By | January 10, 2018


Qixxeessaa Lammii | Amajjii 10, 2018
Sirna cunqursaa bara 27f ummattoota biyyattii addatti ummata Oromoo irratti fe’atte ittiin hacuucaa turte ammallee irra deebitee haarahoomfattee bara 18f itti fufuuf akka murteeffattee gadiin baate labsiin baafte ragaa dha. Taayitaa qawween qabatan qawween malee akka gadi dhiisuu hin hedne irra deddeebitee akkuma ibsachaa ture hojii irra oolchuun isii waan nama raajuu miti. Wal gahii shiraan guutame irraa jijjirama addaa kanneen onjanii eegaa turanis abduu kutachuu qabu. Sangaa dhlachaaf ykn maseena dhalaaf eeggachuun durumahuu dogongora guddaadha. Beetotni siyaasaa ni beekna jedhanii of dhaadhessaa turanis  xiinxalli isaan tilmaaman waaqa maansatti robe waan irraa ta’eef  asii achi bakka seenan barbaadachuu qabu. TPLF akka taaytaa qawween qabatte qawween malaa akka gadi dhiisuu hin hedne kan ibsatte kale barraaqa ture. Taaytaa humnaan gonfattee ammallee itti cichitee itti fufuuf murteeffatuun isii haqa.
Mootummaa mirga dhala namaa dhiituuf haqa itti qaba jedhee dhaadatu bira dhaabbachuun cubbuudha. Kan inni haqa ummataa dhiibuuf haqa itti qabu ummatnis haqa isaa deeffachuuf qabsaawachuuf mirga guutuu itti qaba. Kanaaf mootummaa kana of irraa fonqolchuuf qabsoo gosa cufaa gochuun barbaachisaadha. Har’a, boru, barana, bara dhufu, gara fuula duraa jijjiramni barbaadamu dhufuu mala jechuun ummata keenya alagaa jalatti gaadi’uun dhumatuu qaba. Dhaabni walabummaa mataa isaa hin qabne walabummaa ummata isaaf dubbachuu akka hin dandeenye tahiinsa amma OPDO irratti mul’ate irraa barachuu dhabuun doofummaadha. Aangawootni isii kanneen dhiheenyuma kana kabajaa mataa fi ummata isaan filate sababa dhoorgatmneef aangoo gadi dhiifne jedhanii miidiyaalee gara garaa irratti ol yaa’anii oo’aa turan har’a barcuma lallaafaa isaanii irratti deebi’uu isaanii qaanyii tokko malee hennaa labsatan ummatni Oromoo maal akka jedhu hin beeku.
Durumaahuu faaydaa ummataa tiksuuf osoo hin taane dhikkisa onnee ummataa gara jiru bikkuuf ta’e jedhamee tarkaanfii fakkeessii kan fudhatame akka ta’e warri hubate battalumatti mul’ata qabu ibsee ture. Yeroo sana gurri mul’ata sana gurra gatii qabuun caqse hin turre. Yeroo itti of qopheessitu bitachuuf tarkaanfii tooftaa Wayyaaneen ta’e jettee fudhatte ykn fudhachiifte akka ta’e ilmaan Oromoo mul’ata gaarii qaban tolchanii ibsanii jiru. Xiinxaloota siyaasaa warreen ofiin jedhanii fi ummatni keenyas xiinxaloota siyaasaatti isaan beekee gurra jala qabate hedduun isaanii garuu waan har’a ta’e kana kale arganii ummata isaanii durasanii hubachiisuu hin dandeenye. Inumaahuu qaamota dhaaba OPDO irraa amantaa qabaachuu dhabuu isaanii ibsachaa turan irratti olola hamatu irratti bal’inaan irratti adeemsifamaa turame.
Akka dhaabni TPLF ijaarte OPDOn faaydaa tokkos ummata Oromoof buusuu hin dandeenye dirre bahatti bir’aa qabu lafa kaahee kan ibse ABO ture. Murnootnii fi namootni dhaaba kana irraa jibbansa qaban hedduun garuu waanyummaa fi hinnaaffaaf jecha dhaabni kun waan irraa hin midhaagne odeesse jedhanni dirre bahatti kanneen dhaaba kana qeeqaa turan hedduudha. Isaanuma sanatu har’a gaafa OPDOn qilee hin baanetti baddee argamte afaanuma kalee faarsaniin har’allee irra deebi’anii arrabsaa jiru. Ijjatnoo dhaabbataa hin daddaaqne qabaachuu dhabuun ofillee dogongoranii ummatas dogongorsuu akka ta’e haalli amma warraaqsa ummata keenyaa mudate raga guddaadha.
Olola dhaaba qabsoo kana dhiibee addanaan gahe irratti oofuun ummata Oromoo gabrummaa jalatti tursiisuuf carraaquu akka ta’e kunoo hojiidhaan lafa irratti mul’atee jira. Furmaatni furaan asii achi ummatni keenya qabu tokkichi kaayyoo fi akeeka dhaaba isaa jabeeffachuun qabsoo hidhatnoo cimsee itti fufuu qofa. Mootummaa ibiddaan malee hin kaanu jedhu bishaanii kaasuuf carraaquun duruma irraayyuu dogongora akka ta’e beekuu barbaachisa. Mootummaa nagayaan aangoo dhuunfate nagayaan aangoo irraa dhuunfachuun danda’ama malee mootummaa humnaan taayitaa qabate humnaan malee taaytaa irraa buusuun akka hin danda’amne beekuun qaroomina.
Dhaabotnii siyaasaa Oromoo haala sochii warraaqsaa oowwe irraa bakka maraa mataa ol qaqqabatan cufti har’a maal akka jedhan hin beeku. Yoo haalli tole mul’achuu fi yoo haalli hammaate dhokachuun hin barbaachisu. Bolola aangoof jecha dhaabileen heddumminaan gadi yaa’anii miidiyaalee hawaasaa irratti of mul’isan cufti yeroon isaan ummata isaanii barbaadaman amma gahee jira. Ajjeesuu fi du’uun alatti furmaatni biraa asii achi akka ummata keenyaaf hafee hin jirre jala muranii huibachuu qabu. Huuraa fi huuba diina hinikkaa waliin ta’anii ABO irratti gataa turan irraa sheenahuu qabu. Karaan ummata keenya hacuuccaa Tigree jalaa baasu tokkichi qabsoo hidhatnoo qofa akka ta’e amanii fudhachuu barbaachisa.
Mootummaa ummata keenya fixuu irratti haqa qaba jedhu ummatni keenya du’uun qofti haqa jedhanii warriin amanan yoo jiraatan amma irraa of sirreessuun isaan barabaachisa. Awaalachuun akkuma jiru awwaalchisuunis jiraachuun mirga ummata keenyaaf murteessaadha. Of irratti ajjeessanii du’uun haqa ummata keenyaa ta’uu qaba. Bara baraan ummata awwaalachuu malee awwaalachiisuu hin dandeenye ta’ee hafuu hin qabu. Dhalli Oromoo biyya isaa irratti kabajamee jiraachuuf abbaa biyya isaa ta’uu qaba. Qawwee qawwee hin gabbarre qabatuun ala galma kana bira gahuun ammoo hin danda’amu. Dhiiraa dhalaan, xiqqaa guddaan, beekaa wallaalaan, laafaa jabaan dhala Oromoo ta’e hundi yeroo dhumaaf walabummaa fi bilisummaa ganaa irra isa teette tana akka deebitee ganaa irraa isa hin buune jabeeffachuu qaba.
Ummatni keenya du’a manatti diinaan isa irra gahu alatti of irraa ittisuu isa barbaachisa. Dhaabni OPDO hamma tokko abdii sabatti bulche galaana sodaatiin liqimfamuun ykn dhadhaa ibidda bu’e ta’uun ummata keenya abdii kutachiisuu hin qabu. Suphee TPLFn suphame irraa bilisummaa fi walabummaa lubbuu qaalii saba gaafatu irraa eeguun durumayyuu kalaxa. Tokkummaa bakkatti deebi’e kana jabeeffachuun qabsoo isaa daran itti fufuun ala furmaata dhaaba kana irraa eeguu hin barbaachisu. Irree fi gaachena sabaa WBO, Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu waliin battala seenuun salphina hiriyyaa hin qabne kana keessaa of baasuuf ummatni keenya yoomiyyuu caalatti socho’uu qaba.
Barri moofaan 2017 ficila diddaa gabrummaa gara fincila xumura gabrummaatti tarkaanfachiise gara bara haaraya 2018 injifatnoo cululuqaa qabatee ummata Oromoo simatutti akka nu dabarsu abdiin qaba.
Walgahiin wayyaanee guyyaa 18 fixatee waqqaa 18fii itti fufee ummata Oromoo fixuuf murteeffate warraaqsa ummata Oromoon yeroo gabaabaa keessatti ni galaafatama.
Injifatnoon keenya!
Kufaatiin kan wayyaaneeti!

One thought on “WAL GAHIIN TPLF KAN GUYYOOTA 18 FUDHATE ITTI BAHA HAMAAN GOOLABAME

  1. Oromoo

    Yaa nama barreeffama kana barreessite at beektota keenya qeequuf keessattuu beektotaa qeerroo qeequu fi shanee kijibaa fi ololaan guutamte immoo dhaaduuf jecha barreessite.Dhugaan jiru garuu, yoomuu shaneen nu hin bilisoomsitu. Kan nu bilisoomsu waaqatti aansee ummata Oromoo Qeerroon durfamuu dha. Shaneen ibsa ijjannoo kijibaan guutameeen ala hanga har’aatti mee Oromiyaa bilisoomsuu dhiisii ganda takkayyuu bilisoomsuu hin dandeennee. Kanaaf barreeffamni kun kan barreeffameef irra caalatti beektota Qeerroo qeequuf. Dhugatti namni OPDO irraa waa eege/eeguuf deemu tokko iyyuu hin jiru.Kana Oromoon kamuu bareechee beeka. Shaneen OPDO diinaan ijaaramteyyuu hin geessan. Hanga ummanni keenna daangaa irratti roorrifamee ajjeefamaa jiru eessa jirtan? Kan bilisa nubaasu ummata sanyii gootaa kan lolee lolchiisaa qabatamaan lolaa jiru malee warraa ibsa ijjannoo baasuun eertiraa taa’ee kijiba oduu oofuu miti. Yaa warra eertiraa taa’ee kijiba oofu yoo dhiira taatan as bayaa dirree Oromoon bahaa fi kibba bahaatti , dhihaan falmaa jirutti makamaa lolaa. Ummannuu isin eegee eegee dhabe. Eertiraa teessanii Re’ee hin tiksinaa galaa lolaa!

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.