By | March 25, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Shanaffaa

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Bitootessa 24, 2018

Kutaa Shanaffaa

Bilisummaa

Qabsoo Bilisummaa Dhugaa Galmaan Gahuuf

Barreeffama kutaa afraffaa keessatti, jaarmayootni siyaasaa Oromoo kan kaayyoo fi galii tokko qabanillee waliigaltee uumanii tokkummaa ijaaruu akka hin danda’in; tokkummaa ijaaruun hafee, caalaatti siriidhaayyuu waliin mormaa akka jirani fi sababa kanaan immoo waliigaltee dhabuun miseensotaa fi deeggartoota isaanii jidduuttillee akka ololli walirratti oofamu taasisuun isaas ibsamee jira. Rakkooleen jaarmayootarraa maddan kun hawaasota Oromoo keessattiillee bifa adda addaatiin hubatamaa akka jiranis barreeffama sana keessatti tuttuqamanii jiru. Barreeffama kutaa kanaa keessatti rakkoolee biroo kan mooraa keenya keessatti karaalee adda addaatiin mul’achaa jiran laalla,

Dhukkuba hin fayyine fi farra-Oromummaa, kan qabsoo sakaalu fi egeree keenya gaaga’u

Bittaa alagaa jalatti kufee waa hundaa dhabullee, Oromoon saba fi uummata aadaa fi seenaa bardeedaa qabu; kan SAFUU qabu, kan kabaja fi ulfina qabu, kan jaalal qabu, kan diimookraasii qabu akka ta’e fira dhiisii diinotni isa nyaachaa turani fi ammas jiranuu ragaa bahuu danda’u. Kanaafuu, uummata ykn saba kanarraa dhalachuun hangam nama boonsa!! Haa ta’u malee, adeemsa qabsoo kanaa keessatti akkuma goototni kumaatamaan dhalachaa as gahan kashlabbootni, gantootni, garaa-bultootni, galtootni fi safuu-dhabdootnis kumaatamaan dhalachaa akka jiran dhugaa lafarra jiruu dha. Kuni eessaa dhufe?gaafiin jedhu qorannoo fi xiinxala bal’aa waan gaafatuu dha. Maddi isaa waan fedhes ta’u isaan kun hunduu dhukkuba hin fayyine fi farra-Oromummaa ti.

Isaan kana qofaa miti; rakkooleen mooraa Oromoo keessatti mul’atan kan caalaatti diigaa fi farra-tokkummaa Oromoo ta’an immoo: gandummaa, naannummaa, oftuulummaa (inni kun amala diinotarraa dhaalamee dha), amantii fi laalcha siyaasaatiin walqoqqooduu fi k.k.f hunduu dhukkuba biraa kan caalaatti farra-Oromummaa ta’anii dha. Hanga danqaraan kun karaarra jirutti qabsoo bilisummaa tana diinota karaa lamaatu qormaata itti ta’aa waan jiraniif, galma gahuurraa turuu dandeessi. Rakkooleen armaan olitti tarreeffaman kun qabsoo har’aatti gufuu ta’uu bira dabranii; egeree keenyaaf bu’ura badaa uumaa jiru. Kana hubataa qofaatu arga. Warri rakkoolee akkanaa kana keessa seenanii daakaa jiran amma isaanitti hin mul’atu; garuu gaafa badiin tokko uumame booda ni ifaaf ta’a. “Amma naaf ife jedhe ballaan (jaamaan) mana gubee” jedhaa mitii ree Oromoon yoo makmaaku.

Jaarmayootni Oromoo kan gara garatti hiramanii jiran kun sababa kaayyoo fi galii qabsichaarraa qofaa kan maddanii miti, Gandummaa fi naanummaa hidda baasee as gahetu isaan kana dhalche jechuu ni danda’ama. Isaan garuu garaagarummaa kaayyoo fi galii QBO ti jedhanii himatu malee, sababni guddaan waan biraa ti. Osoo sababni biraa hin jiraannee maaliif warri kaayyoo fi galii tokko qaban addaan bahanii walitti dhufuu dadhabu? Rakkoolee gurguddoon nu hudhanii jirani fi qabsoottillee sakaallaa ta’an naanummaa fi gandummaa dha. Isa kanatti dabalatee amantiidhaan walqoqqooduun yoo mul’atu immoo, wanti hunduu too’annoo ala ta’u jechuu dha. Wanti too’annoo ala ta’u immoo gaaga’ama cimaa fida.

Gara jaarmayaatiin mee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) akka fakkeenyaatitti haa fudhannu. Ilaalchi  siyaasaa fi ayidoolojiin garagaraa jaarmayaa kana keessa turanillee, akka natti fakkaatutti, bara 1991 dura jaarmayichi kun tokkummaa qaba ture. Osoo tokkummaan jiraachuu baatee, injifannooleen har’a Oromoon ittiin boonu kunuu hin argaman turan. Bara 1991 booda garuu fottoqinsa adda addaatu mooraa jaarmayaa kallacha QBO ta’e kana keessatti uumaman. Isaan kun dhugumatti garaagarummaa kaayyoo fi galiirraa maddanii? Ana natti hin fakkaatu. Rakkoolee armaan olitti ibsamantu bu’ura addaan bahiinsaa ti jedheen yaada. Kan ta’es ta’u, rakkooleen addaanbahinsa uuman kun rakkoolee biraa dhalchaa, baay’isaa babal’isaa deeman. Rakkoolee uuman kanaaf waliin furmaata barbaaduun hafee, quba walitti qabuu fi walirratti duuluun mala ta’e. Malli badaan akkanaa kun immoo diinaaf fala ta’e.

Har’a, rakkooleen gandummaa fi naanummaarrtti hundaa’anii uumaman sun gara ilaalcha siyaasaattis cehanii; abalu kana abalu sana, kun ABO dha, sun KWO dha, kun OPDO dha, OPDO Diyaasporaa ti, kun ADO dha jedhanii walirratti duulu. Hunda caalaa fi kan badii guddaa dorrobee jiru immoo, Afaanuma Oromoollee loqodaan addaan hiruudhaan, kun Wallagga, Shawaa, Arsii, Harargee, fi k.k.f jechuudhaan garaagarummaa biraa uumaa jiru. Isaan kun hunduu bakkee tokkotti yoo laalaman dhukkuba hin fayyine FARRA-OROMUMMAA ti. Haala kana keessattiiree kan diina injifachuu dandeenyu? Amaloota akkan sammuu keessatti qabanneetiiree kan biyya waloo takka ijaarrachuu barbaadnu? Akka dhiiga fi lafee Sabboontota keenyaatti qoosaa jirru hubannaa? Lubbuun gootota keenyaa lubbuu tiisisaa tii?

Har’a yeroon yeroo ilmaan Oromoo kutaadhaa, naannoodhaan, gandaan, amantiidhaa, loqoda Afaaniitiin, ilaalcha siyaasatiin walqoqqoodanii dhaa? Har’a yeroon yeroo jaarmayoota sababa godhannee kun ABO Shanee, sun ABO torbee, kun AWO, sun ADO, kun KFO sun OPDO diyaasporaa jennee addaan walhirruu dhaa? Gama jaarmayoota Oromootiin yoo laalles, xiqaatus hanga fedhii Oromootiif (for Oromo interest) waa godhanitti wal deeggaruu fi wal jabeessuu dha malee dhakaa walitti darbuun diina gargaaruu ta’a. Bu’aan Oromoof argamu hin jiru. Warri walirratti duulanillee kanarra bu’aa isaan argatan hin jiru. Yoo gabrummaa keessa turre walumaan keessa turra. Yoo sanyiin Oromoo duguugamus wal duraa duuba ta’uu danda’a malee kan irraa hafu hin jiru. Maaliif dhugaan kun hin hubatamane? Maaliif badii keenyaaf of qopheessina?

Egaa, waayee dhukkuba keenyaa asumarratti dhaabuudhaan; mee kan ta’e ta’ee, yoo Waaqayyo/Rabbii hubannoo kan nuuf kennu ta’e, waan biyya keenya Oromiyaa keessatt deemaa jiru laallee; uummata keenya kan du’aa fi dhiigaa jiran yaadachuudhan; walirratt duuluu dhiisnee dhagaa takkas taatu gara diinaatti haa darbannu. Waan dandeenyuun gahee keenya haa taphannu, qooda keenya haa gumaachinu. Qoodni fi gaheen keenya immoo kan Oromummaa gabbisu malee kan Oromummaatti gaaga’ama fidu ta’uu hin qabu. Barreeffama kutaa itti aanu keessatti waayee yeroo ammaa deemaa jiru fi keessumaayuu DhDUO laalchisee yaada koo qabadheen dhiyaadha.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!


Kutaalee Dabran

4. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa
3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – Kutaa Sadaffaa
2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.