By | May 6, 2018


Seenaa #Garba Gurraacha: Seenaa hundeeffama magaalaa Garba Gurraachaa.

Via Kennaa Kabbadaa Kooruu, Caamsaa 6, 2018

Garba Gurraacha beektuu? Silas Garba Gurraacha lafa seenaa maaltu wallaala akka jettan abdiin qaba. Lakki hin beeku warri jettan yoo jiraattan ammoo Garba Gurraachi Magaala Guddittii Oromiyaa #Finfinnee irraa kallattii Kaabaatti Km 156 fagaattee argamti. Magaala Guddittii aanaa Kuyyuu yommuu taatu, Magaalota Kaaba Shawaa (Salaalee) sadarkaa guddinaan jalqabatti eeramtuu fi daandii guddinaarra jirtuudha. Uummanni gara Kaabaa (Naannoo Amaaraa) deemus ta’ee kana Naannoo Amaaraa irraa gara Finfinneetti imalu hundi haala ajaa’iba ta’een Garba Gurraachatti qofa goree haara galfatee waan barbaade nyaatee, dhugee yoo barbaades bulee imala isaa itti fufa.
—————————————-
Gama hundeeffama Magaala keessummaa simachuun beekamtu kanatti yoon deebi’u.
Garba Gurraachi akkamitti hundoofte? Maqaa ammattiin waamamtu kana akkamitti argatte?
Akkan manguddoota umriin bubbulanirraa qoradhetti Garba Gurraachi maqaa kanaan waamamuun duratti “Gabaa Roobii” jedhamuun beekamti. Magaalli kun akka ammaatti gamoo gurguddaan marfamuun duratti Jalqaba manneen citaa 3 jiraayyu. Qe’ee warra Buttaa Boonsaa, Araddoo Doorii fi Bayyanaa Watareefaa turte. Hundeeffama magaala kanaaf sababa kan ta’e Konbolcha guddaa gaaddisa qabu tokko. Konbolchi kunis iddoo amma “Gabaa hojja duree” jedhamu kan ture yoo ta’u. Yeroo Xaaliyaaniin biyya weerarte sana naannawa kana qubachuun daandii gara Goojjam deemu hojjechaa turan. Yeroo sanatti ammoo Xaaliyaanonni warra hojii daandii hojjetaniif gaaddisa konbolcha san jala taa’uun mindaa kanfaluu eegalan.Wayta kanatti ammoo nammoonni naannoo baadiyyaa Kuyyuurraa dhufan hojjettoota daandichaa mindaa fudhatanitti warri dhiiraa handaaqqoo, hanqaaquu, aannan duubartoonni ammoo farsoo fi haraqee itti gurguruu eegalan.

Sana booda guyyaa Roobii torbee torbeen gaddisa konbolchaa sana jalatti bittaaf gurgurtaan baramaa dhufe. Kanumarraa ka’uun iddoon sun gabaa Roobii jedhamee beekame. Magaalattiinis moggasaa “Gabaa Roobii” jedhamtuun waamamuu eegalte.

Haaluma kanaan namoonni naannoo baadiyaa turan gara Gabaa Roobii dhufuu eegalan. Daldaltoonni sangaa Goojjamii gara Finfinnee geessan gammoojjii laga Abbayyaa bahanii yeroo naannoo Gabaa Roobii keessa garba ciisaa naannoo sana jiru gahan ittu goruun bishaanichatti dhiqatanii, sangoota isaanii obaasuun haara galfachuun darbu. Warri xaaliyaanotaas garba kana maddiitti hojii hojjechuu waan eegalaniif hojjettoonni daandichaas hojii booda bishaanichatti dhiqachuu amaleeffachaa dhufan. Garbi kun yeroo sanatti baayyee guddaa fi bifti isaa ammoo garmalee waan gurraacha’uuf “Garba Gurraacha” ittiin jechuu eegalan. Suuta suuta maqaan magaalattiis Gabaa Roobii irra Garba Gurraachaan beekamuu eegale. Boodarra magaalattiin babal’achaa yoo dhuftu moggaasni maqaa ishee “Garba Gurraachaa ta’ee hafe.

Haala kanaa keessatti babal’achuu Garba Gurraachaa fi fulduratti magaala guddoo ta’uu akka dandeechu kan arge “Awraajjaa Gazzii” Salaalee yeroo sanii teessoo isaa Fiichee taasifate Fitawraarii Damissee Sagguu namni jedhamu Taalamma Sanbatoo yeroo jalqabaaf Garba Gurraacha akka bulchuuf aangoo kenneef. Yeroo sanatti warra nafxanyaatu gosaan bulcha ture. Haala kanaan Taalammaa Sanbatoo Darraa irraa dhufee bulchuu eegale. Itti aansee Ilma isaa Abbabaa Taalammaatu itti darbee bulche. Boodarra Fitawraarii Radee, Taaddasaa Gammadaa, Ganyaazmaach Boggaalaa, Mulaatuu Waaqjiraa, Abbabaa Saddee, Asmaraa Tulluu fi kanneen biroo dabaree dabareen bulchaniiru. Yeroo sanitti “Ye Kuyyuu Abootee Gizaat” jedhamtee waamti.

Sirna gita bittaa hamaa sana keessatti Oromoonni naannoo magaala Garba Gurraachaa dhiibbaa irra gahu sirbaa fi walaloon qeeqaa, kan wayyaa qabus jajaa turan.

Akka maanguddoonni jedhanitti bara Abbabaa Taalammaa Garba Gurraacha bulcheetti dargaggeessi yeroo sanii akkas jechuun sirba.
“Yaa Abbabaa Taalammaa
Yaa Firdibeetii Kuyyuu
Intaloo bareedduu tiyya
Yoon si dhabe iyyuu” jechuun sirbu.
Fitawraarii Radee namni jedhamu yeroo bulchaa ture sana ammoo inni hamma ta’e fooyyee waan qabuuf
“Yaa Fitawraarii Radee
Namni Firdii kee dhabe
Lafumatti bade” jechuun sirbaa akka tura maanguddoonni ni yaadatu.
Silas salaale dhaqanii sirbaf ragada hin gaafatan jedhama mitii.

Sirnootuma gita bitaa sana keessa namni gibira uummatarraa guuru namni hamaan kan yoo barbaade nama hidhu, yoo fedhe reebee deemutu ture. Way baxana otoo amma ta’ee #Qeerroon dhukkee irraa kaastiiyyu. Namni kun Nugusee Mulgeetaa jedhama. Baayyee dheeraa fi yeroo hunda gaangeen kan deemu ture. Yeroo inni dhufe
“Nugusee Gaangee adii
Sii dhufee jalaa badi” jechuun ergaa waliif dabarsaa turan.
Yeruma san nama murtii jallisuun murtee sirrii isaaniif hin murteessine nama Gabra Gorgis jedhamu ammoo
“Garba Goorgis
Dubbuma sirrii kana
Wayyaa itti hagooggisi” jechuun qeeqaa turan jedhu maanguddoonni.

Gama biraatiin waa’ee magaala Garba Gurraachaa Ragaan Waajjira Bulchiinsa magaala Garba Gurraachaa irraa argadheen ammoo Garba Gurraachi bara 1928 hundooftee bara 1944 qaama seerummaa akka argatte addeessa.
============================
Kutaa -2ffaa fi xumuraan guyyaa muraasa booda walitti deebina.
Itti fufa….

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.