By | July 12, 2019


Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Adooleessa 11, 2019


(SBO – Adoolessa 11,2019) Godina Wallagga Lixaa Ona Baabboo Gambeel magaalaa Baabboo Gambeel keessatti Humni Komandpostii fi Bulchitootni hidhaa fi dararaan ummata irraan gahaa jiran hammaatuu ummatni iyyate.

Akka odeessi magaalaa Baabboo Gambeel keessaa ba’u ibsutti, waraanni mootummaa EPRDf kan komandpostiin if yaamuu fi bulchiinsi magaalaa Baabboo Gambeel walta’uudhaan ummataan deggertoota ABO ti ittiin jechuun hidhuu, saamuu fi gidirsuu hanga baadiyaatti itti fufanii jiru.

Namoota hidhuu, manatti dhaqanii doorsisuu fi dararuun hojii waraana komandpostii fi hidhattoota bulchiinsaan hogganamanii ta’uu kan ibsan maddeen, akka fakkeenyaatti obbolootni sadii b/saa Aliyyii Huseen, Daldalaa Hamzaa Huseenii fi Abdii Huseen kan jedhaman maqaa ABO deggertan jedhuun erga torban lamaa mana hidhaa keessatti hiraarsamaa jiru jechuun maddeen ibsaniiru.

Guyyaa har’aa ammoo haadhaa fi abbaa namoota kanaa Obbo Huseen Dhaabaa fi Aadde Zulfaa Iisaa manatti dhaquudhaan reebicha akka irratti raawwatan maddeen magaalaa Baabboo Gambeel ifa godhu

One thought on “Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Adooleessa 11, 2019

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.