By | June 5, 2018


Sochii Qabsoo: Ka Har’aaf Dhibbeentaa 50, Ka Boriif Dhibbeentaa 50

SEENAA  Y.G (2005), Waxabajjii 5, 2018


Sochiileen Siyaasaa fi gama hundaan jiru, Dhibbeentaa 50 irra jira. Waan har’aa dhugeessuuf rakkisaadhaa. Waan boriifis murteessuun yk tilmaamuun rakkisaadhaa. Ejjannooleen Mootummaa tokko tokko waan nama akeeku qaba. Amala Wayyaanee amanuun rakkisaa waan ta’eef, amananii itti of kennuun rakkisaadhaa. Kanaaf, dantaa keenya kabachiisuuf mala dhahaachuu fi gama hundaan ilaalanii waan jiru fi nu mudachuu danda’an irratti, qophii taasisuun barbaachisaadhaa. Siyaasa keessatti yoo mo’anis, mo’amaniis hegareef qophaa’uun dubbii ijoodhaa. Adeemsa Siyaasaa gama hundaa wayita xiinxalluu, Qabsoon Oromoo hojiilee diinni nu kaa’ee irratti hojjachuu osoo hin taanee, nuuti isaan dabrinee deemaa jiraachuu fi waan nuuti barbaannuu raawwachisisuuf isaan dirqisiisaa jiraachuu argina. Kana gonkumaa irraa jal’achuu hin qabnu. kanaaf Qabsoon keenya itti aanuu, kan mataa 5 qabuu ta’uun barbaachisa. Ogummaa fi beekumsa jirutti dhimma baanee, waan boruu nu mudachuu danda’an tu’achuuf har’uma wixinee isaa lafa keewwachuu qabnaa.

Sochii Qabsoo mataa sadii jechuun maal jechuudhaa.

  1. Qabsoo itti jirru jabeessanii itti fufuu,
  2. Ogummaa fi Siyaasa adda baasuu,
  3. Diina walirraa qolachurratti Dhaabbilee Siyaasaa Oromoo waliin hojjachuu,
  4. Waan wareegama kafallee diina dirqisiisaa jiru yoo injifannee hojiin itti aanuu maalii ?
  5. Adabbii Sagalee hin qabnee itti fufuu,

1. QABSOO ITTI JIRRU CAALAATTI JABEESSUU:

Qabxiin kun murteessaadhaa. Diina jilbeenfachiisuuf sochiilee itti jirru gama hundaan jabeessuudhaa. Kana jechuun sochiileen qabsoo akka kaleessaa ka jabaatan ta’uu dhiisuu malu. Garuu gonkumaa akka nuuti hin rafnee diinaaf mirkaneessuuf nu gargaara. Shirootaa fi of toolummaa Wayyaanee caalaatti cabsuuf, ammallee akka sibiilaa jabaa ta’uu keenya argisisuun fardiidha. Caasaa fi sochiileen jiran hundi, diinni hangamuu karaa nuuti jennurra qajeeluu irra taree waliin hojjanna yoo jedhellee, caasaa kamuu keessa galchuu dhiisuu fi sochiilee jiran hundaa diinarraa tikisanii bara Bilisummaallee caasaa sanaan waan hojjatamuu jiraachuu beekanii waan jiru hundaa tikisuu fi balbala cufachuu irratti hojjachu feesisa. Wayyaaneen hangamuu araaraaf ka dhaabbatte fakkaachurra tartee, dhugumatti araara yoo barbaaddellee, gonkumaa sochiilee keenyaa beekuu hin qaban. Maaliif jennaan, Wayyaaneen caasaalee jiran baruuf tarii karaa nuu saaqaa jirtii ta’uu beekuu nu barbaachisa. Keessattu namoota qaroo ta’an, dirqama jajjabaa qaban kkf jabeessanii gara keessaatti qabachu barbaachisa. Qabsoo Oromoo sadarkaa amma irra jirurraa gonkumaa duubatti akka hin deebinee beekuun murteessaadhaa. Sochii itti jirru irraa ka nu dhaabuu fi manni keenya nagaa ta’uu ka mirkaneessinuu, gaafa Oromiyaan nu harka galtee qofaadhaa hubadhaa. Mootummaan sochiilee nageenyaa fakkaatan tokko tokko argisiisaa jira. Kana dhiigaan finnee malee kennaa miti. Ammallee kanarra akka raawwatu gochuu ka dandeenyu waan itti jirru caalaatti jabeessuu yoo dandeenyedhaa jabeessaa.

2. OGUMMAA FI SIYAASA ADDA BAASUU :-

Hundi keenya Dirree siyaasaa irratti wal unkuruun faayidaa hin qabaatu. Ka barbaachisu Ummataaf hojjatanii argamuudhaa. Waan Siyaasaa fi Ogummaa qaban wal keessa unkuruun wal xaxuu fida. Ogummaa qabnuun Ummata keenya tajaajiluuf Miseensa dhaabbilee siyaasaa ykn garee tokko ta’uun barbaachisaa miti. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo amma jiran waliin hojjachuur rakkootu jira. Inni duraa baayyina isaaniitii. Inni lammaffaa diina caalaa hammeenyaaf wal eeguudhaa. Inni sadaffaan angoof boluudhaa. Kun yeroo isaatti hiikkata. Ammatti warri beekumsa aadaa, Afaanii, Beekumsa garagaraa, kkf Ogummaa isaaniin ijaaramanii yoo hojjatan dirree siyaasaa tasgabbeessuuf gargaara. Kanaaf Ilmaan Oromoo Biyya keessaa fi Biyya alaa jiran Ogummaa isaaniin ijaaramanii Ummata isaanii tajaajiluuf of qopheessuu qabu.

3. DIINA WALIRRAA QOLACHUUF DHAABBILEEN SIYAASAA WAL TAHUU :-

Kun hedduu murteessaadhaa. Wal tikisuun barbaachisaadhaa. Wal tikisuun kun mataa lama qaba. Kunis dantaa Oromoo eegsiisuu irratti yoo hundaa’ee bu’aa guddaa qabaata. Loogiirraas bilisa ta’aa. Kanaaf adda durummaan Dantaa Oromoo irratti ka shiraa jiru waliif dhaamuudhaa. Inni lammaaffaa shira dhaabbilee siyaasaa Oromoo kamuu irratti gaggeeffamuu quba wal qabaachisuudhaa. Akka sadaffaatti ka fudhatamuu, Ummatarratti waan shiramuu qubaa wal qabaachisuudhaa. Kana gonaan eessallee dhaabbannuu wal tikisinaa. Shira diinaarraa wal baraarra.

4. SOCHII ITTI AANUUF OF QOPHEESSUU:-

Sochiin itti aanuu beekamaadhaa. Wayyaaneen akka amma itti jirtuun yoo itti fuftee, karaan saaqamuu mala. Yoo itti fufu diddee ykn dubbiima qabbaneessuuf yaaltii taanaan humna keenyaan Impaayeera kanaaf isa dhumaa taati jennee murteeffanna. Sadarkaa har’aa irra jirruuf harka 50 yoo hojjannee, isa boriif ammoo harka 50 hojjachuun barbaachisaadhaa. Wayyaaneen sochii itti aanuu, addatti Ummatoota walitti buuftee waan barbaadduu argachuu waan dadhabdeef, Dhaabbilee siyaasaa walitti buusuun toftaa ishee itti aanu ta’uu mala. Dhaabbilee siyaasaa kanneen biro dhiifnee keenyaaf mala dhahuun barbaachisaadhaa. Ilaalchi garaagarii hanga jiraatetti wal qocollaan hin hafu. Qorichii isaa tokkichi garuu, murtee Ummataati. Ummati kana qajeelchuuf dirqama qaba. Dhaabbiilee siyaasaa Oromoo abboomuuf dirqama qaba. Kanaaf qaamaa qalbii itti qophaa’uu qaba. Carraan akkasii yoo dhufee maal akka goonuu gamanumaa qopheeffachuun barbaachisaadhaa. kanarra dubbachuun barbaachisaa ta’uu baatuus, carraan akkasii yoo umamee waan jiru hundaa tu’achuuf sochiilee barbaachisan irratti ammumaa qophaa’uun barbaachisaadhaa.

5. ADABBII SAGALEE HIN QABNEE :-

Diinni sochi itti jiru jabeessee ka itti fufu tarkaanfii keenya ilaaleeti. Diinni waa hedduu nutti maluu danda’aa. Kanatti iggitii gochuuf abbaan torbee kun jaabaachuu qaba. Warra Ummata keenyatti taphachaa jiran kana caalaa hayyamuufiin gonkumaa sirrii hin taatu. Guyyuu raaffa baannee awwaalchaaf wal guuruu fi booyichii gonkumaa dhaabbachuu qaba. Kaa dhaabuu keessaa tokko warra kana raawwatuu adabuun qofaadhaa. Oromoon humna tikaa gonkumaa hin beekamnee ijaaruu fi ummata ittisuun barbaachisaadhaa. Sochiin itti aanuu Wayyaanee qofaa mitii heddummaachuu maluu. Qormaata jabaatuu nutti asi deemaa jira. Kanaaf keessaa keenya jabeeffachuu barbaachisaadhaa.

SOCHIILEE JIRAN IRRAA GAMAAGAMA TOKKO TOKKO :-

  1. Qeerroo fi Ummata Oromoof: sochiin itti jirru ofirra dabarree meeqaaf lubbuundhaqabnee jirra. Deebii bifa kamiituuf sababaa taaneerra. Kun itti fufu qaba. Shira Wayyaanee, ABO moggeessuu kanaaf gonkumaa akka hin hayyamnee. Haalli akkasii Umamnaan dura dhaabbachuun murteessaadhaa. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo shira kanaan xaxaman dhaabbadhaa jechuunii barbaachisa.
  2. WAADAA Dr. ABIYYII ILAALCHISEE :- Dr. Abiyyi waadaa hedduu seenaa jira. Waadaa seenuu kana bifa lamaan keenya. Namni kun Biyyuma tasgabbeessuuf dhufe. kana gochuuf ammo waggoota dheeraaf irratti hojjataa turan. Keessattu Oromootti dhimma ba’uu. Kanaaf Dr. Abiyyi waadaa inni hojiin argisiisuu isa siyaasaaa qofaadhaa. Gama Dingdee fi Biyya guddifnaa, hojii dargaggoof argamsiifnaan, gonkumaa milkaa’uu hin danda’uu. Addatti hanga waggaa lamaatti ykn Filannootti waan jiru yoo itti fufan malee waan haaraa hin uman. Kanaaf, addatti Qabsoo Oromoo guyyu belbelaa dhufee tasgabbeessuuf socha’aa jira. Hidhamtootaa fi adeemsa siyaasaallee qusachaa gadhiisaa deemuu. Maaliif jennaan Ummata abdii keessa tursanii, sochii jijru qabbaneessuu barbaadu. Kun ammoo adeemsa Wayyaanee osoo hin taanee, ka humnoota alaatii. Isa dhugaa dubbachuuf, Wayyaanee caalaa sochii Oromootti rifatee ka jiru humnoota alaatii. Sochiilee Wayyaaneen itti jirtuu kun irra jireessaan isaantu keessaa qaba. Kanaaf Dr. Abiyyi waadaa Siyaasaaf seenuu hordofnee qabsoo keenya itti haa fufnuu malee, gama Dingadee kkf waadaan galamuu gonkumaa hin furamuu. Karaa hojjannaa fi ibsaa galchinaan gonkumaa waan hin taanee. Biyyi abidda seentee jirtutti hojiin misoomaa eessa jira ?kanaaf akka hin dagamnee.
  3. NAMOOTA HIDHAA BAASUU: – Obbo Lammaan hidhamtoota kuma 40 ol hiiknee jedhanii dhaadachuu barbaadan. Beekumsi isaanii hanganuma. Kaleessa hidhamtoota hin qabnuu jechaa turan. Har’aa kuma 40 hiikan. Ka hafees jiraa jechuudhaa. Kun hiikkaa maalii akka qabaatuu beekuu dhabuun isaanii nama raaja. Namoonni tokko tokko maqaa namaa tarrisanii jara kana nu hiikaa jedhu. Namoonni tarrifnuu kun, Ummata mana hidhaa keessa jiru keessaa hangamii ?isaanuu kuma 40 hiiknee jechaa jiranii, Nama 50 tarrifnee maa dhiphannaa. Dhiiga itti kafalaa jirra mitii ?dhiiga ka kafalaa jirruuf Ummata keenya miliyoona 50 hidhaa baasuuf malee, kanneen qubaan lakkaa’amaniif miti. Gaaffiin keenyaa sirrii ta’ee, akkaataa itti gaafannu garuu beekuun barbaachisaadhaa. Ilaalchuma keenyaafuu ka tolu isadha. Kanaaf Wayyaaneen hanga filannoon ga’uutti suutuma hiiktii. Maaliif jennaan umurii ittin bitatti. Nuuti ammo tokko fi lamaan kadhanna. Kanarra jabaannee hunda akka gadhiftuu dirqisuun furmaata.
  4. DHAABBILEE SIYAASAA OROMOO :- Dhaabbilee siyaasaa Oromoo irratti komee yennaa dhiheeffannu ka diina gammachiisuu ta’uu hin qabu. Kanneen Biyya alaa galan itti fufu maluu. Garuu bakkaa fi yeroo isaatti deebii laachuu malee, waan diinni nu qopheessuun wal nyaachuun gatii hin qabaatu. Nuuti Ummata miliyoona tokko warra nu jalaa buqqisee fi jireenya dhabsiisee, akkasumas lammii keenya guyyaa saafaa ajjeesaa jiran siyaasa keenyaaf jennee obsinee jirruudhaa. Adeemsi kun Dhaabbilee siyaasaa Oromoo illee dabalatuu qaba. Murteen hundi nu harka jiraa, hojii qormaataa ofitti hin baayyifnuu .
  5. OPDO IlAALCHISEE :- OPDOn kanarra hammaachuu maltii. Keessattu kan akka Daanyaachoo Shafarraa Ilmaan nafxanyaa, keessa keessaan shira hojjatan kanarra jabaachuu mala. Kaleessa ka ummata keenya Fixan Dmmallaashii fi Zelaalam Jamaayinah shira gaggeessan irraa dhaabbatu jechuun gawwummaadhaa. Kan akka Lammaa hegaree isaa sodaatee keessa isaa ifatti baasaa jiru nu mudachuun waan hin hafnee. Kanaaf OPDOn kasaaraa Ummata keenyarraan waggaa 27 geesifteef gaafatamuun waan murteedhaa.

Walumaa galatti sichii keenyarraa hin dhaabbannu. QEERROO FI QARREEN kanarra jabaatanii shira diinaa Tikisuun dirqama isaaniitii. Hojiin nu hafu isa keessa dabareerra yo caalee malee isaa gadii miti haa jabaannu.

HORAA BULAA !!!!!!!!!

7 thoughts on “Sochii Qabsoo: Ka Har’aaf Dhibbeentaa 50, Ka Boriif Dhibbeentaa 50

  1. ABDII BORUU

    du.du.akkam.oltan.harkka.tokkorra.quba.shantu.jira.1.abbagudduu..2.abbudhaable..3.gowwaa.dheera.4.leenca.gabaa.ba.5.cammee.faraaddu.kanahuundda.addajajee.hoggaan.sakanaqabu.abbagudduun.hoganaman.abaguddunkun.kophaa.isaa.jara.afranniwajin.ba.aa.qaba.harka.isaalamaanu.qaama.tokkorra.taa.a.hum.nawalii.ta.a.wanni.fete.dura.dhaa.bachuu.hindandeysuu..horaa.bulaa.diidamjireesa.duraa.wanni.dhaa.bachuu.danda.aa.hinjirtu

    Reply
  2. ABDII BORUU

    du.du.akkambultan.gumaa.guututi.abbaa.biyyaa.oromoo.jala.hirii.ruqabna.abbaan.biyya.oromokunmanaaguddaa.qaba.qabbenya.guddaa.qaba..hinaaftuun.manaqabdu.kiraa.kessa.tateesi.yofedhe.abban.manaa.kessaa.yaasa..abbaan.biyya.oromo.annan.si.obaasa.kudraa.mudraa.sinyaashisa.yodeemuu.nimiidhaga.namakabajaa.situffaatu.A.B.O.jalahaahiriruu.hangayoom.gowwoomna.hooraa.bulaa

    Reply
  3. ABDII BORUU

    du.du.akkam.oltan.gafiinqaba.hinaaftuun.tun.essamataaqa.te.numiiti..botaa.mataaisaan.ittii.qabatan.haaxiin.xallu.hoggaa.haa.sofnu.walinhaa.sa.u.qabna.hoggaademnu.walindemu.qabna.hoggaa.nyanu.walin.nyachu.qabna.bakkamataa.ittiqabatte.numiitu.dhoorkkuu.qabna.diina.ijjaan.buruja.fudhuu.qabna.ulee.shaan.tawalitti.hidhaa.abbaan.fedhe.cabsuu.hindanda.u.ijifannon.umata.oromo.gadaan.gadaa.bilisummaa..ijjifannon.galuun.baranuma.horaa.bulaa

    Reply
  4. ABDII BORUU

    du.du.akkamoltan..ofmaddii.ilaaluu..qabna.maaltujira.maaltu.dedeema.achiif.achi.maaltu.mullaa.ilaaluu.qabna.ganama.ganama.fuladhiqachuun.barbaachisa.midhagina.tolchaa.dubbii.dubbii.fida.dubbii.dubbii.fixa.fuulaa.kessa.walilaale.xurii.walirra.eguu.qabna.horaa.bulaa

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.