A pregnant woman gun downed by Agazi force on April 8, 2018 in Eastern Oromia

A pregnant woman gun downed by Agazi force on April 8, 2018 in Eastern Oromia

#Ajjeechaa- This is Ayyantu Mohammad Shanko who was killed by Agazi forces last night at 1 am 8th of April 2018, Qobbo town, East Africa. Ayyaantu was a mother of one and a three month pregnant. The heinous and hateful crime against the innocent Oromo people has continued, despite the appointment of a new Oromo Prime Minister. The PM is surrounded by the TPLF cadres, commandos, securities, war-loads and mafia group. His chance of working for his people from within the TPLF machinery is very slim. Dr. Abiy’s assignment is to fool the gullible Oromo people, a salaried worker of the TPLF. He could not, even, save the life of a young Oromo pregnant woman from the Azazi guns. What a shame is for the TPLF regime!  Unparalleled crime by any standard.

=================

Kun reeffa AYYAANTU MAHAMMAD SHAANQOO kan Godina Harargee Bahaa Magaalaa Qobbotti halkan edaa, Ebla 8, 2018 humnoota Agaaziin ajjeefamte. Ayyaantuun kan ajjeefamte halkan keessaa saatii tokko irratti ta’uun beekameera.
Agaaziin erga rasasaan dhawani ajjeesanii booda darbanii deeman.


(SBO/VOL – Ebla 09, 2018) Ummata keenya ajjeesuun, hidhuu fi dararuun ammallee hin dhaabbanne; yo babal’ate malee.
Waraanni wayyaanee yakka waraanaa ummata Oromoo irratti raawwatu sadarkaa isaa cimseera.

Komandpostiin kaayyoo Oromoo Oromoo keessatti doomsuuf ijibbaataa jiru yakkaa fi shira isaa ittuma jira.

Ebla 08,2018 halkan yakki waraanni wayyaanee Baha Oromiyaa magaalaa Qobboo keessatti shamarree Oromoo Ayyaantuu Mohaammed Shaanqoo irratti raawwate kanaaf ragaa dha.

Warri maqaa Oromoon masaraa Minilik seene alagoota gammachiisuuf maqaa Itophiyaa yeroo dhibba dhahuu malee, uleen isaanii warra Oromoo irratti yakka raawwataa turee fi ajjechaa babal’isaa jiru dhahuu hin dandeenye.

Kanaaf ummatni Oromoo addatti Qeerroon Bilisummaa warraaqsa finiinsuun sirna mootummaa wayyaanee/EPRDF/TPLF of irraa kaasuu malee furmaatni tokkollee hin jiru. Olola fakkeessii kan afanfajjessii diinotnii fi lukkeeleen hafarsaniifis gurra ergisuun hin barbaachisu.



#Hubatamuu_qaba: Waaraana Komaandi Postii (Agazii, Makalakiyafi Poolisiin Federaalaa) yakka duguugga Sanyii uummata Oromoo irratti gaggeessa jiru dhiiga dhangalaasaafi lubbuu balleessa, qabeenyaa saamaafi yakka dirqisisaanii gudeeddii rawwachaa jiran Uummatarraa dura kaasuu moo Uummata Dubbisuutu dursaa?????? Uummataa gaafa dubbisuu dhaqanoo maal siif fidnee dhufnee jedhuu?? Uummaatni asiin dura waltajjii irraatti gaaffii kabajamuu Mirga abbaa biyyuummaa, kan bilisummaafi Mirga Hiree ofii ofiin murtedffachuu gaafateera. Kanaaf deebii kennuuf adeemu akka hin jenneef biyyatti bulchiinsa Waraana komandii poostii jala jirti, #yakki_Waraanaa itti fufinsaan uummatarratti gaggeeffama jira.

Utuu Jijjiirama qabatamaa tokkoo lafarratti hin argiin warri harkaa waliin dhahuun uummata afaanfajjeessuu barbaadanis gaafatama jalaa hin baatan. Qaamotni dhimmi uummata kana na ilaallata jedhan waan guyyuu namtokkee hanga jaarmiyaatti dalagamaa jiru cufti recorded ta’aa jira,
Uummaatni Oromoo hanga jijjiiramni bu’uuraafi qabatamaa tokkoo lafarratti hin dhufneetti afaan faajjiifi waadaa erga waggoota 28 irra deddeebi’amee haaromsamuun sobamuu hin qabu.
Qabsoon ittifufa garboomsaan yoos kufaa!!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.