By | April 1, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Ebla 1, 2018

Kutaa Saddeettaffaa

WBO uummata jidhuu, Bitootessa 31, 2018

Barreeffama kutaa torbaffaa keessatti, Muummichi Ministeerotaa (MM) mootummaa Wayyaanee Oromoo ta’eef, gaafiin biyyoolessaa Oromoo deebii aragchuu akka hin dandeenye; tarii jijjiirama xixiqqoo godhamuuf deemaniin (innumti kunuu kan argamu yoo ta’e) uummatni keenya gowwomsamuu akka danda’u fi sababa kanaan qabsoon akka ibiddaa bob’aa jirtu kun yeeroofis ta’u qabbanaa’uu akka dandeessu qabxiilee tokko tokko ibsuu yaaleen ture. Barreeffama kutaa kanaa keessatti, shira diinotni Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) nurratti xaxaa jiran tokko tokko kaasee ibsuun yaala.

Shirri diinota QBO yeroof gufuu uumuu danda’a malee qabsicha galii hawwamurraa hin oolchu

Akkuma yaadatamu, barreeffama kutaa lammaffaa keessatti diinotni QBO eenyu akka ta’an ibsuu yaaleen ture. Waanan achitti kaase sana irra deebi’ee asitti dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu baatullee, diinota achiitti tarreesse sana keessaa diinota alaa fudhadhee, isaan kanarratti waan tokoo tokko jechuun barbaada.

Shira Wayyaaneen xaxaa jirtu

Maqaa Labsii Yeroo Muddamaatiin (LYM) Waraanni Agaazii Oromiyaa guutuu keessatti uummata keenya kaan ajjeesaa, kaan hidhaa, kaan dararaa, kan biyyarraa ari’aa kan jiru akkuma jirutti ta’ee; dhihoo kana Wayyaaneen shira biraatiin gadi bahuuf waan tokko gootee turte. Innis maqaa Jaarsolee ykn Manguddoota Oromoo jedhuun warra garaaf bulanii fi maallaqaan bitaman Oromiyaa keessaa guurtee gara Maqaleetti erguudhaan maqaa Konfaransii Nagaa jedhuun namoota muraasa ta’an walitti qabdee;  achitti shubbisiisaa fi dhiichisiisaa turte. Akka shira ishiititti Wayyaaneen hangama uummata Oromoo fi aadaa isaa akka jaalatani Addunyaatti agarsiisuuf; hangam uummattootni tokkummaa akka qaban fakkeessuuf goote malee; Oromoodhaaf kun madaarratt madaa dabaluu dha.

Namni sammuu fayyaa ta’e qabuu fi yaaduu danda’u gochaan kun shira akka ta’e hubachuun waan isa/ishii rakkisu natt hin fakkaatu. Mee hubadhaa, gama tokkoon uummatni keenya guyyaarraa gara guyyaatti waraana Wayyaaneetiin akka baalaa harca’aa yeroo jirutti; gama biraatiin uummatni Oromoo naannoo Sumaaleerraa buqqa’anii jiran yeroo beelaa fi dhukkubaaf saaxilamnii jiranitti; yeroo uummatni keenya sababa LYM tiin gara biyyoota ollaatitti kumaatamootaan baqachaa jiranitti; namoota muraasa walitti qabdee dhiichisiisuun dhiigaa fi lafee uummata keenyaatti qoosuu mitii? Kuni tuffii hanga kana hin jedhamnee dha!! Lubbuu ilmaan Oromoo akka tiisisaattuu hin laallee bar jarri kun. Jara kana wajjinii MM Oromootiin sirni kun suphamee kan jijjiiramni dhufu?

Shira Gargaartotni Wayyaanee xaxuuf deeman

Akka odeeffannoon tokko tokko ibsutti, humnootni alaa keessumaayuu kan bara 1991 Konfaransii Londonrratti ta’e sana keessatti shira xaxanii, Wayyaaneen aangootti akka dhuftu taasisanii fi tumsa ta’aniifii hanga har’aatitti gargaaraa asiin gahan; amma sochiin uummataa, keessumaayyuu kan Oromoo, cimaa deemuu fi akka hin dhaabbannes hubatanii; Michuun isaanii Wayyaaneen akka hin miidhamne shira xaxaa jiru. Ammas akkuma bara 1991 haalduree isaaniif tolu uumanii; Michuun isaaniis akka hin miidhamne tattaaffii godhaa jiru.

Haalduree isaan uumuuf ykn ittifayyadamuuf deeman kun, maqaa araaraatiin (in the name of reconciliation) mootummaan ce’umsaa akka uumamu isin gargaarraa; garuu Wayyaaneen badii hanga har’aatitti godhameef akka itti hin gaafatamne wabiin kennamuufii qaba waan jedhan fakkaata. Kun waan baay’ee nama gaddisiisuu dha. Biyya isaanii keessatti namni tokko nama tokko yoo ajjeeseyyuu dafee qabamee mana hidhaatti darbamee sana boodas murtiin seeraa kennamaaf. Kan Oromoo garuu nama tokkoo lamaa ykn dhibbaa miti kumaatamaan ajjeefame; kumaatamaan biyyarraa akka baqatu taasifame; Miliyoonotatu qayeee, qabeenya fi lafa isaaniirraa buqa’an; Kumaatamatu bakka buuteen isaanii hin beekamne; kumaatamatu mana hidhaa keessatti dararamaa jiru,… Akkamitti kun akka laayyootti laalamee; warri badii kana hundaa dalagan akka wabii argatan godhama???

Karaa biraatiin immoo, akkuma odeeffannoon kun mul’isu, Konfaransii hundaa hammatu tokko qopheessuuf Wayyaanee waliin marii godhaas akka jiran ni himama. Kan nama dinqu, waan hayyama Wayyaanee eegaa jiran fakkaata; akka isiif tolutti haaldurees qopheessuuf deemu jechaa dha?? Ammas akkauma bara 1991 osoo nuti itti hin qophaayin shira dalaganii, qabsoo tanas karaarraa jallisuuf deemu jechuu dhaa? QBOn diina baay’ee akka qabu ifaa ifatti mula’chaa jira. Yeroo diinotni alaa shira akkanaa xaxaa jiranitti diinotni keessaa yoo itti dabalamni fi tumsa ta’an, qabsoon tun garamitti akka deemtu hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Qabsoo teenyatti gufuuleen baay’achuuf deemu waan ta’eef, Oromoon yoomiyyuu caalaa dammaqee, shiroota kan fashalsuu danda’uu qaba. Yoo kana hin taane, gaaga’ama guddaa keessa seenuuf deemna.

Yeroo diinotni alaa shira akkanaa xaxaa jiranitti immoo; diinotni keessaa tumsa ta’u; ayyaanlaallttotni kumaatamaan as bahu; Sabboontota fi Qabsaa’ota dhugaatti maqaa hin taane baasuudhaan olola isaanirratti oofu; warra kaayyootti cichanii, wareegama kaffalaa jiranitti kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan duula irratti labsu; abdii isaan kutachiisuu yaalu; yoo dadhaban xinnaatullee yeroofis ta’u gufuu itti ta’u. Kuni immoo qabsoo marshii shaniin deemaa jirtu tana marshii lamaan akka deemtu taasisa. Haa ta’u malee, qabsoon haqaa ni turti malee galii ishiirraa hin haftu. Dhugaan kun diinotaafis ta’ee firootaaf ifa ta’uu qaba.

Sabboontotni fi Qabsaa’otni dhugaa, badii nutti deemaa jiru kana alaalatti arguudhaan; osoo nu bira gahee nu hin silliksin; qabsoo kanas karaarraa maqsee egereen Oromoo fi Oromiyaa gaafii keessa akka hin galle; yoomiyyuu caalaa tumsa waliif ta’anii shira diinotaa kana fashalsiisuun dirqama Oromummaa ti. Qabsoon tun takka jabaachaa, takka laafaa, bu’aa bayii meeqa keessa dabartee as geessee jirti. Ammas shirri kamiyyuu yoo xaxame qabsoon tun qabsoo haqaa waan taateef, injifannoodhaan galii ishii akka geessu shakkiin hin jiru. Hojii diinotaa kan biroo fi waan biyya keenya Oromiyaa keessa deemaa jiru laalchisee, kutaa itti aanu keessatti yaada biraa qabadheen deebi’a.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

Kutaalee dabran

7. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Torbaffaa
6. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Jahaffaa
5. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Shanaffaa
4. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa
3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Sadaffaa
2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

One thought on “Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saddeettaffaa

  1. Pingback: Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? vKudhasadaffaa -

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.