By | April 1, 2018


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Torbaffaa

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

Berhanu Hundee, Bitootessa 29, 2018

Kutaa Torbaffaa

Barreeffama kutaa jahaffaa keessatti, mata duree “Dhaabbatni Diimookraatawaa Uummata Oromoo (DhDUOn) QBO ni gargaara moo gufuu itti ta’a?” jedhu jalatti akka haala amma jiruutitti dhaabni kun Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) gargaaruu caalaa gufuu akka itti ta’u ibsamee ture. Kun akkuma jirutti ta’ee; Muummichi Ministeerotaa (MM) haaraan dhaaba kana keessaa filamuun akka waan jijjiirama bu’uraa tokko fiduuf deemuutti laalamaa jira. Isa kana waan arguuf teenyu ta’ee; MM Oromoo keessaa bahuun QBO galii hawwamutti geessuu isaa ani nan shakka. Barreeffama kutaa kanaa keessatti shakkii qabu kana ibsuun yaala.

Muummichi Ministeerotaa (MM) mootummaa Wayyaanee, Oromoo keessaa baheef gaafiin biyyoolessaa Oromoo deebii hin argatu

Gara dhimma ijoo barreeffama kutaa kanaa osoo hin seenin dura, akka ilma Oromoo tokkootti ilma Oromoo tokkoof hawwi ibsuun barbaachisaa waan ta’uuf, Dr Abiyyi Ahmad baga gammaddan jechuun barbaada. Filamuun isaanii uummata Oromootiif bu’aa haa fidus haa fiduu baatus; qabsoo kana keessatti gahee haa taphatus haa dhiisus; qooda haa gumaachus hin gumaachinis, garuu akka ilma dacheen Oromiyaan magarsite tokkootti waan gaarii isaaniif hawwuun fedhii Oromummaa ti jedheen amana.

Haa ta’u malee, dhimma filmaataa MM kana wajjin walqabatee, namootni tokko tokko mirqaanuurraa kan ka’e, waan dhugaarraa fagaatan tokko tokko miidiyaa hawaasummaarratti darbachaa jiru. Wanti hubatamuu qabu, DhDUO sadarkaa amma irra jiru kanarraan kan gahe fi akka Dr Abiyyi filataman kan taasise jabina dhaabichaa tii miti. Hoggansi haaraan Obboo Lammaatuu akka as bahu kan taasise fi filmaata MMtiifis sababa kan ta’e, sochii uummata Oromoo fi keessumaayuu immoo wareegama Qeerroon Oromoo ittkaffalaniin waan argamee dha. Osoo sochiin uummata keenyaa ka’uu fi cimaa deemuu baatee, DhDUOnis bakkeedhuma dur turte sana jirti turte. Kanaafuu, mirqaanuurraa kan ka’e, dhugaa micciiranii laaluun dogongora guddaa dha.

Dhugaa dha, haala sochiin uummata Oromoo mijeessa kana keessatti hoggansi Obboo Lammaa sochii gaarii godhaa akka jiru waan dhara ta’uu miti. Baay’ees itti dadhabanii jiru; kanaaf immoo galata Oromummaa qabu. Akka namootni waa baay’ee irraa eegan, Dr Abiyyis dhugumatti jijjiirama tokko fiduu danda’uu ykn dadhabuu isaanii amma beekuun nama rakkisa. Haala baay’ee ulfaataa fi walxaxaa keessa seenuuf akka deemanii fi qormaatni hanga kana hin jedhamne akka isaan eeggatu shakkiin hin jiru. Yoo qormaata kana keessa dabranii, xiqqaatus waan tokko jijjiiruu danda’an kun waan gaarii dha. Yoo qormaata isaan eeggatu kana dabruu dadhaban fi/ykn sirnuma kana suphanii lubbuu ittihoruuf kan hojjetan ta’e, seenaa isaaniillee xureessuuf deeman jechuu dha. Kanaafuu waan ta’uuf deemu arguuf jirra.

Gara dhimma ijootti deebi’uudhaaf, gaafiin biyyoolessaa Oromoo inni bu’uraa (fundamental Oromo national question) Muummichi Ministeerotaa Oromoo ta’eef deebii argachuu akka hin dandeenye hundaafuu ifa ta’uu qaba. Maaliif yoo jedhame:

  • Tokkoffaa, hanga sirni Wayyaanee kun bakkuma sana jirutti; hanga Wayyaaneen mootummaa kana keessaa qooda qabdutti, wanti fedhellee kan jijjiiramu yoo ta’e, gaafii Oromootiif deebii quubsaa hin kennu. Jijjiirama xixiqqoo tokko tokko of fuuldura qabanii kunoo bu’aa isiniif argamsiisaa jirraa kan hafes eegaa jechuudhaan waan tokko tokko ququnturanii uummata keenyatti darbuun gaafii bu’uraa deebisuu gonkumaa hin danda’u.
  • Lammaffaa, akkuma ammaayyuu haasa’amuu calqabee jirutti, kunoo Oromoon yeroo duraatiif MM argatee jira jedhamee waan ololamuuf, kuni immoo yaada uummatichaa xiyyeeffannaarra jallisuu waan maluuf, QBO shaffisiisuu caalaa gufuu itti ta’uu danda’a. Yaada namootaa gargar hiree, tokkummaadhaan akka hin qabsoofne taasisuus mala. Galii xumuraa isa guddichatti xiyyeeffachuun hafee, waan xixiqqoodhaan gowwomsamuuf carraa biraa uumuu danda’a. Isa kana keessatti, ayyaanlaallattumman bifa adda addaatiin uumamuu mala.
  • Sadaffaa, qabsoon akka ibiddaa boba’aa jiru fi sirnicha kanas kuffisuuf qarreerraan ykn fiixee hallayyaarraan gahee jiru kun, jijjiirama imaammataa (policy reform) adda addaa MMtiin godhamuuf deemuun yeroofis ta’u qabbanaa’uu danda’a. Qabsoo shaffisaan deemaa jiru kana fireenii isaa qabuu jechuu dha. Kuni immoo daandii bilisummaa fi walabummaa dheeressa;
  • Afraffaa, ilmi Oromoo tokko MM biyyattii sanaa ta’uu jechuun addatti ykn kophaatti Oromoof hin filamu; biyyattii sana hogganuuf deema. Fedhii Oromoo caalaa fedhii biyyattii sanaatiif dursa kennuun dirqama ta’a. Mootummootni biyya alaa fi hawaasotni Addunyaa immoo MM kun hojii inni akka waliigalaatti biyyatti sanaaf hojjetu deeggaru malee addatti fedhii Oromoo guutuuf akka hojjetu waan hin feeneef, QBOn akka dagatamu taasisa.
  • Shanaffaa, akkuma tanaan dura jedhamaa ture, kunoo MM fi hogganaa ol aanaan Oromoo keessaa bahee jira; uummatni Oromoo kana caalaa maal barbaada jedhamee olola afarsuuf haala waan mijeessuuf, kaayyoo guddichi uummata Oromoo akka hin hubatamne taasisa; qabsoo kanatti qormaatni biroo akka ittidabalaman godha.
  • Jahaffaa, Dr Abiyyi akkuma haasa’a isaanii kan adda addaarraa hubatamutti, araada (suusii) Itoophiyummaa waan qabaniif, fedhii uummata Oromoo caalaa fedhiin Itoophiyaa dursa akka argatu caalaatti waan hojjetan natti fakkaatu. Kuni immoo kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan Oromummaarratti dhiibbaa qaba.

Egaa, MM Oromoo tokko argachuu jechuun qabsoo bilisummaa Oromootiif gargaarsa ykn tumsa ta’ee; gaafii Oromoo isa bu’uraatiif deebii kennuurra gaafii guddichi kun dagatamee; uummatni keenya ammas waan xixiqqoodhaan gowwoomfamee waan biraatitti akka xiyyeeffatu taasisa malee bu’aan MM Oromoorraa argamu ana natti hin mul’atu. Akkuman barreeffama kutaa isa kana duraa keessatti ibsuu yaale, DhDUOs ta’ee MM haaraan kun QBO gargaaruu kan danda’an, dhiibbaa Wayyaaneetii ala walaba ta’anii; waan uummata Oromootiif dursee bu’aa fidu yoo hojjetan qofaa dha. Yoo kuni hin taane, gaafii Oromoo isa bu’uraatiif deebii kennuun hafee, qabsoo akka ibiddaa boba’aa jiru kanaayyuu qabbaneessuuf haalli biraa uumamuu mala. Dhimmoota biroo, kan waayee MM wajjin walqabatanii fi gochaa diinaa laalchisee, barreeffama kutaa itti aanu keessatti yaada qabdheen deebi’a.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

Kutaalee Dabran

6. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Jahaffaa
5. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Shanaffaa
4. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Afraffaa
3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Sadaffaa
2. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Lammaffaa
1. Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? Kutaa Tokkoffaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.