By | April 8, 2019


Seenaa Obbo Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee) 1942-1980

Magarsaa Barii qabsaawaa mirgaa Oromoo fi hoogganaa Adda Bilisummaa Oromoo ture. Magarsaan namoota ABO hundeessan keessa tokko yoo ta’u hoogganaas ture.

Seenaa Duubaa

Magarsaa Barii bara 1942 abbaasaa Barii Tufaa fi haadhasaa Caaltuu Tufaarraa Arsii koonyaa Cilaaloo aanaa Leemmuu fi Bilbiloo, Boqqojjii ganda Leemmuu jadhamutti dhalate. Maatiinsaa qonnaan bultoota sirna nafxanyaa duraanii sanaan hacuucamaa fi cunqurfamaa turan yeroo ta’u, bara 1953 lafa qonnaa barbaacha godina Arsiirraa gara godina Baaletti godaananii, konyaa waabee aanaa Gololchaa, Yaakumaa Dinkitti jedhamu keessa qubatan. Baaletti erga galaniis abbaan Magarsaa obbo Barii Tufaa abbootii lafaa naannoo sana turan wajjiinis wal fudhachuu hin dandeenye. Sirna nafxanyaa fi abbaa lafaa hin sarman turan. Haala jireenyaa fi sirna yeroo sanaarraa kan ka’e, Magarsaa Barii dhalatee waggaa 14 booda bara 1956 keessa mana barnootaa galee barumsa jalgabe. Barnoota kutaa 1-4 kan barate, konyaa Gannaalee, aanaa Adaabbaa, magaalaa Adaabbaatti argamu mana barnootaa warra misiyoonii, kan Mission Interior School jedhamu keessatti barate. Eessumasaa kan ta’e Soorili Tufaatu Adaabbaatti ofitti fuudhee mana barnootaa galche. Bakki sun mana warra Magarsaarraa yoo xiqqaate adeemsa guyyaa lamaa fagaata. Hanga bara 1959tti mana barnootaa warra misiyoonii kana ture Magarsaa Barii barnoota kutaa 4, Adaabbaatti akka xumurateen, mana barnootaa mootummaa Gindhir deemee kutaa 5-8 barate.

Akka kanaan Magarsaa Barii bara 1959-1963 mana barnootaa mootummaa sadarkaa tokkooffaa fi giddu galeessaa Gindhiir kan ture yeroo ta’u eessumasaa malee faranjootni Adaabbaarraa qabanii gargaaraa turan. Barnootatti qaroo waan ta’eefis barsiisotaa fi namoota biroorraa marantee guddaa qaba ture. Bara 1963 qormaata kutaa 8ffaa fudhatee qabxii ol aanaa fiduun Finfinnee mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Koomersii ramadame. Bara 1963-1967, mana barnootaa kana keessatti barachaa kan ture yeroo ta’u bara 1967 qormaata kutaa 12ffaa fudhatee qabxii olaanaa fiduudhaan darbe. Bara 1968, Yuunivarsiitii Finfinnee galee barnoota olaanaa jalqabe.

Magarsaa Bari bara 1968-1971 Yuunivarsiitii Finfinnee Faakaaltii Saayinsii Hawaasummaa, Bulchiinsa Daldalaa barate. Akkuma olitti ibsame obbo Magarsaa Barii sammuu cimaa waan qabuuf bara 1971 qabxii guddaa fiduudhan ‘great distinction’ eebbifame. Akka kanaan barattoota yeroo sana qabxii guddaa fiduudhan mooticha yeroosanii Hayilasillaasee harkaa badhaasa fudhatan keessaa tokko ture. Walumaa gala Obbo Magarsaa Barii bara 1971 Yuunivarsiitii Finfinnee irraa digrii jalgabaa fudhatee achuma Finfinneetti kan argamu waaijira Abbaa taayitaan Humna Ibsaa Itiyoophiyaatti ramadame. Achirraa gara waajjira olaanaa Telekominikeeshina ltoophiyaatti jijjiiramee hangan bara 1974tti bakka gaafatamaa irra hoojate Kufaatii mootummaa Hayilasillaasee bara 1974ii booda, jalgaba 1975 irraa hanga walakkeessa 1976tti itti-aanaa bulchaa kutaa Baalee ta’ee hojjateera.

Hirmaannaa Qabsoo Oromoo
Walakkeesa 1960moota keessa wayita Magarsaan sadarkaa lammaffaa barachaa ture keessa qabsoon Oromoo fi sochiin barattoota Oromoo boqonnaa haaraa seenaa ture. Sochiin Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi Qabsoon Baalee yeroo sana geggeeffamaa ture. Magarsaan bara 1963 yeroo mana Barumsaa Sadarkaa Lammaaffaa Koomersii Finfinnee seene irraa qabee barattoota Oromoo yeroos Yuuniversitii Finnfinnee keessaa baratan wajjin quunnamtii akka qabu ni himama.

Gaaffii yeroo sana barattooti Oromoo fi barattooti ummatoota cunqurfamoo kaasaa turan keessaa inni tokko “lafti kan qonnaan bulaa haa ta’u” kan jedhu ture. Magarsaan ijoollummaa isaarraa qabee sirni nafxanyaa ummata Oromoo irratti diriirfamee ture maal akka fakkaatu haala jireenyaa maatii fi nannoosaarraa ka’ee sirriitti beeka. Dhaadannoo ‘lafii kan qonnaan bultootaa haa ta u’ jedhu jalatti bara 1965 hiriira mormii barattoota Yuunivarsitii kan qindesse barattoota Finfinnee yeroos Gumii Barattoota Yuuniversitii hoogganaa turan namoota akka Baaroo Tumsaa barattoota akka turanis seenaan galmeesseera. Sochiin sadarkaa Yuuniversitii kun gara manneen barumsaa sadarkaa lammaffaatti baballachuu isaa caalaa Magarsa Barii quunnamtii barattoota Oromoo Yuuniversitii wajin qabuun hirmaannaansaa guddaa ture. Magarsaan bara 1967 Yuunivarsiitii Finfinnee erga seenee booda caalaatti sochii barattootaa fi qabsoo Oromoo irraa guddaa itti hirmaachuu itti fufe.

Bara 1960moota keessa qabsoon Oromoo bifa adda addaan of mul’isaa kan ture ta’us dhaabi siyaasaa qabsoo bilisummaa Oromoo hogganuu danda’u bifa ammayyaan ijaaramee fi hidhatee hin turre. Kanaaf qabsoo Oromoo faffaca’aa ture waaltessuuf dhaaba bilisummaa Oromoo hooggana waliigalaa kennu tokko hundeessuun barbaachisaa ture. Dhaaba bilisummaahundeessuf tattaaffii biyya keessatti godhaman keessatti ilmaan Oromoo qooda olaanaa bahan keessaa tokko Magarsaa Barii ture. Akka kanaan dhaaba Adda Bilisumma Oromoo namoota bu’uuressan keessaan tokko Magarsaa ture. Magarsaan, maadheelee ABO keessaan madde warra jalgabaa keessatti argama. Ilmaan Oromoo qaroo gaafa sana cunqursaa ummata Oromoorra ga’aa turee fi ga’aa jiru sirriitti hubatanii hubachiisaa turan keessaa nama tokko ture.

Bara 1971 Yuunivarsiitii Finfinneerraa eebbifamee hojii mootummaatti haa ramadamu malee, irra guddaa qabsoo Oromoo irraa qooda fudhachuu fi dalaga dhaaba qabsoo bilisummaa Oromoo hogganu tokko hundeessuu irratti bobba’ee hojjachaa ture. Gootichi Oromoo Jeneral Taaddasaa Birruu mootummaa H/Sillaasee fonqolchuu yaalan jedhamee yeroo sana Hararge mana hidhaa Galamasoo ture sochii bilisummaa Oromoo waaltessuu yaada jedhu dhugoomsuuf birkiin (koreen) qinddeessituu tokko maadheelee sabboontota Oromoo yeroo sana lafa jala ijaaramanii turan irraa akka tolfamu dhaamsa dabarse. Akka kanaan ilmaan Oromoo hubatoo, qaroo fi muratoo ta’an, dhaaba bilisummaa ijaaruu fi hoogganuu danda’an, Adoolessa 1, 1973 walitti dhufanii Birkii Qindeessituu Waaltaa (Central Coordinating Body) jedhu uuman.

Dura ta’aan Birkii kanaa Jeneraal Taaddasaa Birruu oggaa ta’u, miseensonnisaa Magarsaa Barii, Baaroo Tumsaa fi namoota biroo turan. Akka kanan dhaaba bilisummaa kan hunda hammate tokko dhaabuuf sochiin bal’inaan itti fufe. Sochii biyya keessaa fi alaa walitti fiduun barbaachisaa ta’uun waan itti amanameef baruma 1973 kana keessa jilli qabsaawota Oromoo biyya keessaa fi ala turanii walitti dhufuun marii bal’aa adeemsisaa turan.

Kun kanaan utuu jiruu hogganaa Birkii Qindeessituu Waaltaa kan ture Jeneraal Taaddasaa Birruu mana hidhaa Galmsoo ba’ee baadiyyaa Harargee wayta seenu, qabsaa’oti Oromoo biyya alaatti leenjifamanii deebi’an Oromooti akka Hasan Ibraahim (Elemoo Qilxuu) akka dhaqqabanii miseensoti Birkii qindessituu Waaltaa hafan Obbo Magarsaa Bariifaa haala mijessaa turan. Elemoo Qilxuufaa, Jeneraal Taddasaa wajjin wal quunnamsiisuu haa hanqatan malee haalli yeroo sana ture qabsoo hidhannoo eegaluuf kennataa Waan tureef achumaan qabsoo hidhannoo akka jalqaban taasisan. Kun gara dhuma 1973 yeroo ta’u meeshaa waraanaa dhoksaan biyya seensisanii Elemoo Qilxuufaa dhaqqabsiisuurrati Magrsaa Barii qooda guddaa qabaachaa akka ture ni himama. Gama biraanis Magarsaan Oromoon fincila diddaa gabrummaa kibba Oromiyaa kessaati qooda qabaachaa ture hanga baadiyyaa Baaleetti itti dhaqee qunnamuun dadammaqsuu fi ijaaruuf tattaaffii godhaa ture.

Keessaattuu bara 1975 fi 1976 wayta itti-aanaa bulchaa Kutaa-biyyaa Baalee ture namoota sochii kibba Oromiyaa keessaa qooda qabaachaa turanii fi Oromoota Somaaliyaarraa meeshaa waraanaa hidhatanii maqaa Sumaalee Aabboo jedhun Baale konyaalee Waabee, Kurkurru, Saawweena, Dalloo Mannaa fi Raaytuu keessa socho’aa turan dhoksaan itti dhaqee haasofsiisuun sochicha qaama sochii ummaa Oromoo taasisuuf tattaafataa ture. Namoota gaafas maqaa Somaalee Aabboo jedhuun Somaaliyaa irraa hidhatanii Kibba Oromiyaa keessa socho’aa turan Magarsaan bulchaa kutaa Baalee ta’ee utuu jiruu dhoksaan qunname keessatti namoota akka Siraaj Haaj Isaaq, Maammee Harqaa, Tilmoo Alii fi kan birootu aragama.

Namooti Magarsaa waliin bobba’aa turan ammoo namoota akka:
1. Jaal Barisoo Wabee (Magarsaa Barii) Dura Taa’aa,
2. Jaal Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee) Itti Aanaa D/T,
3. Jaal Abbaa Xiiqii (Abboomaa Mitikku),
4. Jaal Dori Bari (Yigazu Banti),
5. Jaal Falmataa /Umar/Caccabsaa,
6. Jaal Faafam Dooyyo,
7. Jaal Irra’anaa Qacalee (Obbo Dhinsaa),
8. Jaal Dhaddacha Boro,
9. Jaal Dhaddacha Muldhataa,
10. Jaal Marii Galaan turan

Jaallan hoggannoota ABO kun Ebla 15, 1980tti shiftoota Somaalii kanaan rashanamanii boolla tokkotti awwaalaman. Tokkummaan ummata Oromoo amantii fi gosaan kan adda hin baane tahuu jaallan keenya guyyaa kana dhiiga isaaniin mirkaneessan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.