By | January 20, 2019


Sagalee Bosonaa: Har’a garuma ganamaa keessa Haacaaluu Sagalee gaafa roorroo

Amajjii 20/2019, via Dabare Seenaa

Har’a garuma ganamaa keessa Haacaaluu Sagalee gaafa roorroo, faalee ummata Oromoo maqaa dhahuu eegalan. Warri shira barate.

Artist Haacaaluun, “ABOn yoo maal ta’e, Oromoon maal hin ta’u” Jedhe, jechuun akka namni maqaa isa dhahuuf addeeccoon quba itti qabuu yaalan.Namnuu dubbachuu dide.Dubbichi shira qabaachuu hubatameetu namnuu yaada dhorgate.Akeekni isaanii galii gahuu dide.

Waaree booda immootuu ajandaa biroo dhaleessan.Haacaaluun simannaa artistoota “Arfan Qalloo” irratti hin argamne jechuun goota gaafa xiiqii, rasaasa Oromoo tti quba laatan.

Safuudha baraa fi addaggeef !!

Artist Haacaaluu Hundeessaa hoogganaa biyya bulchu miti.Yookiin hoogganaa dhaaba jarmiyaa miti.Komiif wanti isa geessisu hin jiru. Weellisaadha yoo haalli isa simachiisu jiraate Haacaaluun sabboontota Arfan Qalloo mitii eenyuunuu simachuu danda’a.Kanaaf immootuu Haacaaluun hin komatamu.Quuqamnii fi rifaatuun inni qabu eenyuu iyyuu gadi miti.Qaqqaalii Arfan Qalloo simchuun artistii kanaaf kabaja malee qaaniis miti.

Haalli isaaf hin anjofne yoo ta’e immoo hin argamu ta’a, dirqii miti.Obboloota isaa gaafa barbaade dubbisuun saganta isaati.Ani ykn qaamni barbaade ajajneef Haacaaluun waa dalaga jechuun hin danda’amu.Eenyullee dirqamaan isa gorsuuf hamilee fi gaafatama hin qabu.

Artisti Haacaaluun goota waan dalagu cufayyuu sagantaa fi bakka itti dalagu nama qalbisee beeku dha.Kana ummata isaatu ragaa bahaaf.

Artist Haacaaluun Hundeessaa, ummata Oromoo kaabaa fi kibbaa, bahaa fi dhihaaf ajjeefamaa fi buqqa’aa turee fi jiruuf, eenyuunuu osoo hin sodaatiin ganda keessatti mitii hooggantoota biyya kanaatti quba qabee goota falmaa turedha.Jijjiirama mul’attee har’a haphatteef artist Haacaaluun qooda guddaa nama gumaachee ta’u warra seenaa kaleessaa fi har’aa beeku biratti dungoo ta’ee mul’ata gochaan isaa.

Artist Haacaaluun simannaa Artistoota Arfan Qalloo irratti argamuu dhabuu isaatiif jechootni isa hin madaalle, arrabsoo gocha isaa hin ibsine itti roobsuu keessan argine.Kun aadaa ta’eera.Namoota qabsoo Oromoof kufanii ka’an hedduutu abaaramee xiqqeeffamaa jira.Goototaa fi qabsaa’otatu ulfina dhabamsiifamaa jiraatuutu mul’ate.Kun gocha diinaati.Ergamni akkasii kan diinota qabsoo Oromoo ti.

Warri goota artist Haacaaluun abaartan Arfan Qalloos ta’ee eenyuunuu bakka hin buutan.Haceen isin caala akeeka isin kaataniif beeka.Galma hin geessan, adabadhaa!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.