By | March 7, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?
Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Bitootessa 6, 2018

Kutaa Tokkoffaa

Uummatni Oromoo Minilikiin weeraramee; biyya isaa fi bilisummaa isaa erga dhabee kaasee hanga har’aatitti, bar-dhibbee tokkoo ol, haa xinnaatu haa baay’atu; haa dhiphatu haa bal’atu; tokko tokkeedhaanis haa ta’u bifa qindaayeen biyya isaa fi bilisummaa irraa fudhatame sana deebisee argachuuf qabsoo walirraa hin cinne godhaa as gahee jira. Kanaafuu, qabsoon bilisummaa Oromoo eessaa akka ka’e asitti bali’inaan ibsuun barbaachisaa hin ta’u. Sadarkaa qabsoon kun irra gahe fi maaliirra akka jirus har’a diinaafis ta’ee firaaf ifaa ifatti mul’achaa waan jiruuf isa kanas bal’inaan ibsuun akkasuma barbaachisa miti.

Wanti gadifageenyaan laalamuu qabani fi anis yaada kiyya irratti ibsuuf deemu garuu gaafii qabsoon kun garamitti (karamitti) deemaa jira? kan jedhu fi akkasumas qormaattota qabsoo kana keessa kaleessa turan, kan har’a jirani fi borus nu qunnamuuf  deemani dha. Haa turtu haa daddaftu yookaanis haa dheerattu haa gabaabbattu malee, qabsoon tun gara xumuraatti akka dhiyaatte shakkii hin qabu. Haa ta’u malee, garamitti akka deemtu fi galii kam akka geessu beekuun rakkisaa dha. Maaliif yoo jedhame, hiikni kaayyoo qabsoo kanaatiif kennamu fi galiin xumura qabsoo kanaa maal akka ta’uu qabu mormisiisaa ta’aa waan jiraniifi. Maal jechuu akkan barbaade bal’inaan ibsuufan deema.

Dhugaa dha, haala har’a keessa jirru kana keessatti, wanti dursa argachuu qabu fi kaayyoo inni duraa (primary objective) sirna Wayyaanee nama-nyaataa kana kuffisanii; duguuginsa sanyii uummata Oromoorratti labsamee jiru kana xumura ittigodhuu dha. Namni tokko akka malee yoo beelaye waanuma dafee argate tokko nyaachuu barbaada malee kana ykn sana naa wayya jedhee filachhuu hin danda’au. Haalli uummata keenyaas isa kana wajjin walfakkaata. Uummatni keenya har’a nagaa fi bilisummaa dheebotee fi beelayees jira. Kanaafuu isa kana dafee argachuu qaba. Sana booda afuura galfatee, waan yeroo dheeraatti arguu barbaadu tokko bakkaan gahuuf carraas ta’ee hiree argata jechuu dha.

Waan ta’eef, galiin qabsoo kanaa inni xumuraa maal ta’uu akka qabus ta’ee maal ta’uu akka danda’u isa kana ykn sana jedhanii yeroo ammaa kana dubbachuun barbaachisaa miti. Haa ta’u malee, waan Oromoon barbaadu tokko jechuun waan uummatni bal’aan hawwu tokko kan murteeffatu abbuma dhimmichaa kan ta’e uummata bal’aa fi saba guddaa Oromoo ti. Jaarmayaas ta’ee gareen kamiiyyuu kana murteessuufi hin danda’an. Gabaabumatti, hiree ofii ofiin/ofiif murteeffachuu kan qabu uummata bal’aa Oromoo ti jechuu dha. Humni kamiiyyuu isaaf murteessuu hin danda’u. Kuni hundaafuu ifa ta’uu qaba. Fedhiin ykn hawwiin dhuunfaa fedhiis ta’ee hawwii saba guddaa kanaa ta’uu hin danda’u.

Egaa, waayee galii isa xumuraa qabsoo kanaa hamma kana ergan jedhe booda, qormaatota qabsoo kanaa laalchisee waan tokko tokko kaasuun yaala. Qormaata qabsoo kanaa bakkee saditti baasnee laaluu ni dandeenya. Isaanis: qormaatota kaleessa turan, kan har’a jirani fi kan boru mul’achuuf deemanii dha. Qormaatota kaleessa turan asitti bal’inaan kaasuun barbaachisaa ta’uu baatullee, garuu kan dabrerraa waa barachuuf akka nama gargaaru, isaan kanas yaada keessa galchuun barbaachisaa ta’a.

Qormaatota Qabsoo Bilisummaa Oromoo kaleessaa

Qormaatota qabsoo kana keessa turan hundaa kaasuu fi xiinxaluun waan laayyoodhumatti ta’uu miti. Kana godhuuf ogummaa seenaa fi siyaasaallee nama gaafata; dandeettii addaallee qabaachuun barbaachisaa ta’a. Gadifageenya dhimma kanaa warruma ogummaa akkanaa qabaniif dhiisee; garuu yaadan qabu dhimma kanarratti ibsuun yaala.

Akkuma seenaan ragaa ta’uu danda’u, yeroon ijaarsa Macaa fi Tuulamaa (M fi T) dura ture yeroo dukkanaa akka ta’ee dha. Maaliif yoo jedhame, sirna bittoota Habashaatiin jechuun Mootummoota Habashaa dhufaa dabraniin eenyummaa Oromoorratti duula hamaan godhamaa waan tureef, sababa kanaan immoo Oromoon quba walqabaachuun hafee; eenyummaan walootuu awwaalamuuf bool’a qarqara gahee waan tureef. Kanaafuu qormaatin cimaan yeroo sana keessa ture inni hangafti eenyummaa Oromoo fi saba kana badiirraa oolchuuf ture. Sababa kanaaf Sabboontoni Oromoo yeroo sanaa badii kana hubatanii mala barbaaduuf toftaa adda ta’een M fi T ijaaruu danda’an.

Asirratti wanti hubatamuu qabu sochiilee sana dura turan kan akka sochii Walloo, sochii Baalee fi kkf dagachuu kiyyaa miti. Qabsoon kun bifa qindaayeen yoom akka calqabe fi uummata dammaqsuun yoom akka ifatti mul’achaa dhufe ibsuufi. Qormaatotni yeroo sana dura turanis qormaatota kamiiyyuu gadi akka hin taane warra seenaa beekutu ragaa ta’u. Haa ta’u malee, qormaatotni bu’ureesitootni fi gaggeessitootni M fi T keessa dabran kan seenaan bara baraan yaadatuu dha. Injifannoo Sabboontotni M fi T yeroo sana galmeessantu qabsoo har’a akka ibiddaa boba’aa jiru kanaaf hundee ta’e.

Hundeeffama Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kaasee hanga bara1991tti qormaatni cimaan ABO qunname karaa lamaani. Inni tokko diina wajjin qawweedhaan loluu yoo ta’u inni biraa immoo uummata keenya dammaqsuu fi akka caalaatti ofbaru taasisuu ture. Qabsoon Bilisummaa Oromoo ABOdhaan durfamaa ture rakkoolee fi qormaata adda addaa sana keessa dabree, bara 1991 injifannoolee gurguddoo galmeesse. Kana qofaatti hin hafne, bu’ura qabsoo yeroo sanaatu dhaloota har’aa, kan diinaaf hin jilbiiffanne fi gabrummaa baachuu dide, DHALOOTA QUBEE dhalche.

Bara 1991 dura mooraa ABO keessa ilaalchi siyaasaa fi ayidoolojiin adda addaa turanillee, jaarmayich kallacha qabsoo bilisummaa ta’e kun xinnaatee yoo xinnaate  tokkummaa fi humna cimaa qaba ture. Osoo sana qabaachuu baatee, injifannooleen nuti har’a ittiin boonaa jirru kuni hunduu hin argaman turan. Kanaafuu ABOn har’a gareelee adda addaatti caccabee laafullee jaarmayaa kaayyoon isaa onnee fi sammuu Oromoo keessa jiruu dha yoo jedhame waan dhara ta’u natti hin fakkaatu. Kaayyoo inni ittiin ijaaramee fi qabatee ka’etu akka inni uummata Oromoo biratti jaalatamu isa taasise, taasisallee dha. Hoggantootni isaa balleessaa hojjetaniif; jaarmayaan kun har’a bakkee lamaa saditti caccabeef, qeeqamuu, tuffatamuu, arrabasamuu hin qabu. Waan inni nuuf godhe dagachuu hin qabnu jechuu kooti.

Qabsoon hanga bara 1991 ABOdhaan hogganamaa turte injfannoolee gurguddoo ta’an galmeessuu qofaa osoo hin taane, galiin qabsoo kanaallee maal ta’uu akka qabu ifa taasistee turte. Har’a garuu bara 1991 booda hanga sochiin uummta Oromoo bara 2015 eegalett, mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo laaffachuu qofaa osoo hin taane, ayyaanlaalltummaan, obsa dhabuun, kaayyoo ifa ta’e dhabuun, safuu dhabuun, wal komachuu fi walqeequun (qeeqni ijaaraan gaarii dha), wal arrabsuu fi wal abaaruun, diina dhiisanii walirratti duuluun, ofitti-amanummaan hir’achuun,… kuni hunduu akka uumaman carraa argatanii turan. Ammallee amalootni kun mooraa keenya keessaa hin dhabamne. Amalootni akkanaa kun immoo qabsoo kanatti qormaata qofaa osoo hin taane, kaayyoo fi galii qabsichaallee gaafii keessa galchaa jiru. Dhimma kana “Qormaatota Qabsoo Bilisummaa Oromoo har’aa” jedhu keessatti laalla. Kutaa lammaffaa hordofaa.

Ulfaadhaa!

Hanga walitti deebinutti nagaatti

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *