By | June 9, 2019


WBO Zoonii kibba Gujii Lixaa keessa socho’u tarkaanfii isaa itti fufuun Hardha Bakka 3tti RGB irratti haleellaa cimaa fudhate.

Guyyaa har’aa 08 / 06 / 2019 Galgala kana gootichi waraana Bilisummaa Oromoo Godiina Gujii Lixaa keessa socho’u waraana goolesituu koloneer Abiyi Ahimad Godiina Gujii Lixaa aanaa Bulee ganda Hadaala Hoggaati haxxee WBOtti hidhee ture. Haleellaa farra haxxeen irratti fudhate irraa kan hafe kaampii irraa bobbate, aanaa Bulee Horaa ganda Gaaduu ija Baasiree, qubtuma kaampii waraanaa ija Baasireetti duukaa deemuun galagala sa’aa 6:00 Pm ti tarkaanfii haleellaa bakakkaa itti roobseen lolituu 25 ajjeessee 34 ol madeessuun gootummaa fi jaginummaa WBO firaafis diinaafis mirkaneesseera.

WBOn akka ibsetti,hanga waraanaan gabroofataa fi ergamtooti gabroofataa Oromiyaa keessaa haxaa’amee badee, sirni bittaa ipaayera itoophiyaa hundeen diigamee kayyoo wareegama gootoota ilmaan oromoo kumaatamaan aarsaa ta’aniif galma ga’u tti tarkaanffiin walfakkaataa cimee itti fufa! !

I U Of! !
Ajaja Waraana Olaanaa (AWO)-ABO / WBO
Caamsaa 08 / 06 / 2019

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.