By | May 13, 2018


Qixxeessaa Lammii | Caamsaa 13, 2018

Hajaadhaaf namni manaa bahee osoo hajaa baheef hin guutatin karaa of irra deebi’ee manatti galuu irra kasaaraan caalu hin jiru. Humnaa fi yeroo isaa bilaasha qisaasee jira jechuudha. Waan itti yaadanii fi itti amananii fudhatanii itti hin seenin namoota ta’uu mala jechuudhaan miiraan kaka’anii waan akkasiitti bu’anitu boolla kasaaraa akkasiitti bada. Dhalli namaa akkuma dhalateen daa’imummaa isaa irraayyuu mul’ata uumaan badhaafame ni qabaata. Jiruu fi jireenyi dhala namaa fooyyaa fi hoongawaa kan ta’us ka’uumsa bakka kana irratti rara’a. Ibsa gabaabaa armaa olitti kenname kana sababa malee hin kennine. Waan itti hin amaninii fi mul’ata ykn abjuu namaa keessa hin jirre fudhatanii qabatanii deemuun kasaaraa malee bu’aa akka hin qabne hubachiisuufiidha. Wanti jalqaba qabu kan kan dhuma hin qabne hin jiru. Wanti ka’uumsa hin qabne kan galii qabus akkasuma hin jiru. Ka’uumsaa fi galiin hidda addaan hin citne qabu.

Miseensotaa fi hoogganootni ABO qabsoo saba Oromoo bittinaawinsa irraa walitti sassaabanii mataa walitti qabanii karaa tokkocha irra buusanii qajeelchaa turan kan har’a daandii ofii saaqan irraa of duuba deebi’anii karaa duraan akka laguutti ummata Oromoo hubachiisan halaalfatanii irratti dacha’an kana irratti waa jechuun barbaadeeti. Sababni garee moohattootaa keessaa gara garee moohatamtootaatti gadi isaan deebise dhuguma mul’ata kalee qabatanii ka’an akka hin ta’in haaluun hin danda’amu. Tooftaa qabsoo ummata keenya galama irraan gahu jedhanii kan qabatan akka hin jetne, yeroon isaa bara Haji Huseen Suraa dhaaba Adda Bislisummaa Saba Itophiyaa jedhee moggaase sana tare. Yeroo sana fudhatanii ittiin deemutu isaan irra ture jechuudha. kanaaf adeemsi isaanii kan yeroo ammaa ummata Oromoo gabrummaa Tigrootaa jalaa baasuuf osoo hin taane kan dantaa dhuunfaa mata mataa isaaniif ta’e jedhanii akka imaammatatti qabatanii ittaan gadi ba’an fakkaata.

Amni qabsoo bilisummaa fi walabummaa sabaa fi biyya tokkoof godhamu humna gabroomfataa humna gabroofamaan sirna bulchiinsa isaa irraa qaarisuun ala hin jiru. Mirga muummee hin qabne ulfaataa akkasii kana gonfachuun karaa bu’aa ba’ii hifachiisaa fi wareegama qaalii kafalchiisuun ala itti gahuun abdan hin danda’amu. Haasawa karaa nagayaan barcuma oowwaa fi lallaafaa irra ta’anii taasifamuun ummatni bilisoomee fi biyyi walaboomte addunyaa biyya lafaa tana irra seenaan hin jirtu. Waan hin ta’in taasisuuf ijibbaata gochuun kanuma jiru ta’ullee, akka ta’uu hin dandeenye osoo beekan ni ta’a jedhanii yeroo sabaa fi yeroo ofiis waan hin taane irratti qisaasuun ammoo beekkomsa natti hin fakkaatne.

Lolaa fi lolli waliif fira akkuma ta’an, nagayaa fi nageenyis waliif fira ta’uu danda’u. TPLF hamma dhumaatti hidhate irraa tolaan mirga ummata keenyaa irraa fuunaaf jechuun hammam gowwoomuu akka ta’ee fi seenaa ummattoota addunyaa keessatti waan hin jirree fi waan hamma dhumaa namatti kofalchiisu akka ta’e beekkamuu qaba. Qaroon wal dura nama dhaabee bulchiinsa isiif yeroo dheeraa bitata. Imaammatni Tigree akkuma abboota isii dur dhala Oromoo wal dura dhaabdee yeroo bilchiinsa isii dheereffachuu akka ta’e dirretti mul’atee jira. Qabsoon Oromoo hudhee lubbuu keessaa baasuu gahe sababa Dr Abbiyyiif aangoo fakkeessaa keniteefiif jecha irraa qabbanaawuun akka isiin deebitee of suphituuf kunoo haala aanjesseefii jira.

Falfala kana kan hin hubatnee fi hubachuu hin dandeenye alaa keessaa Oromoon aangome jechuudhaan dibbee sobaa gilliidaa jira. Waan harkaa hin qabne nama biraa harkatti abdachuun gar malee gowwoomuudha. Dhugaa kana guddifamtoota Wayyaanee miseensota OPDO ol aanu irra caalatti qaamni akka gaaritti beeku hin jiru. Waan ummataan isiniif guutna jedhan hunda akka guutuufii hin dandeenye osoo beekanuu hamilema isaanii eeguuf jecha akka sobaa jiran akka gaarti hubatu. Qabsoon karaa nagayaan Dr Maraaraa Guddinaa fa’aan bara 27 ol gaaddisa seera Wayyaanee jalatti geggeefame kan bu’aa buuse osoo ta’ee har’a bulchaan biyya sanaa kan walii galaa paartii isaan dhuunfatamuu male.

Hoogganootni qabsoo kan murna bittuu tana waliin ummata duratti wal dhaansoo wal qabaa bahanuu karaan isaan irra deemaa turan akka hawwii ummata Oromoo guutaa hin jirre hubatanii osoo lallabanuu, bu’uuresitootni dhaaba walaba ABO har’a karaa diriiree balbala walabummaa fi bilisummaan irraan isaan gahe seenuu didanii balbala Minilik ilmaan isaaf saaqee biraa dabreen deebi’anii ol seenuuf sansaaranuun isaanii waan baay’ee nama gaddisiisuuf waan seenaa qabsoowwan hawaasa addunyaa keessatti qaanyiin galmaawee jiraatu ummata Oromoo irratti kuffisuuf deemuudha.

Waan hin fixne jalqabuu irra duruma jalqabuu dhabuun qarooma. Mul’ata uumaan badhaafaman irratti daba raawwachuudha. Akka Oromoon ABOn malee hin bilisoomne osoo beekan imaammata Oromoo boolla gabrummaa jalatti ittisu irratti deebi’uun hoogganoota baratoo fi qaroo Oromiyaa ABO bu’uuressan irraa silaa hin eeggamu Tigree irraa jaalala rakasha horachuuf mirga saba isaanii akka dhiitamuuf haala aanjessuuf cecceehuun beektota Oromoo maqaa ODFNn ijaaraman irraa mul’ataa jiru qaanessaadha. Irree gootummaa, humna beekkomsaa fi dhageettii dheeraa idil-addunyaa irratti qabaniin saba isaanii tajaajiluu dhiisanii gaaddisa gabroomfattuu Wayyaanee jalatti of galchuuf aangawoota isii biriifachuun maqa badiinsa dandama hin qabne bitachuuf akka dhma’uu akka ta’e beekuu malan.

Ni goona jedhanii waan ganama eegalan raawwachuudhaan injiofatnoon irra aanuu qabu. Dhimma manaa isaan baase dhiisanii dhimma biraaf manatti deebi’uun garee injifatamtootaatti makamuudha. Daaw’attota jiruu fi jireenyaa ta’anii hafuuf hirmaattota qabsoo jiruu fi jireenyaa keessaa ala of baasuu kana irraa of qusatuu qabu. Jiruu fi jireenya matayyaa fooyyeffachuu yoo barbaadan akka dhuunfaatti mala dhahatanii mootota Tigreetti harka laachuun ni danda’ama. Maqaa saba guddaa kana baafatanii qabsoo sabichaa sadarkaa murteessaa irra gahee jiru kanatti bishaan naqanii dhaamsuuf tattaafachuun kun ammoo itti gaafatama seenaa jalaa isaan hin hoffolchu.

Isaanis dabalatee dhaabbileen maqaa Oromoo dhahatan cufti karaa Oromiyaa fi Oromoo Tigree jalaa baasu irratti deebi’uun gamtaan socho’uun qaroomina malee moogummaadhaa miti. Fira diineffatanii diina firoomfachuun dhala Oromoof gahuu qaba. Maqaa wal balleessuun, gufuu walitti ta’uun, halkanii guyyaa wal arrabsuun, anatu si caala, ati nah in caaltu jechuu irratti yeroo gubuun umrii gabrummaa ummata keenya irra tursiisuudha. Kanaaf dhaabbileen maqaa Oromoon dhaabbatan cufti garee moohatamtootaa keessaa bahanii garee injifattootaa keessatti deebi’uudhaan gamtaan tapha bilchaataa siyaasaa kan ummata keenya salphina bara baraa keessaa baasu qabachuuf of araarsuu fi wal araarfachuun yeroo ammaatti akkaan barbaachisaadha.

Waan hin geessine jalqabuun kasaaraa malee bu’aa akka hin qabne taatota armaan dura ta’an irraa barachuun gaariidha. Dhaabbileen miseensota ABO irraa harca’aniin dhaabbatanii karatti hafan hedduudha. Xiiqii fi morka jibbansa miseensota hoogana ABO ta’an irraa qabaniin waan hin taane qamashanii buddeena irraa eeggachuun akka hin danda’amne hojiidhaan lafa irratti mul’atee jira. Isa tare irraa barachuun isa dhufu of eegganoon simachuuf gargaara. Kan dabre seenaaf dhiisanii kan dhufu qalbii gammachuun simatanii hamilee guutuun hojii irra oolchuuf carraaquun barbaachisaadha. Kanaaf asii achi dhaaba haaraya Oromoof bixxiluun , warreen asiin dura bixxilaman fooyyessuuf naannessuu irratti yeroo gubuu irra dhaaba tokkicha kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo kan ta’e ABO jalatti deebi’anii sarara bilisummaa fi walabummatti saba keenya baasu irra burraaquun barbaachisaadha.

Walii galatti humna ABO, WBO fi QEERRO gabbisuuf dhalli Oromoo akka dhuunfaattis ta’ee gamtaan hojjachuu qaba. WAAN HIN GEESSEIN JALQABUUN ASII ACHI DHALA OROMOO IRRAA DHAABBACHUU QABA.

INJIFATNOON KAN GAREE MO’ATTOOTAATI!

QIXXEESSAA LAMMII IRRAA.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.