የወለጋ ኦሮሞን ያስጨፈጨፈ 21ኛው ሽ kifile Zemen የኢትዮዽያ ብቸኛው ህትለር
Via Beekan G Erena

Bineensa afaan tolee sabakoo diina nyaachisaa jiru kanan gaaffii kana gadii gaafadhaati biraan naaf gahaa!
- Utuu ijoolleekee dubaraa kana sadan haadha manaakee faana wal cinaa ciibsanii loltoonni mootummaakeeti haadha manaakeefi ijoolleekee kana utuu ati dhaabbattee ilaaltuu walfaana gudeedanii maal sitti dhagahama? Oromoo wallaggaarratti loltoota ati ajajju sanaan kanatu raawwatame.
- Utuu ati maatiikee faana Wangeela harkatti baattee kadhannaa geggeessuuf jettuu loltoonni mootummaa balbala cabsanii sitti ol galani harka ol siqabsiisanii rasaasa 6 n si ajjeesanii saanjaadhaan garaachakee gadi yaasanii cicciranii xeerii garaakee keessaa gadi naqanii dhuka dhuka miillakeefi harkakee amma ammas saanjaadhaan’ kukkutanii ijoolleekeefi haadha manaakeetiin mee itti kofalaa, kottaa ilaalaa utuu jedhanii maatiikeetti maaltu dhagahama jettee yaaddaa? -Oromoo wallaggaarratti kanatu raawwatame.
Gaaffii 100′ ol kan Oromoo Wallaggaarratti taasifame gaafachuu nan danda’a. Garuu ishittiin kun lamaan utuu maatiikeerra geessee maaltu sitti dhagahama? Daqiiqaa 2 f qofa kana itti yaadi. Isa kaan bara yeroon dukkanaa kun sabakoorraa darbiten sigaafadha! Barri dabareedha!