Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa 17ffaa

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?
Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Caamsaa 23, 2018

Kutaa Kudhatorbaffaa

Dhaabbatni Dimokraatawa Uummata Oromoo (DhDUOn – OPDOn) walgahii Koree Jiddugaleessaa irratti taasiseen, ji’oota muraasa dura murtiilee fi ejjannoolee adda addaa dabrsee akka ture ni yaadatama. Isaan kana keessaa inni tokko jaarmayoota mormitootaa wajjin haasa’uuf akka deemu dha. Kanuma wajjin walqabatee natti fakkaata, Addi Dimokraatawa Oromoo (ADOn) mootummaa Itoophiyaa wajjin marii godheee amma biyyatti galuuf akka jiru himamaa jira. Barreeffama kutaa kanaa keessatti dhimma marii mormitootaa laalchisee yaada kiyya dhiheessuun barbaada.

Mormitoota wajjin haasawuuf karoorfachuun Mootummaa Itoophiyaa shiraaf moo dhugumatti araara barbaadee ti?

Dhimma kanarratti yaada koo osoo hin ibsin dura, waan na ajaa’ibu tokkon mee adeemsa Muummicha Ministeerotaa (MM) Dr Abiyyi laalchisee waan tokko jechuun fedha. Akkuma beekamu erga akka MMtti filatame kunoo torban sagal ta’ee jira. Erga sanaa kaasee biyya keessa fi biyya alaas deemaa jira. Adeemsa kana keessatti bu’aan argames jiraachuu mala; ani hin beeku. Biyya alaa deemuun isaa kaayyoo guddaan lammiilee hidhaman hiiksisuuf jedhama. Isaan kana keessaa tokko kan ta’e immoo Alaamuddiini dha.

Namoota hidhaman hiiksisuuf yaalii godhuun waan deeggaramuu qabu ta’ee; garuu osoo kan biyya keessaa ammallee manoota hidhaa biyyattii sanaa keessatti dararamaa jiranuu; ittdabalmaanis kan biroo hidhamaa jiranuu, isaan kana hiiksisuu dadhabee; isaanirra dabree gara biyya alaa deemuun maaliif barbaachise? Dursee lammiileen biyya keessatti hidaman maaliif hiikamuu dadhaban? MM dhugumatti lammiileedhaaf quuqame moo fakkeessee ergama biraa bakkaan gahuufi? Lammiileen ishii hidhamuun, Itoophiyaan hidhamuu ishii ti jedhee haasa’aa jira. Oromoon mana hidhaa keessatti dararamaa jiran lammiilee biyyattii tanaa tii miti jechuu dhaa ree?

Yeroo maqaa Labsii Yeroo Muddamaatiin (LYMtiin) ammallee Komaand Poostiin akka barbaadetti  biyyattii sana unkuraa jirutti; yeroo uummatni Oromoo lakkoofsaan miliyoonatti dhiyaatan Naannoo Sumaaleerraa buqqifamanii, ammallee rakkachaa jiranitti; yeroo uummatni keenya har’allee nagaa fi tasgabbii dhabee jirutti; yeroo rakkoon Laga Danbii furmaata barbaadaa jirutti; isa kana hundaa dagachuudhaan ykn dursa kennuufii dhiisee; waayeen Alaamuddiin isa cinqee dhimma kanatti xiyyeeffachuun maaliifi? Alaamuddiin kan qabeenya Oromiyaa saamaa jiru; kan naannooleen akka summiidhaan badan godhaa jiru; kan Oromoon akka dhukkubaaf saaxilamu taasise; kan silaa yakkaan seeratti dhiyaatee murtiin kennamuufii qabu kanaaf dhiphatee; isa hiiksisuuf asi fi achi deemuun isaa maaliifi?

Akkuma beekamu hidhamtoota biyyattii sanaa keessaa dhibbantaa sadddeettamaa (80%) ol Oromoota. Isaan kana keessatti Qeerroo kumaatamatu argamu. Qeerroon Oromoo immoo falmii cimaa godhee; wareegama ulfaataas kaffalee; OPDOnillee hirriibarraa dammaqxee sadarkaa kanarra akka geessu kan taasise dha; jaarmayaa ADWUI keessatti bakkee furtuu ta’e akka qabdu kan godhe dha. MM Dr Abiyyis kan taayitaa guddaa kanaan isa gahe sochii uummata Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo ti. Akka inni himachaa jirutti, Mootii Itoophiyaa torbaffaa akka ta’uuf deemu hawwii fi abjuun isaa akka milkaa’u kan taasise sochii uummata Oromoo ti. Maarree, waaffalli uummata kanaa dhimmi isaa dagatamee hafuu dhaa?

Egaa, waayee MM kanuma jechuudhaan, gara mata duree barreeffama kutaa kanaatti deebi’uudhaaf, akkuman kanaan durallee barreeffama kutaa kudhashanaffaa keessatti ibsuu yaale, ani akka natti fakkaatutti ykn tilmaamutti mootummaan Itoophiyaa jaarmayoota mormitootaa wajjin nan haasa’a jechuun isaa dhugumatti araara dhugaa buusee, jijjiirama fiduuf osoo hin taane, shiratu duuba jira jedheen yaada. Osoo dhugumatti araara biyyoolessaa (national reconciliation) fi jijjiirama sirnaatiif ce’umsa (transition to regime change) uumuu kan barbaadu ta’ee, mormitoota hundaa bakkee qaamni sadaffaan walaba ta’e tokko argamutti affeeree wajjin mar’ii godhuutu isarra ture. Kana godhuu dhiisee tokko tokkoon keessaa luqqisuu filate.

Dhugaa dha, jaarmayootni mormitootaa amma jiran hundi isaaniituu kaayyoo fi galii adda addaa qabu. Kuun warra bilisummaa fi walabummaa sabootaatiif qabsaa’an; kuun kan biyyattii sana diimookraatessinee gaafii uummataa deebisuu dandeenya jedhan; kuun immoo kan sirna durii sanallee deebisuu barbaadan jiru. Isaan kana hundaa bakka tokotti yaamanii marii godhuun baay’ee rakkisaa akka ta’u hubachuun nama hin dhibu. Kanaaf, tarii warra xinnoo kaayyoodhaan isaanitti dhiyaatan jechuun warra Itoophiyaa tana diimookraatessuu barbaadani fi walabummaa sabootaa hin feene dursanii mariif affeeruu barbaadu ta’a. Yoo karaa kanaan laalame, sadarkaa sadarkaadhaan deemuun barbaachisaa ta’uu mala. Kanaaf, jaarmayoota xixiqqoo kan akka ADO kana dura haasofsiisuu barbaadu.

Haa ta’u malee, adeemsi akkanaa kun akka laalcha kiyyaatitti, gaaga’ama qaba. Jaarmayoota waldura dhaabsisuu danda’a. Humna mormitootaas gara gara hiruuf carraa uuma. Tokkummaa fi tumsi jaarmayoota mormitootaa akka hin milkoofne taasisa. Walduradhaabbnnaan jaarmayootaa immoo rakkoo ta’ee uummattootatti ce’uu danda’a. Akkuma midiyaalee hawaasaa (social media)rratti argamaa jiru, akka fakkeenyaatitti yoo fudhannee, ADO fi warra Ginbot 7 jidduu wal hamachuun akka mul’achaa jiru fi rakkoon kun akka uummat bira gahullee taasisuuf, ADOn saba Amaaraa gane waan jedhamu faatu dhagahamaa jira. Akkuman dursee ibsuu yaale, kun humnoota mormitootaa faffacaasa; Wayyaaneen/Mootummaan Itoophiyaa isa kana barbaadu. Kanaafan kun gaaga’ama qaba jedhe.

Shira Wayyaanee/Mootummaa Itoophiyaa kana dura dhaabbachuuf maaltu godhamuu qaba?

Rakkoon biyyattii sanaa kan Foormulaa Heerragaatiin (mathematical formula) furmaata argatuu miti. Rakkooleen biyyattii tanaa jaarraa tokkoo ol hidda baasanii waan as gahaniif, baay’ee walxaxaa dha. Isa kana keessatti gaafiin Oromoos deebii argachuun isaa baay’ee rakkisaa akka ta’u namuu waan hubatu natti fakkaata. Haa ta’u malee, Qabsoon  Bilisummaa Oromoo tun akka fuulduratti achi siqxu maaltu godhamuu qaba? Gaafii kanaa fi isa mata duree lammaffaarratti ka’eef deebii ta’uu danda’a jedhee yaadu barreeffama kutaa itti’aanu keessatti yaada qabadheen dhiyaadha.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

16. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhajahaffaa
15. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhashanaffaa
14. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudha-afraffaa
13. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudha-afraffaa
12. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhalammaffaa
11. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kudhatokkoffaa
10. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kurnaffaa
9. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saglaffaa
8. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saddeettaffaa
7. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Torbaffaa
6. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Jahaffaa
5. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Shanaffaa
4. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa
3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Sadaffaa
2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.