By | October 8, 2019


Qabsoon keenya galma kaayyoo qabsaahonni itti wareegamaniif gahuu qaba! — Kutaa 2ffaa

Ayyaanaa Goobanaa  fi Caalaa Hayiluu, Onkololeessa 7, 2019

Barreefama mataa wal fakkaataa yeroo darbeetiin, kutaa 1ffaa, maal gochuutu Oromoota kaayyoo bilisummaa fi walabummaaf qabsaawan irraa eeggamaa? Jennee akka armaan gadiitti waa eeruu yaallee turre.

  • Ilmaan Oromoo warri kaayyoo jaallan kana fiixaan baasnee saba keenya gadadoo jalaa baasnee gabrummaatti xummura goona jettan osoo oollee hin bulin bakka hundaa of ijaaru barbaachisa.
  • ABO’n kaayyoo qabsoo irra jiru akka jabaatuufi iddoo hundatti dirqama keenya raawwachuu qabna.
  • Firii wareegamtootaatti iggitii gochuufimmoo waan qabsoofnef beeknee, gatii itti kanfalaneef waan itti kaffalameef malee shrafa siyaasaa fi waan bubbuutuun of sobuurraa dhaabbachuu qabna.

Inni jennu kuni akka hin taanee fi qabsoon keenya furgaafatee akka hin deemne maaltu takaallaa tahee kan jedhuuf hardha mata duree Rakkoo keessoo keenyaa fi gaaffii abbaa biyyummaa jedhu irratti yaada keenya eeruu barbaanne.  Dubbisa gaarii.

Rakkoo keessa keenyaa fi gaaffii abbaa biyyummaa.

Mana ofii osoo hin qululleeffatin isa alaa qulqulleessun rakkoo taha. Waan akkasii Oromoon yommuu mammaaku, ‘’ ala faca’aa, mana manca’aa’’ Jedhaan. Qabsoon mana ofi qulqulleefachu irraa eegaaluu qaba. Rakkoon qabsoo keenyatti danqaa ta’ee baayye jiru gaafa qabsoon keenya jalqabee kaasee, hamma ammaatti Naafxanyoonni  afaan keenya barattee,sochii Oromoo keessa seenuun, ammaa koree hojii raawwachiistuu barattoota keessatti filatamaa akka turan ni yaadanna.

Baroota 1970 keessa Nafxanyaan tokko koree hojii raawwachiistuu barattoota Oromoo keessatti filamuun, waan jedhe keesssaa, ” yoon danta Oromoo dabarsee diinatti kenne morma koo hableen kutaa.’’ jedhe jedhama. Kanas jedhee, yeroo biyyatti galu sirna Dargii keessatti aangoo argatee akka hojjachaa ture beekama.  Qabsoon bilisummaa kan akka saba Oromoo diinaa keessaa irraa of tiiksun murteessa dha. Ammas akkuma yeroo sanaa qabsoon keenya tika keessaa fi alaa gahaa dhabuu irraan waan ka’eefi gantuu fi ayyaan-laallattooni, badhaasa adda addaa badhaafamaa, qabsoo keenya garuu burjaajessaatii ofiif immoo kabajaan jiraachaa jiru. Adabbiin isaanif malu kennamuun hafee isaan akkasii kunneen qabsoo Oromoof diinaa tahanii osoo jiranii faallaa kanaatti isaan waltajjii adda addaati mullachuun, saba Oromoo afaan faajjeessaa jiru. Isaan qabsaawota keenya jedhamanii miidiyaa adda addaatti bahuun afaan damma dibatan summii sabicha ajjeesuu malu facaasaa jiru.

Mee waal haa yaadachifnuu?

Waal yaadachiisuf jecha kaayyoon qabsoo ilmaan Oromoo kumaatamni itti wareegame

” bilisummaa fi walabummaa ” Oromoo galmaan gahuuf akka tahe hundi keenya beekna. Kuni  akkammit akka kaayyoo qabsoo Oromoo tahe waal yaadachiisna. Akkuma yeroo ammaa hooggantoota qabsoo kana eegaalan hedduu lubbuun jiranii  barreefama keenya kutaa kutaa duraa keessattis maqaa namoota hedduu xuqnetti kanneen, kutaa 1ffaa, akka  jaal Muhee Abdoo faas dabalateeti.

 Jaal Muhee Abdoo sacrificed his life for the liberation of Oromo Nation. ( Taken from the Home page of Finfinne Radio.)

On a cold October day in 1986, long-time Maa’ikalaawii (Central Prison) Oromo nationalist prisoners of conscience: Muhee Abdoo, Gazaheny Kaasaahuun, Yiggazuu Waaqee, and Kabbadaa Damissee were dragged out of their cells and executed by cold-blooded security officers of the Derg regime inside a military intelligence compound in Kotebe, a Finfinne suburb.

Yeroo ammaas kan ta’aa  jiru  Bara 1970oota keessas waan tahas ture  xiqqoo wal yaadachiisun hin badu.

Jaallan keenya qaqqaroon yeroo daandii dhugaa filatanii qabsoo eegalan, warri kaan immoo kara bira filachuun du’a saree kan galataa hin qabne du’aan.  Ummati Oromoo gabrummaa keessa akka jiru osoo beekani, Itoophiya bilisa baasna warra jeedhan keessa ilmaan Oromoo yeroo Dargii wareegman kaasuun bareeda dha. Ilmaan Oromoo kun saba ofiif hawwii gaarii haa qabaatan malee duraan dursuun gaaffii saba isaanii irratti xiyyeeffannaa kennuun barbaachiisaa ture. Dargiin  bara 1974yommuu  angootti ol bahe , maqaa qabsoo jedhuun akkuma amma argaa jirru kana,’’ Itoophiyaa Tiqdeem!’’ dhaad annoo jedhuun ilmaan saba keenyas waan isaan hin ilaalle keessa seensiisun kan dhume mana duwwaatu lakkaa’a. Namooti akka  Dr. Hayile Fidaa, Lamma Fidaa, Hayiluu Garbaabaa, Faaxuma Alii, Taayyee Morodaa, Mitikkuu Tarfaasaa, Abdulaziz Yuusuf faa akkauma yaadattaniif kaasna. Waraana keessatti dirree adda addattii, Eriteria, Somalia, Oromiyaa, Tigraay, lola isaan hin ilaallanne keessatti  lubbuu ofi dhaban harki 80 Oromoo dha jeedhame beekama. Yeroo Hayile Sillaasees warri akka Generaloota Ababaa Gammadda, Jaggamaa Keelloo faa yee xaaqiil Ashkaar jecha sirna Habashaa ashkarumman  tajaajilaa darban.

Hunda caalaa kan nama gaddisiisu gareen Oromoo manaa ofii tuffachuun diinaa waliin hiriiran diinaa tokkooffaa kan isaan godhatanii irratti qabsaawan ilmaan Oromoo kaayyoo saba keenyaai dhaabbatan irratti. Ajjeechaan Jaallan keenya  akka Muhee Abdoo, lubba Gudinaa Tumsa,Dr. Hayilee Fidaa, fi Abulaziiz Yesuuf irratti raawwatame kaayyoo adda addaa haa qabatan malee diinnii garuu  akka sareetti Oromoo tahu isaanif bifa tokkoon ajjeese. Har’as kana irraa osoo waa hin baratin Oromoo seenaa walfakkaataa irra deebi’uudhaan gareen Xoophiyummaa leellisu ilmaan Oromoo kaayyoo jaallan kaleessa itti wareegamaniif tiksan irratti duuluun Oromoo ajjeesaa fi ajjeechisiisa jiru.

Kaayyoon qabsoo keenyaa gabaa irratti hin daldalamu(hin gurguramu).

Jaallan keenya kufan onnee( engine) qabsoo haa tahan malee, har’as kanneen lubbuun jiran osoo ilaalaanii, kaayyoon qabsoo keenyaa har’a warra farra qabsoo keenyatiin akka meeshaa daldalaa tahee, gabaa irratti gugurtaaf dhiyaachaa jira. Kaayyon jaallan keenyaa, sabni Oromoo fedhi isaan osoo hin murteefatin daldaaltoota siyaasaatiin gabaa irratti akka meesha kamuu hin gurguramu. Kaayyoon kun yeroo itti wareegun akka galma keenyan geenyufi jecha, marii guddaa imaana dhaan akka darbu tahe.

Akka yaadatamuuf jecha.

Yaadannoo fi hubannoof akka toluti Oromoota biyya alaa fi biyyya keessaa turan gidduutti mariin cimaa fi hadhaa’aan yeroo qabsoon eegaale irraa kaasun, 1970th –  fi 1980th  keessa ‘’..gaaffiin Oromoo maalii?’’ kan jedhutu ture. Yeroo sana gaaffin Oromoo gaaffii kolooni(colonial question) dha, biyyi kolooni jala galtemmoo bilisa tahuu qabdi kan jedhu irratti falmii yeroo dheeraa fudhateefi kitaaba adda addaa dubbisuun waal amansiisu irratti yeroo baayyetu bade. Dhuma irratti gaaffin Oromoo gaaffi kolooniiti kan jedhu ragaa fi dhuggaa irrati hundaa’uun injifaateet as bahe.

Warri dugaan hin liqimfamneef.

Oromoon dhugaan hin liqimfamneef amma har’aatti ejjennoo dogongoraa tahe irratti hundaa’uun qabsoo Oromoo dura dhaabbaachaa jiru. Akka yeroo sana jechaa turanit gaaffiin Oromoo koloonii osoo hin taane babal’ifannaa lafaa ( feudalism and expansion) jeechun saanyi duguggaa( genocide) Meniilk, Hitleriin Afrikaa, humnaa waraanaan uummata Oromoo  miliyoona fixuu fi ummattoota kibbaa tokko tokko akkuma jirutti dhabamsiise, kaanimmoo amma 75% fixee  babaldhifannaa lafaati (feodal expanstion) jedhanii waamun sammuun gabrummaa yookan gochaa diinaa dhoksuuf tattaaffii gochu ta’a. kitaboota ( Alexsander Boltonovic, Martial De Salviac, fi Prof. Mekuria Bulchaa et.al..) oso dubbisani hubachuu danda’aanii,  amma har’atti, diina waliin hiriiruun diina qabsoo tahaniit argina.  Warreen akkanaa oso beekanii gurraa of duuchun fedhii ofii guuttachuf qabsoo keessas kan seenaan xawalwaallota fi ayyaan-laallattoota bu’aa dhuunfaf  kan deeman, dirqama diinaa hojii irra oolchuf mindaa’anii kan hojjtan gantoota sabaa fi warra saba Oromoo irratti  qormaata (experment) hojjetanii dha.  Isaan kaanimmoo warra sammuun gabrooman cunqursaa cimaan sammuu isaanii hadoochee of jibbuun diinaf gugguufun saba ofii dabarsuun diinatti gurgurachuuf irraa hin deebinee dha. Kana hubachuuf sammuun gabroomun( theory of mental slavery) maal akka tahe yoo dubbisan ofumaafuu hubachuun ni danda’ama. Egaa saba keenya keessas kanneentu guutee hogayyuu qabsoon keenya guggufataa as gahe jechuu dha.

Barumsi nama hunda beekaa hin taasisu!

Barnoonni isa kaan ni qara, kaanimmoo ittuu doomsa. Kuni sirna barnootaa fi imaammata biyyi dhaloota sana barsiiftuu waliin wal qabata. Imaammanni baafamu suni dhaloota barsiisufi moo doomsufii? Qaruu fi of wallaalchisuufii ?kan jedhu yommuu deebii argatu Barnoonni baratame suni ni qareef ykn beekumsa laate fi ni doomsee adda baasa jechuudha.

Namni beekaa fi dhalataa biyya Biraazil tahe Paulo Freire kan jedhamu kitaaba isaa Opening up Paulo Freire’s Pedagogy of the Oppressed jedhu keessatti Barnoonni akkamiin dhaloota ol guddatan doomsaa fi of wallaalchisaa akka tasa balleessu akka gaaritti waan katabeef namnuu yoo dubbise waan ‘elitoonni’ keenya keessumaammoo Oromoonni baratanii garuummoo saba isaanii caalaa halagaa tajaajilan maal keessatti akka kufan sirriitti hubachuu dandeenya.

Amaloota bira Oromoota baratan irraa inni argaa jirru ( bartoota hunda osoo hin taane waan hunduma akka beekanitti barumsa isaanii dhimma itti bahuun,afaan faajjii qabsoo fi uummata keenya keessatti uumuun sirni gabrummaa akka nurra bubuulu taasisee jira. Barachun waan hundumaa nama hin beeksiisu. Aadaan akkanaa biyya duubaattii hafoo  keessatti hedduu calaqqisaa. Warri beekaa afaan-fajjii uuman warra dantaa ofiif malee, dantaan saba isaanii itt hin mul’anne, sharaftoota siyaasa irraa bu’aa argachuuf hojjatan kanneen ayyaana-ilaallattota ta’aniidha. Isaan kun, hojiin isaanii akka sammuun gabrooman ofirratti wallaaluu caalaa warra afaaniin  damma dubbachuun akka beekumsaatti fudhtani yeroo ummati isaanii isaan biratti beela’uu, ajjeefamu,baqatuu fi roorroon namaa gadi taasisuu homaayyuu itti hin dhaga’amneefi amaloota biroollee qabanii dha. Isaan kun caalatti dantaa ofiif jecha meeshaa diinaa tahuun saba ofii ajjeesisu, bilisummaa saba ofii duras dhaabbatu. Gaaffii sabaa meeshaa daldalaa godhachuun gaafa barbaadan luqqifatanii galtee siyaasaf oolfatu gaafa itti tolemmoo dhoksaniit irra taahu. Isaanif dantaan sabaa kan ittiin madaallamu akka matayyaatti dhuunafn waan barbaadan argachuu fi maqaa sabaatiin aangoo bubbuutuu fi diinagdeen dhaalamanii feetee Oromoo awwaaludha. Warri akkasii  dhugeeffata Oromoorra kan tarkaanfatanii xawalwaallummaan jiraataniidha. Oromoon,’’Waan jiraaf jettee, jiruurra hin utaalin, hin gatin’ isa jedhu warri kuni garuu  waan jiraaf ( diinagdeef) jedhanii Jiruu (saba,qaama isaanii, lammii) isaanii warra ganuun garayyoo isaanif jiraataniidha.

Saba Oromoo irratti yaalii siyaasaa( Political Experment) gochuu

Namoonni kaanimmoo Oromoo iratti warra yaalii siyaasaa gaggeessaniidha. Isaan akkanaa keessaa warri, ‘’ani beeka dha’’ jeechun amaloota asi olitti  kaasne qaban, social experiment saba Oromoo irratti  warra hojjachaa turanii fi ammas irratti hojjeechaa jiranii dha. Ani beekaa dha jeechun saba Oromoo laboratory yaadaa keessatti naquun experiment irratti hojjetu. Ilmi nama qote bulaas tahee, jireenyaasaa karaa fedheenuu haa gaggeeffatuu waan isaaf tahu  hanga humnasaatti ni beeka ( indvidual is rational given the knowledge he/ she has). Muuxxannoo qabsoo keesatti fi dhugaa lafarra jiru yeroo ilaallu garuu waan saba kana gabrummaa keessa baasuufii gargaru irratti hojiin isaan hojjetan yartuu dha. Kunis saba Oromoo akka inni hiree ofi ofiin akka murteeffatuu fi dammaqiinsaan akka of ijaaruu fi hidhachiisuun akka inni abba biyyummaa isaa argatu fedhas tahee seexaa homaayyuu hin qaban.  Baayyeen isaanii Oromoo keessa summii amantaa , gandummaa babaldhisuudhaan hoji diinaa fi abbaltii ormaa hojjeechaafii turan yoo jenne dhugaa irraa fagoo hin tahu.

Haatahu malee, saba kanaaf  faayidaa waan fidu, Oromoo ijaaruu, yaada qabsoon kun gara fuula duratti tarkaanfatee injifatuuf tarsimoo baasanii sabi keenya gadadoo wagga 150 keessaa bahuu furmaata barbaaduu hin dandeenye. Diinia waggaa 28 saba Oromoo ajjeesaa, biyya baasaa, qaama hir’isaa, qabeenya isaa kan akka lafaa gurgurachuun of duroomasa,uummata Oromoo miliyoonaan qe’ee irraa buqqisee, waardiyaa fi tiksee diinaa taasise wajjin dhiichisaa akka jiran argina. Akkamitti booree guduunfachuun hafee diina isa ajjeessaa bahe waliin harka dhiigaa obbolaa keenyaallee osoo hin dhiqatin waliin maaddii tokkorraa nyaataa? Maal haa tahuuf saba qulqulluu waggoota 40 caaluuf qabsoo gochaa tture afaan fajjeessuu akka  inni qabsoo isaatti guduunfaa hin goone? Kun hundumtuu kan namatti muldhisu, murnoonni fi namoonni qeenxeyyaan dantaa siyaasaa argataniif jecha akkasumas alagaa gammachiisuf jecha carraa argatan hundaan Oromoo irratti yaalii siyaasaa gaggeessaa turan, hardhas itti jiru jechuudha.

Miidiya  uummanni Oromoo ijaarrate dhuunfachuun  sagalee isaa ukkaamsaa qabsoo abbaa biyyummaa Oromoo gara dabarsuu.

Amaloota farra qabsoo qabaachun, yeroo ammaa kana saba Oromoo keessatti akka afaan-faajjin babal’atu midiyaa dafqa uummataan ijaarame dhuunfachuun warra soso’anii dha. Isaan kunis maqaa moggaafachuun, abbaa qabsoo, abbaa qeerroo, hayyuu, beekaa, xinxala siyaasaa fi k.k.f  jeechun safuu tokkoo malee, hayyuu waahalle tahuun dhiyaachuun namni akka isaan waaqqeffatu tahanii argaa jirra. Tarkaanfiin isaan fudhachaa jiran qabsoo Oromoo kaayyoo dhugaa irratti hunda’uun as gahe karaa miidiyaa harkaa qabaniin karaa irraa jallisuun garuu kallattii faayidaa dhuunfaaf jecha karaa irraa maqsaa akka jiran argaa jirra. Kunis kan taha jiru jabana miidiyaa jedhamu kanatti, miidiyaa irratti bahuun  gaaffii abbaa biyyummaa Oromoo xiqqeessaa afaan fajjii uumun akka qabsa’aatti of mul’isuun saba ijaaruu irraa diigu, kayyoo godhatani jiru. Sabni tokkummaa akka hin godhanne dantaalee adda addaan walirraa fageessaa jiru. Miidiyaa dhuunfachuun qabsoo qeerroon godhe kallattii ofii barbaadan qabsiisanii asummoo qeerroo wareegama kaleessaa kaffalee hardhas kaffalaa jiruuf sagalee tahuurraa moggeessuun garuummoo abbaa Qeerroo ofiin jechuun uummata keenya keessatti burjaajii uuman.

Qeerroo eenyutu ijaare?

Qeerroo bilisummaa Oromoo kan ijaare ABO akka tahe mormiin waan jiru hin fakkatu.

Gurguddaa Walloo siyaasaa adda Lafa Ajjeechaan Qeerroo uummata

Qeerroo was organized for the first time in 2004 and grew its strength and membership since then. Engineer Kasahun Chemeda and Gadisa Hirphasa

Tarii namoonni bara 2014 booddee siyaasa oromootti makamanii fi dhalataniif kunootii marsaa Qeerroo Bilisummaa kan bara 2011 ijaarame kana bananii dubbisuu danda’u Qeerroo. Haa tahu malee ABOn qeerro ijaarees yeroo fi iddoo isaatti gadi bahee akka uummataaf galutti Qeerroo anatu ijaaree jedhee ibsuu hanqachuun karaa tokkoon of eeggannoo sochii warraaqsa Qeerroon taasisuf kan yaaddame tahullee, gama biraanimmoo  kuni godhamuu dhabuun itti gaafatamaa isaa bahachu dhadhabuu dha kan jedhanis jiru. Gochi diinummaa karaa mediyaatiin ABO qophxeessuuf akaksumas qeerroo bilisummaa Oromoo ABO irraa addaan baasuuf olaantummaa miidiyaan haguugamanii qeerroon akka waan hooggana hin qabnee fakkeessuun hooganaa of taasisaa turan,hardhas itti jiru. Hardhallee garuu sagaleen ABO dhagahamaa miti. Jarri garuu Qeerrootti abbaa tahan feetii uummataa fi kaayyoo Qeerroon utubameef moggaatti darbanii  Qeerroo akka ofii barbaadanii fi fedhi adda addaatiin diiguun hojji ala gochaa jiraachuu argina. Gama tokkoon Foollee jedhanii cinaatti ijaaraa, gama biraatin qeerroo haaromsaa jechuun gurmuu Qeerroo karaa hedduun diigaa akka turanii fi ammallee itti jiran ragaa hedduu tarrisuu dandeenya.

Walii galatti Oromoon warra barate dabalatee, farreen qabsoo kaayyoo fi sagantaa siyaasaa tokko hin qabne wajjin hiriiruun jaarraa 21ffaa keessa hedduu nama saalfachiisa. Kunis dammaqiinsa siyaasaa dhabuu irraa madda. Warri akkanatti beekaa Oromoo diigan garuu farreen qabsoo Oromoo ti. Kanas kan mirkaneessu, gaafa WBOn diinasaa irratti haleellaa fudhachaa ture, walumaa galatti sagalee ABO fi WBO ukkaamsanii uummanni ABO fi WBO irraa akka abdii kutatuuf ‘’tarkaafin WBO kijiba waan atheef miidiyaa keenya hin gabaasnu.’’ jechaa turan. Namootuma akkanaatumoo waggaa 10n dura  ‘’ABOn akkaa suphamuu hin dandeenyetti caccabee jira.’ jechaa turantu asuma deebi’aniimmoo ABO fi mootummaa jidduus jaarsummaa yommuu deeman argaa turre.

‘’Hin saalfanneen nama saalfachiifti.’’ akka jedhan namoonni xawalwaalleenni akka anana hanga qabsoo Oromoo keessaa harka hin baafannetti Qabsoon keenya galma gahuun ulfaatadha. Sochii  WBO gabaasuf kan maganfataa turan,’’ WBOn kabajaan qe’ee ababa isaatti galuu qaba.’’ jechuun sagalee guddaan dubbachaa turan. Gama biraatin WBOn diigamee akka qabsoon Oromoon waggoota 45 caalaf bifaa jaarmayan itti wareeggame debi’ee akka sirna Nafxanyaa jalatti kufu yaakka seenan tasa dagachuu hin dandeenye dalagan, dalagaas jiru. WBO waliin dhuman jedhanii kan turan WBOn gaafa isaanuu amanee galummoo biraanuu hin dabarre, gaafa WBO mootummaan wayyaanee EPRDF/OPDO summii nyaachisu, sagaalee tahuufii hanqatan. Qeerroo bilisumama yeroo ammaatti kumoota kudhan caalaan amneen hidhaatti dararamaa jiraniif sagalee tahuu sodaatan, ykn hin barbaanne. Gaafa kaan garuu abbaa Qeerroo ofiin jechaa miidiyaarraa bookkisu.

Jaallan qabsoo maal nuu dhaaman?

Jaallan qabsoo ganamaa dhaadannoo ” biyya tokko, saba tokko, hiree fi egeree tokko” jechuun bahaa hamma lixaatti, kaabaa hamma kibbaatti walitti dhufuun yeroo wal argan, walitti boo’chaan wal hammachuun daandii qabsoo dhiigan saaqan.  Yeroo ammaa garuu kaayyoo qabsoo  jaallan keenya kaleessaa irratti kitimaman ganuun,  Oromoon gandaan naannoo fi amaantan qoodun, summii tokkummaa saba keenya keessa facaasuun hojii diinaa hojjeecha jiran. Irbuu kaleessa qabsaahonni waliin galan, tokkummaa Oromoo dhiigan barreessuuf hooggantoonni keenya kaleessaa oromummaa fi kaayyoo Oromiyaa biyya taasisuuf bobba’anii waliin shinniggaatti dhuman faalleessuun hardha Oromoon akka waliif hin dirmannellee akka taasisaa jiran waan hunda keenya jalaa dhokatee miti.

Jecha  MM Itoophiya Dr. Abiy Ahmad  Oromummaa xiqqeessuuf Baahirdaaritti dubbatanii fi Kora Oromoo jechuun galma Minilik keessatti Oromoo Wallaggaa obboloota isaanii kanneen biroo biratti moggeessuu fi qoqqooddaf jedhee  dubbates hunduu diinummaa guddaa tahuu seenatu galmeessa. Qaamni jijjirama jedhee of waamu karaa biraatin  ABO diiguu fi gama biraatinimmoo kaayyoo  QBO sharafuu xiyyoo guddaa godhatee ergamee dhufe seenaa keenya kessatti kan dagachuuf teenyu miti. Akkuma jaallan qabsoo ganamaa jedhan ” biyya tokko, saba tokkoo fi  hire tokko” jechun Oromiyaa bilisoomsuf kaayyoo jaallan keenya jalatti kufan nutis osoo imaanaa hin nyaatiin  kaayyoon isaanii akak galma gahuuf qabsoo itti fufuun  waan fardiidha.

Yaada xummuraa

  • Oromoon seenaa darbe irraa baratee rakkoo isaa amma hin furanneti akka sabaatti illee dhabamua irraa waan isa oolchu waan hin jirreef diina qabsoo fi fira qabsoo isaa gargar baasun keessattuu diinaa keessaa irraa dammaqinaan of eeguu qaba.
  • Oromoon qabsaa’ee qabsaa’ee yeroo hunda yeroo galmaan gahuuf jedhu, hooggana galii qabsoo kana ifatti ibset, qabsaa’eefi qabsoofsisu dhabuun rakkoo qabsoo tahee argaa jirra1*. Akeekaa fi kaayyoon qabsoo Oromoo, Oromoon sirna kolonii  alagaa jalaa bahee biyya bilisoomte fi walaboomte ijaarrachuu dha jedhee ifatti dubbachuu  ilmaan Oromoo kaayyoo kanaaf bobbaasuu qaba.
  • Oromoo Oromoon cabsuun tooftaa diinaa tahee osoo jiruu, waggaa 150 booddeellee irraa barachuun furmaata itti gochuu dhabuun madda rakkoo qabsoo Oromoo keessa isa guddaa tahee argina. Kun ammas gaaffii yeroo tahee waan argaa jirruuf qabsoon bilisummaa fi walabumma akka milkaa’ufi rakkoon kun xiyyeeffannaa guddaa kan barbaadu tahuu isaa wal yaadachiisun  bar
  • Akkuma argaa jirrutti qabsaawoti ilmaan keenya biyya adda addaa keessa jiraatan,kan dirree qabsoo keessatti diinaa keenya dura dhaabbachaa jiran, akka dhunfatti mana keessatti yaadan waxalamaa jiran, hunduu qabsoo keenya karaa jaarmayaa, waraanaa, diinagdee,  wal qunnamtii karaa alagaa ykn ‘diplomacy’, karaa tikaas of cimsuun barbaachisummaa qabsoo duwwaa osoo hin taane saba Oromoo akka sabaatti akka jiraatu taasisuufi dirqama jabduu yeroonsaas murteessaa tahu
  • Qabsoon keenya bakka gahuuf aggaammatte akka gahuuf wantoonni asii olitti jennee fi kanneen biroo tokkummaa kaayyoo biyya takkittii saba tokkoo fi hiree tokko jalatti qabsoo finiinsun galmaan gahuu qabna.

IUOF.

Warrii yaada qabdan mail keenya :

  1. dibillii58@gmail.com
  2. aanaa2013@gmail.com
  • 1*Jaal Marroo Diriba gaaffi fi deebii Onkoloolessa 3/2019 Gaazexeessaa Dhaabsaa Waaqjiraa waliin godhee gaafi kanafi debii qubsaa tahuu waan maluuf qabsiisa gadii kana banaatii caqasaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.