By | August 8, 2019


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – MARSAA LAMMAFFAA – Lakkoofsa Kudha-tokkoffaa

Berhanu Hundee, Hagayya 8, 2019

Final days of Suprematism and Ku Klux Klanism (KKK) are fast approaching more than ever. 

Barreeffama lakkoofsa kurnaffaa keessatti dhimma Finfinnee laalchisee waan tokko tokko dhiyeesseen ture. Isaan keessaa inni tokko waayee Koree Qindeessituu Finfinnee jedhamtuu yommuu ta’u, dabalataanis gaafiilee tokko tokko kaasuun kiyya ni yaadatama. Gaafiileen kun immoo, yoo dhimmi Finfinnee furmaata argachuu baate, warraaqsa uummataa kan fuulduratti ka’uuf malu, kan kanaan duraarraa maaltu adda isa godhuu akka danda’u fi kan biroos turan. Barreeffama lakkoofsa kudha-tokkoffaa kana fi kan itti aanee dhufu keessatti dhimmoota biraas dabalatee gaafiilee sanatti xiyyeeffadheen waan tokko tokko ibsuu yaala.

ODP fi ኢዜማn walfuudhuuf ykn walittiheerumuuf deemuu?

ODPf ኢዜማn lafa jalaan ykn keessaan waliin hojjechaa akka jiran warrii keessa isaanii beekan tokko tokko ni dubbatu. Kana malees wanti qabatamaan dhagahame, waan hogganaan ኢዜማ Andargachew Tsege dhiyoo kana dubbate tokko waan kana waan dhugoomsu fakkaata. Akka namtichi kun dubbatetti, ADWUIn karoora fuulduree (roadmap) ኢዜማ tiin hojjechaa akka jiranii dha. Sababni OPDO/ODPn dhimma Oromootiif dursa kennuu dhiisee waan biraatti xiyyeeffatuufuu waan uummatni Oromoo hin beekene ykn hin hubanne iccitiin tokko waan jiruuf jedheen yaada. MM Dr Abiyyillee waajjira isaa keessatti Nafxanyootaan marfamee akka jiru odeeffannoon miliqee bahu tokko tokko ni addeessa. Gorsitootni isaallee humnoota kana keessaa akka bahan odeeffamaa jira. Karaa biraatiin immoo, ODPn ADP gammachiisuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa akka jiru wantootni kana mul’isan hedduu dha. Kuni iccitiidhaan osoo hin taane, waan ifatti argamaa jiruu dha.

Sababni ani dhimma kana tuttuquuf, asitti aansee waanan barreessuf ka’umsa ta’a jedhee waanan yaaduufi. Oromoon yoo makmaaku “Waa malee manni hin aaru” jedha. Dhimma Finfinnee dabalatee gaafiileen uummata Oromoo osoo deebii hin argatin lafarra harkifamuun isaaniituu waani iccitiin ykn adeemsi baddaatti tuqame kun jiruufi. Kana jechuun OPDO/ODPn Habashoota gammachiisuuf hanga carraaqu dhimma keessa ofiitiifillee waan cinqamu hin fakkaatu. Asirratti waan Jawaara Mahaammad dhiyoo kana OMNrratti dubbate tokkon yaadadha. Innis akkana jedhee ture: “MM Dr Abiyyi hamma Habashoota sossobu maatii isaatuu waan sossobu hin fakkaata”. WBOllee Shiftoota jedhanii adamsuun waanuma adeemsa kana wajjin walqabatu natti fakkaata. Maaliif yoo jedhame, jarri kun ABOs ta’ee WBO akka diigtota Impaayara tanaatti waan hubataniifi. Jarri keenya (ODPn) immoo akkuma duraan ibsame, humnoota kana gammachiisuuf jecha ilmaan Oromoo akka diinaatti laaluudhaan lola irratti banuun dirqama ta’a jechuu dha.

Yoo gaafiileen Oromoo deebii hin arganne warraaqsi uummataa ammas ka’uun isaa waan ooluu miti

Warraaqsi uummataa kan ka’u yoo rakkooleen heddooman; yoo nagaa fi tasgabbiin dhabame; yoo uummatarra roorroo fi midhaan gahe; dhimmi uummatichaa dagatamee fi obsi isaas daangaa dabree dha. Har’as yoo laalle, rakkooleen uummata keenyaa heddoomaa dhufuudhaan, obsi uummata keenyaas waan daangaa dabruuf deemu fakkaata. Keessumaayyuu immoo, dhimmi Finfinnee furmaata argachuu baatnan; abbaabiyyummaan Oromoon magaalaa tanarratti qabu mirkanaa’uu baatnan, fincilli ykn warraaqsi ka’uun waan hafuu miti. Haa ta’u malee, Warraaqasi uummataa (public uprising) dhufuuf malu, kan akka dabree sana injifannoo fidaa? Rakkoo maaltu isa qunnamuuf deema? Wanti adda isa godhuu danda’u maali? Qormaata akkamiitu isa mudata? Gaafiilee kana yaada keessa galchuu fi gadi fageenyaan hubachuun barbachisaa dha.

Yoo warraaqsi uummata deebi’ee ka’e, haalota (Scenarios) akkamiitu uumamuu danda’u?

Seenaa ykn haala dabreerraa kaanee yoo laalle, warraaqsi uummata Oromoo milkaa’uu kan danda’u yoo tokkummaan uummata ykn saba kanaa jiraate qofa. Warraaqsa dabre keessatti waan tokkummaa cimaan tureef, Wayyaanota jilbiifachiisuu danda’e. Amma hoo? Warraaqsi ykn fincilli walfakkaataan yoo ka’e haala akkamiitu uumamuuf deema? Tokko tokkoon haa laallu.

Haala tokkoffaa (Scenario 1)

Warraaqsi dabre uummata Oromoo kaabaa hanga kibbaatti, bahaa hanga lixaatti akkasumas jiddugaleessatti bifa qindaa’een sochoosee ture. OPDOnillee ergamtuu Wayyaanotaa taatus, sochii kana keessa carraa argattee hirriibarraa dammaquudhaan hanga tokko uummata bira dhaabbachuuf dirqamte. Uummatni Oromoo sochii kana keessatti tooftaalee fi tarsiimoolee adda addaatti fayyadamaa waan tureef, mooyxannoo adda addaas argatee ture. Kanaafuu, ammas warraaqsi walfakkaataan kan ka’u yoo ta’e, mooyxannoo duraanii sana bu’ura godhachuun tooftaa biraas itti dabalatee kan duraanii sana caalaa milkiidhaan xumuree; gaafiileen isaallee kallattiidhaan deebii akka argatan taasisuu danda’a. Kana kan murteessu garuu tokkummaa cimaa dha. Tokkummaan laafnaan, wanti hunduu gaaga’ama keessa galu jechuu dha.

Haala har’a keessa jirru wajjin walbira qabnee yoo laalle garuu, yeroo kanatti tokkummaan uummata keenyaa hangam abdachiisaa dha? Wantootni tokkummaa keenya gaafii keessa galchan maalfa’a? Gaafiilee kanaa fi haala lammaffaa (Scenario 2) barreeffama lakkoofsa itti aanu keessatti laalla.

Hanga debinutti nagaatti

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.