By | April 23, 2019


Seenaa Qabsoo Oromoo Haaluudhaan Qabsicha Galii Isaa Hanqisuuf Shirri Xaxamu Kamuu Hin Milkaawu !

(Ijoo Dubbii ABO – Ebla 23, 2019)

Ajjeechaa ABO Mirga Resolutions of the Oromoo Liberation Front National Council(Oromo Liberation Front) — Sabni Oromoo Ummata Amaaraa irraa akka Ummataatti rakkina siyaasaas tahe kan biraa hin qabu. Ummatoota kaan irraahis akkasuma. Ummatni Oromoo kan irratti qabsaawaa turee fi jiru cunqursaa fi roorroo gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa, akkasumas, bittaa afaan qawwee mootummoota Itoophiyaa dhufaa-dabraan irratti wal furaa yoona gahan irratti malee Ummata kamuu irratti miti. Gochaa suukanneessaa Harkaa fi Harma Muraa Aanoleetiifis Sabni Oromoo takkaa Ummata Amaaraa akka Ummataatti yakkamaa taasisee ykn. komatee hin beeku. Itoophiyaa keessatti miidhaa mootummootni Itoophiyaa dhufaa-dabraan Oromoo fi ummatoota biroo irraan gahaniif Ummatni jimlaadhaan akka Ummataatti itti gaafatamu ni jira jenneetis hin amannu.

Seenaan Harkaa fi Harma Muraa Aanolee fi kan Calii Calanqoo seenaa qabsoo Oromoon Bilisummaa isaa tikfachuuf godhe keessatti iddoo ol’aanaa kan qabuu fi yoomuu hin dagatamne dha. Seenaa qabsoo Ummataa hangas mul’ataa kana haaluu ykn. dhoksuudhaan rakkoo uumamu malee bu’aan irraa argatamu hin jiraatu. Tattaaffiin akkasii Qabsoo Bilisummaa Oromoo gufachiisuuf yoo akeekame tahes gonkumaa fiixaan hin bahu.

Hariiroon gaariin wal-qixxummaa, obbolummaa fi dantaa waloo irratti hundaawe Ummata Oromoo fi Amaaraa gidduutti qofa osoo hin taane Ummatoota hunda gidduutti dagaaguun akka barbaachisu kan haalu hin jiru. Hariiroon akkasii kan uumamuu fi dagaagu ammoo hamaas haa tahu gaarii, seenaa keessatti hariiroo fi seenaa Ummatootni kunniin wal gidduutti fi mata mataattis qaban dhugaa isaa beekanii isa gaarii jabeeffachuu fi isa hamaa irraa baratanii fuula duraaf irraa of tiksuu irratti hubannaa fi ejjennoo wal fakkaataa qabaachuun yoo danda’ame dha. Sirni siyaasaa Itoophiyaa dhufaa-dabraa as gahee fi ammas jiru garuu addaan qoodanii walitti buusuudhaan aangoo irra turuu kan aadeffate waan taheef kana gochuu kan danda’u hin fakkaatu.

Walitti dhufeenya (hariiroo) Ummatoota Oromoo fi Amaaraa cimsuu akeeka jedhuun walgahii ODP fi ADPn guyyaa dheengaddaa magaalaa Ambootti qopheessan irratti hooggantootni ol’aanoon ODP waahiloota isaanii gammachiisuuf haa tahu waan biraa sababa isaan qofti beekaniin seenaa qabsoo Oromoo fi miidhaa Saba Oromoo irra gahee dabre ifatti oggaa haalanii fi jallisan mul’atan. Kuni Oromoo hundaan kan balaaleffatamuu qabuu fi Dhaabni ODPtis ifatti gadi bahee Saba Oromoo kan dhiifama itti gaafachuu qabu dha jennee amanna.

Maayyii irratti, rakkoo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa naannoo Gaanfa Afiriikaaf furmaata argamsiisuudhaan nagaa waaraa fi dimokiraasii dhugaa naannoo kanatti argamsiisuun kan danda’amu bilisummaa fi mirgi Abbaa-biyyummaa ummatootaa yoo kabajameef qofa tahuun hundaan beekamuu qaba. Adeemsi faallaa kanaa (keessattuu ammoo sab-boonummaa Oromoo cabsuudhaan gaaffii Sabichaa ukkaamsuuf shirri xaxamuu fi daboon ykn. guuzni waliif bahamu) madda jeequmsaa fi diigamiinsa guddaa Godina Gaanfa Afriikaa tahuu waan danda’auuf irraa of qusachuun barbaachisaa dha.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.