By | June 5, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Watabajjii 4, 2018
WBO
Kutaa Kudhasaglaffaa

Barreeffama kutaa dabree keessatti mootummaa wajjin mariitti dhiyaachuu dura jaarmayootni Oromoo waliin haasa’uu fi gaafii Oromoorratti ejjannoo tokko qabaachuu akka qaban; akksaumas mariin Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi jaarmayoota bilisummaa Oromiyaa hundaa hin dabalanne bu’aa fiduu akka hin dandeenye ibsuu yaaleen ture. Barreeffama kutaa kanaa keessattis dhimmuma kana keessaa osoo hin bahin waan tokko tokko kaasuun barbaada.

Hanga gaafiin biyyoolessaa Oromoo deebii argatutti, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) hiikkachiisuun QBO awwaaluu ta’a

Namni tokko waan tokkoof lubbuu takkittii dabarsee kan kennu dirqamee ti malee lubbuun namaa yoo takka baate waan hin deebineef kuni qoosaa miti. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) abbuuma fedheenuu haa hogganamu; jaarmayaa kamiinuu ajajni haa kennamuuf, wanti inni qawwee baatee gaara fi bosona Oromiyaa keessatti wareegamuuf waan tokko qofaafi. Innis bilisummaa Oromoo argamasiisuufi. Bilisummaan Oromoo immoo warra bilisummaa kana jaalatanii fi hawwanis ta’ee warra isa kana hin feeneefillee waliqixa dha. Yoo sabni Oromoo bilisummaa argate kan gabrummaa keessatti hafu hin jiru. Kanaafuu, jaalatamus jibbamus, fudhatamus dhiisamus, WBOn ilmaan Oromoo fi warra bilisummaa fi haqa barbaadan hundaaf wareegamaa jira.

Waayeen WBO yoo ka’u, tarii namootni garee tokko wajjin walbira qabanii laaluu malu. Kuni garuu dogongora. Wanti laalamuu qabu garee kamiinuu wajjin walqunnamtii haa qabaatu, WBOn gaachana saba Oromoo ti. Hadhooftus dhugaan kun fudhatamuu qaba. Waayee WBO waanan kaaseef sababa adda addaan qaba. Fakkeenyaaf, akka haasa’a Obboo Lammaa Magrsaarraa hubatamaa jirutti, mormitoota (akka isaan jedhanitti morkitoota) wajjin haasa’uu dura warri hidhatan akka hiikkatan akka haal dureetti waan lafa kaa’an ykn lafa kaa’uu barbaadan fakkaata. Ani akka yaada fi laalcha kiyyaatitti, waayeen hiikkachiisuu qabsaa’otaa kun lammata haal duree ta’uu hin qabu. Dogongorri bara 1992 hojjetame sun barumsa guddaa ta’uu qaba. Hidhattoota hiikkachiisuun yoo gaafii Oromoo deebisuuf gutumaa guututti irratti waliigalamee fi kunis hojiitti jijjiiramee, uummatni Oromoo bal’aan ittigammade qofaa ta’uu qaba.

WBO dhabamsiisuus ta’ee uummata Oromoo hiikkachiisuu yaaluun badii daangaa hin qabnetti nama geessuu danda’a

Dhugaan hubatamuu qabu, uummatni Oromoo kan hidhatu warra duula irratti banan ofirraa ittisuuf malee, daangaa dabree uummata biraarratti weerara banuufii miti. Kuni osoo beekamuu; uummatni keenya qayee isaarratti shiftootaan ajjeefamaa osoo jiruu; silaa warra dura hiikkachuu qaban hiikkachiisuu dhiisanii uummata nagaatiin ati qawwee kee hiikkadhuutii du’i jechuun hangam uummata Oromootiif dhimma dhabuu agarsiisa. Alagaan silaa alagaa dhaa; diinnis silaa diinaa, warrumti uummata kanarraa dhalatanuu gochaa kana dalaguun isaanii hangam garaa akka jabaatan agarsiisa. Uummata irraa dhalatan caalaa kan isaan yaaddessu tokkummaa biyyattii tanaa ti. Isaaf halkanii guyyaa dhama’u; yoo uummatni keenya akka baalaa harca’u garuu wanti tokko isaanitti hin dhaga’amu. Kuni ajaa’iba!!

WBOs taanan,akkuman dursee ibsuu yaale, jaalatee ykn araada (suusii) nama ajjeesuu qabaatee osoo hin taane, gabrummaa fi roorroo uummata Oromoorra gahaa ture fi ammas jiru taa’ee laaluu dadhabee ti. Ba’aan sabaa kun ittiulfaannaan maatii, jiruu fi jireenya isaa dhiisee bosonatti galuu filate. Hanga gaafiin Oromoo deebii argatutti manni isaatis bosona fi gaara Oromiyaa ta’a jechuu dha. WBOn akkuma maqaan isaa ibsu bilisummaa Oromootiif malee saboota fi sab-lammoota biyyattii sanaarraa rakkoo qabaatee; isaan kanas miidhuuf akka hin taane hubatamuu qaba. WBOn gaachana uummata Oromoo ta’ee, hiree murteffannaan uummata kanaas akka mirkanaa’uuf lubbuu isaa kennaa jira malee, akka ololli irratti godhamaa jirutti biyyattii tana diiguufii miti.

Maqaa qabsoo hidhannootiin jaarmayoota Oromoo jidduutti walqoqqoodinsa uumuun shira hin milkoofnee dha

Akkan hubadhutti, adeemsi DhDUO ykn bulchinsi MNO fi Mootummaa Itoophiyaa warra qabsoo hidhannoo ala karaa nagaatiin hojjenna jedhanii fi warra qabsoo hidhannoo gaggeessan jidduutti gaara guddaa uumuu barbaada. Kana qofaan hin dhiisan; warra karaa nagaatiin qabsoofna jedhan ofitti qabanii; kan hafan kophaatti baasanii shiraan yookanis immoo humnaan (waraanaan) rukutanii dhabamsiisuuf waan deeman natti fakkaata. Akkuman dursee tuquu yaale, haasa’a Obboo Lammaarraa wanti hubatamu kan biraa tokko, warra karaa isaan barbaadan sana deemuu hin feene fi siyaasaa isaanii sana hin hordofne akka yaada dulloomaa fi yeroon irraa dabree tokkotti waan laalan fakkaata. Kanaafuu, isin achuma jirtanii; bu’aan isin fiddanis hinjiru; nutu isin bilisoomse jedhanii dhaadatu.

Obboo Lammaa Magarsaas ta’e MM Dr Abiyyi wanti isaan dagatan tokko, isaanuu kan sadarkaa kanaan isaan gahe, qabsoo hadhooftuu Sabboontotni Oromoo meeqa itti wareegamani dha. Wanti hin danda’amne lafa kanarra hin jiru waan ta’eef, qabsoo hadhooftuun tun immoo ittifuftee saba Oromoos gutumaa guutuutti bilisa baasuu akka dandeesu hubachuu qabu. Yoo dhuguma uummata kanaaf kan yaadan ta’e; yoo dhuguma uummata irraadhalatan kanaaf kan quuqaman ta’e; yoo dhugumatti gaafii Oromootiif deebiin akka argamu kan barbaadan ta’e; yoo dhugumatti  nagaa fi tasgabbii biyyattii tanaafillee kan yaadan ta’e; yoo tokkummaa biyyattii tanaas jiraachisuu barbaadan, dura gaafii Oromoo deebisuuf isa kana ajandaa hangafa godhanii, jaarmayoota Oromoo hunda wajjinuu haal duree tokko malee walqixxummaadhaan marii godhuu qabu. Yoo kuni hin taane garuu jeequmsisi ittuma fufa; kan bu’aa argatus hin jiru. Wayyaanee qofaatu bayyanatee aangootti deebi’uuf carraa argata.

Dhimma biraatiin hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.