By | May 14, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Caamsaa 14, 2018

Kutaa Kudhashanaffaa


Oduu fi odeeffannoo adda addaarraa akka hubatamutti, Addi Diimookraatawa Oromoo (ADOn) jila hoggantoota isaa gara Finfinneetti erguuf qophiirra akka jiru dha. Jaarmayaan kun biyyatti galee hojechuu akka barbaadu durumaa kaasee ibsaa waan tureef, galuuf deemuun isaa waan haaraa miti; namas hin ajaa’ibu. Haa ta’u malee, jaarmayaan kun yeroo ammaa kanatti dursee murtii kanarra gahuuf maaliif akka filate yoon ittiyaadu, yaada adda addaa keessa na galcha. Dhimma kana laalchisee waan tokko tokko kaasuun barbaada.

Shirri Wayyaaneen OPDO duuba dhokattee xaxaa jirtu waan hubatame hin fakkaatu  

Wayyaaneen uummattoota fi jaarmayoota biyyattii sanaa toftaalee adda addaatiin  qoqqooddee umrii bittaa ishii dheeressuuf yaaliin ishiin godhaa turte fi ammallee itti jirtu waan haaraa miti. Kaan amantiidhaan, kaan naannoo fi gandaan, kaan ilaacha siyaasaatiin addaan qoqqooddee mooraan mormitootaas akka laaffatu godhuu dandeessee jirti. Kanaaf immoo mooyxannoo bara dheeraa qabdi. Amma garuu sochii uummataa jalaa bahuu akka hin dandeenye hubattee; OPDO sochiin uummata Oromoo akka hirriibarraa dammaqu taasise kana duuba dhokattee fi riphtee shiraa biraatiin sochii uummataa laaffisuuf hojjechaa jirti. Shiroota ishiin yeroo ammaa hojjechaa jirtu keessaa inni tokko maqaa araaraatiin mormitootaaf yaamicha gootee isaan kana tooftaa biraatiin qabachuuf tattaaffii godhaa jirti. Shirri kun garuu waan hubatame hin fakkaatu.

Araarri biyyoolessaa fi ce’umsi nagaa akkamitti milkaa’uu danda’a?

Yoo dhugumatti araarri biyyoolessaa (national reconciliation) fi ce’ums nagaa (peaceful transition) kan barbaadamu ta’e, jaarmayootaaf yaamicha godhuu dura tokkoffaa, waan gufuu ta’an hundaa karaarraa kaasuu dha. Lammaffaa, jaarmayoota hundaa wajjin marii godhuu yoo barbaadan, walqixxummaadhaan wajjin haasa’uu dha malee tokko tokko keessaa filatanii wajjin mari’achuudhaan, kaan garuu moggaatti dhiisuun bu’aa hin qabu. Keessumaayyuu immoo jaarmayoota gurguddoo yookaan hangaftoota ta’ani fi uummata biratti deeggarsa guddaa qaban dhiisanii jaarmayoota xixiqqoo ofitti harkisuun shiraaf malee dhugumatti marii dhugaa barbaadaniitii miti. Waan isaan amma ADO wajjin godhan fakkeenya gaarii ta’uu danda’a.

Akkuma beekamu Oromiyaa keessatti uummatarraa meeshaa waraanaa hiikkachiisaa jiru. Kunis uummatni yoo hidhate, isaaniif gaaga’ama guddaa akka ta’u waan beekaniifi. Karaa jaarmayootaatiinis warra qabsoo hidhannoo gaggeessan kophaatti baasanii irratti duuluuf; jaarmayoota jidduuttis walqoqqoodinsaa fi walshakkii uumuuf, dursanii warra karaa nagaatiin qabsoofan jedhan ofitti harkisanii ofjala galchuu barbaadu. Mormitootni karaa nagaatiin qabsoofna jedhanis warra qabsoo hidhannoo godhaa jiran akka balaaleffatan taasisu. Waayeen kun ibsa ADOn godhaa jirurraa ifaa ifatti mul’ata. Nuti biyyatti galuufii, isinis warri qabsoo hidhannoo gaggeessaa jirtan hiikkadhaatii akka keenya kana godhaa jechuu waan barbaadan fakkaata dubbiini. Egaa, walqoqoodinsis asirraa calqaba jechuu dha.

Ayyaanlaallattummaa dha moo dhugumatti tooftaa fi tarsiimoo qabsoo ti?

Dhugaa dubbachuuf, ana ejjannoon ADO naaf hin galu. Waanan kana jedheef sababaalee adda addaan qaba. Mee yaadannoo dhihoorraa waan tokko tokko kaasuun yaala. Yeroo sochiin uummata Oromoo cimee sodaachise sana jaarmayootni Oromoo biyya alaa jiran ADO dabalatee tokkoomuuf ykn wajjin hojjechuuf walhubannoo fi waliigaltee tokkorra gahanii turan; OMN irrattillee hoggantootni jaarmayoota hundaatuu ibsa godhaa turan. Suni ta’ee osoo jiruu, ADOn isa kana dhiisee mooraa alagaa deemee jaarmayoota akka Ginbot 7 faa wajjin tumsa biraa uumuuf hojjechaa ture. Sanuma wajjin walqabatee dhihoo kana maqaa “Sochii Biyyoolessaa Itoophiyaa – Ethiopian National Movement” jedhuun waa hojjechaa akka jiran dhagahamaa ture.

Gaafiileen asirratti ka’an: 1) Gama tokkoon jaarmayoota biraa wajjin (kan Oromoo dabalatee) tumsa barbaadaa; gama biraatiin immoo kophaa deemanii biyyatti galuuf murtii kanarra gahuun warra ADO maaliifi? 2) ABOn qabsoo hidhannoo gaggeessa; nuti garuu qabsoo karaa nagaa filanna jedhanii ABO balaaleffachaa, garuu mooraa alagaa deemanii, warra qabsoo hidhannoo gaggeessina jedhan wajjin akkamitti waliigaluu danda’an? 3) Amma immoo sana dhiisanii lakkii haalli biyya keessaa mijataa ta’ee jiraa isin hunduu qabsoo hidhannoo dhiisaatii akka keenya kana godhaa jechuun maaliifi? 4) Jarri kun maaliif akka gaararraa jijjiiramu? Dhugaa dha, qabsoon tooftaa fi tarsiimoo adda addaa akka gaafatu fi yeroo tokko tokko garagaggaluunis barbaachisaa akka ta’u siyaasa keessa waanuma jiru dha. Haa ta’u malee, kan isaanii kun adda natti ta’ee jira.

Kan biraa immoo akka ADOn ibsaa jirutti, mariin guyyaa lamaa (Caamsaa 11 fi 12 bara 2018) mootummaa Itoophiyaa wajjin godhamee akka ture fi gara Finfinnee deemuudhaan marii kana ittifufuuf akka barbaadanii dha. Achi deemanii marii godhuun maaliif barbaachisa? Ammuma maaliif hin fixatin? Guyyaan lama gahaa hin turree? Ana akka natti fakkaatutti jarri kun amma himuu hin barbaadne malee, waa hundaa fixatanii; tarii biyyatti waajjira banachuuf akka deemanii dha. Waanuma ta’eefuu karaan haa qulqullaa’uufi!! Haa milkaa’anisi jechuun barbaada akka ilma Oromoo tokkotitti. Haa ta’u malee, waan yeroon nutti agarsiisuuf deemu ta’us, ani adeemsa jara kanaarraa shakkiin qaba. Dhimma kana garuu yeroo biraan bal’inaan itti deebi’a.

Dhumarratti, Wayyaaneen OPDO duuba dhokattee; maqaa yaamicha araaraatiin akka shira xaxaa jirtu hubachuun baay’ee barbaachisaa dha.  Ammaas kaayyoon ishii jaarmayoota jidduutti walshakkiin akka uumamu taasistee; kaan ofitti qabdee, kan biraa rukutuuf akka ta’e hubatamuu qaba. Kaayyoo fi fedhiin mootummaa Itoophiyaa uummatas hiikkachiisaa; jaarmayootni qabsoo hidhannoo gaggeessanis hiikkatanii harka Wayyaanee akka seenan taasisuuf malee, dhugumatti araara biyyoolessaa fi ce’umsa nagaa fiduufii miti. Kana godhuuf tarkaanfiin duraa jaarmayoota tokko tokko kan akka ADO kana ofitti harkisanii kan hafanirratti daba hojjechuufi. Dubbii hubataatu arga!!

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

14. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudha-afraffaa
13. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudha-afraffaa
12. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhalammaffaa
11. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhatokkoffaa
10. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kurnaffaa
9. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saglaffaa
8. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saddeettaffaa
7. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Torbaffaa
6. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Jahaffaa
5. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Shanaffaa
4. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa
3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Sadaffaa
2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *