By | November 25, 2019


Qalbeessaa Dhangi’aatiin | Sadaasa 25, 2019
Finfinnee, Oromiyaa
Barruu ilmi Oromoo marti dubbisuu qabu!
Xiyyeeffannoo barruu kiyyaa:
– Aggaammiin akka Oromootti nutti aggaamamee jiru maali?
– Akeekni Oromoo irratti qabamee hojjetamaa jiru kun maalii?
– Yaaddoo kiyyaa fi Furmaata isaa.
Wiirtuun jireenya saba tokkoo nagaadha. Nagaatu bu’uura jiraachuu saba tokkoo murteessa. Uummatni tokko nagaa argachuuf ijaarmaa, wal-hubannoo, wal-dhaga’uu fi gamtaa’ina wal unataa barbaachisa. Saba gamtaa’ina qabu nagaan isaa salphaatti hinboora’u. Nagaan isaa yoo boora’es Tokkummaa qabaannaan bakkatti deeffachuuf waan isa rakku hinqabu. Kanaa asitti sabni tokko cimina isaa hubachuutu, hanga gahu tolchee beekuu, aangoon guddaan akka sabaatti barruu harkaa isaa keessa jiraachuu hubachuun ammoo kanneen olitti amma jenne, bilisummaa, walabummaa, birmadummaa, nagaa, tasgabbii, badhaadhinaaf boqonnaa sabichaa horsiisa. Kanneen yoo horsiifate biyya ijjaarrata. Biyya ofiin ijaarrate ammoo hogganuu, gaggeessuuf uummatni tokko hindanqamu. Biyya halagaan ijaareef, biyya bilisummaa isaa molqite addatti sirna rakkoo irratti uddeele jala taa’ee nagaa hinargatu. Saba tokko sirni cunqurse sun deebisee nagaa hinlaatuf. Waan ta’eef sabni tokko sirna isa miidhe sirna isa gadachee isa saamsise mormuu qofa utuu hintaane of irraa fonqolchuutu filmaata. Sabi tokko aangoon barruu isaa keessa jiraachuu yoo beeke, murna isa miidhuu, murna isa saamuuf isa dhabamsiisuu barbaadu irra aanuuf humna argata.
Akkuma olitti jedhe saba tokkoof nagaan akka barbaachisu, dabalataan nagaa argachuuf humnatu isa barbaachisa. Saba humnoometu sodaatama. Saba humnoometu ajjeesaa isaa, qaama isa ajjeesuu, ajjeesee daguuguu hawwuu of irraa dinnina. Humni tokkummaa keessa jira. Tokkummaa keessatti wal dhaga’uu fi eessa akka ka’e, eessa akka gahe, eessatti akka adeemu akka sabaatti beekuutu saba tokko humnoomsa. Kanaaf sabichi nagaa argachuuf gamtaa’ina isaatu bu’uura jenna.
Jarana amma dhugumatti haalli Oromoon keessa jiru nama yeelalsa. Keessa namaa madeessee, nagaa nama dhorkatee nama jeeqa. Maaliif? Asittis achittis du’a Oromoo qofa dhagaa’ama. Biyya halagaa ollaa biyya abbaa keenya qofa utuu hintaane biyya keenya keessatti roorrifamaa jirra. Du’a keenyatu akka du’a ilbiisaatti fakkeeffame. Kanaaf, bu’uurri ammoo waan eegallu tokko ejjennoon galmaan gahuuf murannoo dhabuu keenya ta’aa laata? Nama jechisiisa. Waan baanuuf beeknee waan baaneef utuu hinargatin qabsoo duubatti deebisuutu rakkoo dhalche. Qabsoon kaayyoo fi galma qabdi. Hanga sana geenyutti lubbuu keenya qusannoo malee qabsaa’uutu furmaata ture. Qaamoleen daandiin furmaataa yoo nuu banamu, imalli keenya galma gahuuf yoo ka’u nu dura dhaabbatanii “dhaabbadhaa…” jedhanii abdii maseena keessoo saba keenyaatti naqaa as gahan rakkoo ammaa keessaa qooda qabu. Isaan dhaabbadhaa jedhanii uummatni utuu galma isaa hingahin uummata dura goranii harka bal’insantu qooda qaba, rakkoon ammaa isaaniinuu uummata keenya dursee dhabamsiisee oole. Qaamoleen uummata dura daaddisuu almaleeffatan mataan isaanii jiraachuuf waan uummatni eegale fiixa baasuu qofa ta’uu hubachuu dhabuun isaanumaanuu abiddatti geesse. Isa kana barnoota irraa argannee, daandii walakkaatti galma geenyeerra jechuu irraa of qusannee, jaalalaaf kabajaan wal dhageenyee waliin hiriirree xumura rakkoo barbaaduun fala.
Diina xuqnaan hundeen barbadeessuudha. Diina xuxuqanii dhiisuun of irratti goobsuudha. Nus diina keenya hiixannee tumannee duubatti deebi’uu keenyatu rakkoo har’a keessa jirru dhalche. Akka sabaatti uummata bilchaataa, uummata hubataa uummata goota keessaatti dhalannee keessatti guddannee keessa jiraachaa jirra. Ciminaaf gootummaa saba keenyaas lallabnee, barreessinee kan goolabnu miti. Uummatni keenya beekaa, hubataa, qaroomaa ta’uutu jiraachuu keenya iyyuu raagesse. Uummatni keenya Leencomee utuu inni diina sodaachisuu, uummatni keenya Qeerransomee utuu diina rifaasisuu argaa jirra. Uummata Leenca kana Leencummaa isaa itti himuun mataan isaa daandii furmaataati. Kun ta’e humna sabichaa, sabichatti himuu dhabuun rakkina. Kanaaf humna saba keenyaa, aangoo bal’aa of harkaa qabaachuu isaa barruu kanaan ittin hima. Uummatni keenya eenyuunis ta’e humna isa ajjeesu kana of irraa ittisuuf aangoo, humna, ciminaaf beekumsa nii qaba. Kanatti gargaaramee of kabachiisuu baannaan Leenca Dulloome ta’uudhaan wal fakkeeffama. Leenci dulloome Titiisa bu’ata jedhu.
Akeekni Oromoo irratti qabamee hojjetamaa jiru kun maalii?
Ifaan ifatti bakka maraa kan mul’ataa jiru akeeka Oromoo balleessuu, Oromiyaa diiganii Oromoof Oromiyaa seenaa goona jedhee qaama hojjetutu qindoominaan nu haleelaa, nu miidhaa jira. Akeeka Oromoo ajjeesuu qaamoleen diina innikaaf mootummaa wal ta’anii hojjetaa osoo jiranii agarra. Isa kana dura gamtaa’inaan dhaabbachuudha.
Barataan Oromoo mooraa Yuunibarsiitii keessatti billaaf qottoon rukutamee ajjeefamuu, barataan Oromoo addaan bahee qofaatti nyaata summaa’e nyaatee akka dhumu gochuun daguuggaa sanyii kalaalamee hojiitti jiramu ta’uu agarra. Halagaan nu xuqee ilaala. Nu xuqee ilaalee garuu salphaatti nu biraa hindeebi’u. Halagaan gaafa seeraaf ayyama keenya malee nu xuqe quba isaa ofirraa darbachuu, quba isaa kutanii daangaa itti gochuutu fala. Kun hafnaan halagaan har’a si xuqee callisuukee yoo arge bulee si kabala. Guyyaa sadaffaatti Qottoo fuudhee rukutee si ajjeesa. Kana hubachuutu nu baasa.
Haalli barataa Oromoo irra gahaa jiru maal akka fakkaatu namuu quba qaba. Mootummaan naannoo Amaaraa qaamota yakka dabaa biyya diigu raawwataa jiran, qaamota biyyatti keessatti jeequmsa kaasuuf Oromoo addaan baasanii xiyyeeffatanii miidhan kana tumsa. Faallaa kanaa mootummaan Naannoo Oromiyaa ammoo waraana isaa gargaaramee waraanaan barataa jeequu, barataa hidhuu, uummata Oromoo baadiyyaaf magaalaa keessatti ajieesisuu irratti hojjetaa jiru. Gochaan kun waan quba wal qabu fakkaata. Gocha ta’aa jiru gaafa ilaallu qaamoleen kun martuu qindaa’ee Oromoof Oromiyaa irratti waan qiyyaafate fakkaata. Haala akkanaa keessatti firri keenya firri Oromoo tokkoof tokkicha waloo keenyaa, nu Oromoon Oromoon ala eenyuun fira akka hinqabne beekuu barbaada. Kana hubannee jabaa keenya qaama xuqu, dhaaba abdannu qaama xuqu waloon kaanee dura dhaabbachuu, dhaaba  jabaa Oromoon qabuu fi jabaa nama keenyaa tikfachuun fala.
Baatilee kana keessa qofa ilmaan Oromoo dhibbatti tilmaamaman lubbuun darbeera. Wanti kun waggaa afuriif haala qindaa’aa wal fakkaatuun hojiirra oolaa as gahe. Gocha kana jala dhaabbachuutu Oromoo baasa. Gochaan Oromoo dhabamsiisuu, Oromiyaa diiganii bittimsuuf hojjetamu kun gamtaa’ina Oromootiin dura dhaabbachuu yoo baate dhabama keenya fiduu mala. Sana ooluuf amma kaayyoof akeeka, galmaa fi mul’ata dhaaba qabu jalatti, dhaaba uummata keenyaaf qabsaa’uu jalatti wal taliiguutu nu baasa.
Saba akka uummata keenyaa garboome kan bilisa baasu dhaabaa fi jaarmiyaadha. Dhaabaaf jaarmiyaa jechuun walitti qabaaf walitti qabama uummataa ta’ee, murtee nama danuun darbuun kan socho’udha. Dhaabni uummata tokko ijaaree, uummata sanaaf qajeelfama qabsoo, qajeelfama gaaffii karaa nagaa fi ka dhibii baaseefii sabichi dhaaba isaa utubatee dhaga’eefii waliin adeemuudhaan sabni tokko cunqursaa jalaa baha. Kanaan ala uummata ijaarsa hinqabne, fakkeenya Loon qofa qofaa dheedanii humna dhabanii abbaan arge soorraatuu, saba ijaarmaa kaayyoof galma, mul’ata hinqabne halagaatu saama. Halagaatu lafa irraa dhabamsiisa. Kana ooluudhaaf uummatni keenya Oromoon taliigamee dhaaba tolfate jabeeffatee isa jalatti warraaquun yeroon isaa amma. Kun hafee faffacaa’aa dhumaan kan itti fufu, ykn nam-qeenxeef miidiyaa qofaan birqaanaa itti fufna jedhee yaada ammas taanaan furmaatni maseena. Namootni qeenxee ta’anii socho’aa turanis dhaaba uummatani tolfatetti, ykn ammoo yoo danda’an dhaaba ijaaranii as bahanii mul’ataaf kaayyoo, ergamaa fi galma uummataaf ibsanii hiriirsuudha. Kana hindeemnu yoo jedhan uummataaf hanga hojjetanitti, uummata hanga jaallataniitti uummatnis hanga isaan jaallatutti dhaaba uummatni qabutti makamuudhaan wal tumsinee galma keenya dhugoomsanna. Kun hinta’u jedhanii hadiyyoo ykn ball’eensa irratti uummata nama qeenxee ta’anii fuudhanii adeemuu yaaluun diina uummata sanaan salphaattuu lubbuun dhabamuu ilma Oromoo sanaa fida. Ilmi Oromoo qaxaleen uummata hiriirfachuu danda’u waan nu barbaachisuuf lubbuu nama qofaa adeemu sanaas baraaruuf akkasuma addatti diigama biyyaaf dhabama sabaa baraaruuf dhaaba nu barbaada. Furmaatni kan argamu dhaaba kamiinuu haa ta’uu, karaa dhaabaaf jaarmiyaa qofaaf qofa ta’uu hubachuu barbaachisa.
Maayii irratti Uummatni keenya Oromoon amala Leenca Dulloomee of irraa gatuutu furmaata fardiidha! Amma kan nu baasu saafila Leencaa ta’uudha. Tokkummaa uumuudhaan walii dirmachuudha. Lubbuun ilma Oromoo kamuu karaa dabaa akka hinbaane dhiibbaa waloo taasisuudha. Kanaan ala rakkoo hamaan sichuu nu mudachuu mala.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Sadaasa 25, 2019
Finfinnee, Oromiyaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.