By | June 21, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?
Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Waxabajjii 20, 2018

Kutaa Diigdamiitokkoffaa

Barreeffama kutaa dabre keessatti mooraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti maaliif addaanbahinsi uumamaa akka as gahee fi sababa kanaan gareeleen akka heddooman kaaseen ture. Akkasumas jaarmayoota ykn gareelee ABOrraa kophaatti bahani fi jaarmayoota bilisummaa Oromiyaa kan biroos kanan beeku tarreesseen ture. Barreeffama kana keessatti qabxiilee lamaan hafanirratti waan tokko tokko kaasee yaadakoo ibsuun barbaada. Qabxiileen lamaan hafanis:

(2) Jaarmayootni Oromoo warri kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaataa qaban maaliif tokkoomuu akka dadhaban

(3) Mooraan QBO maal ta’uuf akka deemu fi dhiibbaan uummata Oromoo fi addatti kan Qeerroo jaarmayoota keenyarratti maal ta’uu akka qabu

2) Jaarmayootni Oromoo warri kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaataa qaban maaliif tokkoomuu dadhaban?

Jaarmayootni ykn gareeleen Oromoo kan duraan ABO tokko turani fi amma kophaatti bahanii jiran yeroo ammaa shantu jiru. Isaan kunis barreeffama kutaa dabree keessatti tarreeffamanii jiru. Akka naaf galutti, Adda Diimokraatawa Oromoo (ADO)rraa kan hafan afranuu kaayyoos ta’ee galii tokko akka qabanii dha. Innis “bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa” ti jedhu. Erga kaayyoon isaanii tokko ta’etti immoo walittideebi’anii tokko ta’uu ykn walittibaqanii hoggansa tokko jalatti jaarmayaa tokko ta’uun yoo hin danda’amne tokkummaa kaayyoo (unity of purpose) uumanii waliin hojjechuun silaa dirqamallee ture. Kana godhuun hafee, waanuma waliin haasa’anuu hin fakkaatan. Kan caalatti nama gaddisiisu garuu yeroo tokko tokko walqeequu fi walirratti duuluu isaanii ti.

Qabsaa’otni ganama kaayyoo tokkoof manaa bahan, hanguma fedhe rakkoon dhuunfaa isaan jidduu jiraatullee, hanga uummata Oromootiif dhaabbatanitti; hanga gabrummaa xumuruu barbaadanitti, akka waliin hin hojjenne kan isaan taasisu naafi hin galu. Kopha kophaa deemaa, beekumsa, dandeettii fi qabeenya walumaagalatti humna isaanii gargar facaasuun injifatamuutti akka isaan geessu isaan caalaa kan beeku jira jedhee hin yaadu. Nutu dursee aangoo qabata jedhanii kan yaadanillee yoo ta’e, aangoon isaan irratti wal lolan sun ammaaf hin jiruu bar. Akka jaarmayoota siyaasaatti waldorgomuuf kan filannootti dhiyaatan osoo ta’ee, kophaa kophaa deemuun waanuma jiru. Isaan garuu akka jaarmayoota bilisa baastotaatti laalamu ykn oflaalu. Jaarmayaa bilisa baasaan tokko immoo kaayyoo tokko qofaa qaba.

Akkuman kanaa dura barreeffama kutaalee dabranii keessatti ibsuu yaale, Mootummaan Itoophiyaa jaarmayoota mormitootaa (morkitootaa) wajjin haasa’uu akka barbaadu ibsaa ture. Yaadni Mootummaa kun immoo dhugumatti nagaa fi araara barbaadee yookaanis shiraaf ta’uu isaa ragaan hin jiru. Amala mootummaa kanaarraa hubatamuu wanti danda’u garuu shirri duuba jiraachuu akka danda’uu dha. Karoorri Mootumichaa waanuma fedhes ta’u, shira dura dhaabbachuufis ta’ee; marii dhugaa ta’e tokkotti dhiyaachuu dura tokkummaan jaarmayoota Oromoo barbaachisaa qofaa osoo hin tane murteessaa dhas. Ejjannoo fi ajandaa waloo tokko qabatanii; gamtaadhaan mariitti yoo hin dhiyaanne fi kophaa kophaa deemanii haasa’uu kan barbaadan yoo ta’e kun gaaga’ama hundaa ta’a. Waan kana irradeddeebi’ee ibsaan ture.

Akkuma beekamu fi hubatamu, yeroo ammaa jaarmayootni Oromoo akka kaayyoo qabsoo isaaniitittti garee gurguddoo lamatti bahanii jiru.

1) Warra bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa akka galiitti fudhatanii qabsaa’aa jiran fi

2) Warra Itoophiyaa diimookraatoftu keessatti gaafiin uummata Oromoo deebii argachuu ni danda’a jedhanii amananii fi kanaafis hojjechaa jiran

Adeemsi tokkummaa kaayyoo (unity of purpose) uumuus ta’ee; ejjannoo fi ajandaa waloo tokko qabatanii mootummaa wajjin mariitti dhiyaachuun garee lamaaniifuu tokko ta’uu qaba. Kanaafuu, warri garee lammaffaa keessa galuu danda’anis kan akka Kongresi Federalistii Oromoo (KFO), Adda Dimokraatawa Oromoo (ADO) fi jaarmayootni Oromoo walaba ta’an kan biroo, kan kaayyoo walfakkaataa qaban waliin mari’achuudhaan yoo barbaachisaa ta’e Koree Marii Waloo tokko uumanii karaa kanaan ejjannoo fi ajandaa waloo tokko qabatanii motummaa wajjin haasa’uun dirqama ta’uu qaba jedheen yaada. Tooftaa fi tarsiimoon kun warra garee tokkoffaa keessa jiraniifis walfakkaataa ta’uu qaba. Isaanis Koree Jaarmayoota (Humnoota) Bilisummaa Oromiyaa (Committee of Oromia Liberation Forces) jedhu ijaaranii karaa kanaan ajandaa waloo tokko qabatanii mariitti dhiyaachuu qabu.

(3) Mooraan QBO maal ta’uuf deema? Dhiibbaan uummata Oromoo fi Qeerroo, jaarmayoota keenyarratti maal ta’uu qaba?

Gabrummaa bar-dhibbee tokkoo fi wal’akkaa nurratti fe’amee jiru kana keessaa bahuufis ta’ee egeree keenya tolfachuuf gaafiileen akka mata dureetti dhiyaatan kun baay’ee murteessoo dha. Gaafiilee, Oromoon hunduu ofis ta’ee walgaafachuu qabanii dha jedheen amana. Moraan QBO maal ta’uuf akka deemu kan murteessan jaarmayoota Oromoo fi uummata Oromoo bal’aa dha. Uummatni Oromoo keessumaayyuu Qeerroon Oromiyaa waa hundaa jijjiiruuf humna akka qaban Addunyaattillee agarsiisanii jiru. Dhiibbaa uummata Oromoo fi sochii Qeerrootu OPDOllee akka garagaltee ofhubattu taasise. Sochii kanatu warra “Team Lammaa” jedhamu as baase; Muummichi Ministeerotaa (MM) biyyattii tanaa Oromoo akka ta’u taasise. Sochii kanatu diina jilbiifachiisee har’a qilleessa haaraa biyyattii sana keessatti uume. Humni uummata Oromoo fi kan Qeerroo waa hunda jijjiiruu akka danda’u shakkiin hin jiru.

Waan ta’eef, hanga ummatni Oromoo bilisa ta’ee, fuulduree isaa murteeffachuu danda’utti, jaarmayoota garee lamaaniirrattuu dhiibbaa godhuudhaan akka ejjannoo fi ajandaa tokko qabatan taasissuf, uummatni keenya fi addatti Qeerroon dhiibbaa cimaa godhuu qabu. Jaarmayootni keenyas filannoo biraa waan hin qabneef, dhiibba kana fudhatanii; garee kamiiyyuu haa ta’uu tokkummaa kaayyoo uumuun dirqama isaanii ta’uu qaba. “Yaa soogidda ofiif jedhii mi’aawi, yookaan dhagaa dha jedhanii achi si gatu” akkuma jedhamu, haala keessa jirru fi balaa nutti deemaa jirullee hubatanii waan barbaachisu hundaa godhun dirqama yeroo ti. Seenaa dabrerraa baratanii, waan dhufuuf ofqohpeessunis dhimma yeroon gaafattuu dha.

Dhumarratti, wanti tokko kan dagatamuu hin qabne fi hunduu hubachuu qaban, Wayyaaneen sagalee fi fuula ishii dhoksitee; OPDO duuba teessee, garuu aangoo qabdu hundatti fayyadamtee; shiroota adda addaa xaxaa akka jirtu dha. OPDO akka riqichaatitti ittifayyadamte bakkee barbaadutti ce’uu yaalti. Wayyanee yeroon ishii dabre; kana booda homaa godhuu hin dandeessu jechuun dogongora guddaa dha. Ammaaf humni murteessaa ta’e harka ishii akka jiru dagachuu hin qabnu. Kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan ammallee aangoo ishiitti fayyadamtee shira xaxaa akka jirtu kan hin hubanne jira jedhee yaaduun na rakkisa. Karaa biraatiin immoo, OPDOf dirreen hunduu banaa yoo ta’e, karaa hin taanetti nu oofuu akka dandeesus hubachuun barbacisaa dha.

Jaarmayaan kun ammalle bakkabu’aa EPRDF/TPLF Oromiyaa ti malee bakkabu’aa uummata Oromoo akka hin taane dhugaan kun beekamuu qaba. Osoo bakka bu’aa uummata Oromoo taatee; osoo dhugumatti uummata kanaaf kan quuqamtu taatee, silaa nagaa uummata kanaa eegsisuu dandeessi ture; uummata kenyatti yartuun hin roorristu turte. Jaarmayaan tun har’as ta’ee boru nagaa uummata Oromoo eegsisuu hin dandeessu. Hooggantoota ishiis yoo ta’an tokkummaa Itoophiyaatiif dhiphachuu fi dhama’uu malee, miidhaan uummata Oromoo isaanitti hin dhaga’amu. Kanaaf, OPDOrraa waa eeguun gowwummaa dha.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.