By | July 3, 2019


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – MARSAA LAMMAFFAA – Lakkoofsa Saddeettaffaa

Berhanu Hundee, Waxabajjii 3, 2019

Barreeffama lakkoofsa torbaffaa keessatti yaalii fonqolcha mootummaa laalchisee waan tokko tokko dhiyeesseen ture. Barreeffama lakkoofsa saddeettaffaa kana keessattis dhimmuma yaalii mootummaa fonqolchuu sana wajjin waan walqabutun dhiyyeessa.

Yaalii fonqolchuu Mootummaa booda maaltu ta’uuf deema?

Yaalii fonqolcha mootummaa sana booda, haalli amma uumame kun QBOrratti dhiibbaan inni qabu maala ta’uu akka danda’u waan natti mul’atu tokko tokkon ibsuun yaala. Akkuma argamaa fi dhagahamaa jiru, Mootummaan tarkaanfiilee tokko tokko fudhachaa kan jiru yoo ta’u, ammaaf kan inni itti xiyyeeffate Naannoo Amaaraa ti jedheen yaada. Naannoo kana keessatti immoo humnootni rakkoo uumaa turani fi jiran ykn rakkoo biroos uumuuf deeman warra Sabboonummaa Amaaraa leellisanii dha. Kanaafuu Mootummaan humnoota kana too’achuuf yaalii godhuun isaa waan hin oolle ta’a. Mootummaan kun duraanuu Sabboonummaan tokkummaa biyyattii tanaatiif rakkoo akka ta’u kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan ibsaa akka ture waan yaadatmuu dha. Keessumaayyuu Sabboonummaan Oromoo rakkisaa akka ta’u hoggantootni Mootummaa kanaa ibsaa turan.

Haa ta’u malee, Sabboonumma isa kamtu (Sabboonummaa Oromoo ti moo Sabboonummaa Amaaraatu) biyyattii tanaaf rakkoo ta’a? gaafii jedhu kaasuun barbaachisaa dha. Gaafii kanaaf deebii kallattii ta’e osoo hin kennin dura garaagarummaa Sabboonummaa lamaan kanaa laaluu feesisa.

Sabboonummaa Oromoo fi Sabboonummaa Amaaraa jidduu garaagarummaan jiru maali?

Sabboonummaa Oromoo fi Sabboonummaa Amaaraa walbira qabnee yoo laalle, garaagrummaan isaanii akka armaan gadiitti ibsamuu ni danda’a:

  • Sabboonummaan Oromoo akka beekamtii isaatiin umriidhaanis ta’ee bilchinaan Sabboonummaa Amaaraa ni caala.
  • Sabboonummaan Oromoo sirna cunqursaa Impaayara Itoophiyaa tanaa keessatti dhalate; sirna kana keessatti qormaattota ciccimoo keessa dabree guddatee fi dagaagee sadarkaa har’a irra jiru kana gahe.
  • Sabboonummaan Amaaraa sirna cunqursaa Impaayaraa tana keessatti dhokatee turee; lafa jalaan garuu olaantummaa Saba Amaaraatiif furtuu ta’aa ture
  • Kaayyoo fi fedhiin Sabboonummaa Oromoo uummata Oromoo cunqursa jalaa baasuu fi mirgi saba/uummata kanaa akka eegamu taasiisuu dha
  • Kaayyoo fi fedhiin Sabboonummaa Amaaraa garuu mirga uummata Amaaraa eegsisuuf haa jedhamu malee, kaayyoo dhokataan isaa olaantummaa saba kanaa deebisee uummattoota biroorratti fe’uufi
  • Saabboonummaan Amaaraa daangaa Naannoo Amaaraa dabree kan biroorratti miidhaa fiduuf uumame malee akka Sabboontotni saba Amaaraa jedhan fedhii uummata isaanii eegsisuu qofaatti hin dhaabbatu
  • Sabboonummaan Oromoo gaafiin uummata Oromoo akka deebii argatu taasisa malee, daangaa Oromiyaa dabree kan biroo miidhuuf kaayyoo hin qabu
  • Sabboontummaan Oromoo walqixxummaa sabootaa, sab-lammootaa fi uummattootaatti amana. Sabboonummaan Amaaraa garuu olaantummaa saba Amaaraa mirkaneessuufi
  • Sabboonummaan Amaaraa sirna dulloomaa durii sana faarsa ykn akka kun deebi’ee ijaaramu godhuuf gargaara malee sirna Federaalizimii ammaa kana ni jibba
  • Sabboonummaan Oromoo sirna Federaalizimii ammaa kanaaf hundee dha; sirni kun caalaatti diimookraatawa ta’ee akka ijaaramu gargaara (kun barbaachisummaa isa xiqqaa dha (minimum requirement)
  • Sabboonummaan Amaaraa tokkummaa biyyattii tanaa faarsa malee, tokkummaa kanaaf gaaga’ama guddaa fiduuf kan jiruu dha. Maaliif yoo jedhame, mirga hiree murteeffannaa sabootaa, sab-lammootaa fi uummattootaa mirkaneessuuf hin uumamne
  • Sabboonummaan Oromoo akka maqaan isaa xureeffame osoo hin taane, mirgi hiree murteeffannaa sabootaa, sab-lammootaa fi uummattootaa akka kabajamu taasisa malee biyyattii tana diiguuf kaayyoos ta’ee karoora hin qabu.
  • Sabboonummaan Oromoo jijjiirama biyyattii tana keessatti mul’achaa jiruuf motora (engine) dha. Sabboonummaan Amaaraa jijjiirama kana fashalsiisuuf waan karoorfamee dha

Egaa, osuma beeknuu dhugaa jiru fudhachuu yoo didnne malee qabxiilee baddaatti tarreeffaman kanarra dhaabbannee yoo laalle, Sabboonummaa isa kamtu mootummaa kanaafis ta’ee tokkummaa biyyattii tanaatiif gaaga’ama akka ta’u hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu.

Haa ta’u malee, Mootummaan dhugaa jiru kana hubatee fi amanee fudhata moo Sabboonummaa lamaanuu ija tokkoon laalee tarkaanfii walqixa ta’e irratti fudhachuuf deema laata? Sabboontotni garee lamaanuu mootummaa kanaaf diina jedhamanii adabamuu? Sababni ani gaafiilee kana kaasuuf, adeemsa ykn tarkaanfii Mootummaan fudhachuuf malu keessatti waan tokko waan natti mul’atuufi. Inni kunis Naannoo Amaaraa keessatti warra hidhatanii uummattoota biroo miidhuuf deemanii fi warra Oromiyaa keesatti qabsoo haqatiif jedhanii lubbuu isaanii wareeguuf bosona jiran hundaa akka diinaatti laalee ciminaan irratti duuluun waan maluuf jedheeni. Waan ta’uuf deemu kan arguuf teenyu ta’us garuu warri hidatan hunduu diina kiyya jedhee kan qabsoo haqaatiif jedhee socha’uu fi kan olaantummaa saba tokkoo deebisee ijaaruuf socha’u akka tokkotti laaluun dogoggora jedheen amana.

Kanaafuu, rakkoo mana keenyaatiif furmaata waloo barbaaduuf taa’anii waliin mari’achuutu hundaafuu mala fi fala ta’a malee tokko kan biraa humnaan dhabamsiisuu yaaluun furmaata xumuraa hin fidu. Qabsoon haqaa garuu ni turti malee galii ishii gahuun waan hafuu miti. Qabsoon Bilisummaa Oromoos kanarraa adda hin ta’u. Boodarra dhugaatu injifata.

Hanga dhimma biraatiin walitti debinutti nagaatti

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.