabatee dogongorri hojjetamuu mala. Dhimma kana akka fakkeenyaatitti yoo kaasne, yoo jaarmayootni Oromoo humnoota Habashootaa wajjin waliigaltee godhuuf deeman, xiqqaatee yoo xiqqaate waayee Finfinnee fi Qubee Afaan Oromoo irratti akka Oromoon barbaadutti isaan wajjin waliigaluun rakkisaa ta’a.

Adeemsa akkanaa kana keessatti humni isaanii caalee yoo argame fi kan Oromoo laafe, injifannoolee QBOn hanga har’aatti galmeesseyyuu gaaga’ama keessa galuuf deeman jechuu dha. Dhimma kana akka salphaatti ykn laayyootti laaluu hin qabnu. Karaa biraatiin immoo, diina amma nu fixaa jiru Wayyaanee injifachuuf qofaa osoo hin taane, humni mooraa Oromoo cimuun fuulduree (egeree) keenyaafillee wabii ta’a. Kanaaf,tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO murteessaa ta’a. Haa ta’u malee, kun hawwii qofaa ta’ee hafe; wanti hojiidhaan lafarratti mul’atu ni dhabame. “Namootni mana tokko ijaaran citaa wal hin saaman” kan jedhamu mooraa keenya keessatti waan hojjete fi hojjetus natti hin fakkaatu. Kun gaddisiisaa dha. Tokkoomanii humna cimsuun hafee, osoo walirratti duuluu dhiisaniiyyuu waan gaarii dhaa bar!!

Ammas wanti ani irra deebi’ee, irra deddeebi’ee jechuu barbaadu, ijaarsi tumsaa sadrkaa sadarkaadhaan ta’uu baannan bu’aa waan nuuf fidu natti hin fakkaatu. Sadrkaa sadarkaadhaan yoon jedhu maal jechuu kooti?

  • Tokkoffa, dura warri kaayyoos ta’ee galii tokko qaban tokkummaa ijaaruu dha;
  • Lammaffaa, warri kaayyoo tokko qaban garuu galii adda addaa hawwan immoo tooftaa fi tarsiimoo waloo tokko uumuuf tumsa ijaaruu qabu;
  • Sadaffaa, jaarmayoota kaayyoo fi galii walfakkaata qaban, kan hiree tokko qaban, warra uummattoota cunqurfamoof qabsaa’an wajjin tumsa bilisummaa ijaaruu dha;
  • Afraffaa, sadrkaaleen sadeen armaan olii kun milkiidhaan yoo xumuraman booda tumsa-hunda-hammataa (All-Inclusive Alliance) ijaaruu dha.

Karaa kanaan yoo ittideemame malee, humni jabaa fi abdachiisaa ta’e, kan diina injifatee; egereellee tiksuu danda’au uumuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Kophaa kophaa deemuun kophaa kophaatti rukutamuu ta’a malee waan barbaadan tokko argachuun hin danda’amu.

Waliigaltee dhabuun jaarmayoota Oromoo, waliigaltee dhabuu hawaasota Oromootiifillee bu’ura ta’a. Rakkoolee jaarmayootni keenya uuman hundeeffatanii; gareedhaanis ta’ee nam-tokkeedhaan walirratti duulu. Kun hawaasota Oromoo keessatti ifaa ifatti mul’achaa ture ammas jira. Hanga jaarmayootni keenya rakkoolee isaanii hin hiikkannetti, deeggartootni fi miseensotni jaarmayootaas walirratti duuluu hin dhaaban jechuu dha. Maddii ykn burqaan rakkoo keenyaa jaarmayoota keenyarraayi. Dhugaan kun hubatamuu qaba. Osoo diinni sanyii keenya duguugaa jiruu, nuti waliigaltee dhabnee diina fuunduratti maaliif wal nyaanna??

Rakkooleen jaarmayoota jidduutti uumaman, miseensota fi deeggartoota isaanii jidduutti hin hafan. Miidiyaaleen Oromoollee garee garee ijaarrachuudhaan akkasuma walirratti hojjechaa akka jiran kunis waanuma mul’achaa jiruu dha. Miidiyaaleen Oromoo walaba ta’anii uummata kana tajaajiluun dirqama isaanii ta’ee osoo jiruu, garuu isaanis haaluma walfakkaataa ta’een wal qeequu (qeeqni ijaaraan gaarii dha), wal arrabsuu, wal abaaruu fi walirratti duuluu aadaa godhatanii jiru. Aktivistootnis akkasuma silaa walaba ta’anii qabsoo kanaaf gahee taphachuu ykn/fi qooda gumaachuun dirqama Oromummaa ta’ee osoo jiruu yeroo tokko tokko faallaa kanaa yeroo hojjetantu mul’ata. Waayee kana fi dhimmoota walfakkaatan bareeffama kutaa itti aanuu keessatti laalla.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

Kutaalee dabran

3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Sadaffaa
2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

One thought on “Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa

  1. Pingback: Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? vKudhasadaffaa -

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *