By | October 8, 2019


Qabsoon keenya galma kaayyoo itti jalqabeef gahuu qaba – Kutaa 1faa

Ayyaanaa Goobanaa  fi Caalaa Hayiluu, Onkololeessa 7, 2019

Waan kaane fi keessa jirru beeknee  qabsoo galmaan gahun dirqi dha.

Ummati Oromoo erga sirna gabroomfataa Habashaa jalattii humna qawween kufee kaasee yeroon inni itti qabsoo bilisummaa fi walabumma taasisuu dhaabe hin jiru. Yeroo uummati addunyaa kana keessa jiraatu hundi, biyyoota ollaa keenyaa jiran kan akka biyya Jibuuti, Eriteriya, Sudaan kibbaa dabalatee, bilisummaa ofiif qabsaawan itti milkaa’anii bilisaan jiratan, sabi Oromoo kan baayyiinni  gara milyoona 50 olitti shallagamu sirnaa haaccucaa Nafteenya fi wakiloota Nafteenya( Gobaanoota haaraa, OPDO fi warra faayidaa biyyoota lixaa irraa argatan) jaalatti guyyaa guyyaan ajjeefamaa jiraachun fafa guddaadha.

Sabni hanga kana gahu qe’ee isaa irraa buqqa’aa, mana hidhaa keessati hirarfamaa, beelatti saaxilamaa, lafa abba isaa irraa buqqa’aa, akka bineensaa lafa hundatti ajjeeffamaa faayidaa murna yartuu aangoo harkaa qabduu tiksuuf callisuunis gaabbii fi gaafatma seenaa akka nutti tahuu dagachuu hin qabnu.  Inni keessaa turre hanqannaan, yeroo ammaa Oromiyaa iddoolee garagaraa keessatti gochaan suukaneessaa silaa dhala namaa irraa namaa fakkisaatirra ni geessifama jedhamee hin tilmamamne dhala Oromoorratti raawwatamu, Oromoon callisee laaluu caalaa kan nama dhukkubsu hin jiru.

QABSOO

Gammachuu Gurmeessa was killed by the Ethiopian savage army on 19 September 2019, because of he appearned on OMN TV and criticized the Ethiopian Government . The footage shows a dozen of armed forces in uniform surrounded the defenseless Gammachuu while cruelly tied his hand behind.

Oromoon yeroo hunda qabsoo godhee godhee,  akkuma jaal Marrroo Dirriba jeedhe “yeroo diinaa isaa injjfachuf taakkun tokko isa hafu, inni garuu deeubatti deebi’uun mana isaatti yeroo galu, yeroo hunda diinni  kan inni injifatetti abbaa ta’ee debii’ee ofi ijaarun warra afaan Oromoo dubbatu of dura buuse qe’ee isaatti isa dhiitee waan barbaadee godhee uummaat keenya garuu hambaasaa eeggachiisa.’’ Kanarraa kahuun sabni keenya rakkoo ture keesssaa bahuuf osoo hawwuu carraaquu, wareegama hadhooftuu kaffaluu, garuummoo deebi’eetuma  rakkoo duraanii caalaa hammataa fi gadadoof uummata keenya saaxilaa asi gahee jira. Osoo Oromoon dogongora ofii irraa baratee biyya isaa bilisoomsee, akka armaan olittti ibsame kanatti biyya abbaa keenyaa keessatti alagaan akka sareeti nun ajjeestu ture.

Seenaan keenyas erga bareeffamuu jalqabee kanaef furmata arguu hin dandeenye. Kunis kan tahe kaayyoo bilisummaa fi walabumma amma fiixaan baasnuti itti cichuu hanqachuun, gantoota of keessaa qulqulleessuu hanqaachun, diina keessaa irraa of tiksuu dhadhaabuun, biyya walaba taate ijaarrachuf mirga akka  qabnu beekuu dhadhabuun, of ijaarun kaayyoo tokko jalatti socho’uu dhadhabuun, olola diinaf jilbeenfannee dibbee rukkutaa ooluu irraa of baraaruu hin dandeenye. Waan as olitti ibsuu yaalame kun seenaa baratootaa fi hooggantoota qaraa kan qabsoo baroota 70oota keessa akka kaasnu nu taasisa.

Mee seenaa Qabsoo  keenyaa gabaabatti baroota 1970ootaa irraa  jalqabnee haa ilaallu.

Qabsoon Oromoo xumura argachuu qaba.

Sochii Bara 1970oota keessa barattoota sadarkaa 2ffaa fi warri Yunibarsiitii biyyatti keessa turan ni yaadatu jetne abdana. Qabsoo sirna abbaa Irree gonfoo (fewudaala Hayilee Sillaasee fi sirna Naafxanyaa irratti dura bu’uun kan hoogganaa turan  sabboontotaa fi qareeyyii ilmaan Oromoo turan. Isaan kana keessaa warra yaadanu yoo kaafne keessatu Finfinnee keessatti, finciila sirna Hayile Selaase irratti geegeeffama ture addaa durummaan kan hoogganaa turan ilmaan Oromoo ti. Isaan keessaa manneen barnootaa Finfinnee keessa turan fakkeenyaaf Mana barumsa Tafarii Makkoneen keessaa:- Abboomaa Mitikkuu, Hawweetu Nageessoo, mana barumsa Li’uul Makkonnen keessaa:- Makkonnen Baayyisa, mana barumsaa Shimalis Habte keessaa:- Taayyee Morodaa, Gammachuu Magarsaa  fi kanneen biroo hedduu turan. Gaaffin lafa ajaanda yeroo sanaa haa tahu maale gaaffin Oromoo, gaaffii afaan ofiitin barachu, faakkeenyaf Zaamechaa yeroo sanaa akka ilmaan Oromoo hin hirmaanne dhiibbaa uumuu fi dhoowwuu( booykoot), afaan Amaaratiin hin barsiisfnu kan jedhu ajaandalee ijoo eenyumaa Oromoo qabatee adeemaa ture keessaa muraasa. Qabsoon gaaffii lafaas akkuma jirutti gaaffii Oromoo fi kan uummata kibbaafi kanneen cunqurfamtootaa ture.

Adeemsa qabsoo kana keessatti barattooti Oromoo keessaa kan akka Waalellny Makkonnen(dhalataan Torban Walloo) faa lubbu ofi itti dhabanii ture.  Beela uummata Walloo irra gahe dabalatee Fincila Ijoollen Oromoo geeggessaa turanii fi wareegama ilmaan Oromoo taasisaniin sirni Fewudaala Hayilee Sillaasee yeroo qabsoodhaan keessaa fi alaan burkutahu, sirnaan kan of ijaaree jaarmayan Siyaasa waan hin turreef waraanni maqaa Dargii ofitti mooggaasee dhufe angoo qabate.  Qabsoo kana kan dugda duuban sochoosaa turan adda durummaan Baroo Tumsa faa ture.

Akkuma yeroo hunda qabsawooti Oromoo  godhan, barattooti tokkummaan sirna fewudaalii mormaa turan hedduun isaanii jaarmiyaa Habashootaa kan akka Me’isoon, EPRP, ESAPA fi ECAT, kessati waal hirun diinaa walitt tahun asi bahan.  Jaarmoolen yeroo sana dhaalatan maaqa Itoophiyaan asi bahan kun hunda ECAT malee hundi isaanii farra qabsoo Oromoo turan. Guyya guyyaa tokkummaa fi walqixxumma saba dubbachaa galgala- galgala immoo ol-aantummaa Amhaaraa waliin leellisaa turan. Keessattu, Mei’sson fi EPRP giddutti lola turerraan ilmaan Oromoo dhimma isaan hin ilaalle keessa seenun hedduutu wareegame.  Oromoon ofiisaa fakkaachuu irra diina isaa waliin hiriirun kan dhume isa qabsoo Oromoof jecha wareeggame irra caala. Kun rakkoo qabsoo Oromoo bilisummaa fi walabumma tahee argina. Kanas tahee Oromoon yeroo hunda mirga saba ofiif haqa saba Oromoof qabsoo gochuu dhiisee hin beeku. Haa ta’u malee kaayyoo isaa itti wareega baase fiixan baasuu hin dandeenye. Kanafis sababaa inni cimaan tokko warra afaan  qabsoo haasa’uun qabsoo Oromoo hijack godhan, gantoota sabaa, diiqaloota Oromoo keessaa fi ilmaan nafxanyaa afaan Oromoo baratanii fi kanneen leellistoota harcaatuu fakkii Itoophiya Mei’sson , EPRP faa akka tahe Oromoon beekuu qaba.

 

General Tadesse Birru was crucified and sacrificed his life for the cause of Oromoo people.

Ilmaan qaroo Oromoon qabdu dammaqiinsa gaha horatanii 1974, kaayyoo gaaffi Oromoof madaalu lafa nuuf kaa’un qabsoo bilisummaa fi walabummaa osoo geegessanii kan lubbu isaanii itti dabarsan kumaatamaan lakkaa’amu.  Isaan keessaa taayitaa Olaana diinnii kenneef moggaatti dhiisuun kan saba keenyaf qabsaahuudhaan wareegaman hedduu keessaa kan akka General Taaddasaa Birruu,Maammoo Mazammir, Baaroo Tumsaa, HaylamaaramGammada fi Elemoo Qiilxuu( abbaa qabeenyaa) fi kanneen biroo akka fakkeenyatti kaasuu ni  dandeenya.

 

Hoogganoota kanniin malees kan kaayyoo kanaaf jeecha dirree falmaa irrati lubbun isaanii wareegame kan beekamanif hin beekamne hedduu dha. Kan mana hidhaa diinaa keessati ajjeechan bifa adda addaan irrati raawwatame maatii  duwwaatu beeka. Fakkeenyafi Injiiner Taasfahun Chaamada qareeyyii baroota dhiiroo qaanqee FDG qabsiisanii booddee hiraarfama guddaan mana hidhaa keessatti wareegaman kaasun ni gaha. Gaaffii guddaan garuu jaallan keenya kaleessaa, hangafoonni qabsoo fi hooggantoonni kaayyoo QBO maalif wareegamanii? Maal argachuuf qabsoon Oromoo jalqabee jedhee dhalli Oromoo hunduu of gaafachuu qaba.

Engineer Tesfahun Chemeda was killed in the fascist regime of Ethiopian prison.

Qabsoo kanaaf jecha ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanirraa humnaan dhiibamanii osoo mooraa baqataa biyya ollaa keessa jiranii kanneen wareegamanii fi as buuten dhabaman kannenimmoo har’as biyya ollaa keessatti rakkoon jiraatan hoonga hin qaban.

Gadisa Hirphasa, a 4th year AAU civil engineering student was tortured to death in 2008

Ammaa kan itti xiyyeffanu, maddi rakkoo uummati Oromoo miliyoona 50 olitti herreegamu yeroo hunda qabsaa’uun, qabsoosaa galmaan gahu haqqachun jaarraa 21ffaa keessa ammalle gabroomee akka jiraatnu kan nu taasisan maal faa dha laata? gaaffii jedhuufii kan biraa irratti xiyyeeffachuun furmaata itti waliin akka barbaadnu dirqamna.

     Maal gochuutu Oromoota kaayyoo bilisummaa fi walabummaaf qabsaawan irraa eeggamaa?

  • Ilmaan Oromoo warri kaayyoo jaallan kana fiixaan baasnee saba keenya gadadoo jalaa baasnee gabrummaatti xummura goona jettan osoo oollee hin bulin bakka hundaa of ijaaru barbaachisa.
  • ABO’n kaayyoo qabsoo irra jiru akka jabaatuufi iddoo hundatti dirqama keenya raawwachuu qabna.
  • Firii wareegamtootaatti iggitii gochuufimmoo waan qabsoofnef beeknee, gatii itti kanfalaneef waan itti kaffalameef malee shrafa siyaasaa fi waan bubbuutuun of sobuurraa dhaabbachuu qabna.

Xummuraa: 

Qabsoon ABOni waggaa 40 ol wareegama karaa hunda itti bahe amma yeroof waan butamee  (hijacked)  tahe fakkaata. Kaayyoo  Qabsoo keenyaa kumaatamni itti kitimame kan amma  hijacked tahe kana waan baasnu baafnee, Oromoon ammas akka Oromootti sirnaan warri kaayyoo tokkoofio dhaabaate  of ijaarun qabsoo waraanaa , siyaasaa, dinagdee, hawaasuma fi diplomacy itti fufee jiru cimsuutu nurra eeggama. Amma kaayyon Bilisummaa fi walabummaa galma hin gahinittii fi mirgi abba biyyummaa isaa hin mirkanaahinitti ilmaan Oromoo bilisummaaf qabsoo  gochaa turee fi jiru of duuba akka hin deebine qaruuxummaan itti fufsiissun dirqama dhala Oromoo hundaati.

Kutaan 2ffaan Itti fufa…

AG  fi C H

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.