By | June 14, 2019


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Jahaffaa

Berhanu Hundee, Waxabajjiii 14, 2019

Barreeffama kutaa shanaffaa keessatti ibsa hoggansi ABO Koree Teekniikaa wajjin kenne laalchisee dhimmoota tokko tokko kaaseen ture. Isaan kana keessaa inni tokko filmaata biyyoolessaa dhufuuf jiru yoo ta’u, haala amma Oromiyaa keessa jiru keessatti ABOn dhugumatti filmaata kana injifatee, kaayyoo ijaarameef galmaan gahuu ni danda’aa? gaafii jedhu kaasee, waan tokko tokko ibsuu yaaleen ture. Barreeffama kutaa jahaffaa kana keessatti haala yeroo ammaa deemaa jiru laalchisee waanan hubachaa jirun dhiyeessa.

Obsi uummata Oromoo akka gowwummaatti laalamuu hin qabu

Yeroo tokko tokko gaarummaa fi obsi uummata Oromoo akka wallaalummaatti ykn gowummaatti waan fudhatamu fakkaata. Wanti akkanaa kun kan mul’atu namoota alagaa ta’anirraa qofaa osoo hin taane Oromoo ta’aniituu warri akkanatti yaadan lakkoofsi isaanii xiqqaa miti. Uummatni Oromoo gaafii kaasaa tureef deebii eegaa akka jiru ni beekama. Haa ta’u malee, mee jijjiiramni kun haa ce’u jedhee taa’ee laallaan ykn obsaan eegnaan, gama tokkoon akka waan uummatni kun gaafii isaa sana dagateetti ykn dhiiseetti laalama. Gama biraatiin immoo uummatni kun callisuu fi obsuu filannaan, waanuma gowwoomsame ittifakkaatee, gaafii isaarra dabranii, fedhii alagaa eegsissaa ykn/fi guutaa jiru.

Warri akkantti yaadan garuu irra deebi’anii ofhubachuu qabu. Obsis yoo daangaa dabre gara hin taanetti akka nama geessu hubachuun barbaachisaa dha. Sababni ani dhimma kana kaaseef jijjiirama qabsoo uummata Oromootiin dhufe kana wajjin walqabata. Yoo dhugaa haa dubbannu jenne, jijjiiramni kun sochii uummata Oromootiin mul’ate malee, Oromoodhaaf wanti jijjiirame hin jiru yoo jedhame dhara hin ta’u. Mootummaan AWDUI amma ofhaaromse jedhamu kun, waan DhDUOn bakkee furtuu ta’e argatee, biyyatti tana bulchaa jiruuf mootummaa Oromoo ti jedhama malee, faayidaan uummatni Oromoo irraa argate jira jedhee yaaduun baay’ee na rakkisa.

Faayidaan uummatni Oromoo jijjiirama kanarraa argate maali?

Bittaa olaantummaa Wayyaanotaa jalatti, Oromoon adabamaa, hidhamaa, dararamaa, bubartootni teenya gudeedamaa, ajjeefamaa, biyyarraa baqataa fi qabeenyi isaa saamamaa ture. Erga wareegama ulfaataa Oromoon ittikaffaleen jijjiiramni kun dhufe boodas haalota jiran yoo laalle, haa xinnaatu haa baay’atu malee, hundi kunuu mul’achaa jiru. Tarii baqattummaan xinnaate ta’uu mala. Gaafiileen uummatni keenya yeroo sochii uummataa sana kaasaa turan takkallee deebii hin arganne. Gaafiileen deebii argachuun hafanii, uummatni keenya nagana bahee galuu hin dandeenye. Maaliif kana ta’e? jennee yoo gaafii kaasne, deebiin isaa gabaabumatti mootummaan ammaa kun adeemsuma dur bare sanatti fayyadamuu malee, gaafii uummataatiif gurra kennee dhaggeeffatee mala fi fala barbaaduuf fedhii waan hin qabneefi.

Olola Habashootni Oromoorratti godhanii fi fedhii isaan ibsachaa jiraniif garuu mootummaan kun waanuma rafee buluu hin fakkaatu. Hoggantootni Oromoo keessaa bahnillee yeroo dura gara taayitaatti bahan sana uummata Oromoo leellisaa; jechoota Sabboonummaa Oromoo calaqqisan dubbachaa; gooftaan keenya uummata kana jechaa uummata sobaa fi sossobaa turanii; har’a garuu haala erga mijeeffatan booda, uummata kana dagatanii alagaadhaaf garuu karaa danda’amu hundaan hojjechaa jiru. Gaafii Oromoon kaase dhiisanii gaafii alagaan kaasuuf deebii kennaa jiru. Fedhii alagaa fi diinaa guutaa jiru. Yoo kuni laalamu, Oromoo ta’uun isaaniituu gaafii keessa gala. Dhiigaa fi fooniin Oromoo ta’uu isaanii gaafii keessa galchaa hin jiru. Garuu qalbii fi fedhiin isaanii eessa akka jiru hubachuun nama hin rakkisu.

Habashootni, keessumaayyuu warri sirna durii sana faarsanii fi deebisuu barbaadan; warri olaantummaa saba tokkoo deebisanii uummattootarratti fe’uu barbaadan, sababni isaan tokkummaa Oromoo jibbanii fi QBO balaaleffataniif, Oromoon biyya kana diiga jedhanii waan amananiifi. Kan nama dinquu fi gaddisiisu garuu, jaarmayaan maqaa Oromootiin ijaaramee fi hoggantootni isaa olola Habashootni oofaa jiran dhugaa godhanii fudhatanii isaaniif tumsa ta’uu dha. Mee fakkeenyota tokko tokko haa laallu. Naannoo Amaaraa fi bakkoota birootti namootni ijaaramanii, qindaa’anii, hidhatanii socha’uudhaan Oromoo dabalatee uummattoota biroo miidhaa jiru. Kan keenyaa garuu akka addaatti laalamee, warra QBOtiif jedhanii jireenya isaanii bosona godhatan, SHIFTOOTA jedhamanii adabamaa jiru. Gaafiileen ijoolleen tun kaasaa jiranillee sirriitti hubatamanii, karaa nagaatiin furmaata waloo argachuuf yaaliin hin godhamu.

Ijoollee kana dhabamsiisuuf jecha yoo waraanni godhamu jidduutti uummata nagaa miidhaa jiru. Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani ijoollee kanaaf dubbachaa hin jiru; isaanis balleessarraa qulqulluu ta’uu danda’u jedhees hin yaadu. Haa ta’u malee, ijoolleen kun shiftummaaf jedhanii manaa akka hin bahin nan amana. Sababaaleen mootummaan ijoollee kanarratti duuluuf hedduu ta’anillee, ani sababaalee gurguddoo sadin tilmaama.

  • Tokkoffaa, akkuma armaan olitti ibsame, olola Habashootaatiif gurra kennuudhaan; maqaa tokkummaa Itoophiyaa eegsisuu jedhuun ijoollee tana dhabamsiisuuf; akka gaafiin Oromoo hin kaane godhuuf; akka hiree murteeffannaan uummata kanaa hin mirkanoofneef taasisuuf duula kana filate.
  • Lammaffaa, jaarmayoota Oromoo warra mirga Oromoo eegsisuuf qabsaa’an bobaa jalatti galfatee too’achuudhaan; kan karaa hidhannootiin socha’an immoo guutumaa guutuuttii dhabamsiisuuf; gaafiin Abbaabiyyummaa Oromoo deebii akka hin arganne godhuuf kaayyoo godhatee waan socha’auufi.
  • Sadaffaa, maqaa olaantummaa seeraan eegsisa jedhuun warra isaaniin morman hundaa yoo danda’ame sirumaa balleessuuf, yoo hin danda’amne laaffisuuf; ofiif garuu olaantummaa qabatee waan barbaade godhuufi

Akkuma makmaaksi Oromoo “Kan dandeessu dhaani jennaan, dhirsi gowwaan niitii dhaane” jedhamu, osoo jaarmayaa ykn dhaaba ykn mootummaa uummata Oromootiif quuqamu ta’ee; osoo dhugumatti akka jedhamu mootummaa Oromoo ta’ee; Osoo Sabboonummaan dhugaa onneef fi qalbii isaanii keessa jiraatee; osoo rakkoon uummata Oromoo isaanitti dhagahamee; osoo madaan Oromoo isaan dhukkubee, har’a silaa yeroo humnootni alagaa fi diinaa hidhatanii uummata keenyatti roorrisaa jiran kana uummata Oromootiif mirmachuu filata ture malee; isa kana dhiisee ijoollee Oromoo shiftoota jedhee waraanan isaan dhabamsiisuuf humna qabu hundatti hin fayyadamu ture. Isa kanatu jaarmayaa maqaa Oromoo qabatee, garuu fedhii alagaa guutaa jiru fi mootummaa Oromoo ti jedhamu kana eenyummaa isaanii mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.