By | April 22, 2019


‘Ya Burqaa Zimmitaa’: Qeeqa Obbo Addisuu Araggaa fi deebii Tasfaayee Gabra’aab

MARSAALEE HAWAASAA IRRAA FUDHATAME

Ebla 22, 2019 (BBC Afaan Oromoo) — Kora obbolummaa saboota Oromoo fi Amaaraa cimsuuf Dilbata magaalaa Ambootti qophaa’e irratti hariiroo obbolummaafi waliin jireenya uummataa dhimmoota miidhan irratti dubbiin hogganaan waajjira jiddugaleessaa ODP Obbo Addisuu Araggaa dubbatan ijoo dubbii miidiyaalee hawaasaa ta’eera.

Dhimma kanarratti BBC’f yaada kan kennan Obbo Addisuun wantoota hariiroofi waliin jireenya uummataa miidhan keessaa tokko “akkaataa seenaan itti seeneffamuufi teekniika barreeffamoonni tokko tokko ittiin barreeffamani” jedhu.

Qeeqni isaanii kitaaba obbo Tasfaayee Gabra’aabiin barraa’e ‘Ya Burqaa Zimmitaa’ jedhu qofarratti osoo hin taane kitaabota kaan “uummanni seenaa kaleessaa qofa keessa, madaa kaleessaa hooqqataa akka inni jiraatu” taasisan hunda irratti akka ta’e dubbatu.

Yeroo gahaa dhabuu irraa kan ka’e warra kaan osoo hin eerin akkasumas qeeqa kitaaba ‘Ya Burqaa Zimmitaa’ irratti qabanis haalaan osoo hin ibsiin hafuu isaanii himuu.

Maal qeeqan?

“Ani qeeqa kootiin wareegama Oromoon Aanolee irrattis tahe, dirreewwan lola adda addaa irratti kafalaa ture haaluu ykn xiqqeessee dhiyeessuu koo mitis” jedhan.

Tasfaayeen kitaaba isaa kana keessatti walitti bu’iinsi yeroo darbee sun walitti bu’iinsa uummata lamaanii godhee dhiyeesse jedhu Obbo Addisuun.

Lammaffaa Oromoon rakkina kaleessaa keessaa bahee, biyya kanaa ijaaruu keessatti qooda akka qabuufi uummata biyya kanaa waliin wal-qabatee deemuu keessatti qabiyyeen kitaabichaa rakkina akka qabun hubadhe jedhu.

Qeeqni kun hubannoo dhuunfa akka nama kitaabicha dubbiseetti qaban akka ta’es himaniiru.

Barreessaan asoosama ‘Ya Burqaa Zimmitaa’ Tasfaayee Gabra’aab dubbii Obbo Addisuu Aragggaa ilaalchisee BBC’f yaada kenneera.

Dubbiin obbo Addisuun dubbatan dogogoradha jedha Tasfaayeen.

Wal-dhabdeen saba Oromoo fi Amaaraa gidduu jira yoo tahe ka’umsi isaa kitaaba ‘Ya burqaa Zimmitaa’ miti jedha.

“Rakkoon jira yoo tahe rakkinichi anarraa ka’a osoo hin taane, sababni isaa maali jechuun qoratanii furmaata itti kennuudha. Burjaajessuun akkasii laga nama hin ceesisu.”

“Saba Amaaraa fi Oromoo gidduu rakkoon jira ilaalcha jedhu hin qabu. Sirnootni darban miidhaan geessisan garuu jira. Kun ammoo barraa’uu qaba.”

Namoonni sirna darbe leellisan beekaniis tahu osoo itti hin yaadiin uummata Oromoo irratti wantoota jibbisiisoo akka dubbatan nan beeka kan jedhu Tasfaayeen, kana ammoo akka Oromoo tokkootti irratti nan qabsaa’a jedha.

“Obbo Addisuunis madda rakkoo sabicha gidduu jiru akka nama barate tokkootti qorachuu qaba malee kitaaba seena qabeessa tokko qeequudhaan madda rakkinicha godhee kaa’uun rakkinicha haguuguun darba malee furmaata hin tahu” jedha.

Qeeqa biraa

Obbo Addisuun akka BBC’tti dubbatanitti kitaabichi wayita barreeffamu Tasfaayee Gabra’aab qondaala ADWUI ture.

ADWUI keessatti kitaabichi haalaan leellifamaa ture kan jedhan Obbo Addisuun, “kitaabichi leellifamaa kan tureef quuqama ykn hoogii Oromoof akka hin taanes nan beeka” jedhu.

Namootni dhunfaas ta’e kanneen yeroos qaama mootummaa keessa turan kitaabichi akka babal’atu barbaadan kitaabicha ‘sponsor’ gochaa akka turan quba qaba jedhu obbo Addisuun.

Waa’ee kanaa gadi fageenyaan dubbachuu akka hin barbaadne nutti himani.

“Maqaa koo gurraachessuuf jecha odeffannoo ‘Wayyaanee’n tamsaasaa turedha deebise kan inni dubbate” jedha Tasfaayeen waan obbo Addisuun jedhaniif deebii yoo kennu.

“Qaama mootummaa tahee kana dubbachuu isaaf nan gadda, garuu ejjenno mootummaati jedhee hin amanu,” jedha.

“Kitaabni kun yeroo maxxanfame rakkoo guddaan kan na mudate ‘Wayyaanee’ irraati, kanaafuu ‘Wayyaanee’tu kitaabichaaf kaffalee maxxansiise jechuun hin danda’amu” jedha.

“Sababa kitaaba kanaaf jedheen baqaaf saaxilame, kitaabichis akka hin dubbifamneef sassabamee gubamaaa ture” jedha barreessaa Tasfaayeen.

“Tokkoffaa kitaabichi nama Hayyalom Araayaa jedhamu nama ejjennoo siyaasaa hin qabne, waraana keessatti qofa haala gaariin hirmaachuu danda’u godhee ibsa. Tokko kana mormu ture.”

“Gama biraan ammoo TPLF karaa OPDO harka wayyaa jalaan uummata Oromoo bitaa jira, faayidaa isaa balleessaa jira ergaa jedhu qaba.”

“Fakkeenyaaf Asoosama ‘Ya Burqaa Zimmitaa’ keessatti taatotni akka Hawwanii Waaqoo fi Aanolee Waaqoo kan dubbatan gaaffii uummata Oromoo isa sirrii dha, kanaaf ‘Wayyaanee’n cimsee kitaabicha mormaa tureera” jechuun yaada obbo Addisuu mormu.

Yeroo kitaabichi barraa’u ‘Wayyaanee’n hin beeku ture kan jedhu Tasfaayeen yeroos gaazexeessaa ‘Addis Zemen’ kan turefi amma kan boqote Mokonnin Tolaa namoota isa deeggaraa turan keessaa tokko ta’uu hima.

“Yeroo ani dukkana keessa taa’ee kitaabicha barreessu namootni ‘Wayyaanee’ waliin turan har’a ka’anii maqaa koo gurraachessuuf yaaluun isaanii taajjabbii malee bu’aa argatu jedhee hin yaadu” jedha.

Ani waa’ee Oromoo kaniin barreessu waa’ee Oromoo gaddee ykn quuqamee osoo hin taane ani mataan koo Oromoo waanan taheefi jedha Tasfaayeen.

“Bishooftuuttin dhaladhee guddadhe, maatii koo irraas kanan baradhe uummata Oromoo kabajuudha” jedha.

Waa’ee Aanolee…

Waa’ee harma muraa Aanolee barreessuudhaan ani nama jalqabaa miti jedha Tasfaayeen.

“Pirofeesar Abbaas Ganamoo barreessera. Oromootni Arsii seenaa harma muraa Aanolee ilaalchisee harmi akaakilee ykn abaabilee isaanii irraa muramuu yoo gaafatte har’a iyyuu sitti himu.”

Kana Obbo Nagaasoo Gidaadaa fa’a, Obbo Bulchaa Dammaqsaa fa’aa hin haalle. Seenichi soba miti. Seenaan dhugaa tahe hundi ammoo barraa’uu qaba jedha.

“OPDO’n Siidaa Harma Muraa Aanolee yeroo dhaabe odeeffannicha eessaa fideeti? Ani achi tureeraa? Addisuu Araggaa fa’aa miseensa hin turree yeroo siidichi dhabbatu? Akkamitti har’a gara kootti galagale jechuunis gaafata.

“Kitaaba Tasfaayee irratti qeeqni ani kaase, wanti kitaabicha keessatti barraa’e hundi soba yaada jedhu hin qabu” jedhu Obbo Addisuun.

Akka fakkeenyaatti waa’ee Aanolee ani waanan dubbadhe hin qabu jedhan.

Gootonni Oromoo humna gita bittaa ofirraa deebisuuf jecha gootummaa guddaan qabsaa’aa turaniiru, wareegama qaaliis kafalaniiru jedhu aanga’aan kun.

“Har’a as gahuu keenyaaf abbootii keenya harkaafi harmi isaanii murame, warra lolanii falmanii Oromummaa tursanii asiin gahanitu akka dhaabbannee deemnu nu taasise” jedhu.

Walumaagalatti qeeqni isaan kitaaba Tasfaayee irratti dhiyeessan akki kitaabichi itti seeneffame hariiroo uummata lamaanii miidha kan jedhuufi Oromoo seenaa kaleessa qofa keessa akka jiraatu taasisa kan jedhu akka ta’e himu.

Wareegamaafi seenaa Oromoo xiqqeessuuf yaada akka hin qabnes dubbatu Obbo Addisuun.

Dubbii Dhiifamaa…

Yaadni koo dogoggoraan na jalaa hubatameera kan jedhan obbo Addisuun, “yeroo gahaa fudhadhee waan sana sirritti ibsee hubachiisuu dadhabuun koo dogoggora” jedhaniiru.

“Inumaayyuu fakkeenya falmisiisaa akkasii kaasuunis narra hin turre, kana irraa baradhee gara fuulduraatti nan sirreessa” jedhu.

“Akkaataa namni itti na hubatee, sadarkaa kanatti muffii uume kanaaf dhiifama gaafachuun qaba,” jedhu.

Dogoggorri isaanii yaada ofii guutummaatti hubachiisuu dadhabuumoo wanti jedhan matumasaatti dogoggora ta’uu ilaalchisee “madaallii isaa uummataafan dhiisa” jedhu.

“Namooti fedha gara garaa qaban garuu garaagarummaa siyaasaa jiru bal’isanii akka nama dhunfaattis nama miidhuuf duula narratti bananii jiru, kuni na ijaara jedhee hin yaadu” jedhu.

Dhimma siyaasa Itoophiyaa irratti kitaabaa haaraa dhiyootti maxxanu qopheessaa akka jiru BBC’tti kan hime Tasfaayeen, Feesbuukiis tahe miidiyaalee biroo fayyadamaa akka hin jirre garuu maqaa isaatiin wantootni hedduun barraa’aa jiraachuu dubbata.

Gaaffiif deebiin BBC’f kenne kun illee erga yeroo dhiyoo as kan jalqabaati jedha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.