By | April 15, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Bitootessa 13, 2018

Kutaa Sadaffaa

Barreeffama kutaa lammaffaa keessatti diinotni Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) kan keessaa fi alaa eenyu akka ta’an iddoo fi gareelee adda addaatitti baafamanii gabaabinaan ibsamanii jiru. Dabalataanis jaarmayootni, gareelee fi namootni yookaanis Aktivistootni Oromoo tokko tokko kaayyoo qabsoo kanaatiif hiika hin taane kennuudhaan, galiin qabsichaas akkasuma akka dogongoraan laalamu akka godhaa jiran barreeffama sana keessatti ibsamee jira. Barreeffama kutaa sadaffaa kana keessatti, qormaatota QBO har’a jiran keessaa osoo hin bahin, dhimmoota tokko tokko dabalataan ibsuun yaala.

Kaayyoon jaarmayoota siyaasaa Oromoo wal faallessa moo wal tumsa?

Gaafiin kun baay’ee ulfaataa fi walxaxaallee akka ta’e nan hubadha. Yeroo ammaa kanatti gaafii akkanaa kaasuun barbaachisaas hin ta’u warri jedhanis hin dhabaman ta’a. Haa ta’u malee, diinotni fi gargaartotni diina QBO gaafii kana micciiranii Oromoo jidduutti rakkoo akka hin uumne, ofeeggannoodhaan dhimma kana laaluun baay’ee murteessaa dha. Karaa biraatiin yoo laalme immoo, yoo har’a rakkoolee jiran wal hin hubachiisne; yoo mana keenya qulqulleessuu hin calqabne, boru rakkoolee biroo keessa seenuuf waan deemnuuf, wanti kuni immoo egeree Oromoo fi Oromiyaatiif gaaga’ama fiduu mala. Kanaafuu, sodaataniis rakkoo jiran dhoksuun uummata keenya miidha malee faayidaa waan qabu natti hin fakkaatu.

Gaafii armaan olitti ka’e kanaaf deebii osoo hin barbaadne dura, jaarmayoota siyaasaa Oromoo biyya keessas ta’ee biyya alaa yeroo ammaa jiran, kan diinarraa walaba ta’anii jiran, iddoo ykn bakkee gurguddoo lamatti baasnee laaluu ni dandeenya. OPDOn isaan kana keessa jirti moo hin jirtu? gaafiin jedhu ka’uu mala. Jaarmayaan kun ammaaf walaba waan hin taaneef, ibsa kiyya kana keessa hin galchu. Fuulduratti garuu dhimma kanarratti yaada kiyya nan dhiheessa. Gareelee gurguddoo lamaan kun:

  1. Humnoota Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa – Isaan kun warra bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa akka kaayyoo isaaniitti qabatanii jirani fi galiin isaaniis isuma kana mirkaneessuuf qabsaa’aa warra jiranii dha. Akkamitti qabsaa’aa jiru? kan jedhu gaafii biraa waan ta’eef, isa kana yeroo biraan itti deebi’a.
  2. Humnoota Bilisummaa Oromoo fi Diimookraasii – Isaan kun warra bilisummaa Oromootiif qabsoofna ykn hojjenna jedhan garuu galiin isaan barbaadan kan warra A) as kan ta’e; bilisummaan uummata Oromoo yoo argame, biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti gaafiin Oromoo deebii argachuu ni danda’a warra jedhanii dha.

Asirratti sababni ani jecha “Diimookraasii” jedhu itti dabaleef, warri garee kana keessa jiran kaayyoon isaanii Itoophiyaa diimookraatessuuf waan ta’eef malee, humnootni garee A) keessa jiran diimookraasiitti hin amanan jechuu kiyya akka hin taane hubachiisuun barbaada.

Egaa, jechootuma “Humnoota Bilisummaa Oromoo” kan jedhanirraa yoo kaane, humnootni garee lamaaniituu wanti isaan waliin qaban (kaayyoon waloo) uummata Oromoo bilisoomsuu jechuu natti fakkaata. Erga kaayyoo waloo kana qabaatanii immoo, wanti isaan walfaallessiisu hin jiru jechuu dha. Hundi isaaniituu uummatuma kanarraa dhalatan; maquma uummata kanaas moggaafatanii jiru; uummatuma kanaaf dhaabbana jechaas jiru. Maarree, waan waloo tokko akka kaayyo yeroo gabaabaatti fudhatanii waliin hojjechuurra waldura dhaabbachuu maaltu fide? Moo sababaalee birootu jiru? Waliigaltee dhabuun kunis akka qormaata QBOtti laalamuu danda’a. Mana ofii qulqulleeffachuun asirraa calqabuu waan qabuufi.

Karaa biraatiin yoo laalamu immoo, akka laalcha fi hubannoo kiyyaatitti, wanti isaan walfaallessiisu galii QBO isa xumuraa (final goal of the struggle) ti jedheen yaada. Warri garee A) keessa jiran, akkuma maqaan ani asitti kenneef agarsiisu, bilisummaa uummata Oromoo argamsiisuu qofaa osoo hin taane, gaafiin Oromoo inni bu’uraa gaafii “Kolonii” waan ta’eef, biyyi koloniidhaan qabamte takka immoo walabummaa ishii argachuu qabdi jedhanii warra amanani fi isa kana mirkaneessuufis qabsaa’aa jiranii dha. Xinnaatee yoo xinnaate, uummatni Oromoo hiree isaa ofiin/ofiif murteeffachuu qaba warra jedhan natti fakkaatu. Akka yaada kiyyaatitti inni kun adeemsuma sirrii ta’ee dha. Maaliif yoo jedhame, filmaatni fi murtiin xumuraa kan uummata bal’aa Oromoo waan ta’uufi.

Warri Itoophiyaa diimookraatessinee, isa kana keessatti gaafiin Oromoo ni deebi’a jedhan, isa kanaaf qabsaa’uuf akkasumas galiin xumuraallee isa kana wayya jechuuf mirga qabu. Haa ta’u malee, seena biyyattii tanaa wajjin walqabatee yoo laalame; madaa uummatni Oromoo madaayaa har’a gahe kana galiin xumuraa warra garee B) ittixiyyeeffatan kun fayyisuu danda’aa? kan jedhu gaafii guddaa biraa waan uumu natti fakkaata. Erga biyyattiin tun humnaan ijaaramtee kaasee hanga har’aatti ofiif bu’aa tokkollee osoo hin argatin biyyatti tana jiraachisuuf kan akka Oromoo ittwareegame sabni ykn uummatni biraa hin jiru. Waaffalli uummata keenyaa har’a kunoo duguuginsa sanyii Oromoo ta’ee jira. Kana booda Oromoof maaltu dhufa jedhanii ofgaafachuun baay’ee barbaachisaa dha jedheen amana.

Kanaaf, rakkoo guddaan mooraa keenya keessa jiru akkaataa nuti haala biyyattii sanaa fi seenaa Oromoo walbira qabnee laallu fi hiika kenninuufii dha. Hanga ka’umsa rakkoo qabsoo kanaarratti walii hin galamnetti; hanga galii waloo tokkorratti walii hin galamnetti; hanga tooftaa fi tarsiimoo waloo tokko hin qabaannetti, qormaatni qabsoo kanaa babal’achaatuma deema malee waan hir’atu hin fakkaatu. Yoo rakkoon kun bifuma kanaan itti fufe immoo, mana keenya qulqulleeffachuun hafee, kan jiruu diigamuuf deema jechuu dha. Haal akkanatti walxaxaa ta’e kana keessatti jijjiiramni tokko akka tasaa kan argamullee yoo ta’e, waan ittti hin qophoofneef, ammas carraan biraa nu dabruuf deema jechuu dha. Akkuma seenaan biyyattii sanaa agarsiisu, yeroo hunda jijjiiramni tokko yoo dhufu, humnoota hin yaadamnetu carraatti fayyadamu.

Waan ta’eef, qormaatota har’a jiran keessaa inni guddaan jaarmayootni siyaasaa Oromoo kaayyoo fi galii waloo tokko dhabuu isaanii akka ta’u kun hundaafuu ifa ta’uu qaba. Hanga jaarmayootni fi gareeleen Oromoo waan walfaallessan hojjetanitti, uummata keenya afaanfaajjessuun ittuma fufa. Afaanfaajjii fi haala dogongorsaa ta’e kana keessatti immoo kan carraa gaarii argatan diinota QBO ti malee buaan uummata keenyaaf argamu hin jiu. Maaliif dhugaan kun hubatamuu dadhaba? Maaliif rakkoo mana keenyaa furachuu dhiisnee mooraa alagaa keessa tumsa biraa barbaaduu deemna? Humna Oromoo tuffanne moo ofitti amanummaa keenyatu hin jirree? Uummatni Oromoo jijjiirama tokko fiduuf waa hundaa akka qabu mul’isaa yeroo jiru kanatti, humna saba guddaa kanaa fedhii isatiif oolchuun dagatamee maaliif fedhii ormaatiif haa oolu jennee uummata keenyas ficcisiisna? Oromoo ofgaafadhaa!!!

Rakkoon mooraa keenyaa gama biraatiin yoo laalame immoo, rakkoo kaayyoo fi galii qofaas akka hin taane ni hubatama. Akkamitti yoo jedhame, jaarmayootni ykn gareeleen Oromoo kan kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaata qabanis tokkummaa uumanii humna jabeessuu hin dandeenyee bar!! Kun maaliif ta’e? Fedhii uummataa caalaa fedhii dhuunfaatu jiraa? Gaafiilee kanaa fi kan walfakkaatan akkasumas dhimmoota gaafiilee kana wajjin walqabatan kutaa itti aanu keessatti laalla.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

Kutaalee dabran

2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

One thought on “Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – Kutaa Sadaffaa

  1. Pingback: Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa -

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *