By | January 9, 2018

Sirna Kabaja Ayyaana Guyyaa WBO fi Seensa Bara Haaraa Kan 2018 WBO Zoonii Kibbaatiin

Sirni Kabaja Ayyaana Guyyaa WBO fi Seensa Bara Haaraa Kan 2018 (Amajjiin 01/2018) Addunyaa hunda irratti iddoo gara garaatti miseensotaa fi deggertoota Adda Bilisummaa Oromootiin gaafa Amajjii 01/2018 irraa eegalee guyyaa fi bakka adda addaatti ayyaaneffatamaa jiraachuun beekamaa dha.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo kan Godina Kibba Oromiyaa keessa sossohus (WBOn Zoonii Kibbaatis) gaafa Amajjii 06/2018 bakka Ummatni Oromoo Godina Kibba Oromiyaa kumootaan lakkaawaman, akkasumas, hoogganootni Dhaabaa, qondaalotaa fi miseensotni WBO lakkoofsa guddaadhaan argamanitti Ayyaana Guyyaa WBO fi Seensa Bara Haaraa kan 2018 kana sirna ow’aa fi haala adda taheen Ummata isaa wajjin kabajatee oole.

Sirna kana irratti agarsiisni Hawwisoo WBO, agarsiisni Humna Jajjabee/Komaandoo WBO, diraamaan adda addaa haala QBO irratti hundaawanii fi dorgommiin Ispoortii gosa adda addaa hedduun Waraana Bilisummaa Oromootiin dhihaatanii guyyaa guutuu hirmaattota bohaarsaa oolan.

Hoogganootni Dhaabaa sirna kana irratti argamanis seenaa Guyyaa WBO, akkasumas, bu’aa-bahii Dhaabni keenya Addi Bilisummaa Oromoo fi Waraanni keenya WBOn keessa dabree Qabsoo Bilisummaa Ummata keenyaa sadarkaa har’aa kanaan gahee fi dirqama fuula keenya dura jiru ilaalchisuudhaan haasawa bal’aa hirmaattotaaf taasisaniiru.

Sirna Kabaja Ayyaana Guyyaa WBO kana sababeeffachuudhaanis WBOn Zoonii Kibbaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan wareegama qaalii ilmaan Oromoo kumaa-kitilaan itti baasaniin sadarkaa har’aa dhaqqabe kanatti xumura gochuudhaan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf kan yeroo kamii iyyuu caalaa dirqama loltummaa isaa bahachuuf qophii tahuu beeksise.

Maayyii irratti duula shanyi-duguuggaa (Genocide) mootummaan Wayyaanee Ummata keenya (Oromoo) irratti labsee geggeessaa jiru kana fashalsuu fi galma gahiinsa Kaayyoo Qabsoo keenyaa shaffisiisuuf Ummatni keenya Irree fi Gaachana isaa kan tahan Waraana Bilisummaa Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo cinaa waan danda’u hundaan akka dhaabbatu yaamicha isaa dabarfate.

WBOn Irree fi Gaachana Ummata Oromoo ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *