By | April 19, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?
Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Ebla 18, 2018

Kutaa Kurnaffaa

Akka Muummicha Minsteerotaa (MM) Itoophiyaatti filamuun Dr Abiyyi Ahmad Oromoo yaadaan abkkee lamatti waan hire fakkaata. Gama tokkoon, Oromoon waan Araat Kiiloo seeneef amma jijjiiramatu dhufa jedhanii warra gammachuudhaan mirqaananii fi jijjiirama kanas eegaa jiran yoo ta’an; gama biraatiin immoo hanga Wayyaaneen mootummaa kana keessa jirtutti jijjiiramni hin dhufu warra jedhanii dha. Anis yaadaan garee lammaffaa kana keessan waanan jiruuf, barreeffama kutaa kanaa keessatti dhimmoota tokko tokko kaaseen yaada kiyya ibsuu yaala.

Maqaa Muummicha Minsteerotaa (MM) Ormootiin sirna Wayyaanee suphuu yaaluun kan jijjiirama fidu caalaa gaaga’ama inni fidutu caala

Akkuman kanaan dura barreeffama  biraa keessatti ibsuu yaale, tokkoffaa, MM Oromoo ta’eef uummata Oromootiif jijjiiramni dhufuu akka hin dandeenye fi gaafiin Oromoo innii bu’uraa immoo sirumaayyuu deebii argachuu akka hin dandeenye irra deebi’ee jala sararuun barbaada. Lammaffaa, dhaamsi sirba Haacaaluu Hundeessaa “situ Araat Kiilootti aana” kan jedhu dogonggoraan hubatamuu hin qabu. Akka anaaf galuu fi/ykn hubadhutti, Haacaaluun situ Araat Kiilootti aana kan jedheef Qeerroo ati qabsoo kee jabeessi, alaa homaa hin eegin; situ Wayyaanee amma jilbiiffachiisaa jirtu kana kuffisee, uummata Oromoo aangessuu danda’a jechuuf malee, nama Oromoo tokko dhiisii dhibbuu Araat Kiiloo yoo galan hanga Wayyaanee achi jirtutti, hanga sirni nama-nyataan kun jirutti jijjiiramni tokkollee hin dhufu.

Muummichi Ministeerotaa haaraan, Dr Abiyyi, hojiidhaan agarsiisee jijjiirama fiduun hafee; calqabumti isaatuu gaarii akka hin ta’ini fi fedhii uummata Oromoos guutuu akka hin dandeenye ragaalee baayeetu jiru. Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani Dr Abiyyiin isa yoon jedhu akka ilma Oromoo tokkootti fi akka Obboleessa quxusuu tokkootti waanan laaluuf waan ta’eef, akka MMtti laalee isaan jechuu hin fedhu. Gara ragaaleetti deebi’ee, fakkeenya tokko tokko kaasuuf:

  1. Gaafa filatamu haasa’a godhe keessatti waan baay’ee nama gaddisiisu dubbate. Innis Mootota duraanii keessumaayyuu immoo Minilik, kan Oromoo biratti akka bineensaatti laalamu, gochaa isaa kan seenaanuu hin daganne sana dhiisee, hojii isaa faarsuun dogongora seenaa ti. Siidaalee Aanoolee fi Calanqoo sanaayyuu ittiamanee kan ijaarsise dhaabuma isaa DhDUO waan ta’eef, kunuu seenaa calaqqisaa osoo jiruu, Nafxanyoota gammachiisuuf jedhee, waan madaa Oromoo tuqu haasa’uun dogongora guddaa dha.
  2. Erga filatamee, idileedhaan (formally) MM biyyattii Sanaa ta’e booda, silaa oolee osoo hin bulin dafee Kaabinee haar’aa ijaaree hojii uummatni isarraa eegaa jiru eegaluutu irra ture. Kun hanga har’aatitti hin taane. Mootummaa isaa jalatti har’allee uummatni Oromoo Agaaziidhaan akka baala mukaa harca’aa jira. Reebichi, dararamni fi ajjeechaan uummata Oromoorra gahaa jiru guyyaarraa gara guyyaatitti dabalaa deeme malee uummatni keenya nagaa argatee hin beeku.
  3. Akkuman A) jalatti ibse, dafee Kaabinee ijaaree karaa kanaan akka seerri Federaalaa hayyamuufitti, Labsii Yeroo Muddamaa (LYM) uummatarraa kaasuun silaa hojii isa duraa fi hatattamaa ta’uu qaba ture. Dhimma jiruu fi jireenyaa uummata Oromoo murteessu, kan dursa (priority) argachuu qabau, kana dhiisee naannoleerra deemuun dhugumatti ammaaf barbaachisaa hin turre. Kun kan ta’uu qabu yoo uummatni keenya nagaa fi tasgabbii argate booda ture.
  4. Naannoo Somaalee deemee, namticha maraataa uummata keenya ficcisiisee fi ficcisiisaas jiru, Abdii Illee, wajjin walhammatanii akka waan nagaan jiruu agarsiisuun Oromoof gadda guddaa dha. Agaaziin Wayyaanotaa halkanii fi guyyaa Oromootti taphachaa yeroo jirutti, biyya isaanii Naannoo Tigraay deemee, uummata isanii gammachiisuuf waa hundaa yaaluun hamilee maaliitiini? Dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa ture/jiru fi lafeen uummata Oromoo caccabe xinumallee isatti hin dhaga’amuu?
  5. Dr Abiyyi MM ta’ee mootummaa Wayyaanee inni hogganu jalatti kunoo ammas marsaa lammaffaaf Mooyyaaleetti dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’ee, lubbuun ilmaan romoo darbee jira. Oromoon keessumaayyuu Qeerroon Oromoo meeqa guyyaa guyyaatti akka mana hidhatti guuramanii fi dararamaa jiran; dubartootni Oromoo kan umriin isaanii baay’ee xiqqaa ta’an dabalatee guyyaa guyyaati meeqa gudeedamaa, booyaa, dhiigaa akka jiranis Waaqa/Rabbi qofaatu beeka. Isa kana uummatarraa dhaabuun silaa hojii hatattamaan godhamuu qabu ture.

Egaa, osoo dhugaan kun lafarra jiruu; osoo calqabni MMtuu hin tolin adeemsa keessa jijjiiramni tokko ni dhufa jedhanii yaaduun hiikni isaa maali? “Biddeenni gaariin eeleerratti beekama” jedhaa mitii Oromoon yoo makmaaku!! Dr Abiyyis sirna Wayyaanee kufuuf hallayyaa fiixeerra jiru kana deebisee lubbuu fi human itti horee, akkuma MM isa duraa sirnicha kana tajaajiluuf yoo ta’e malee, uummata Oromootiif jijjiirama fiduun hafee, nagaa uummatichaatu eegsisuu hin dandeenye, hin danda’us.  Dhugaan kun hundaafuu firas ta’ee diinaaf ifa ta’uu qaba.

Mootummoota Habashootaa dhufaa dabran keessatti uummatni Oromoo haaluma walfakkaatuun dararamni irra gahaa turullee, sirna Wayyaanee jalatti garuu yoomiyyuu caalaa hidhaa, dararama fi ajjeechaa hanga kana hin jedhamnetu irra gahaa jira. Wanti biraa hafee, uummatni keenya nagaan bahee galuu; nagaan qayee fi mana isaa keessa jiraachuu dadhabee guyyaarraa gara guyyaatti reebamaa, hidhamaa, dararamaa fi ajjeefamaa jira. Duulli Wayyaaneedhaan uummata Oromoorratti godhamaa jiru duula duguuggaa sanyii ti. Wayyaaneen uummata Oromoo addatti baastee lafarraa dhabamsiisuuf itti xiyyeeffattee jirti. Diinni tokkoffaan Wayyaanotaa Oromoo ta’ee jira. Sirni nama-nyaataan kun yoo ittifufe, badiin Oromoorra gahu cimaatuma deema. Kanaafuu, Oromoon akka nagaa argatu sirnichi kun hundeedhaan buqqifamuu qaba.

Qabsoon Oromoo keessumaayuu kan Qeerroo Oromootiin godhamu sirnicha kana diiguutti xiyyeeffachuu qaba malee, kana booda jijjiirama bifa biraatu dhufuu danda’a jedhanii eeguun badiirratti badii biraa dabalaa deemuu ta’a. Keessumaayyuu immoo maqaa MM Oromootiin jijjiiramni ni dhufa jedhanii yaaduun haala keessa jirru hubachuu dhabuu dha. Oromoon yoomiyyuu caalaa, dammaqee, gurmaayee, of ijaaree, humna isaa jabeessee hanga sirna kana buqqisutti karaa hundaan qabsoo hadhooftuu tana ittifufuu qaba malee waan biraatiin gowwoomsamuu hin qabu. Sirni Wayyaanee yoo kufe booda immoo, waan isaaf ta’u fi akka isaaf ta’utti, akka fedhii isaatitti kan murteeffatu uummatuma bal’aa ta’uu qaba. Waayee hiree murteeffannaa uummata Oromoo laalchisee barreeffama kutaa itti aanu keessatti yaada qabdheen deebi’a.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

9. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saglaffaa
8. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Saddeettaffaa
7. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Torbaffaa
6. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Jahaffaa
5. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Shanaffaa
4. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa
3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Sadaffaa
2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *