By | January 8, 2018

(BBC Afaan Oromoo) — “Waaqni dhala namaa waan hedduu barsiisee biraa deeme. Akkatti tulaa qotan barsiise. Iddoon wanta kana itti barsiises Dubluq jedhama” Obbo Jaatanii Diidaa.

Akka waaqaa sii roobe akka haadhaa si tooye

Akka abboo keetii yaame dur-gollise

Akka ayyoo teetti bu’ee maddaa yooyyise

“Osoo tulaan saglan hin jirree Booranni fulaa itti godaanu hin qabu ture, har’a hin gahus ture” jechuun gahee olaanaa tulaan jireenya horsiise bultoota Booranaa keessatti qabu manguddoo Borbor Bule himu.

Tulaan madda bishaanii fagoo kan Booranni jaarraawwaniif bishaan keessaa waraabee loonsaa obaasaa ture dha.

Godina keessattu yeroo bonaa margaaf bishaan loonif rakkoo itti ta’e Boorana keessatti oolmaa tulaa saglan Booranaa himuun ulfaataa dha.

Kanaafis tulaan dhimma bishaanii qofa osoo hin taane dhimma qabiyyee aadaa heddu of keessaa qabu akka ta’e maanguddoo Borbor Bule himu.

Akka aadaa Booranaatti loon bishaan tulaa dhugan umrii dheeratu, aanan qabu, dhukkubsatanii qoricha hin barbaadan.

Bishaan soogidda hin qabu jedhamu bishaan tulaa loon nafa ijaaree gabbisas jedhama.

“Dhagaan baatu malee bishaan hin argamttu.”

Tulaan lafa loon bishaan itti obaasan qofa osoo hin taane kan dhibaayyuu itti bahanii itti irreefatani dha.

Akka ogeessi aadaa fi tuurizimii akkasumas qorataan aadaa Obbo Jaatanii Diidaa jedhanitti elli bishaanii haala teessuma lafaa, kallattii argamasaa, gad fageenya lafa keessaa fi kuufama bishaanii irratti hundaa’uun iddoo saditti qoodama.

Adaadii, adaadii karaabaa fi tulaan gosoota elaa sadeeni.

Tulaa saglan Booranaa keessaa tokko keessaa yoo bichaan waraabamu

Gosoota elaa kunneen keessaas tulaan kuufama bishaanii guddaa kan qabu fi kan kuufamni kun yeroodhaa yerootti jijjiirama hin agarsiisne dha.

Lafti tulaawwan saglan Booranaa itti argaman lafa kaan irraa adda dha.

Tulaan iddoo biyyee diimaa, boora yookin guraachatti hin argamu. Tulaan iddo lafa biyyee adii qofatti akka argamu beektootni aadaa Booranaa himu.

Kana malees dur Booranni tulaa qotuuf iddoo mukkeen akka odaa fi qoobboo itti biqilan ilaala.

Lafti biyyee adii mukkeen akka odaa fi qoobbo itti biqilan lafa bishaan tulaa keessaa madduu danda’u ta’uusaaf mallattoo dha.

Iddoo tanas iichima buusanii, gullantaa muranii, lafa haranii tulaa qotu.

Bishaan tulaa gullantaalee biyyee fi dhagaa sadi hanga afurii ta’u qotuun argama.

Akka jabana ammaa teekinooloojiin sibiilaa osoo hin babal’atiin duras Booranni dhakaa goomuutti fayyadamee dhagaa lafa keessaa cabsee tulaa qota.

Tulaa saglan Booranaa

Akka maanguddoo Borbor Bule fi qorataan aadaa Obbo Jaatanii Diidaa jedhanitti Boorana keessa tulaawwan umrii dheeraa lakkoofsisan sagaltu jiru.

Tulaawwan kun bara kam keessa akka qotaman beekuun ulfaataa dha.

Akka maanguddoo Borbor Bule jedhanitti tulaawwan saglan Booranaa baroota gadoomaa 71 durallee kan turani dha.

Tulaawwan saglan kun bishaan hanga fedhe keessaa waraabamullee akka hin dhumne akkasumas yeroo bonaa bishaan haroo yeroo gogutti tulaawwan kun garuu akka hin gogne dhageenye.

Dabalataanis abbaan gadaa erga baalli fudhatee hanga baallii kennu yookin yuuboomutti iddoo tulaan jiru hin qubatu.

Abbaan gadaas ta’e loowwansaa bishaan tulaa hin dhugan. Yeroo godaansaallee tulaa bira darbanii ela biraatii loon obaafatu jedhama.

Tulaawwan saglan Booranaa fi argamnni isaanis tulaa Dubluq aanaa Dubluq, Weeb aanaa Waacillee, Waaccillee aanaa Waaccillee, Meelbana aanaa Miyoo, Irdar aanaa Miyoo, Dhaas aanaa Dhaas, Goorilee aanaa Dhaas, Goofa yeroo ammaa naannoo Soomalee fi Layee yeroo ammaa naannoo Soomalee keessatti kan argamani dha.

Tulaan boola bishaanii gadi fagoo ta’uu isaatin bishaan keessaa waraabuf humna nama baay’ee barbaada.

Gad fageenya isaarratti hundaa’unis namootni hanga 14 ta’an tartiibaan dhaabbatanii waraabuu danda’u.

Yeroo kanas bishaan callisee keessaa ol hin guurramau, loon faarsu, abbaa qabeenyaa loon qabu faarsu, kolfi fi taphnis qaama sirna bishaan tulaa waraabuuti.

“Goobataa abbu guyyee.

Goboo malichi guyye.

Goboo Jimma Diimaa.

Goboo bassaan dhig-diimaa.

Goboo baasi dhaanii laawwe ta’i, jechuun faarfatu.

Laawwe haadhaa Cakkee guntuuti ta’i” jechuun qoosaa, hamilee waliif kennaa bishaan waraabu.

Akka himamsa maanguddootaatti bishaan tulaawwan saglan Booranaa tokkuma, tulaawwan kunis lafa keessaan walqabatoodha jedhama.

Jaarsi maddaas nama waa’ee tulaa dubbatu, kan tulaa qochisiisu akkasumas yeroo roobaa lolaan bishaanii tulaa akka hin seennef irraa akka qabamu kan taasisu dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *