By | April 22, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?
Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu 

Berhanu Hundee, Ebla 22, 2018 

Kutaa Kudhatokkoffaa

Dhimma har’a qabadhee dhiyaadhetti osoo hin seenin dura, dubbistoota fi hordoftoota barruulee kiyyaatiif waan tokko ifa godhuun fedha. Mootummaa sirna Wayyaanee, kan Muummicha Ministeerotaa haaraa Dr Abiyi Ahmed tiin hogganamu, keessatti akka yaadamu fi hawwamutti jijjiiramni dhufuu hin danda’au yoon jedhu, dandeettii fi fedhii Dr Abiyyi gaafii keessa galchee tii miti. DhDUOs ta’ee Dr Abiyi ammaaf aangoo jijjiirama kana ittiin fidan hin qaban; wanti hunduu kan furtuu ta’ani fi caasaaleen mootummaa murteessaa ta’an harka Wayyaanotaa waan jiraniif, haala kana keessatti jijjiiramni tokko akka hawwamutti hin dhufu jechuufani. Ani akka dhuunfaatitti dhaabichas ta’ee namootarraa jibba hin qabu. Akka ilmaan Oromootitti hundaafuu jaalala walqixa ta’en qaba. Warra fedhii uummata Oromoo faallessaniin garuu nan morma.

Hiree ofii murteeffachuun uummattootaa kabajamuu fi hojjiidhaanis mul’achuu qaba

Akkuma beekamu mirgi hiree ofii murteeffachuu uummattootaa, sabootaa fi sab-lammootaa Heera biyyattii Itoophiyaa sana keessattillee keeyyata 39 keessatti lafa taa’ee jira. Seerri fi heerri Federaalaa hojiidhaan mul’achuullee baatan; waliigalteen irratti godhamee waraqaarra kaa’amanii jiru. Haa ta’u malee humnootni, keessumaayyuu warri sirna Federaalaatiin mormanii fi sirna durii sana deebisanii ijaaruu hawwan keeyyata 39 kanaan akka malee mormaa jiru. Mirgi hiree ofii ofiin/ofiif murteeffachuu uummattootaa waanuma seera Addnunyaa keessattillee irratti waliigalamee jiru waan ta’eef, inni kun addatti Itoophiyaaf qofaa hin uumamne. Kanaafuu, seera kana kabajuun mirga ilma namaa kabajuu dha. Mirgi ilma namaa immoo bakkee fedhettuu gaafii keessa galii hin qabu.

Jaarmayoota siyaasaa Oromoo kan ijaaramanii jiran yoo laalle, akka kaayyoo ykn mul’ata isaaniititti bakkee gurguddoo lamatti baasnee laaluu ni dandeenya. Isaanis:

  1. Itoophiyaa diimookraatofte keessatti gaafiin Oromoo deebii argachuu ni danda’a; kanaafuu biyyattiin tunis walfaanummaadhaan jiraachuu qabdi jedhani warra amananii fi kanaafis hojjetan; (Asirratti jecha “Walfaanummaa” jedhu boodan bal’inaan itti deebi’a)
  2. Lakkii impaayara Itoophiyaa keessatti sabootni fi sab-lammootni bifa koloniitiin qabamanii waan ta’eef; biyyattiin tunis sirna kanaan waan ijaaramteef, sirni kun diigamee, sabootnis walaba ta’uu qabu warra jedhan

Kaayyoo fi mul’atni akkasumas galiin qabsoo isaanii adda adda haa ta’u malee, akka anaaf galutti hundi isaaniituu fedhii uummata Oromootiif; mirga uummatichaas kabachiisuuf waan hojjatan natti fakkaata. Warri fedhii uummata Oromoo hin kabajne immoo, maqaa saba ykn uummata kanaa moggaafatanii ijaaramuu hin qaban. Maqaa saba kanaatiin uummata keenyas afaanfaajjessuun isaanirra hin jiru. Jaalatamus jibbamus, fudhatamus dhiisamus wanti fedhii uummata bal’aa Oromoo faallessu uummata kana keessatti hundee hin qabu. Fedhii uummata kanaa warri hin kabajne diinota uummatichaa ti. Kanaafuu, mul’ata adda addaas qabaatan fedhii uummatichaa eeguun; mirga hiree uummatichaas kabajuun dirqama Oromummaa ta’a.

Rakkoon mul’ata adda addaa uume kun, akkaataa seenaa fi gaafiin biyyoolessaa Oromoo itti hiikamu natti fakkaata. Kanarratti siriitti waan irratti waliigalame hin fakkaatu. Seenaan ijaarsa Itoophiyaas bifa adda addaatiin waan laalamu fi ibsamuuf, kaayyoo qabsoo kan waloo ta’e tokkorratti waliigaluun rakkisaa ta’e. Weerarri Minilik godhes karaa adda addaatiin ibsama; hiika adda addaatu kennamaafis. Haa ta’u malee, akkataan inni biyya tana qabatee fi ijaare yoo laalame, biyyattiin tun bifa koloniitiin ijaaramatee as geese. Olaantummaa saba tokkootu keessatti calaqqisaa as gahe. Kanaafuu, sirna kolonii kana diiguun barbaachisaa ta’a. Akkuma Addunyaa keessatti mul’ate, sirna kolonii diiguu jechuun biyya walaba taate fi mootummaa birmadummaa ijaarrachuu jechuu dha.

Haala Itoophiyaa keessatti garuu bakkee waliigalteen hin jirree fi gaafiileen sabootaas karaalee adda addaatiin hiikamaa jiran kana keessatti, murtiin xumuraa kan uummataa ta’uun dirqama ta’a; mirgi fi fedhiin uummatichaas eegamuu qaba. Gabaabumatti, waan barbaadu, akkamitti akka jiraachuu fedhu; eenyu wajjin jiraachuu akka fedhu uummatni bal’aan Oromoo murteessuu qaba jechuu dha. Warri kanaan morman ykn murtii kana dura dhaabbachuu fedhan warra fedhii uummata knaa hin kabajne waan ta’aniif isaan kun diinota uummatichaa ti. Walumaagalatti, mirga hiree murteeffannaa uummata Oromoo eegsisuun dirqama jaarmayaa Oromoo hundaa ti. Kana ykn sana siif wayya jedhanii uummata barsiisuun ykn iiti himuun garuu mirga jaarmayootaa ti. Mirgi hundaatuu eegamuu qaba jechuu dha.

Rakkoolee siyaasaa Itoophiyaa hidda baasanii as gahan kana furuuf akka yaadaatitti (theoretically) filannoolee (options) saditu jiru. Isaanis:

  1. Federeeshinii Dhugaa kan naannolee amma jiranirratti hundaa’e (WALFAANUMMAA)
  2. Walabummaa Sabaoota Itoophiyaa (GARGARBAHINSA)
  3. Tokkummaa Saboota walaboomanii (GAMTAA SABOOTAA)

Akkuman armaan olitti ibsuu yaale, filannoolee kana keessaa kan isaaf ta’u kan filatu uummata bal’aa ta’uu qaba.

A) Federeeshinii dhugaa kan naannolee amma jiranirratti hundaa’e (WALFAANUMMAA)

Jaaramayootni Oromoo karaa itti amananiin hojjechuun ykn qabsaa’uun mirga isaanii ta’ee; uummata kanas amansiisanii kaayyoo fi galii isaanii duuba hiriirsuunis akkasuma mirga fi jabeenya isaanii ta’ee; garuu akka barbaachisummaa xiqqaa tokkotitti (as a minimum requirement), sirni amma jiru kun yookaan hundeedhaan buqqa’ee fi diigamee yookaan immoo akka fedhii uummataatti, gaafiilee uummataatiif guutumaa guututti deebii kennuu akka danda’utti kan haaromsamu yoo ta’e, kun akka filannoo tokkootti laalamuu ni danda’a. Haal-dureen filannoo kanaa garuu gaafii uummata Oromoo isa bu’uraatiif deebii guutuu kennuu qaba. Yoo kun hin taane, qabsoon ittifufa. Biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tanas, seenaan ishii akkuma jirutti ta’ee, garuu akka daangaa ishiitti jiraachisuu warri barbaadan filannoo kana fudhachuun dirqama ta’a.

B) Walabummaa Sabaoota Itoophiyaa (GARGARBAHINSA)

Xinnaatee yoo xinnaate filannoo inni duraa akka barbaadamutti milkiidhaan yoo xumuramuu baate, qabsoon sabootaas keessumaayuu kan Oromoo ittifufuun dirqama ta’a. Qabsichi immoo haala kanaan yoo ittifufe, galiin xumuraa walabummaa Oromiyaa ykn/fi mootummaa birmadummaa Oromoo mirkaneessuu ta’a jechuu dha. Filannoo inni lammataa kun saboota fi sab-lammoota biyyattii hunaafuu akka fedhii isaaniititti galii isaa kan gahu ta’a. Kaayyoo fi qabiyyeen barreeffamoota kiyyaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) waan laallatuuf kan saboota biroorratti yaada kennuu hin fedhu. Haa ta’u malee filannoon kun akka yaadaatitti hundaafuu ni ta’a jedheen yaada.

C) Tokkummaa Saboota walaboomanii (GAMTAA SABOOTAA)

Dubbiin tun akka makmaaksa Habashootaa የሚለበስ የላት፣ መከናነብ አማራት”  Waan ofirra buustu hin qabduu, kan ittiin ofmartu hawwiti” jedhamu hin ta’in malee, kunis akka yaadatitti; hojiirra ooluun isaa baay’ee rakkisaa ta’uullee, akka filannoo tokkootitti laalamuu ni danda’a. Filannoon kun dhugumatti baay’ee fagoo kan ta’ee fi mirkanaa’uun isaas gaafii guddaa ta’ullee, nagaa fii tasgabbii akkasumas guddina fi dagaagina naannoo Gaafa Aafrikaa tiif filannoo gaarii dha jedheen yaada. Achi gahuun garuu , laga namatti aanu osoo hin ce’in laga achi aanu tokko ce’uu yaaduu akka ta’e naaf gala. Akka filannoo tokkootitti yaada dhiyeessuun hammeenya waan qabus natti hin fakkaatu; dubbiis oo’isuu miti.

Haa ta’u malee, haala Itoophiyaa keessatti bifa saboota fi sab-lammoota biyyattii sanaa yoo laalle, gamtaan akkanaa kun ijaaramuun isaa gaafiilee baay’ee kaasa. Gamtaa saboota walabaa ijaaruu dura sabootni sun mataa mataatti (kophaa kophaatti) walaba ta’anii mootummaa birmadummaa isaanii ijaarrachuu qabu (akka filannoo lammataa armaan olii jechuu dha). Sana booda akka gamtaa biyyoota Aafrikaa ykn gamtaa biyyoota Auroopaa, walitti deebi’anii ijaaramuu jechuu dha. Filannoon kun warra Itoophiyaa akka teessoo lafaatitti takka taatee jiraattu arguu barbaadaniifillee filannoo biraa ta’a. Yoo kuni hin taane biyyattiin sun filannoo lammaffaa keessatti addaan bittinooftee hafuu waan dandeessuuf jechuu dha.

Sabootni akka Oromoo, Amaaraa, Somaalee, Afaar, Tigraay, Beenishaangul, Sidaamaa, Gaambeellaa fi kan kana fakkaatan, kan daangaa murtaa’aa ta’e qabaniif rakkoo hin fidu. Rakkoo kan fidu garuu sab-lammooto xixiqqoo warra kibbaa kan daangaa ifa ta’e tokko hin qabneef baay’ee rakkisa ta’a; yoo naannoleen amma jiran kun walaba ta’anii; erga mootummaa birmadummaa isaanii ijaarratan booda walitti deebi’anii gamtaa uuman malee jechuu kooti. Egaa kan ta’es ta’u filannoon kamiiyyuu hojiidhaan mul’atee argamus dhiisus, murtiin xumuraa kan uummata bal’aa ti. Furmaata xumuraa (lasting solution) fiduu kan danda’u hiree murteeffannaan uummatootaa yoo mirkanaa’e qofaa dha. Kana mirkaneessuun immoo dirqama hundaa ta’uu qaba.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

10. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Kurnaffaa
9. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saglaffaa
8. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saddeettaffaa
7. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Torbaffaa
6. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Jahaffaa
5. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Shanaffaa
4. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa
3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Sadaffaa
2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.