By | July 9, 2018


Garee Mo’u Irraa | Adoolessa 09, 2018

Uummatni Oromoo erga jaarraa tokkoo fi walakkaa dura sirna gabrommfataa ilmaan Habashootaa jala humna qaawween qabamee kaasee guyyaa tokko illee haata’uu jedhee diinaaf fedhii isaan bitamee hin beeku. Kanaaf ragaa kan tahu bakka adda addaatti yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo qaqqaaliin karaa gamtaa fi dhuunfan kahuun diina lolaa akka turan beekamaa dha (Lola Oromoo Raayyaa Walloo bara 1928-1930, Lola Baalee baroota 1960 keessa, akka faakkeenyatti kaasuun ni danda’ama).

Diinni yeroo hundaa qabsoo saba Oromoon muddama keessa yeroo seenu, namoota dhiigan Oromoo tahan, garu dantaa ofiif kan bitaman gantoota sabaa kan akka Gobaanaa Minilkii irraa kaasee, akkasumas Waayyannen OPDO ijaaruun wagga 27 Oromoo gidirsa asi geesee jirti. Qoodi maammiloota gita bittoota warra habashaas qarqaarsa qawwee fi oggumman qarqaruun, qabsoo saba Oromoo akka galma hin geenye taasisaa turan ammas itti jiran irranfatamu hin qabu. Akkas gochuun umurii cunqursa saba keenyaa irratti dheeressuun, ajjeechaa saammichaa fi gadadoo irratti raawwachaa as gahanii jiru.  Fakkeenyi gaariin sirna bulchiinsa Hayile Selaase qabsoo ilmaan Oromoo Baalee bara 1960 keessa adeemsisaa turan yeroo isaan muddu dhiigaan Oromoo kan tahe ganticha sabaa Generaal Jaagamaa Kelloo fi humna xiyaaraa warra Inglizii Yeman keessa qubatee jiru itti bobbaasuun akka hin milkoofne taasisaniiti.  Fakkeenyaaf bara sana keessa yeroo Generaal Waaqoo Gutuu marii nagaa jedhani gara Hayile Selaase fidan, abbaan garaa Generaal Jaagamaa Kelloo goota Oromo Generaal Waaqoo Gutuu akka Hayile Selaasef gadi jedhu gaafate. Generaal Waaqoo Gutuu lakki ati gadi jedhiif (qomaa’iif) malee ani gadi hin jedhu jedhe. Har’as bitamttoonni abba gara gootota Oromodhan gadi jedhi jechaa jiru. Qabsoo gootooti keenya karaa ijjoollee isaa Qeerroo fininsees gara biratti jallisuf hojjecha jiru.

Dabalatan kan argaa jirru qabsoon bilisummaa Oromoo ABO, Qeerroo Bilisummaa fi WBOn diina waggaa 27 angoo irra ture, ummurii ishee gabaabsaa jiru keessatti, kufaatii irraa of oolchuuf dhaaba maxxannee OPDO fi garteen tokkoo tokkoo Itoophiyaa leellisaaniif dinaa jallatti aangoo arganna warri jeedhan kara mediyaa ololaa turanii fi jiran qabsoon akka galmaa isaa hin geenye shira xaxamaa jiru argaa jirra. Akkasumas, maammillooti isaanii warri lixaa, warri sirna cunqursaa kana Oromoo irratti ijaaran, kan akka Tony Bilairfaa dabaalatee, ministoorata dantaa alaa kan akka USA fi Russia yaaddoo keessa waan seenaan fakkata. Tony Bilair, Melaas Zenawwi akka ifaa Afrika jeecha kan ture, ammaas, sirna cunqursaa Habashaa Oromoo irratti fe’uun, feedhii ofii tiksachuuf, wal caccabsaa jiran kun, waan haaraa oso hin tanee isuma durii jabana Minilik irraa kahee asi gahe akka tahe beekuun barbaachisaa dha.

Haala amma qabsoon keenya bifa qindoominaan, 1974 kaasee taasifamaa jiru gataachiisuuf itti yaadame kan sochoofamaa jiru kun keessattuu tuffii kaayyoo fi akeeka qabsoo ABO oloola dhaaraan cabsuuf Waayyannee fi maammiltooti ’’team Lammaa Magarsaa” waggaa dheeraaf leenjifachaa turanii fi akka (reserve army) qabaachuun kan asi bahan fakkata. Team Lammaa Magarsaa fi maammiltooti isaanii sabi Oromoo akka isaan tajjabaa jiru hubachuu dadhabuu isaaniiti malee waggaa 27 saba Oromoo irratti dhaabi isaanii OPDOn kan raawwachaa turan yoo isaan hirraanfatan malee sabi ballaan Oromoo ekeraan isaan ajjeesan, ajjeesisan, qabsawoota dhugaa amma harraatti mana hidhaa keessatti hiraarfama jiranii fi qabsoo haqaa irra jiran taasumaa hiraanffachuu hin danda’an.

Waan haaraan yoo jiraate oloolli amma demaa jiru kun isa duriirraa adda kan taasisu mediyaa harkaa qabanii fi marsaa adda addaa irratti oloola tahee hin beekamin kan akka yeroo lola adduunyaa 2ffa Ministera beeksisi Hitler Joseph Goebbels jeedhamu ummata Germany afaan faajjeessee yaada (ideology) Naazi itti haguge sana fakkata.

Obboo Lammaa Magarsaa waggaa 27 guutuu osoo jijjirama tokko hin agarsiisin “jijjiramni yeroo gaafata, kanaaf yeroo nuu kennaa, karaa irra waan jirruuf Qeerroon tasgabahuu qaba” jedhu.  Nuyi akka hojjennuuf amma tasgabbii nuu kennaa jechuun qabsoo Qeerroo guffachiisuuf ololaa akka jiran argaa jirra.  Ololaan yeroo bitaachuun har’a yeroo jeechaa jiran waggaa 27 guutuu ilmaan Oromoo qaqqaalii ajjeessuun, hidhuun diina waliin bobba’anii Oromoo mirga saba isaaf lolu dhabamsisuun, kan saba ofiif ilaalcha gaarii qabu biyyaa baasuun alagaa biyya keenya irratti angeessuun qabeenya saba keenyaa saamuu fi saamsisuu akka turanii fi jiran ragaa qabatamaan argaa turre jirras. Kanaaf, jecha kan seenaa kana hin beekne wallaalaa malee qabsaawwota ilmaan Oromoo fi kan rakkoo fi gadadoon irratti rawwatame saba Oromoo hunda (waloo) miti.

Qabsoo bifa qindaween jaarmayaan ABO bara 1974 eegale sadarkaa xumuraa irra jira

Itti fufiinsi qabsoo uummata Oromoo bifa qindoomina jaarmayaa bara 1974 ilmaan Oromoon damaqiinsaa fi sabboonummaa qabaniin eegale akeekaa fi kaayyoo ifaa lafa kaayyachuun akka tahe ummata Oromoo harka caalu biratti har’a beekamaa dha. Akkeekii fi kaayyoon qabsoo kanaa oso irraa hin sharaffamin fiixaan kan baasu abba qabsoo kanaa ABO, Qeerroo bilisumma Oromoo fi uummata Oromoo hundaa taha. ABOn yeroo qabsoon kun jalqabe irraa kaasee jaallawwan qabsoo kaayyoo kanaaf jeecha wareegaman imaanaan isaanii oso hin sharafamin fixaan baasun dirqama seena taha.

Dirqama Oromuummaa fi seenaa kan ofitti fudhate ABOn qabsoo hadhooftuu gochuun asiin gahee jira. Yeroo Dargii irraa kaasuun qabsoo Oromoo guffachiisuuf ilmaan Oromoo dammaqiinsa qaban qabanii ajjeesuun qabsoo kana dhabamsiisuuf kan ture irraa dandamachuun mirga sabi Oromoo umamaan qabu kabachiisisuuf haala hamaa keessatti qabsoo itti fufuun dirqi itti tahee ture. ABOn rakkoo cimaa akkanaa keessa ce’uun dhugaa waan qabuuf qabsoo haqaa itti fufuu dirqii tahu duwwaa oso hin tanee filannoo biraa waan hin qabneef ture. Qabsoo haqaa kanas kara hidhannoo, siyasaa fi diplomacy itti fufuun sadarkaa ol aanaatti taarkanfachiisee jira.

Qeerroon bilisummaa Oromoos akkuma ABO, imaanaa abbootiin isaanii itti dhammatan fudhachuun qabsoo fiixaan baasuun saba Oromoo abbaa biyyummaa isaa mirkaneessuf wareeggama obboolleewwan isaanii dhiiga itti dhangalaasan oso hin dagatin kaayyoo galmaan gahu malee imaanaa nyaachuun olola OPDO fi shira Waayyannen dogoggora keessa seenuu akka hin danda’aamne beekamaa dha.

Wareeggamni amma ammaatti kafalame qaalii haa tahu malee injifannoo akka galmeesse bekkamaa dha. Sirni gabrummaa bara Minilikii kaasee amma ammaatti deemaa jiru ummata Oromoo akka sabaatti dhabamsiisuuf tooftaan irratti hojjetamaa ture irraa baraaree jira. Afaan, aadaa isaatti qaana’aa kan ture, afaan hojii akka tahu godhee jira. Biyya isaa Oromiyaa jeedhamtu akka jirtu agarsiisuu irra darbee dhaloota sammuun bilisoome itti guddisee jira.

Kanatti kan gammadan warra lubbuun jiran qabsaawota duwwaa osoo hin taanee ekeraan ilmaan saba kanaa qabsoo kanaaf jeecha wareegama ol aanaa baasan ilmaan qaqqaalii saba kanaa kan wareegamanis ayyaanni isanii gammadaa jira.

Qabsoo bilisummaa fi walabumma ilmaan Oromoo kara ABO, WBO, Qeerroo fi akka dhuunfaatti itti wareegaman kan milka’u yoo jijjiramni sirnaa tahe malee jijirama kursiin akka hin taane Oromoon beekuun tooftaa dulloomaa waayyanee fi dhaaba maxxannee OPDO irraa haroomsa eeguun irra hin jiru. Kanaaf jeecha qabsoo xumraa itti gochuu malee shira diinaan fashaluun irra hin jiru.

Garaagarummaan ABO fi OPDO kaayyoo irratti hunda’a. 

Qabsoon Oromoo akkuma qabsoo saba hundaa gabrummaa jala turee fi jiru tokkootti duwwaa osoo hin taanee erga bara Minilikii kaasee keessattuu qabsoo ilmaan qotee bulaa akka tahes hubatamaa dha. Hundeen sirna gabromfataa habashootaa kan irratti ijaarame qabeenya saba Oromoo kan tahe laafa isaa dhuunfachuun, qabeenya (oomishaa fi humna qotee bulaa) isaa saamaa akka turan beekamaa dha. Yeroo adda addaatti qabeenya isaa saamuun cunqursa kana hin jedhamne jala jiraachisaa turan.

Qabsoon bilisummaa Oromoo ummata milyyona 50tti heregamu, bilisa baasuu yeroo tahu, keessattuu yeroo ammaa kana gabrummaa akka bilisummatti fudhachuun sirna cunqursaa kufaa jiru leellisaa jiranis sammuu isaanii bilisoomsuuf taha. Qabsoon Oromoo qabsoo bilisummaa biyyaa, qabeenya ofii irratti abba tahuu, fi akka saba hundaa walaba tahee jiraachuu malee nama dhiigaan Oromoo tahee dhalate tokko muummee ministera biyyaa Itoophiyaa taasisuun Miniliik diina saba Oromoo kan tahe ummata keenya  milyoonaa 5 kan fixe ekeraa isanii irratti akka farsuu arguuf akka hin taane beekamaa dha.  Jijjirama jedhamee afarsamaa jiru kunis shira isa darbe saba kana irratti raawwatamaa ture itti fufsiisuuf malee waan haara akka hin taane Oromoon beekuu qaba.

Garaagarummaan qabsoo ABOn geggeessuuf warra qabsoo kana karaa irraa dabsuu yaalanis ifaa dha. ABOn qabsoo ilmaan saba Oromoo qaqqaliin damaqiinsa ol aanaa horataniif rakkoo saba keenyaa hubatanii, keessattuu qotee bulaa Oromoo hubachuun bara sabi Oromoo sirna gabromfataa jala seenee kaasee itti wareegaman xumura itti gochuuf yeroo tahu, kara birammoo ammas jaara 21fa keessa qabsoo ABO, Qeerroo, fi WBO, bifaa qindoominan xumuraan gaha jiru gara biratti jallissuun <team Lamma Magarsaa faa> yakka yakka caaludha. Eekeran gootota keenya, dubartoota keenya, ijjoollee keenya fi saba keenya isaan gaafata. Garuu kaayyoon qabsoo keenyaa amma galma isaa rukkututti ololaan akka hin  fashalle beekamu qaba jetne akeekachiisna.

Garaagarummaan qabsoo Oromoo ilmaan isaa itti wareegamanii fi itti wareega baasaa jiran fi warra wagga 27 harka mirgaa diinaa tahuun maqaa dhaaba maxxannee OPDOn saba keenya giddirsaa turan gidduu jiru kan hin araaramne, garaagarummaa kaayyoo fi akeeka qabsoo ti.

Xumura:

Ummati Oromoo jaarraa tokkoof walakkaa darban sirna gabroomfataa bifa addaa taheen kara wakkiilummaan( indirect colonialism) geeggeffamee fi sanyii duguuggaa tahe jalatti erga kufee kaasee FDG geggeessaa ture. Keessattuu qabsoo bifa qindoomina jaarmayaan bara 1974 kaasee ABOn kalacha qabsoo Oromoo tahuun bu’aa bahii hedduu keessa darbee dame waraanaa fi sochii ummataa keessattuu qeerroo bilisummaan hoogganamee impaayera Itoophiya hundeen raasaa jira.  Akkuma dur beekamu, ilmaan habashootaa fi mammiltooti isaanii kufaatii jalaa of baraaruuf jecha tarkaanfii beekkamaa fudhaachaa jiru.

  1. Akkuma duri sana, warra mana barumsa habashaa keessatti leenjifaman dabballoota dhigaan Oromoo tahan <reserve army> qabatanii as bahuun afaan faajjii tahee hin beekne adeemsisuun akka qabsoon galma isaa hin ruktinne taasisuuf haroomsa finna jeechuun yakka guddaa Gobanaan hojjete haaromsudha.
  2. Garte ayyaana ilaallattootaa, qabsoo ganuun, feedhii dhunfaa guuttachuuf, asii fi achi fiiguun afaan faajjii karaa biyya alaa fi keessaa qabsootti gufuu tahaa turan, bifa adda addaan olola adeemsisaa turan fi jiran walitti qabuuf faarsuun lafeef dhiiga saba keenya dhangala’a ture fi jiru irratti xabachuudha.
  3. Mammiltoota warra ganamuma sirni kolonni (indirect colony) kun akka saba Oromoo irratti jigu godhaniif jiraachisaa turanii fi jiran ammas feedhii ofii egsisuuf sochii taasisaa jiran kana ittisa fi eegumsa gochaa garuu handhura qabsoo saba Oromoo diiguuf tatafachuun yakka yakka caalu ta’e akka galmee seenaa keessatti galma’u hin irranfatina.
  4. Warra kaayyoo hin qabnee fi seenaa hin beekne, yoo fayidaa isaniif kenna tahe biyya gurgurachuuf irraa hin deebine, warra sammuun gabroome kana faana gugatani figuun dhuunffaa ofifs akkasummas saba keenya guddaa kanaafs qaannidha.
  5. Garaagarummaan qabsoo ABOn taasisaa jiruu fi < team Lamma Magarsaa> fa gidduu jiru kaayyoo qabsoo fi akeeka galii qabsoo irratti akka hunda’uu beekuun barbaachisaa akka tahe hubachuun dhimma fardidha.
  6. Furmaata rakkoo impaayera Itoophiya kan furuu danda’u haroomsa sirna cunqursaa osoo hin taanee jijjirraa sirna siyaasaa impaayeeritti fi gaaffi saba sirna qarooma (civilized) taheen akka deebi’u waliin furmaata barbaadu jechuun mirga umamaa sabi Oromoo qabu hiree ofii ofiin murteeffana isaa beekuu duwwaa akka tahu seeraan beekaman waliigaluu danda’uu duwwaa akka tahe hubachuun rakkoon hiikama.

By Garee Mou

Email: Gareemou@gmail.com