By | August 12, 2019


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – MARSAA LAMMAFFAA – Lakkoofsa Kudha-lammaffaa

Berhanu Hundee, Hagayya 11, 2019

Oromoo

Hoggantoota ODP : Bilisoomneera, Qabasoon Oromoo galii isaa gahe, Woyaanee ari’ane, amma namni reebamu, du’u, dararamu hinjiru, misoomati dheebina fi kkf kan jedhan

Barreeffama lakkoofsa kudha-tokkoffaa keessatti ODP fi ኢዜማ laalchisee waan gaggabaabaa tokko kaaseen ture. Dabalataanis, yoo gaafiileen Oromoo deebii hin arganne warraaqsi uummataa ammas ka’uun isaa akka hin oolle; warraaqsa ykn diddaa ykn fincila uummataa ka’uu malu kana keessatti immoo haalotni (Scenarios) adda addaa uumamuu akka danda’an ibsee; haala tokkoffaa (Scenario 1) irratti waa xinnoo tokko tuqeen ture. Barreeffama lakkoofsa kudha-lammaffaa kana keessatti haalota uumamuu malan kanarratti bal’inaan yaada ykn tilmaama koo dhiyeessa.

Yoo warraaqsi uummataa deebi’ee ka’e, haalota (Scenarios) akkamiitu uumamuu danda’u?

Seenaa ykn haala dabreerraa kaanee yoo laalle, warraaqsi uummata Oromoo milkaa’uu kan danda’u yoo tokkummaan uummata ykn saba kanaa jiraate qofa. Warraaqsa dabre keessatti waan tokkummaa cimaan tureef, Wayyaanota jilbiifachiisuu danda’e.

Haala tokkoffaa (Scenario 1) irradeebinee laaluuf: “Warraaqsi dabre uummata Oromoo kaabaa hanga kibbaatti, bahaa hanga lixaatti akkasumas jiddugaleessatti bifa qindaa’een sochoosee ture. OPDOnillee ergamtuu Wayyaanotaa taatus, sochii kana keessa carraa argattee hirriibarraa dammaquudhaan hanga tokko uummata bira dhaabbachuuf dirqamte. Uummatni Oromoo sochii kana keessatti tooftaalee fi tarsiimoolee adda addaatti fayyadamaa waan tureef, mooyxannoo adda addaas argatee ture. Kanaafuu, ammas warraaqsi walfakkaataan kan ka’u yoo ta’e, mooyxannoo duraanii sana bu’ura godhachuun tooftaa biraas itti dabalatee kan duraanii sana caalaa milkiidhaan xumuree; gaafiileen isaallee kallattiidhaan deebii akka argatan taasisuu danda’a.” Kun akkuma barreeffama dabare keessatti ibsamee dha. Amma hoo? Warraaqsi ykn fincilli walfakkaataan yoo ka’e haala akkamiitu uumamuuf deema?

Haala lammaffaa (Scenario 2)

Haala har’a keessa jirru wajjin walbira qabnee yoo laalle garuu, yeroo kanatti tokkummaan uummata keenyaa hangam abdachiisaa dha? Wantootni tokkummaa keenya gaafii keessa galchan maalfa’a? gaafiilee jedhan sirriitti laaluun barbaachisaa dha. Duraan dursee, osoo gara dhimmichaa hin seenin dura, wanti ani dubbistoota barreeffama kiyyaa hubachiisuu barbaadu, ani dhuunfaadhaan ODPrraa rakkoo hin qabu. Isaanis obboleewwan keenya waan ta’aniif jechuu dha. Yoo waan gaarii, waan fedhii uummata keenyaa guutu hojjetan ni deeggaramu; yoo faallaa kanaa dalagan immoo ni qeeqamu. Kanaafuu, yoon waan isaan qeequ asitti barreessu, akka waan kanarraa barataniif malee, olola isaanirrattii oofuuf fedhiis ta’ee kaayyoo hin qabu. Kun akkanatti akka hubatamun fedha.

Tokkummaan uummata keenyaa yeroo ammaatti hangam abdachiisaa dha?

Akkuma yaadatamu, yeroo sochiin uummata Oromoo sadarkaa ol’aanaa gahe sana, Oromoon dammaqinsa qaban hunduu waliif mirmatanii (dirmatanii), sochiin sun akka milkaa’u godhanii turan. Aktivistootni Oromoo biyya keessa jiranis ta’ee kan biyya alaa jiran hunduu as keessatti gahee ol’aanaa taphatanii jiru. Uummatni bal’aan Oromoos wanti yeroo sana isaan qoqqoodu waan hin turiniif dhiimma tokkoof waliin dhaabbatanii, tokkummaadhaan socha’uu danda’anii turan. Har’a garuu waa hedduutu jijjiiramaa jiru. Fakkeenyaaf, Aktivistootni Oromoo ciccimoo ta’an faayidaa dhuunfaatiif waan harkifaman fakkaatu. Kuun immoo duraanuu ayyaanlaallattummaa fi carraa tokko barbaaduuf jedhanii warri carraaqaa turanii dha. Isaan akkanaa keessaa har’a warri caasaa Mootummaa keessatti bakkee (iddoo) gaarii argatanillee jiru. Gareen akkanaa kuni immoo, bilisummaa argannee jirra; amma wanti nu hafe yoo jiraate diinagdee fi misoomatti xiyyeeffachuu dha nuun jechaa waan ODPs dhaadhessan fakkaatu.

Haala Oromiyaa keessa har’a jiru yoo laalle,

Hoggantoota WBO: Jijjiramni dhufe tokko hin jiru. Jijjiramni jiru aangoon warra afaan biro dubbatani irraa gara warra afaan Oromoo dubbataniti darbuu qofaa dha. Ummata Oromoo irraa duuni, hidhamuun, saamamun fi kkf hin dabbanne.  Qabsoon mormi Abbaa Biyyummaa Oromoo hanga xummuraa argatuti itti  fufa.

Tokkoffaa, ODPn Qeerroo fi Qarree of duuba hiriirsuuf tattaaffii godhaa waan jiraniif, sababa kanaan Qeerroon/Qarreen waan gareelee adda addaatti bahan fakkaata. Qeerroo Bilisummaa, Qeerroo misoomaa, Qeerroo jijjiiramaa fi waan akkasiitu dhagahama. Kana jechuun gabaabumatti warra ODP deeggaranii fi warra adeemsa isaanii balaaleffatanii dha jechuu ni danda’ama.

Lammaffaa, haalli uummatni Oromoo keessa jiru Oromiyaa keessatti tokkoo miti. Uummatni keenya kutaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti, fakkeenyaaf Gujii fi Lixa Oromiyaa keessatti, sababa kamiinuu haa ta’u, haala badaa fi hedduu yaaddessaa keessa jiru. Tarii yaadaan bakkee lamatti hiramuu (warra bilisoomne jedhanii fi warra ammallee bilisummaa dhugaarraa fagoo jirra jedhan) wajjin wal qabatee ta’uu malaa, yoo uummatni Oromoo kutaa tokkoo dararamaa jiru kan kutaa biroo jiran callisanii waan taa’an fakkaata.

Sadaffaa, Jijjiirama dhufaa jira jedhamu kana wajjin walqabatees yoo laalame, kuun uummatni Oromoo aangoo argate; mootummaan Oromoo ijaarame yommuu jedhan, kuun immoo lakkii kuni hunduu dhugaa miti; uummatni keenya har’allee rakkoolee adda addaa keessa jira; Mootummaan kunis mootummaa Oromoo tii miti kan jedhanis jiru. Egaa, kun waan uummata addaan qoqqoodaa jiru fakkaata.

Ani yoomiyyuu uummatni Oromoo dhimma waloo tokkorratti garaagarummaa qabaatee, sababa kanaan tokkummaa isaa waan dhabu natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, akka amma deemamaa jirutti waa hedduutu nama yaaddessa. Haala kana keessatti, warraqsi uummataa deebi’ee kan ka’u yoo ta’e, akkamitti fi eenyuun qindaa’a? kan jedhu gaafii cimaa dha.

Asirratti haala uumame kanaaf ODP qofaatti quba qabuu osoo hin taane, jaarmayootni Oromoo hafanillee, kan dabrerraa waan baratan hin fakkaatu. Har’allee waan isaan dubbatan ykn hojjetan waan Oromoo qoqqoqdu akka jiru hubachuun nama hin rakkisu. Fakkeenyaaf, tokkoomne yookaanis walhubanne jechaatuma ibsa baasuu fi suuraa waliin ka’uu malee, wanti qabatamaadhaan lafarratti hojjetamu hin mul’atu. Kunis haala jirutti dabalamee, haala uummata keenyaa baay’ee walxaxaa fi yaaddessaa taasisa. Kuni hunduu waanuma namoota keenyaan mooraa Oromoo keessatti mul’achaa jiruu dha. Waan diinotni keenya dalagaa jiran osoo itti hin dabalamin jechuu dha. Haala badaa kana akkamitti fooyyesuun danda’ama? Gaafii kana Oromoon hunduu walis ta’ee of gaafachuu qaba. Barreeffama kiyya xumuruuf, haalli lammaffaan (Scenario 2) maal ta’uu akka danda’u hubataatu arga. Waaqayyo/Rabbi waan badaarraa nu haa baraaru!!

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaatti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.