By | May 6, 2019


Unsung Heroes – Gootota hin Faarfamne 

Barreessan: Martin Schibbye / Caamsaa 4,2019
Kan afaan Oromootti hiike: Caalaa Hayiluu Abaataa

Swedish journalist Martin Schibbye and photographer Johan Persson returned home (in September 2012) after 438 days in Ethiopian prison, accused of terrorism

Barreeffamni kuni marsaareetii ‘’The Dissident Blog’ jedhamu irratti dhimma Ijoo jedhamu jalatti afaan Swedish fi afaan Ingliiitiin barreefame. Barreeffamoota baayyee  guyyaa Mirga pireesii Addunyaa (International Press Freedom) sababeeffachuun  ijoo dubbii haala jijjiirama siyaasa Xoophiyaa keessatti deemaa jirurratti fuulleffatantu gaazexeessitotaa fi barreessitoota akkasumas waloowwan adda addaatu  bara kana carraa argachuun maxxansiifatan. Warra kan qindeessan keessaa Gaazexeessaa Martin immoo isa tokko.

Barreefamoota marsaa kanarratti maxxanafem ergan dubbisee booddee  barruulee biroo waliin maxxanfamanii bahan keessayi inni kuni  qalbii kiyya moo’atee jennaan hayyama barreessichaa ergan argadhee boodden waayee keenya yoollee nuti himachuu dadhabne,Alagaan fagoo taa’ee quuqamee barreessun  seenafis waan guddaa fi dhugaa keenya ormi ija akkamiitin aka hubate saba keenya biraan gahuun gaarii ta’ee jennaanin afaan Oromootti hiikuu filadhe.

Barreeffama mata dureen ‘The unsung heroes’- Gootota hin faarfamne’jedhu kana keessatti Gaazexeessaa Maartin Shiibiyee  Namoota dhibboota hedduu kanneen karaa barreeffamaatin jijjiirama karaa dimookiraasii eegalame kana fida qabsaahaa turan dabalatee  warra wareegama lubbuu kaffaluun waan warri kaan biyyattii keessatti argaa jiran kana  garuu arguuf carraa dhoowwataman faarsa.

Jalqaba baatii Onkoloolessaa 2016 keessaa, Oromoonni miliyoona lama caalan ayyaana Irreechaa Kabajuuf, kibba  magaalaa Finfinnee, Hora Harsadiitti aadaa isaanitiin bareedanii, addaatanii, uufata isaanii halluu addaa addaan faayamanii mataa tti faaya adda addaa kaahatanii  aadaa isaanii kabajuuf achitti argaman .Uummanni Oromoo dhuma tibba gannaa fi jalqaba tibba birraa  himuuf ayyaana Ireechaa kabajatu. Uummata uffata aadaasaatin babbareedee, aadaa isaafi amantaa isaa kabajuuf hora bu’e garuu osoo hin turin  taattewwaan guyyaa kanaa diddaa siyaasatti geeddarame. Akka suuralee fi il-dhagoota bilbila sirriin hin agarsiifnen muldhachaa turanitti hirmaattoonni ayyaana kanaa sochii aadaaf-amantii sana yommuu gara diddaa mootummaatti  jijjiiramu argamaa ture.

Hirmaattoonni ayyaanichaa sagalee tokkoon, ‘‘Down, down with the government and  We need freedom!’’ – ‘’TPLF nurraa bu’i,wayyaanee nurraa bu’i, nuti bilisummaa barbaanna’’ jechuun sagalee  mormii jabaa  dhageechisuu jalqaban. Tarkaanfin poolisoota mootummaa gaasii ija imimmaanessuu fi rasaasa uummata nagaarratti roobsan. Rifaatuu guddaadhaan uummanni lubbuu ofii baafachuuf kallatti hin beeknetti fiiguu hireen muudate.kaan  gara boollatti fiigan- hedduun wal sakaaluu fi walirra deemuudhaan balaa guddaaf saaxilaman. Namoonni baayyen oolfachuuf osoo baqatan walirra bahuudhan lubbuu isaanis dhaban.

Muumichi ministeeraa yeroo sanii obbo Haylaamaaram Dassalany miidiyaatti bahuudhaan, ‘‘ Warri mormii kana gaggeessan dursanii jeequmsaaf  uumuf itti qophaa’uudhaan waan dhufaniif balaan kuni raawwatame. ’’ jechuun yakka mootummaa isaa caalaa, badiin kan uummataa tahuu dubbate. Gama biraatin, ‘’qaamni mootummaa/poolisiinis tahee loltuun mootummichaa rasaasa hin dhukaasne.’’ jedhee  haale. Ammoo  namoonni hedduun ajjeefamuu fi miidhamuu amanuudhaan namoonni miidhaman kaan akka gara manneen yaalatti geeffaman dubbate. Dabalees ‘‘sababii jeequmsaa kanaan warri yakka kanarratti hirmaatan seeratti dhiyaachuudhaan, ni adabamu’’ jechuun cubbuu mootummaan isaa hojjate amanuu dhabee, yakka qaama biraatti akeekuudhaan ibsa baase mootummaan isaa.

Haa tahu malee il-dhagootaa fi suuralee mobilaan waraabamanii maxxanfamaa turan irraa akka agarsiisuu fi dhagahamutti dhukaasaa rasaasaa akkasumas akka namoonnni ijaan argan ragaa bahanitti immoo rasaasni gaasii ija imimmaannessu xayyaaranillee(helikoopteraan)  akka dhukafaamaa ture himu. Haatahu malee mootummaan booddee namoonni 52-shantamii lama akka ajjeefaman( du’an) kan amanan yoo tahu, dhaabbileen mormitootaa garuu  dhibboota hedduun ajjeefamuu gabaasan.

Baruma walfakkaataa kanatti,  2016 tti dhaabbanni mirga namoomaf falmu kan teessoo isaa biyya USA maandheffate, kan ‘Human Rights Watch’ jedhamu yeroo diddaan gabrummaa (#OromoProtests)  akkaan jabaatee deemaa ture keessatti humni mootummaa namoota nagaa dhibba afur (400) caalu rasaasan ajjeessuu isaanii gabaasee ture.

Namoota dhibba afurii ol tahan kanneentu wareegama hadhooftuu  baasanii jijjiirama har’a biyyattii keessatti akkaan dhaadheffamaa jiru, kan garuu isaan ofiif arguuf hin carroomne argamsiisan, kan garuu immoo  hundaan dagatamaa jiran.

Osoo silaa namoonni nagaa dhibbi afur biyya Raashiyaatti bara 2016 ajjeefamaniiru ta’ee, yoon Caffeen nagaa mootummoota gamtoomanii qaata himannaa mootummaa Raashiyaa irratti banee, taateen kunimmoo miidiyaalee addunyaa hunda irratti uwwisa baldhaa argachuun daran gabaafama ture. Haa tahu malee Xoophiyaan barootaa dheerayyuu biyya  addunyaa kana keessatti yakkaa dhala nama irratti daangaa ol raawwatamu kamuu cabsitullee,  dhiibban karaa diploomaasii,diinagdee fi siyaasaa fi waanuma hallerrraayyuu  osoo irratti hin godhamin jiraatte dha.

Kanaafi shakkii tokko malee jijjiirramni Xoophiyaa kuni kan keessumaa ol dhufeefu. Hardha yeroo namuu hooggansa haaraf tumsaa(michuu) addaa ta’ee argamuu fedhu kanatti, warra jijjiiramni kuni akka dhufuuf wareegama baasan dagachuun salphaadha. Akkasumas namoonni kurnoota darban mootummaa cunqursaa fi abbaa irree kan gaazexeessitoota hidhee dararu faarsaa turanillee, har’a akkuma salphaatti ol mumuldhachuun magaalaa Finfinnee keessatti  waayee  bilisummaa pireesii (maxxansaalee) sagalee olkaasanii dubbatu.

Duuba warri #Qeerroo jedhaman kannee gootummaadhaan sodaa tokko malee mootummaa abbaa irreetiin falmaatii turan suni eenyu isaan fi kuni hundi akkamittiin eegale?

Oromoon Xoophiyaa keessatti saba guddaa fi naannoo baldhaa irra kan jiraatu yommuu tahu, lakkoobsaa uummataa yeroo baayyinni uummata Xoophiyaa miliyoona 74 turetti, uummanni Oromoo immoo  Miliyoona 25 ture.

Uummanni Oromoo, uummata bara dheeraa xoophiyaa keessatti golgoleeffamaa, cunqurfamaa fi afaan isaallee ukkaamfamaa, akkasumas seenaa gita bittoota biyyattii dhufaan darbaa gabroomaa turuurraa kan ka’e namoonni hedduun Oromoo yeroo ibsan  #KurdiiAfrikaa jedhuun. Aadaa Oromoo keessatti sirna dargaggoonni marsaa fi sadarkaan keessa hulluuqantu jira.  Kunis joollummaa isaanirraa hanga umrii ga’eessummaatti hirmaannaan isaan qe’ee dhalootaa isaanirraa  horii tiksuu jalqabee  hanga  biyya isanii ittiin tikfataniin sirna keessa darban qabu. Aadaan kuni (sirna Gadaa) kuni suuta suutan gaafa gabrummaafi hacuuccaan sabicharratti jabaatu gara sochii  siyaasatti jijjiiramuun Sochiin qeerroo diddaa gabrummaatti geeddarame.

Yeroo jalqabaatif  gaafa #MasterPlan magaalaa guddoo Xoophiyaa, Addis Ababaa (Finfinnee afaan Oromootin) fi magaalalee nananoo ishe jiru walitti makuudhaa hojiirra ooluf ibsamu uummanni Oromoo   hunda durseet diddaa  isaa bara 2014  eegale.

Kaayyoon #MasterPlan sanaa dachii Oromoo gabbataa fi dhaloonni jaarraa hedduuf qotatee irra jiraachaa ture buqqisuudhaan maqaa misoomatiin jiraattoota haaraa irra qubsiisuf aggaammii ture waan taheef Oromoon ni balaaleffate.

Garuu  sochiin diddaa suni ariitiidhaan itti fufuudhaan gaaffii waayee lafaa fi babaldhina magaalichaa dhiisuudhaan, dhimmoota gurguddoo ijoo gaaffilee siyaasaa tahan irratti xiyyeeffachuu jalqaban. Haa tahu malee, fakkoo fi il-dhagoonni hedduun manneen yaalaa dhibbootarraa bahan, madoolee fi reenfa namootaatu marsaalee interneetaa maqaa #OromoProtests jedhuun bakka hedduutti maxxanfamaa ture. Diddaan Oromoo jabaachuudhaan biyyattiin  daddaaqama siyaasaa bkurnoota hedduuf argitee hin beekne muldhachuun haala hamtuu keessa seente.

Diddaan guutuu Oromiyaa waliin gahuun cimee dargaggoota Amaaraa ofitti makuun, saboonni gurguddoon lamaan walfaana tahuun yeroo jalqabaaf mootummaa aangoorra jiru diddaan raasan.

Haalli nagaa biyyattii too’annoo humna mootummaatii ol tahuudhaan,sabatiinsa siyaasaa,nagaafi tasgabbii dhabuun biyyattii fi unkutaa’uun diinagdee biyyatti irrati dhiibbaa jabaa uume. Wal dhibdeen waliinii daranuu jabaatee itti fufuudhaan jeequmsi hammaate. Jeequmsi biyyattii  too’annoo ol ta’aa jiru tasgabbeessuf muummee ministeera yeroo sanaa akka aangoo gadhiisuun ibsame. kunimmoo hope of “saving the country’’ (abdiin ‘’biyyattii kufaatii hamaarraa oolchuu’’ ) ni uumame.

Muummeen ministeeraa haaran,Abiy Ahmad  guyyootaa dhibboota aangoorra ture keessatti Xiyyeeffannaa  hidhamtoota siyaasaa kumoota hedduu hiikuu,diinagdee mootummaan dhuunfatamee ture gara kan dhuunfatti naanneessuu (liberalization of the economy), miidiyaalee biyya alaatti hundeeffaman gara biyyaatti deebi’anii  waajjira isaanii magaalaa Finfinneetti banachuun akka uummata tajaajilan affeeruu, akkasumas walii galtee  nagaa wal dhabdee Etiyoo-Eritrea hiiikuf godhamee ture fudhachuudhaan nagaa buusuu fi kuni hundi walitti dabalamuudhaan dhugumaan warraaqasa dambalii siyaasaa gaanfa Afrikaa (political earthquake on the Horn of Africa) akka jedhamee faarfamu godheera.

Amma dubbiin deemaa jiru wiirtuu mana hidhaa qorannoo dhalli namaa keessatti mankaararaa ture, kan Maayikalaawwii jedhamu gara godambaa (museum) tti jijjiiruf akka  yaadanii fi kunimmoo hobbaafannaa daraarriitiin ykn boqannaa sammuu naaf laate.

Akkas taanan kana booddee namoonni ogum-fakkaattoonni koo obboroon mana hidhaa qaallittii keessaa sagalee dheekkamsaa fi iyyaa kan gurra nama duuchu sanaan waardiyootan kaafaamanii, akka lakkaahamuuf mijatuutti hin hiriirfaman. Waardiyyoonnis, ”lakkoobsa lokoobsa,lakkoobsa’’ -”qoxeraa,qoxeraa,qoxeraa’ jechuun sagalee gurraaf hin tolleen balbala sibiilaa sana iyyisiisaa bakka ciisanii  dammaqsanii akkuma walitti dhiyoo jiraniin walitti hidhamuun lakkaahamuun hafe jechuudha. kana booddee galaalchitoonni ykn gaaexeessitoonni kamuu lama lamaan- ‘‘hulet,hulet’)wal cinaa dhaabbatanii cancala qalloo saniin hidhamanii dhoqqee keessa dhaabbatanii lakkaahamuun hin jiru.

Galaalchitoonni marsaareetii (bloggers) sichi  of jajjabeessuuf jedhanii maqaalee manneen hidhaa keessatti argaman moggaasa addaa kennameef kan akka  Sharaatoon jechuun sanneenin qoosuun hin jiru, yoollee iddoowwaan sunneen jibbisiisoo fi dilallaa’oo laftisaa mukarraa hojjataman ,warreen  akka keenyaa hidhamoo bakka kana caalaa hammaataa qufaanillee dhiiga tufaa turaniyyuu iddoowwan sanniin caalaa hammaatuu  waan jiraniif sharaton jedhanii maqaalee sanneenin qoosun sichi hin jiru. Kutaalee hidhamtoonni yakka tokko malee gara jabummaa hamtuudhaan keessatti ukkamfamanii, qaama isaanii micciiraanii hidhuu mataa lafatti deebisanii fannisaanii keessatti reeban, kutaalee dukkanaa’oo mana jalaa, bakka qaamaa saalaa dhiiraa irratti waan ulfaataa fannisaanii  reebuudhaan yakka inni hin hojjanne hojjadheera jedhee hamma dubbatutti boqannaa dhoorkaman sunneenis waan jiraniif manneen lafti isaa mukaan ijaaramanii  akka sharatoon jechuun ittin qoosan sichi hin jiraatu.

Kutaaleen manneen hidhaa kanneen Hilten jedhamaa turan.

Qoosan waayee kutaalee akkasii kunniiin maqaa bareedan waamun of jajjabeessaniin sichi kan dhumaati.

Sana qofaa miti, kutaaleen kunneen yeroo gabaabaa keessatti godamabaa tahu, qoosaaleen sunneen garuu yeroo hunda jiraatu, tasumayyuu namoota achi keessatti dararamaa ture irranfachuun hin tahu: hiriyootaa hojiin walfakkoo (colleagues) kanneen silaa filannoo osoo qabanuu, filannoo  jireenya fi lubbuu isaanii dhiphuu akkasii keessa hin buufne qabaachaa turan dagachuun hin tahu.

Wantoonni akka isaan hin dagatamne godhan, jaalala isaan dhugaaf qaban, kan biyya isaanii fi uummata isaanii/ dhala namaaf qaban, jaalala isaan ogummaa gaaexeessuummaaf qaban,mataansaa akka isaan hojii gaazexeessummaatti bobba’aniifi barreessan godheera. Jaalalli kuni   akka isaan gaazexeessummaan maal akka tahee fi tahuu qaban isaanitti agarsiisera,kan garuu yeroo hunda tahuu hin qabne. Jaalala kanaafis wareegama guddaa baasuuf qaba- gatii olaanaa waan hundaa olii:bilisummaa isaanif jecha yakkamaa  ta’aniiru.

Kutannoo jarreen kanneen  duraan hidhaa turanii amma bilisa bahan fakkeenyaa murannoo waan hundaati, kuni yeroo kamiyyuu caalaa yeroo amma nu barbaachisa-murannoo  jijjiirama ammaa kuni akka dhufu godhe.  Hardha isaan bilisa bahaniiru, nuti garuu waa of gaafachuu qabna jedheen yaada;yeroo isaan manneen hidhaa keessatti dararamaa turan, nutimmoo  eessaa fi maal hojjachaa turre?

Hardha jijjiiramicha/haaromsicha faarsun waan tokko, Dhugaadha, hardha warri duraan hidhaa turan waayee isaanii dubbachuu ni danda’u, kanaafuu hardhaa miti kan isaan sagalee keenya barbaadan – Gaaffiin jiru: Yeroo isaan deeggarsa fardii nurraa barbaadaa turan sana eessa turu deeggarsii fi faaruun inni hardhaa kuni?

Abiy Ahmad  nama sammuu addaa qabuufi hooggantoota muummee ministeerotaa biyyattii  kanaan dura turan hundarrayyuu waan hedduun garaagrumama qabaachuu agarsiisee jira.

Wanti  biraa hafnaan, yakkaa fi dogongora dhaabni isaa  uummatarratti hojjachaa tureefillee dhiifama gaafateera.

Abdiin koo, Abiy Ahmad yeroo badhaasa Noobeelii Nagaa (Nobel Peace Prize) fudhatu, warreen obboroon miiraa dimookiraasii sammuu hunda keessatti uumame kana argamsiisan kanneen jijjiirama seenaa kana keessatti galateeffachuu qabnu  akka hin daganneedha.

Jechama warra US tokko fayyadamuuf: They are the unsung heroes- Isaan  Gootota faaruu dhaban, gootota hin faarfamne, warra of kennanii daandii haqaaran, warra danqaraa fi gufuu buqqisanii kaanif karaa tolchuun warri kaan immoo itti faganii guddisuun tarkaanfii itti aanutti akka ceesisanii  guca ifaa qabsiisani,kan garuu hin faarfamnee dha.

Warri dimookiraasii fiduuf osoo qabsaawanii ajjeefaman kanneen bilisumama jiru kamiyyuu dhamdhamuuf carraa tokkollee hin arganne jarri sunneen gootota dhugaati, garuummoo kanneen hin faarfamneedha.

Egaa amma dirqamni kan hundaati; dhiigni isaan bilaash akka hin taanefi tasabaddee akak hin taane waan isaan itti wareegamaniif  tiksuuf galmaan gahuun akkasumas silaa osoo  badhaasni Noobelaa kan kennamuuf jiraatee warri qooddaachuu qaban isaani.

Kanneen deebi’anii hin dhufnee fi kanneen  bilisummaa argame kana tasuma arguuf hin carroomne-warra taatewwaan kanneen hundi akka argamuuf sababa ta’an-warra waan qaban hund qusannaa malee bilisummaaf kennantu qooddachuu qabaayyu. Isaantu gootota faaruu dhabaniidha!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.