By | June 4, 2018


Tarkaanfii Lama Gara Boodaa

Damee Boruutin: Waxabajjii 4, 2018

Bara kudha sagliif torbaatamaa fi sadetama keessa dhaabbonni maqaa bilisa baastummaa uummataa isaaniin ijaaraman kan akka EPLF, TPLF fi ABO diinni isaanii inni duraa tokkichi Mootummaa Impaayeera Itoophiyaa waan taheef hariiroon qabsoo isaanii wal fakkaata ture. Yaroo itti waraana waliif lenjisanii fi humna waraanaa Dargii wal irraa qolachuuf wal gargaaraa ni ture. Karaa diploomaasii fi proganandaas wal tumsaa akka turan ifaa dha.

Gaafa Mootummaan Dargii kufuu sadanuu Mootummaa waliin dhaabbachuuf Finfinnee akka  galaniin EPLF biyya Eritrea bilisa baasuu  murteefatte. TPLF fi ABO mootummaa  cee’umsaa dhaabbota xixxiqqaa biraa dabalatanii dhaabbatan. Mootummaa cee’umsaa dhaabbate keessatti TPLF humna harka guutuu qabaachuuf ABO rukkuutun barbaachisaa tahee argame. WBOn muxxannoo lolaa bara dheeraa waan  qabuu fi hihatee uummata isaa keessa waan  jiruuf  lolaan injifachuun waan hin yaadamne. Kanaafuu tooftan WBOn akka kaampii galu godhamee utuu quba hin qabaatiin itti marsitte muxuxxi goote fixuu sagantaa baafate. Itti milkooftees jirti. Warri WBO fixee fi warri kaampii galshe wal qixxa yakkamoota.

EPLF akkuma biyyaa Eritrea bilisa baasuu xiyyeefate referndamiin injifannoo argatee yaroo gabaaba keessatti Mootummaa Eritrea dhaabbachuuf ayyaana argatee jirti. Haa tahu malee wal quunnamtiin TPLF  fi  EPLF yaroo irra gara yaroo hammaachaa dhufe. Keessattuu saamicha biyyaa Impaayeera Itoophiyaa TPLF kan dhuunfaa ishee godhachuu EPLF hin jaallanne. Sababuma kanaan waraanni jidduu isaanitti jalqabe dhumaatii lubbuu kumaatama hedduuf sababa tahee jira. Amma har’a illee daangaa wal irraa qabatanii wal gaarefachaa jiru.

TPLF fi ABO eenyu iyyuu caalaa wal tahuun afaan, aadaa, seenaa fi hiree mirga saba isaanii  kabachiifachuu qabu ture. Garuu oftummaa fi otullummaan TPLF bakka har’a jiru kanaan nu gahaa jira. Waggaa 27 darbaniif qabeenya Uummata Oromoo saamanii  fi  ilmaan Ormoo kumaatamaan hidhanii fi ajjeessaanii jireenya badhaadhaa jiraatanii jiru. Jireenyi badhaadhanii barba baraan jiraachuuf yaadan  asuma irratti raawwata. Kana booda akka daaraa bubbeen utuu isaan fudhatee lafa irraa hin balleessiin biyya bilisoomsina jedhanni gaafa duraa ijaaraman sana fudhatanii bahuuf ayyaana duraa qabu. Yoo kana asii ABO wajjin kaayyoo ganamaa sana irraatti dhiifama walii godhaanii gara saba saba isaanii deebi’anii hiree saba  isaanii eegsissifachuu  qabu.

Haalii amma biyya Impaayeera Itoophiyaa keessa jiru akka fincaan itillee olii fi gad gagalagalaa jira. Akka hubannaa koo yoo tahe waan an ifatti argu Kononel Abiyii fi Obbo Lammaan Uummata Oromoof tuffii guddaa qabu. Ummata Oromoo jumulaan yaroo dhumuu hin dirmataniif. Waa’ee dhumaatii uummata kana kaasanii dhubbachuuf illee  fedhii hin qaban. Yaroo uummatni iyyannaa gara isaanii dhufu gurra illee hin kenaniif. Ilmaan Oromoo kumaatamaan mana hidhaa keessatti dararamaa  jiran hiikaa hin jiran.  Kononel Abiyi garee TPLF aangoo keessaa ari’amanii fi maqaa hannaan mana hidhaa galan baasee mudaa jira. TPLF jiddutti waan qumaara xaphachaa jiru fakkaata. Yoo isa baase bareedaa dha.

Ijoolleen Oromoo qaroo tahan kun lamaan Obbo Lammaa fi Kononel Abiyi uummataa isaanii tufachaa yaroo maqaa Itoophiyaan Amhara mataa itti baatanii deemuu barbaadan agarra. Gara fuula duraa tarkaanachuu dhiisanii bitaa of irraa galagalanii gara boodaa deemaa jiru.Tarkaanfii lama gara boodaa, tarkaanfii tokko gara fuula duraa deemuun bakka gahuuf yaadame gahuun hin danda’amu.  Haalli isaan uummaa jiran kun isaa duwwaaf utuu hin taane Impaayeera Itoophiyaa isaan gagabaaf jiraniif illee balaa guddaa akka fidu hubachuu qabu. Uummatni Oromoo dhiitaa TPLF haa jibu malee bakka keelesa ture sanatti deebi’ee Amharaan bitamuuf qophee hin qabu. Utuu haala qabatamaa jiru hubatanii jiraatanii humna TPLF fi Nafxanyootaa itti hirkachuu caalaa humna Uummta Oromoo  qofti hirkachuun akka  isaan baasu ni argu.

Haala kana akkan hubadhu kan na godhu isa isaan suusii Itoophiyaa qabna jedhanii fi Minilikiin faarsan qofa irraa kaa’ee miti. Andargaachew Stigee nama waraana mootumaa sana irratti utuu gageessaa jiruu qabamee murtiin du’ee irratti darbee jiru hiikamu isaa caalaa Masaraa Minilikitti Mumich Minister fudhatee wajjin marihachuun maal agarsiisa? Haayyoonni Oromoo kan waraana illee hin qabne,  waan yaada isaanii seera biyyaan dhiyyafataniif hidhamanii dararamaa erga turanii yaroo  hiikaman akka fira isanii illee hin dubbifne dhowaman. Laqamate irratti akka uumata isaani dubbifneef morma qabanii of duba deebisan waan ijaan agarre. Injinner Masfin Ababaa Injinner Tesfahuun Camadaa wajjin Nayiroobii irraa butamanii Injinner Tesfahuun waxalama hamma irratti rawwaachuun yoo wareegamu Injinner Masfiin duni itti murta’ee amma har’a mana hidhaa jira. Maaliif hin hiikamu ?

Nafxanyoonni laphee irratti laphee hooratanii Obbo Lammaa fi Kononel Abiyi warra Itoophiyaa fayyisu Waaqayyo erge jedhanii faarsaa jiru. Biyya tokko, afaan tokko fi alabaa tokko qabaachuutu tokummaa Itoophiyaa tiksa jedhanii sirbaa jiru.  Kanaafu waa’ee naannoon of bulchuu hafee biyya akka bara Haayile Selaase xaqilaayi gizaatitti deebi’sna jedhanii hudduu of dhiitu.  Midiyaan Habashaa jidduu kana akakiloota Haayile Selasse gaaffiin ol kakaasa jiru.

Bakka ABO jiruu itti uummata Oromoo keessatti  injifachuu akka hin dandeenye ni  beeku. Kanaafuu humna ABO kan cabsan ykn dadhabsiisan humnoota akeeka ABO dura dhaabbatan baayyifachuudhaaf. Karaa biraa humna nafxanyaa kan hin jirree walitti funaananii humna gochuuf dhama’uun of irratti gaga’ama fiduu akka deeman hubachuu qabu.  Bitaanis tahe mirgaan si achi nafxanyoon dhufanii uummata Oromoo irratti aangoo qabaachuu akka hin dandeenye waan hundaa dura isaanii galuu qaba ture. Uummatni Oromoo qabsoo gochaa jiru abbaa biyyummaa isaa mirkanneefachuuf malee injifannoo amma har’a galmeesse deebisee nafxanyootaaf badhaasa kennuuf miti. Nafxanyoon Uummatni Oromoo OPDO irraa akka ajaja hin fudhannee hin galuuf. Utuu sadarkaa dammaqnisi Uummata Oromoo irra jiru beekanii tooftaa OPDO waajjin iskistaa sirbuuf ni dhaabbatan ture. Uummanti Oromoo fi OPDOn afaan qawween malee afaan nagaa fi ilaa fi ilaameen yaroon waliif galan hin jiru.

Karaa biraa haalli murteessaan qabsoo bilisummaa Uummata Oromoo keessatti bakka ABO dhaabbatu dha.  Seera biyyaa nama fudhatuu fi seera biyyaan namni hojjechuu barbaadu eenyu iyyuu haa dhufuu jedhee jira Obbo Lamman. Jechi isaa kun yoo waraana isaa facaasee dhufe ABO akkuma warra kaanii galee karaa siyaasaa filmaataaf qabsa’uu danda’a. Abdii fi gaachanni bilisummaa Oromoo WBO dha. WBO facaasuun yookaan hidhanna hikachiisuun dhuma qabsoo bilisummaa Oromo taha. Akka hubannaa koo yoo tahe ABO kaayyoo of harkaa qabu kana jallisuu hin qabu. Araara yookan walii galteen kam iyyuu yoo godhame WBO kan gaga’u tahuu hin qabu. Yaroo lammaaffa haala xaxxammaa kana keessatti jarjartiin walii galtee hundee hin qabne gochuudhaan yoo WBO rukkutamee itti gaafatamni guddaan warra hooggannaa ABO irra jira.

Tooftaan OPDO warra diaspora kana keessatti EPRDF dura afaaniin illee taatu dhaabbachaa ture, warra akka ODF,  Ginbot 7, OMN,  Ethsat fi warra kana fakkaatu biyyatti deebisuudhaan warra waraana qabu kan akka ABO fi ONLF waan qofaa hafan fakkeessanii yaadessuu dha. Warri galu kun OPDO itti rakkina uumu malee waan gagaaruu danda’an tokko hin jiru. Warri hafan keessattu ABO hooggannaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo keennaa jiru murannoo guutuun itti fufuu qaba.  Hoomaa girisa manaa tokkichaa risaa wayya. Irree tokkummaan kaanee akeeka ilmaan Oromoo dhiiga isaanii dhangalaasanii fi lafee  isaanii caccabsaniif waradiyaa dhaabbannee  Fincila Xumura Garbumaa galmaan haa geenyu.

Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.