By | January 19, 2018


Afaan Oromoo fi Oromoo afaanii

Saba Amaaraa tti firoomuudhaaf Afaan Oromoo dagachuu qabnaa?

D. D. Dotii

Saba oromoo kan walitti suphanii tokkumma isaa mirkaneessanii sadarkaa amma irra jirruun gahan keessa AFAAN OROMOO isa guddaa dha. Kanaaf, carraa argaman hundaan afaan kana guddisuu fi kunuunsuun waan filmaata hin qabne. Afaanni Oromoo ammaan booda ni bada kan jedhu sodaa qabaadhee miti, garuu, carraa fi qaawwa arganetti dhimma bahuu dhiifnee maaliif gara boodaatti deebi’uun filmaata akka tahutu na-dhiba.

Yeroo dheeraa dura dubra lama kan Finfinnee (Addis Ababaa) tti guddanne jedhaniin beeka ture. Dubri lamaan kun yeroo walitti dubbatan afaan Amaaraa malee afaan biraatti dhimma hin bahan. Yeroo anaa waliin ykn Oromoota biraa waliin dubbatan garuu afaan oromoo tti dhimma bahu. Gaaf-tokko afaan oromoo ni dandeessuu maaliif yeroo walitti dubbattan afaan Oromoon hin dubbattan jedheen gaafadhe. Akkas jette ishiin tokko “ dhugaa isaa sitti himuuf, yoo afaan oromoon walitti dubbannee waan dhugaa dubbanne nutti hin fakkaatu jette. Hiriyyaan ishiis yaada ishiitti walii-galuu mirkaneesite.

Afaan oromoo tiin yoo dubbatan waan isaan dubbatan sun akka ulfina hin qabne, akka qoosaa, akka dhugaa hin taanetti fudhatu jechuu dha. Maalirraa ka’anii ykn maaltu akka kanarraan isaan gahe nin hubadha, wallaaluma, haa-ta’u malee,  ammatti wallaalummi kun maalirraa akka madde asirratti  hin kaasu, booda itti deebina.  Maaliif akkan kana kaase asii gadittin ibsuun yaala.

  • Dhiheenya kana ‘media’ oromoo tiin tajaajjilli afaan Amaaraa haalaan babal’achuun waan dhara jedhamu miti.
  • Miidiaaleen oromoo irra guddaan afaan Amaaraa’f kophaatti sagantaa qabu.
  • Sagantaa kpphaatti qabanitti eda’uun gaaffii fi deebii adda addaa fi xiinxala adda addaas afaan Amaaraan geggeessu.
  • Namoonni leexaan ‘feacebook’ irratti dubbatan gaaf tokko afaan oromoon gaaf biraa afaan Amaaraan,  dhaamsa isaanii dabarsan dhgahama.
  • “Facebook” haa-tahu mar-sariitii adda addaarratti afaan Amaaraan barreessuun ji’a jahan dabran kana keessa haalaan ol-ka’uu isaa hubattan jedheen abdadha.

Maaliif?  Haalli kun maalirraa akka ka’ee fi maaliif akka tahe baayyeen itti yaade. Hedduus na-yaaddesse. Wanni na-yaaddesseef, keenya jabeesinee bakka tokkoon osoo hin gahin  gara booddeetti deebi’uun waan natti mul’ateef. Biyya alaa bakka dhiibbaan afaan Amaaraa tokko hin jirretti, bakka afaan keenya guddisuuf carraan guututti jirutti, maaliif gara-boodaatti deebi’uun akka barbaachise qulqulleessanii hubachuun nama dhiba. Tarii, “walitti dhufeenya saba oromoo fi saba Amaaraa” jedhamee dhiheenya kana waan himamurraa kan ka’ee laata kan jedhu shakkiin qaba. Walitti dhufeenyi saboota kanaa maaliif dagatamuu afaan Oromoof sababa taha?

Afaan Amaaraa guddisuufii?

Yoo afaan Amaaraa guddisuuf tahe, gaanfa Afriikaa keessatti afaan Amaaraa caalaa guddachuuf kan carraa argatan hin turre hin jiranis. Afaan hojii,afaan aangoo siyaasaa, afaan waajjiraa, afaan daldalaa, afaan mana barumsaa, afaan mana murtii, afaan dubbachuun “beekaa” nama fakkeessu, afaan isa wallaaluun “doofaa” nama fakkeessu,  tahuun bara dheeraaf carraa afaanonni biraan hin argatin kan argatan, ammas afaan kamiyyuu caalaa kan aangoo fi carraa qaban kanneen afaan Amaaraa dubbatan ykn afaan Amaaraa ti.

Saba cunqurfamaa akka Oromoof ammatti, media ykn mi’a sab-qunnamtii qabaachuu jechuun oduu walitti himuu fi haala adda addaa wal-quba qabaachisuu duwwaa miti, afaan du’uuf boolla qarqara gahee ture deebisanii dandamachiisanii toora afaanota dagaaganii glachuu dha. Carraa argameen ittiin dubbachuu dha, ittiin barreessuu dha, ittiin lallabuu dha, ittiin sirbuu dha, ittiin geeraruu dha, ittiin jeekkaruu dha kkf…

Yoo afaan oromoo qofaan tahe dhaggeeffattoota (audience) hedduu hin qabaannu jedhamee tii?

Yoo kana tahe haaluma biyya keenyaa, haala qabatamaa dammaqiinsi saba oromoo irra jiru hubachuu dhabuu dha. Gabrummaa as yeroo kamiyyuu caalaa, sabni keenya afaan isaan dubbachuu fi dubbisuu, sodaa malee boquu ol-qabatanii afaan isaaniitti dhimma bahuu jalqabnii jiru. Yoo lakkoobsa namoota dhaggeefatanii ykn hordofanii tahe afaan kamuu caalaa carraa qabana. Maal ree?

Uummata oromoo afaan Oromoo hin beekne, gargaaruufiii?

Isaaniif taanan ammo, kophaatti afaan Amaaraan sagantaa hedduutu jira. Yoo tahes ammo, Oromoo tahanii afaan Oromoo kan hin beekne afaan Amaaraa duwwaa dubbatu miti. Oromoo tahanii afaan Somaalee qofa kan dubbatan jiru, Oromoo tahanii afaan Affaar qofa kan dubbatan jiru.

Afaan Oromoon yoo hojjenne waan “jajjabaa” hojjenne nutti hin fakkaatuu?

Kun waa’ee dubra lamaan jalqaba barreefama kanaarratti argamu waliin waan wal-fakkaata. Kun jechuun ammallee afaan Oromoo irraa abdii hin horanne jechuu dha. Yoo afaan oromoo duwwaan oduun dabree xiinxalli tahe hojiin keenya waan gatii hin qabne maaliif nutti fakkaata? Akkamaitti yeroo ammaatti afaan keenyarraa abdii (confidence) hammanaa dhabna?  Asirratti shoorra ‘miidiyaan’ qabsoo keenya keessatti qabaachaa jiru tuffachuu kiyya osoo hin taane, caalaatti abdii horachuun utuu danda’amuu maaliif daddaaqamuun mul’ata jechuuf.

Walii tumsi saba oromoo fi saba Amaaraa uumamuu fi jabaachaa deemuu warren saboota lamaan “bulchaa jiran” yeroo himan ni dhagahama, akkasumas miidiyaan Oromo tokko tokkoo fi miidiyaan Amaaraa irra guddaan yeroo himan dhagahama. Walitti dhufeenya saboota kana lamaanii jabeessuuf afaanni Oromoo baduu qabaa? Waanin kana jedheef, erga walitti dhufeenyi Oromoo fi Amaaraa himamuu jalqabee as, Oromoota tokko tokko biratti afaanni Amaaraa ol-ka’ee afaanni Oromoo gad-deebi’uu waan argaa jirruuf. Kana jechuun afaan Oromoo dubbachaa Amaara tti firoomuun ykn walii tumsuun rakkisaa akka tahe mirkaneessa. Dabalees, Itiophiyaa waliin jabeessuuf afaanni Oromoo xiqqaachuu ykn baduu qaba jedhanii amanuu waliin adda miti.  Warreen akka sabaatti walii tumsinee Itiophiyaa waliin jaarra jedhan afaan Oromoo yeroo isaan tuffatanii qubeen barreeffamuu isaallee haalan dura dhaabbatan agarra malee yeroo isaan tumsa kanaaf gaarii taha jedhanii mararffannoo garsiisan argee hin beeku.

Tajaajjilli afaan Amaaraan maaliif kennama jechaa hin jiru, haa-ta’u malee, afaan tuffatamee baduurraa qabsoon dandamachiifame kana gudisuu fi kunuunsuun hafee, afaan Amaaraa ifiifuu abbaa jabaa qabu leellisuun badii dhan jedha. Afaan Amaaraan barreessuu fi dubbachuun filmaata abbaa ti, haa-ta’u malee, afaan Oromoo guddisuuf carraaquun qaama qabsoo Oromoo keessa isa angafa.

Mana hidhaa tii hiikamuu Dr Mararaa deggersaaf ‘T-shirt’ barruun adda addaa irra jiruu uffatanii kanneen bahan keessaa kan bubri sadii uffatanii arge tokko akkas jedha

“Waaqayyoo fi Faranjiin isuma jabaa jaallatu”

Ulfaadhaa

D.D.Dotii

One thought on “Saba Amaaraa tti firoomuudhaaf Afaan Oromoo dagachuu qabnaa?

  1. Abaltii Gillo

    Afaan oromoo dhisinee fira argannaa jeechuun dogogoora gudadhaa. Namnii ufii hin beeknee fira nama ta’u fi iyyuu beekee qabachuu hin dandauu. Ufii beekun ogummaa Isa dura itti. Nagaa fi kabajaan jirachuu fi enyuuma ufif kabajaa lachuun murteesadhaa.
    Yoo abban uffii kabajee ormmii Nama kabajaa.

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *