By | December 23, 2018


Dhimma: Waamicha Lammummaa (National call): Ilmaan Oromoo jiddutti, lola labsuu fi Oromiyaa dirree waraanaa taasisuun, hatattamaan haa dhaabbatu! Waldhabbii Siyaasaatiif jecha mana ofirratti hin diigan!

Guyyaa: Muddee 21, 2018

Massacre peace Civic Prime MinisterNu, miseensonni Gumii Oromiyaa Addunyaa (GGO) kan biyyoota addunyaa keessa jiraannu, haala yaaddessaa yaroo ammaa Oromiyaa keessatti deemaa jiruun yaaddoo ciimaa keessa galuun, ilmaan Oromoo hundaaf waamicha lamummaa taasisuuf dirqamneerra.

Qabsoo hadhooftuu fi wareegama ol-aanaa ummanni Oromoo jaarraa tokkoo oliif adeemsisaa tureen, yaroo ammaa Toophiyaa keessatti fooliin bilisummaa hanga tokko urgaayaa jira. Jijjiirama mul’ate kanaaf, ilmaan Oromoo caalaa qaamni wareegame akka hin jirres ifaa dha. Qaamni jijjiirama kanaaf waardiyyaa ta’ee tiksuu illee ilmaan Oromoo caalaa akka hin jirree beekamuu qaba. Keessattuu, dhaloonni qubee, kan qabsoo hadhooftuu sabni Oromoo sirna abbaa irree irratti deemsisaa ture keessaa dhalate, caasaa Qeerroo fi Qarreetiin of-ijaaree, saba Oromoo guutuu (daa’imman kichuu irraa hanga gadamoojiitti) qindeessee sochoosuudhaan wareegama daangaa hin qabneen, caasaa diinaa laamshessee, biyyattii keessatti fooliin bilisummaa akka urgaayu taasisee jira.

Injifannoo qabsoo hadhaawaa kanaan argameenis, gurmuun obbo Lammaa Magarsaatiin durfamu caasaa sirna shororkeessittuu Wayyaanee keessa dhaabbatee (ijjatee), qabsoo hadhaawaa qarree fi qeerroon hoogganamu deeggaruu jalqabe. Gurmuun obbo Lammaan durfamu kun, quuqamaa fi aantummaa saba Oromoo qaba jedhamee waan yaadameef, adeemsa keessa deeggarsa ummata Oromoo argataa dhufe. Obbo Lammaan President Mootummaa Oromiyaa ta’e. Wal-falmii fi wal-dorgommii aangoo EPRDF keessatti adeemu moo’atee, Dr. Abiy Ahmad illee muummicha ministeera mootummaa EPRDF ta’e.

Injifannoo haala wal-xaxaa fi qabsoo hadhaawaan argame kana gamtaan tiksuu fi lola daangaalee Oromiyaa hundarratti  labsame walii-tumsuun (irree tokkoon) ofirrraa qolachuun dirqama ilmaan Oromoo hundaati jedhamee waan yaadameef, jaarmayoonni Oromoo biyya alaa jiran illee Oromiyaatti dacha’an. Jaarmayoonni Oromiyaatti dacha’an  martuu walii tumsuuf malee walirratti duuluuf Oromiyaatti dacha’an jennee hin amannu.  Haa ta’u malee, haalli dhiyeenna kana Oromiyaa keessatti mul’atu faallaa kana ta’aa jira.

Har’a, yaroo sabni Oromoo tokkummaa ofii cimsatee, hooggantoonni siyaasa Oromoo’llee tokkummaa ofii cimsanii gamtaan saba hoogganuudhaan, daangaalee Oromiyaa hunda kabajchiisan jedhamee abdatamutti, dibbeen lolaa ilmaan Oromoo jiddutti rukutamaa jira. Mootummaan Dr. Abiyyii fi obbo Lammaa Magarsaan durfamu, lola daangaalee Oromiyaa hundarratti deemaa jiru dhaabuuf jaarmayoota Oromoo hunda waliin tumsa ijaarachuu dhiisanii, ilmaan Oromoo jiddutti lolli labsamaa jira. Haalli akkasii kun, safuu Oromummaallee ni diiga. Oromoon Oromoo hin ajjeesu. Oromoon mana ofii ofirratti hin gubu. Quxsuun hangafa kabaja. Hangafni quxusuu guddisa. Diina Oromiyaa marse of-madditti dhiisanii, safuu Oromummaa cabsuudhaan obboleewwan ofii irratti duuluun fafa. Seenaa keessattis nama gaafachiisa.

Akkuma beekamu, diinonni saba Oromoo illee jijjiirama wareegama ilmaan Oromootiin argame akka carraatti fayyadamuudhaan,  Oromiyaa keessa sosso’uudhaan maallaqa guddaa gad-naqanii caasaa shiraa fi ololaa Oromiyaa keessatti diriirsuudhaan ilmaan Oromoo jiddutti lola kakaasuuf halkanii guyyaa hojjataa turuun; ammallee itti-fufanii hojjataa jiraachuun isaanii beekkamaa dha. Akeeka isaanii kana fiixa baasuuf jecha, garaagarummaa ilmaan Oromoo jidduu jiraachuu dandaya jedhanii yaadan hundatti fayyyadamuudhaan, hayyoota Oromoo: keessattuu, hooggantoota jaarmayoota siyaasaa Oromoo, hooggantoota amantii, hooggatoota jaarmayoota ummaata, manguddoota biyyaa, akkasumas qeerroo fi qarree Oromoo walitti diruudhaan, Oromiyaa dirree waraanaa taasisanii injifannoo saba Oromoo gufachiisuun ol-aantummaa sirna isaanii itti-fusiisuuf wanti isaan hin godhin hin jiru. Miidiyaaleen isaanii hundi, olola tokkummaa ilmaan Oromoo diiguurratti xiyyeeffate halkanii guyyaa tamsaasan.

Shira diinaa, kan tokkummaa ilmaan Oromoo diiguudhaan ol-aantummaa sirna isaanii itti-fufsiisuuf qophaaye kanarra aanuudhaan, injifannoo ummata Oromoo tiksuuf falli jiru tokkicha qofa dha. Innis, ilmaan Oromoo hundi, faallaa shira diinaa  dura dhaabbachuudhaan, tokkummaa saba Oromoo; keessattuu, tokkummaa hooggantoota siyaasaa Oromoo, tokkummaa hooggatoota jaarmayoota ummataa, tokkummaa hooggantoota amantii, tokkummaa manguddoota biyyaa, tokkummaa qeerroo fi qarree Oromoo tiksuu fi caalaatti cimsuu irratti bobba’uu qofa dha. Dirqamni seenaan ilmaan Oromoo hundarra kaaye kana ta’ee osoo jiruu, haalli dhiyeenna kana Oromiyaa keessatti deemaa jiru, faallaa kanaa ta’ee mul’ata. Keessattuu, shiraa fi ololli diinaa, kan Oromiyaa dirree waraanaa taasisuu irratti xiyyeefatee, qindaayee deemaa jira. Ilmaan Oromoo jiddutti lola labsuu fi Oromiyaa dirree waraanaa taasisuun badii malee, bu’aan saba Oromootiif fidu tokkollee hin jiru. Mooyxannoon jaarraa tokkoo oliif keessa as dabrine ragaa baya. Milkii fi injifannoo tokkummaa ilmaan Oromoo irraa argamu illee, qabsoo qeerroo fi qarree Oromiyaa irraa barannee jirra. Yoo Oromoon tokko ta’e, diinni kamuu isa hin danda’u.

Raayyaan ittisa biyya Toophiyaa (RIB), seenaa  jireenya isaa guutuu keessatti lubbuu ilmaan Oromoo qisaasuu malee, nagaa ummata Oromoo tiksee hin beeku. Keessattu, waggoota 28 dabran keessatti lubbuu ilmaan Oromoo qisaasuu bira dabree, Oromoota lubbuun jiran illee miliyoonaan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuun beekama. Hariiroo fi seenaa Raayyaan ittisa biyya Toophiyaa ummata Oromoo waliin qabu kanarraa kan ka’e, ummanni Oromoo Raayyaa ittisa biyya Toophiyaa irraa abdii fi amantii takkallee hin qabu. Dhugaa kana gadi-fageenyaan hubachuudhaan, lola maqaa ‘ol-aantummaa seeraa’ tiksuun golgamee ilmaan Oromoo jidduu fi Oromiyaa irratti labsamu hunda, ilmaan Oromoo hundi akka dura dhaabbatan, akka balaaleffatan kabajaan gaafanna. Qaamonni hawaasaa fi siyaasaa Oromoo:

  1. Qeerroo fi Qarreen Oromiyaa
  2. Abbootiin Gadaa Oromiyaa
  3. Hooggantootaa fi Hayyoonni Amantii Oromiyaa
  4. Manguddoonni Biyyaa
  5. Siinqeen Oromiyaa
  6. Hooggantoonni ABO
  7. Hooggantoonni ODP
  8. Miseensotaa fi deeggartoonni ODP
  9. Miseensotaa fi deeggartoonni ABO
  10. Hooggantoonni jaamayoota Siyaasaa Oromoo
  11. Miseensotaa fi deeggartoonni jaarmayoota siyaasaa Oromoo
  12. Hooggantoonni jaarmayoota ummataa,
  13. Rogeeyyii fi hayyoonni Oromoo marti; yaadaa fi adeemsa dogoggoraa, Oromiyaa dirree waraanaa taasisu irraa wal-tiksuudhaan, shiraa fi akeekaa diinaa fashalsuun injifannoo lubbuu gootota Oromootiin argame gamtaan (walii tumsuun) akka tiksan kabajaan gaafanna.
  14. Hoogantoonni jaarmayoota siyaasaa Oromoo hundi, jechootaa fi olola saba Oromoo naannoo jireenyaatiin (dhalootaatiin), amantiin, gosaa fi ilaalcha siyaasaatiin gargar qoode walirratti duulchisu irraa akka of-qusatan kabajaan gaafanna. Miseensotaa fi deeggartoota isaanii gorsuu fi leenjisuudhaan, safuu fi naamusa barsiisuun olola diiggaa irraa akka dhaaban kabajaan gaafanna. Keessattuu;
  15. Hooggatoonni mootummaa Dr. Abiyyii fi mootummaa Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaan durfamu keessa jiran, itti-gaafatama guddaa ofirraa qabaachuu hubachuudhaan jechaa fi gocha tokkummaa ilmaan Oromoo miidhuu (diiguu) dandayu irraa akka of-qusatan kabajaa guddaan gaafanna. Lola ilmaan Oromoo jiddutti labsamu (adeemsifamu) irraa akka of-qusatan (dhaabatan), akka balaaleffatan kabajaan gaafanna. Obbolummaan waamicha goona. Waliigaltee mootummaa fi ABO jidduu jiru, karaa nagayaa fi qabatamaan akka hujiitti hiikan gaafanna.
  16. Gumiin marii fi fala barbaadu, qaamota hawaasaa fi siyaasaa hundarraa: Qeerroo fi qarree, Barattoota Oromoo, Abbootii Gadaa, Hayyoota Amantii, Manguddoota biyyaa, Jaarmayoota wal-gargaarsaa, Jaarmayoota mirga namoomaa fi jaarmayoota siyaasaa Oromoo hundarraa hatattamaan akka ijaaramu kabajaan gaafanna.
  17. Oromoonni biyya alaa jiraatan marti (the Oromo Diaspora) obbolummaan harka wal-qabatanii, sagalee ummata keenyaa ta’uudhaan, yaadaa dogoggoraa Oromiyaa dirree waraanaa taasisu hunda akka dura dhaabatan kabajaan gaafanna. Waamicha goona.
  18. Lammiileen Oromiyaa hundi, jechaa fi gocha tokkummaa ilmaan Oromoo miidhu (diigu) miidiiyaalee hawaasaa irratti facaasuu hatattamaan akka dhaaban kabajaa guddaan gaafanna.

Injifannoo Ummata Oromootiif!!!!

Gumii Oromiyaa Addunyaa
Muddee 21, 2018

2 thoughts on “Waamicha Lammummaa (National call): Ilmaan Oromoo jiddutti, lola labsuu fi Oromiyaa dirree waraanaa taasisuun …

  1. Odaa

    Rakkoo guddaa umaa Kan jiru, gaafii tokko malee, bulchiinsa naannoo Oromiyaa, miseensoota ODP fi mootummaa ‘fedraala’ kan Dr. Abiyyiin durfamu.
    Mootummaan naannoo Oromiyaa hojiin isaa Kan duraa nagaa ummata Oromoo tikiisudha. Haata’u male, bulchiinsii Obboo Lammaa, hojiin inni guyyaa guyyaan itti jiru faallaa kanatii.
    Oromiyaan gama hundaan, guyyaa 3651/2, dhigaa jirti. Namootiin hedduun guyaa safaan, biyya Lammaan fi waaherllan isaa bulchaa jiran keessatti qalamaa jiru. Kan samichii irratti gaggfamu,
    kan hala sukkaneessan miidhaan qaamaa irra gahuu, kan mana isaa keessaa gadii darbamee kara irra itti jireenya du’aa gadii jraatu rabbii yoo ta’ee malee namiin lakkaaye hin fixu.
    Oromoon, yoo xiqqaatee, miliiyoon 2 ta’u qeeyee isaa irraa buqa’ee, raasaa keessatti kufee jiru osoo argaa jiranu, guyyaa tokko gadii bahaani yoo dubiisan ykn waan ummata sanaa yoo dubbatan hin dhgaaman. Diina kallattii Oromiyaa hundaan, Oromoo abbiddaan waddaa jru adabachiisu irra, waraan isaanii diinaa irra goree Oromoo akka ajjeesu bobbaasaa jiru. Ilmaan Oromoo hedduu maqaa itti moggaasuudhan ajjeesaa, hidhaa itti guraa jiru.
    Gaafii ummataatiif gurra hin qaban. Dabballoota isaanii waggoota 27f ummata Oromoo qaluufi qalchiisaa turan, gandaa tokkoo irraa tokko itti bobbaasuudhan waanuma TPLF waliin kaleessa itti turan hojjechaa jiru ammas. Kun obboo Lammaa fi waahellan isaanii jalaa waan dhokatee miti.
    Mootumman Dr. Abiyyi Oromoon dhiyaa wayita qalamaa jiru itti,naanno biroo keessa deemani midhaan qmadii dawachaa turan. Yaa Oromoo ykn warri dhugaaf dhabaattan kan hubadhaa! Ilmoon namaa hafee, namin sareen jalaa midhamtelleen nigada. Daa’imman, haadhoolern, abbootiin Oromoo balleesaa tokkoo malee daggala keessa itti reefii isaani abiiddaan yoo gubamu, qalmani lafa irra yoo harkiifaman, motummaa Dr.Abiyyii biraa mraarfannoon hafe, afuura tokkoolleen dhaban.
    Kanaan dura, naannoo buraayyu itti waltti buiinsii xiqqoon umamnaan magalaa Hawaas irraa, komaandoo amma funyaani itti hidhate ummata Oromoo irra itti,daqiiqaa muraasa keessa itti, akka bobaasan niyaadatama.
    Angoo isaani, kan ergee itti fufsiisuuf akka isaan gargaaru, diina kallattii maraan Oromoo dhabamsiissuuf alaakaa jiru waliin harka walkeesa naqatani, ummata keenya irra itti hammeenyi hiriiyyaa hin qabine yoo raawatamu usaniin ilalaa jiru. Waan hedduu kaasuun nidanda’ama.
    Duma irratti, mootumman naanno Oromiyaas ta’ee kan Fedeeraalaa, diinoota Oromoo amma wajjiin shubbiisaa jirtan qabanneeti feedhii ummata kana ukkaamsinee biyyatti tana bulchiina jeetanii kan yaaddan yoo ta’e, kana hara yaaddan boruuf akka hin taane hubadhaa. Warri TPLF fi isiin waggaa 27 gutuu kan yaadaa turtan maal akka ta’ee fi amma waan jiru hubadhaa.
    Karaa itti cufinee, amman bodaa kan feedhii keenya hojjeena yoo ta’e yaadiin keessaan, kan umaa umee hulaa heduu akka qabuu hin dagatiinaa!

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.