By | March 21, 2018


Seenaa Alamayyoo Dhugumaa

Damee Botuu tin, Bitootessa 21, 2018

Qabsaawaa Alamaayyoo Dhugumaa abbaa isaanii Obbo Dhugumaa Gammadaa fi haada isaa Aaddee Yaadanii Jaaxaa irraa Godinaa Horroo Guduruu Wallagaa, aanaa Horrootti bara1958 dhalate. Akkuma umuriin isaa barnootaaf gaheen mana barumsaa Shambuu galee kuta 1ffaa amma sadetiitti barate.   Barumsaaf uumaan waan kennaa guddaa qabuuf wagaa jaha keessatti kutaa 8ffaa xumuree  jira.  Akka kutaa 8ffaa xumureen mana barumsaa kutaa lammaffaaf magaalaa Naqamtee deemuu malee filmaata hin qabu ture. Waan baayyee ijoollee tureef isa gargaaruuf obboleettiin isaa wajjin Naqamte deemuuf dirqamte jirti. Kutaa lammaffa Magaala Naqamteetti keessatti utuu barachaa jiru warraaqsi biyyittii keessatti fininuun Mootummaa Haayile Silaasee buqqaase.

Mootummaan Dargii aangoo akka qabateen  duula” Guddinaa Gamtaa kan Beekumsaa fi Hojii” jedhamu keessatti baratoonni kudhaa tokko ol akka qooda fudhatan labsii baase.  Bara 1975 hanga 1976 duula kanaa irratti aanaa Gudayyaa Billaa, Jarretti ramadamee dirqama isaa raawwatee jira. Dhuma bara 1976 gara mana barumsaa deebi’ee kutaa 11ffaa akka  xumureen qormaata “Baa’idee Maariyaam” fudhatee darbee barumsa kana barachuuf qophii irraa utuu jiruu “Tajaajila Uummata Ijaaruu” ykn “Hiziib Dirijjit” jedhamee kan waamamu keessatti dabballee siyaasaa  tahee akka qoodha fudhatu filatame. Alamaayyoon dhuudhama (passion) siyaasaaf waan qabuu hojii kana fudhatee 1976 anaa Gudurutti dabballee siyyaasaa tahuun waggaa tokkof  tajaajila keneera. Bara 1977 hanga dhuma 1979  Misseensi Dargii Bulchaa Kutaa Walagaa namicha ture kan  Nugusee Fantaa jedhamee beekamuu fi namoota Oromoo tahan  lafa irraa fixuu akeeka qabuun qabamee mana hidhaa keessatti dararamaa guddaan irra gahamaa ture. Namoota isa wajjin guyyaa tokko hidhaman keessaa Obbo Imiruu Ibsaa, Obbo Biruu Wariquu, Obbo Faayisaal Hirphaa fi Obbo Alamuu Danda’a mana hidhaa Naqamtee keessatti Nugusee Fantaan ajjeesamanii boola tokko keessatti owwalamanii jiru. Mana hidhaa Shaambuu keessatti dararamuu irra darbee namoota “Mataa Biyyaan  ykn Ri’ese Beeheriin” hidhaman jedhamanii  yaroon rasaan haleelamanis ni ture.

Akkuma mana hidhaatii baheen bara 1980 kutaa 12ffaatti deebi’ee qabxii bareedaa argatee bara 1981 Yuniversiitii Finfinnee, Kiloo Afur seene. Bara 1984 baroonta Keemistiriin digirii isa duraa argatee eebisamee jira. Akkuma barumsaa isaa xumureen barsiisaa kutaa lamaffaa mana barumsaa Siree, Arsii keessatti  hojii jalqabe. Hojii barsiisuu kana waggaa sadiif walitti fufee hojjechaa ture. Journaalisiim barachuuf fedhii guddaa waan qabuuf yaroo isaa fudhatee barumsa jornaalisiim fana bu’aa ture.  Qubee saabaan walaloo Afaan Oromoo fi Amaaraan barreesuudhaan aarii, yaaddoo fi yaada isaa ibsataa tureera.

Bara barsiisaa tahee hojjechaa ture kana haadha mana fudhee mucaa durbaa Caaltu Alamaayyoo jedhamtu bara 1985 fi mucaa dhiiraa Addis Alamaayyoo jedhamu bara 1992 godhatee jira. Akkuma kana bara 1993 mucaa dhiiraa Waqijiraa jedhamu haadhaa biraa godhachuun isaa ni yaadatama.

Hojii Dargii jibuu fi nufuu irraa kan ka’ee kitaabota Marxii fi Leenin walitti qabee erga gubee booda karaa Wallagaa gara Sudaan bade. Kufatii Dargii booda ABO wajjin deebi’ee Finfinnee gale.  Bara ABO Mootumaa Ce’umsaa keessa jiruu curriculum ykn barumsa Afaan Oromoon kan ijoolleen Oromoo ittiin baratu qopheessuu hoogganaa koree qopeessituu(team leader) tahee halkanii fi guyyaa hojjechuudhaan akka kitaabonni Afaan Oromoon qophawwan gochuuf gahaa guddaa qaba. Hojiin isaaii fi kan koree qopheesituu amma har’a barumsa ilmaan Oromoof bu’ura tahee jira.

Yaroo ABO TPLFiin ganamee rukkutamee mootummaa Ce’uumsaa keessa bahuu gara biyyaa dhaloota isaa deebi’uudhaan  maqaa “ Caaqaa” jedhuu mogaafatee waraana ijaaratee humna Wayaaneen itti ergitu haxxawwaa ture. Utuu waraanni naanna jirutti jabbatee socho’aa jiruu dirqamaaf Gindabarat keessa qaxxaamuree Finfinnee gale. Bara 1994 walisa Jireenyaa Adunyaa wajjin uuukaamamuudhaan amma har’a bakka buuteen isaanii utuu hin beekan jira.

Alamaayoon nama xaphaa fi qqosaa jaalatu. Namni Alamaayoo biraa oole mukaa’uu hin danda’u. Alamaayyoon yoo aaree illee garaan isaa gubachaa jiraate xaphachuu dhaabuu hin danda’u. Almaayyoon firoota isaa fi hiriyoota isaa biratti nama kabajaa guddaa fi jaalala dhuma hin qabne qabu dha. Alamaayoon namumaan isaa nama dafee waa yaaduu fi dafee ija dubbii hubachuuf dandeetti qabu dha.

3 thoughts on “Seenaa Alamayyoo Dhugumaa

  1. hawwinee Barii

    diinaan akka butame barreessaa, hirmaannaa inni qabsoo keessatti qabu tarreessite. Yoo kubbuun jiraate akka diinni ajjeesuuf ragaa itti bahuu barbaadde moo maal gochuu barbaadde. Diinni isa hidhe osoo aangoo irra jiru fi osoo inni diina kanaan butamee jiru kana barreessuun ragaa irratti bahuun ajjeesaa jechuu dha. Yoo haga ammaa lubbuun jiraate sababa barreefama kee kanaan Alamayyoon du’uu waan danda’uuf guyyaa tokko itti gaafatamta. Waa barreessuu qofa osoo hin taane yoomi barreessuu akka qabnu fi maaliif akka barreessinu beeku qabna.

    Reply
  2. ABDULKARIIM

    Baay’ee waliin turre,Alamayo sabaan boonummaa qofaa miti,barataa qofaa miti,Nama aadaa Oromo jaalatu.Haalan sirba Aadam qasim,Aadam Haarun fi Ali Birraa sirbuun nu bashannansiisa ture .
    Dabales sirba Zarihun Wadajoo fi kan bira.
    Marsa tokko waliin leenjifamne. Blmagu Moonaa qondaalaa keessatti.
    Nama nama hundaan walii galu,t,bashaasha namaa ti.
    Nama tokko irraa akkaan dhaga’eetti Zuway argee waliin turree,.Zuway keessatti qubee fi Afaan ingilizi barsiissa naan jedhe,
    Mee nama tokko kan Zuway yeroo dheeraf ture gaafadhe yoom akka akka tahe.

    Reply
  3. ABDULKARIIM

    Namoota biraas kan akka jaal Araarsoo Abbaa humnaa qunnama yoom akka achi ture anis kan beeku kan biroo gaafadha.

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.