By | May 18, 2018







2 thoughts on “Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ONN news – Caamsaa 18, 2018

  1. B/a/b

    LAMUU NA HIN SUUFTANI
    Mataduree kana kaiin filadheef waamalee miti haala amma impaayera itoophiyaa keessa jiru kan ilaallate dhama’iinsa keenya qofaa miti joonjahiinsa habotai kaan dabalatu ilaalchisee waan natti mul’ate akka itti naa hirmaattaniif bar-baadeeni.
    Eyee wayyaaneen eega gar-gaarsa Shaabiyaatiin aangoo harkatti galfattee waggoota 27 lakkoofsisteetti.Wayita aangooirra turte kanattis callistee akka mootummaatti hojii mootummaan biyya tokkoo Saboota biyya isaa bulchuu akka itti bulchuu qabutti bulchaa hin turre.Yoo feete ni hatti, fetus ni saamti feetus ajjeesaa feetus hidhaa akka turte namuu kan umriin isaa fi ishee hayyamu hundi argaadhuma asgahani dha.
    Sirni Wayyaanee kuni dura yennaa eegalu akkamittiin ture? Dhaadannoon isaa, jechoonni itti gargaaramaa turan inni jalqabaa bara kumaa Dammaqsaa ykn Taayyee Tekilehaayimaanoot prezadaantii Oromiyaa ture akkam ture yaadadhaa. Itti aansuun bara Abbaadulaa Gammadaa prezadaantii Oromiyaa ture hoo tooftaa fakkeessii maal mil’achuu dandeessu kanas xiinxalaa,. Bara Junadiin Saadoohoo maaltu ture? Mimmiliqa siyaasaa argaa turtan deebi’aa ilaalaa. Bara Muktaar Kadirhoo maal yaadattu siyaasaa fi humna qabanitti akkamitti itti dhimma bahaa turani ilaalaa. Alamaayyoo Atoomsaa isaanuu akkamitti akka karaa irraa maqasan hundaafuu ifaadha. Egaa yennaa hujummoo isaanii ittiin dhiiga Saboota Impaayera kanaa caalaatti immoo dhiiga saba Oromoo dhuguuf diriirfatan ittiin xuuxaa jiran tikfachuuf mi-miliqa siyaasaa fi kallattiin humnaan itti dhimma bahuutti yennaa yaalaa turan akkuma eegalanitti humnoomanii dura dhaabbannoo hunda cabsanii waaqaa gaditti homti tokko illee kan isaan gahu fi isaan dhaabuu dan’da’u akka hin jiraanetti yaadanii yennaa akka fedhan gochaa turan for every action there is equal and opposite re action isa jedhu Newtons law miira isaanii jalaa miliquu hin hubanne turani.Garuu amma kan waan sana hunda hubatan fakkaata.
    Garuu maal godha deemee deemee oolees bulu abjuun saree lafee dhuma arga waan ta’eef jijjiiramni isaanitti hin mul’atu.Amma dan-da’anitti saayikoolojii uummataa hatuuf hojii siyaasaa hojjechaa jiran namoonni kan hubachaa jiran natti hin fakkaatu. Fincilli Qeerroo Bilisummaa Oromootiin eegale akaakuu fi tooftaa hunda fincilli diddaa uummataa itti gar-gaaramuu qabu hundaan itti dhimma bahuun eegalee itti jiru kun lafee dugda isaanii waan cabseef sana akkamitti irra aanna jechuun wal-gahii mul’ataa fi dhokataa waggoota muraasaaf geggeessaa yennaa turan kanatti maddi waan kanaa ABO ta’uu waan beekaniif akkamitti sochii QBO irra aanuu akka danda’an irratti gadi fageenyaan hojjechaa turani. Innis waanuma waggoota lamaan kanaa as agarsiisaa jiran yennaa ta’u biyya alaa fi biyya keessatti bakka lamatti qooduun akka itti aanu kanatti dhimma bahaa jiru. Fulla’iinsa hin qabaatiin malee yeroofis kan itti milkaahan itti fakkaatee ture.Isaanis:
    1- Gama biyya alaatiin akkuma yeroo adda addaatti bara gatiittii isaanii qofa too hin ta’iin sammuun isaanii coomaa ture sana yennaa ilmaan Oromoo mana hidhaa keessattii fi mana barnootaatti kaan mataa keessa dhahanii ajjeesuu, kaan barnoota irraa ari’uu kaan mana hidhaatti guuruun akka tarkaanfii murteessaatti fudhatanii uummata keenyatti boba’aa turan sana hiriirri dhugaan ilmaan Oromoo qulqulluu Saba isaaniif rifataniin embaasota, waajiroota bulchitoota Addunaa guutuu keessatti dhageessisaamaa yeroo turan sana gaaffiin adda addaa mootummoota adda-addaa Addunyaa irraa Wayyaanee irratti yennaa ka’uu eegalu Wayyaaneen ciistee hin bulle Impaayericha Jaarrota hedduuf bitaa hafuuf waan abjoottuuf sana milkeessuuf waan hojjetteettu qabdi. Innis high school College fi University keessaa akkasumas ilmaan firoottan aangahoota wayyaanee Saboota adda-addaa Impaayericha hunda keessaa filtee kumoota heddu baatiilee danuuf barnootini tikaa fi waan diaspora biyyoota Addunya huhnda keessa jiran irratti hojjechuu qaban eega dhuunfachiisanii barsiisanii booda kaan scholarship kennuufiin kaan paasportii kennuufiin workshop adda-addaaf sababii jedhuun biyyoota addunyaatti bobbaafatan hojii itti bobbaafaman akka gaariitti hojetaniiruufi fulla’iinsa yoo hin qabaanne illee yeroof kan itti milkaahan isaan fakkeesseera.
    2- Inni lammaffaa fi kaan immoo isuma amma argaa jirtanidha. Innis itti bahiinsa leenjii fi wal-gahii yeroo dheeraa kan ta’e itti gaafatamtoota tikoota duraanii aangomsuun hojii dabballummaa sirnaan akka hojjetanii Wayyaanee fi qabeenya isheen Impaayericha keessaa saamaa turte tiksuu fi nagaan akka jiraatan akka tiksaniif diraamaan Lammaa fi Abiyi hojjechaa jiran ammayyuu namoota keenyaaf qofa otoo hin taane warrumti habashaa illee akka gowwoomfamaa jiran namoonni hubatan baa’iyee jiru natti hin fakkaanne. Mee ilaalaa eega Lammaa fi Abiyi jettan kun aangootti bahanii Saboota Impaayerichaa arrabaan ykn afaanumaan moogsuu eegalanii eeguma isaan diraamaa sobaa kana eegalanii kaasee meeqatu hidhame? Meeqatu ajjeesame?Meeqatu biyyaa bahe? Qaamni ajjeesaa jiru kunoo akka hin ajjeesne gaafatamee,? inni ajjeese murtiif dhiyaate?Hojii tikaa fi eegumsa biyyaa akkaataa bar-baadchisutti akka dirqama bahaa jiranitti Abiyyi isin jettan kun yennaa humnoota isaa galateeffatu argaa hin jirtani? Mee diraamaa yeroo dabree tokko isin haa yaadachiisu”ijoollee Lammaa magarsaa otoo mana barnootaatii galanii tika mootummaa Wayyaaneetiin karaairratti tohannaa jala oolani” Lammaa Magarsaa mana jireenya isaa keessatti marsamee hidhaa dhaabbii keessa jira, Itti aanaan Lammaa yerosii Abiyyi biiroo keessa jira. Fayyaaleyyiin ykn warren qaama diraamaa Sanaa tokko tokko waayii nageenya Lammaa Abiyyiin yennaa bilbilaan gaafatanii beebii rakkinni hin jiru homaa iyyaadiinaa fayyaa isaatii jedhee Abiyyi immoo isanii deebisu walbira qabaa ilaalaa. Wanni kun hundi maaliif ta’ee takkaa itti yaaddanii? Mee itti yaadaa ilaalaa. Kun hundi Lammaanis Abiyyis akka Saba oromoo biratti amanamtoota fakkaataniif, akka Qeerroon Bilisummaa dhuguma Sabaa yaaduu jedhee onnee isaa isaaniif laatuuf, kana qabatanii onnee uummata Oromoo keessa seenanii Saba kana qabanii siyaasaan gaadi’anii qabeenya isaa fi dhiiga isaa halagaan xuuxamaa akka hafaniif malee waan biraaf tokkollee hin turre. Dhuguma hidhamtoota siyaasaa hiikamuu malan guutuutti kanneen mirga saba oroomoof otoo qabsaahanii warri hidhaman bahaniiru? tokko illee hin baane . Yaa nama keenya maaltu godhamaa jiraa ilaalaa. Maaliif Saboota bara dheeraa nagaana jiraacaa turan walitti buusaa jiruu jedhaa yaadaa.
    Yennaan isinii gabaabsu keessattu Sabni Oromoo maaloo hin gowwoomiinaa Lammaanis, Abiyyis kan Wayyaaneen kaayyoo isheef jettee ijoollummaa irraa kaastee leenjisattee,barsiisattee aangoo ishee, Saba ishee fi qabeenya ishee ittiin tikfachuuf aangomsatte ta’uuisaanii hubannoon isin hin gabaabatiin. Keessattuu yeroon QBO fi QBQO ABOn hogganamu sirnaan haleellaa dabalatee geggeeffamaa jiru kanatti jarri kun waan kana dhaabsisuu baatan illee uummata faajjesuu,hojii dhugaa hojjechuu baatan illee odeessuu waan hin dadhabneef sakoondii tokkoof illee QBO irraa dagachuu bannee qabsoo itti jirru keessaa fi alaan itti fufuun hojii keenya dhaabbataa ta’ee itti fufuuqaba. Ammaaf kanuma galatoomaa.

    IUOf !!!
    GGBti !!!
    B/A/B irraa

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.